Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Kenna Tajaajila Ekisteenishinii fooyyessuu (Galma Tarsiima’aa )



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə10/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   19

Kenna Tajaajila Ekisteenishinii fooyyessuu (Galma Tarsiima’aa ).

Galma 1. Dandeettii rawwaattootaa cimsuu (capacity bulding)


Maniiwwan

  • Tajaajila kennisa ekisteenshinii cimsuuf jechaa bara karoorora jaliqabaa kan dandeetti raawachistootaa fi raawwattoota cimisuuf leenjjin bara 2007 kenname ogeessoota 1,878 hojjeettoota misoomaa 17,186 qonnaan bulaaf Mil 3.8 kenname waggoota KGT itti aanuu keessatti itti fufee kennamuun bara xumura karoora bara 2012 irrattis ogeessoota 3,000, hojjeettoota misoomaa 19,341, qonnaan/Horsiisee bultoota Mil 9.15 akkasumas dubartoota abbaa warraa qaban dabalatee dubartoota mil.4.35kennuuf karoorfamera.

  • Hojjeettootam misoomaa dandeetti isaan cimisuuf kan gargaaru madaallii ga’umissa ogummaa Gulanttaa 4 bara 2007 HMH 4,240 kan kenname baroota karooraa kana keesatti HMH 17,651 kennuuf karoorfamera.

  • Hojjeettoota misoomaa ogummaa isaan akka fooyyefatan kenniinsa tajaajila ekisteenshinii bifa fooya’een akka kennaaniif hojii irra kan jiran garo yuuniversitii galchuuf bara karoora jalqabaa 2,120 kan galaan waggaa waggaan galchuun xumura karoora kanaatti 10,600 barsiisuuf karoorfamera.HMH barumsa galan kana keessaa dubartootni %25 akka ta’an ni taasifama.

Galma 2. W irtuu leenjjii qonnaan bulaa ijaaruu fi cimsuu


Maniiwwan

  • Wirtuu leenjjii qonnaan bulaa akka naannoo keenyaatti kan barbaachisu 6,447 keessaa hanga bara 2007tti WLQB 5,216kan ijaarame yoo ta’u WLQB 1,231 hafe bara KGT marsaa lammaaffaa waggaa lamaan dhufu keessaa ijaaramee akka xumuramu gochuuf karoorfameera. Haaluma kanaan, bara 2008 WLQB 616 fi akkasumas bara 2009tti WLQB 615 ijaaruun ganda hunda akka wal-gahu taasisuu;

  • WLQB waggoota darbe ijaaramef meeshaalee keessaa guutun hojii keessa galchuuf , meeshaaleen keessaa hanga 2007, WLQB 4,066 meeshaalee keessaan (xaraphezaa, barcuma, boordii fi ..kkf ) kan guutame yeroo ta’uu WLQB 2,381 baroota karooraa kana keesatti guutuuf karoorfamera;

  • WLQB waggoota darbe ijaaramef meeshaalee hojjeetan agarsisuun guutun hojii keessa galchuuf meeshaaleen Hojjiin agarsisuuf(Gasoo, meetira, gajaraa, ..kkf ) oolaan bara 2007, WLQB 4,086 kan guutame yeroo ta’uu baroota KGT marsaa lammaffaa keessaas WLQB 2,361 guutuuf karoorfamera.

  • WLQB cimaan hojii keessa galuu dhabuuf sababa kan ture ka’umissa baajeeta dhabuudha. Sabaaba kanaaf baajeeta ka’umsaa ramaduuf bara 2007 WLQB 5,406 qarshi ka’umsaa kan raamadame yoo ta’u WLQB bajata ka’umsaa hin qabne 1,041 ta’aniif bara 2008 tokkoon tokkoon isaaf qarshi 20,000 ramaduun ciminaan hojiin hojjeetan agarsisuu akka geggeefamuuf karoorfamera.

  • Tajaajilli ekisteenshinii walitti fufiinsa qabu kennuuf rakkoolee hojjeetoota misoomaa qaban qoratan irraa jalaan fala itti kennuun kaka’umissa gaarii HMH keesatti waan fiduuf bara KGT kana keessa HMH mana jireenyaa hin qabinneef mana jireenyaa HMH 3,561 bara karoora GT kana keessa ijaaruuf karoorfamera,

  • Hojjettoota misoomaa fi supervizeroota dabalatee 21,891 jiran waggaa lama lamaan uffata seera bara karoora guddinaa fi transformeshion kana keessa guutuuf karoorfamera.

  • Rakkoo geejibaa fala akka ta’utti bara KGT II kana keessa HMH 15,213 ta’aniif peedaali biskileetti bituuf karoorfamera.


Galma 3. Walitti dhufeenya qaama qooda fudhattoota cimisuu

Maniiwwan

  • Bara karoora jalqabaa qaama qooda fudhattoota (ADAPLAC) akka naannootti dhaabbate fi akka Godinaatti 18 dhaabbate jiru rakkoo inni qabu qorachuun jajjabaate hojii keessa akka galuu gochuu.

  • Qaama qooda fudhattoota 39 dhaabbate jiru jajjabessuu fi kan hin dhaabanne Aanaalee 226 dhaabuuf karoorfamera. Akkasumas Gandoota qonnaan bulaa 6,447 keessatti dhaabuuf karoorfamera.

  • Fedhii fi rakkoo qonnaan bulaa qorachuun kaawensilii qooda fudhattootaatti waggaa waggaan dhi’essuuf karoorfamera.

Galma 4. Haguuggii Tajaajila Ekisteenshinii

Maniiwwan

  • Bara karoora jalqabaa ulaagalee adda addaa qonnaan bulaa sadarkaan adda baasuun qophessuun qonnaan bulaa sadarkaan adda duree, giddu galeessaa fi harka qalleyyiitti adda baasuun kenna ekisteenshinii fedhii irratti hundaa’e kennuuf karoorfamera.

  • Bara 2007 Qonaan bultoota harka qalleyyii770,108 jiran bara 2008tti guutummaatti gara qonnaan bultoota giddu-galeessaatti akka ce’an taasisuu;

  • Bara 2007 Qonaan bulaa sadarkaa giddu-galeessa irra jiran 2,431,182 waggaatti dhibbantaa 25 gara qonnaan bultoota adda dureettii ceesisuudhaan bara xumura 2012tti gara 1,227,771 tti hir’isuu;

  • Bara 2007 Qonaan bulaa sadarkaan adda duree 958,719 irratti waggaatti qonnan bultoota sadarkaa giddu-galeessa/Harka qalleeyyii irra jiran irraa dhibbantaa 25 gara adda dureetti ceesisuun bara xumura KGT 2012tti adda duree 2,460,775 irraan gahuu;

  • Tajaajila ekisteenshinii walitti fufinssa qabu Abbooti qabeenyaa, Qonnaan bulaa, dubartoota qonnaan bulaa fi dargaggoota qonnaan bulaaf kennuuf karoorfamera. Haaluma kanaan

  • Bara oomisha 2006/07 tti qonnaan bultoota mil.8.57 tajaajila ekisteenshinii kan argatan yoo ya’u bara xumura kGT II tti gara mil.9.27tti ol-guddisuuf karoorfameera.

  • Dubartoota ilaalchisee qonnaan bulaa Haadha warraa, dubartoota abbaa warraa qabanii fi dargaggootadababaltee bara 2007 mil.3.89 tajaajila ekisteenshinii kan argatan yoo ta’u bara xumuraKGT II keessa dubartoota Mil 4.57 ta’aniif tajaajila ekisteenshinii kennuuf karoorfamera.

  • Bara 2007 dargaggoota mil.1.01 ta’aaniif tajaajila ekisteenshinii kan kenname yoo ta’u tajaajila kennamu waggaatti giddu-galeessaan dhibbantaa 2 guddisuudhaan bara xumura KGT IItti dargaggoota mil.1.1 ta’aniif tajaajila ekisteenshinii kennuuf karoorfamera.

  • Sirna ekisteenshinii cimsuun Tajaajilli ekisteenshinii bifa saffina qabuun kennuuf yuunitii ekisteenshinii gandaa 6,447, garee misoomaa 144,898, tokko-shanee 716,851 bara karoora jalqabaa jiru cimsuun hojii keessa akka galu karoorfamera.

  • Saffinaan Teeknoolojii qonnaa babal’isuuf deggersa kan godhu waajjira qonnaa gandaa ijaaruu murtessaa waan ta’eef waggoota karooraa guddina fi traansformeshinii kana keessa waajjira ganda 6,447 akka dhaabbatuu fi caasaan isaa akka fooyya’u ni ta’a.

Galma 5. Hirmaannaa qonnaan bulaa paakeejjii guutuu keessatti ol guddisuu

Maniiwwan

  • Qonnaan bulaan teknoolojii qonnaatti fayyadamee omishaa fi omishtummaa isaa akka guddisuuf paakeejjii guutuutti hirmachisuuf bara jaliqaba KGT qonnaan bulaa mil.1.69 kan ture waggaa waggaan % 15 dabaluun bara xumura karoorichatti qonnaan bulaa Mill 3.46 hirmachisuuf karoorfamera.

  • Bara oomisha 2006/07 dubartootni paakeejii guutuutti hirmaatan 142,500(%10)ture waggoota itti aanuu keesatti waggaa waggaan %50guddisuudhaan xumura karooricha irratti dubartoota mil. 1.1(%35)itti fayyadamaa tekinoolojii qonnaa gochuunpaakeejji guutuu keesatti akka hirmaatan ni ta’a.

  • Dargaggoota qonnaan bulaa bara karoora jalqabaa KGT irraa eegalee waggaa waggaan % 10 dabaluun bara xumura karoorichaatti dargaggoo qonnaan bulaa 388,922 paakejjii guutuutti akka hirmaatan gochuuf karoorfamera.

  • Hojiin ekisteenshinii hojii hojjeetame irratti qonnaan bulaa do’achisuun muxannoon argame akka baballatuuf paakeejjoota guutu geggeefame irratti daawwannaa sadarkaan geggeessuuf kan karoorfame yeroo ta’u kunis bara jalqabaa karoora guddina fi traansformeshinii qonnaan bulaa Mil 2.5 kan daawwachifame bara xumura kGT qonnaan bulaa Mil 4.1 daawwachisuuf karoorfameera.

Galma 6. Tajaajila Ekisteenshinii kennamuun Q/B adda duree gara Investimtntiitti ce’an jajjabeessuu

Maniiwwan

  • Bara oomisha 2007/08 qonnaan bultoota Investimentiitti ce’an 9,224 irratti qonaan bulaa sadarkaan adda duree irra jiran keessaa waggaatti dhibantaa 10 gara Investimentiitti akka ce’an gochuun bara xumura KGT 2012tti qonnaan bultoota Investimentiitti ce’an gara 680,476 tti ol guddisuuf karoorfameera.

  • Qonnaan /horsisee bulaa qabeenyaa horatan gara investementii qonnaatti ce’an carraa invetementii gama qonnaatiin jiru bara 2008tti qorachuun ‘Agro-Industrii xixiqqaa irratti akka isaan bobba’an haala mijeessuuf karoorfameera.

Galma 7. Ekisteenshinii Mala –Jireenyaa cimsuu

Maniiwwan

  • Hojii Agro-processing fi dudha dabalun babal'isuu:-Baay'ina dubartoota hojii kana irratti hirmaatani bara xumura KGT-1ffaadubartoota kuma 165 kan turee, bara xumuraa karoora KGT-2ffaatti kuma 827 irraan ga’uuf karoorfamee jira. Galiin hojii kana irraa argamusii irratti hirmaatani bara xumura KGT-1ffaa dubartoota kuma 222.75 kan turee, bara xumuraa karoora KGT-2ffaatti kuma 1,100 irraan ga’uuf karoorfamee jira.

  • Teeknoloojiiwwaan dubartootaaf mijatan babal'isuu:-Kalatii hojii kanaatin bara raawwii KGT 1ffaa dubartootaa 58,249 yoo ta’u bara xumuraa KGT 2ffaatti dubartootaa 74,342 teekinooloojiiwwan mijataa akka fayyadaman ni taasifama.

  • Nyaataaf sirna nyaataarratti barumsa kenuu:- Baay'ina q/bulitoota barumisaa kana irratti hirmaatani bara xumura GTP-1ffaa 570,899 kan turee, bara xumuraa karoora KGT-2ffaatti 1,783,651 irraan ga’uuf karoorfamee jira. Karoora kana keesaa dubartoonii bara xumura 2007 485,230(%84.9) kan turani bara xumura bara 20129(%61.16)tti kara 1,090,990 irraan niga’ama jedhamee karoorfamee.

  • Nyaata madaalawaa hojjatanii agarsisuu:-Nyaata Daa'imani fi nama guddaa kan ta’u hojetanii agarisiisuu namoota A/warraa, Hadha warraa fi Dubartoota haadha mana ta’aniif bara 2007 15,115 kan turee bara xumura GTP lamaffaa nama 44,635tiin ga’uuf karoorfamee jira.




  1. Misoomaa fi Qulqullina Bunaa (Galma Tarsiima’aa )

Galma1. Sanyii bunaa qulqullinaan qopheessuu

  • Manii

  • Bara 2007 sanyiin bunaa qopheesuun kg. kuma. 533 kan ture bara dhuma karoora KGT 2ffaa tti sanyii qophaa’u % 10 guddisuun bara xumurattii kg. kuma 858.4 ga’udhaaf karoorfamee jira.

Galma 2. Qophii Biqiltuu Bunaa guddisuu

Manii

  • Biqiltuu bunaa qopheessuu ilaalchisee bara 2007 biqilituu buna buufata biqilaa mootummaa fi dhuunfaa irratti qophaa’u bi. 1.22 irra kan jiru bara xumuraa karoora kanatti %13.65n guddisuun biqiltuu bil.2.31irraan gahuuf karooramee jira.



Galma 2. Dhaabbii Bunaa

  • Manii

  • Dhaabbii biqiltuu ilaalchisee bara 2007 biqilituu buna dhaabatu biqiltuu mil.915 lafa hek.kuma 275 kan jiru bara xumuraa karoora kanatti %10n guddisuun biqiltuu bil.1.47 lafa heek kuma 442.53 irra karooramee jira. Haaluma kanaan bara 2007 akka naannoo keenyaatti lafa bunaan golgame hek.mil.1.23 irra jiru waggaa shan dhufu keessatti giddu galeessaan %20n guddisuun gara mil.3.07 irraan gahuuf karoorfamee jira.

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin