Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə11/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   19

Galma 3. Kunuunsa Buna


  • Manii

  • Bara 2007 bunnii gamashamee heek kuma 29.82 kan ture bara xumura karoora kanatti dhibeentaa 20n guddisuun heek kuma 74.2 bunni dulloome akka gamashamu taasisuu;

  • Buna dullome buqqisanii dhaabuu ilaalchisee bara 2007 heek kuma 19.25 irra kan ture dhibeentaa 20n oli guddisuun bara xumuraa karoora kanattii heek. kuma 47.9 raawwachuuf karoorfamee jira.

  • Xaa’oo uumamaan xaa’eesuu ciminaan irraatti hojjechuun bara xumuraa karoora kanaatti xaa’oo uumamaa m3 mil. 14.9 fayyadamuuf omishaa fi oomishtummaa guddisuuf karoorfamee jira.

Galma 4. Oomishaa fi Qulqullina Bunaa

  • Manii

  • Waggoottan shanan dhufan keessatti buna oomishuu fi gabaatti akka dhiyaatu gochuun akka addunyaatti sadarkaa 2ffaa irra gahuuf karoora qabame galmaan gahuuf kan hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan, bara 2007 oomishtummaa hektaara irraa kunt.7.5 fi oomisha bunaa toonii kuma 286.5 irraa kan ture bara xumura waggaa shanitti oomishtummaa giddu-galeessaan %9.8 guddisuun hektaara irraa kunt.12 irraan gahuu fi oomisha waggaatti giddu-galeessaan dhibeentaa 45 n oli guddisuun buna toonii mil.1.88 oomishuuf karoorfamee jira.

  • Akkasumas lafa bunaa oomisha kennu waggaatti dhibbantaa 33 guddisuun bara 2007tti hek.kuma 381.5 irra kan jiru irraa bara xumura 2012tti gara hektaara mil.1.56 irraan gahuuf karoorfamee jira.

  • Akka walii-galaatti buna gabaa giddu-galeessaatti dhiyeessuu bara 2007 buna oomishame keessaa dhibbantaa 61 irraa kan jiru waggaa shanan dhufu keessatti buna oomishamu keessaa dhibbantaan 65 gabaa giddu-galeessaatti akka dhiyaatu gochuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjin ni hojjetama.

  • Siree buna ijaaruu bara 2007 Lak.(1m*10m)mil.1.13irraa dhibeentaa 33 oli guddisuun bara xumuraa karoora irrattii siree Lakk. mil.4.72 irraan ni ga’ama.


Misooma bunaa ilaalchisee bara 2007tti hirmaattonnii fi fayyadamtootni mil.1.86 kan turan waggaa shanan dhufu keessatti hirmaannaa isaanii giddu-galeessaan dhibbantaa 20 guddisuudhaan bara 2012 tti qonnaan bultoota mil.4.67 fayyadamtoota taasisuuf karoorfameera. Gama hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaatiin bara 2007 dubartoota A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee dubartootni kuma 547.65 kan fayyadamanii turan hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan %30 guddisuun bara xumura KGT II tti dubartoota mil.2.08hirmaachisuun fayyadamoo taasisiif karoorfameera. Haaluma kanaan, misooma bunaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa bara 2007 %29.3 irra jiru gara %44.5 irraan gahuuf ni hojjetama.

Dargaggoota ilaalchisee bara 2007tti dargaggoonni kuma 142.28misooma bunaa keessatti hirmaachuun fayyadamoo kan ta’an yoo ta’u hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan %40.6 guddisuun bara xumura KGT II tti dargaggoota kuma 781.58 fayyadamtoota gochuuf karoorfameera.

  1. Teekinooloojii Oomisha Duraa fi Boodaa babal’isuu

Galma 1. Teekinooloojii Oomisha Duraa Dhiyeessuu

Maniiwwan

  • Fedhii Tiraaktara qotiisaa funaanuun qindeessuu:-Q/bulaan fayyadamaa tekinologii gochuun yeroo isaa qusatee calmattii bu’a qabeensa gochuuf fedhii tirakitara funaanuun qindeesuu bara 2008 tirakitara 750 ta’e bara xumura KGT-2ffaattii 1,500 qindeesuuf karoorfamee jira.

  • Maarashaa garagalchituu (Mould Board Plough):-Q/bulaan fayyadamaa tekinologii gochuun yeroo isaa qusatee calmattii bu’a qabeensa gochuuf fedhii marashaa funaanuun qindeesuu bara 2008 tirakitara 500 ta’e bara xumura KGT-2ffaattii 1,000 qindeesuuf karoorfamee jira.

  • Akkasumasii teekinolojiiwaan kan biroo irratti Q/bulaan fayyadamaa feedhii sassaabuu fi qindeesuun bara 2008tti facaastuu qamadii abbaa sararaa 4 Lakk 500, Xaafii sararaan kan facaastuu Lakk 200, Ruuzii sararaan facaaftuu 50 (Rice Row Planter) fi Boqqoolloo sararaan facaastuu 200 (Maize row planter) qonnan bulaan akka fayyadamuuf kan karoorfame yoo ta’u bara xumuraa KGT-2ffaafacaastuu qamadii abbaa sararaa 4 Lakk 1000, Xaafii sararaan kan facaastuu Lakk 2000, Ruuzii sararaan facaaftuu 100 (Rice Row Planter) fi Boqqoolloo sararaan facaastuu 2000 (Maize row planter) fedhii q/bulaa sassaabuu, qindeesuufi dhiyeessii isaa irratti qaamota dhimmi ilaalu waliin hojjechuuf karoorfamee jira.

Teekinooloojii oomisha duraa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa qonnaan bulaa waggaatti giddu galeessaan % 15 guddisuun waggaa shanan kana qonnaan bultoota kuma 380.12 hirmaachisuun fayyadamtoota gochuuf karoorfameera. Dubartoota H/Warraa, kan A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa waggaatti %15 guddisuun waggaa shanan kana dubartoota kuma 200.07 fayyadamtoota teekinooloojii oomisha duraa taasisuuf ni hojjetama. Akkasumas hirmaannaa dargaggootaa waggaatti %23 guddisuun wagaa shanan kana dargaggoota kuma 10.5 ta’an fayyadamtoota teekinooloojii kanaa taasisuuf karoorfameera.


Galma 2. Teeknolojiiwwan Omisha Boodaa:-

Maniiwwan

  • Qola Bunaa quncistuu (Coffee Heller)- waggaa waggaatti 200

  • Falfattuu bunaa kan harkaa(manual coffee pulper)- waggaa waggaatti 100

  • Kuusaa fooyya’aa midhaanii hojjechuu- waggaa waggaatti 100-500

  • Kuusaa mosee fooyya'aa hojachuu- waggaa waggaatti 100-500

  • Falfaltuu boqqoolloo dhiyeessuu- waggaa waggaatti 200

  • Gaarii fooyya’aa adda addaa dhiyeessuu- waggaa waggaatti 500

  • Gaarii harkaa abbaa miila gommaa-500 fi akkasumas Haamtuu Xaafii /Crop cutting machine/, Dhooftuu midhaan gosa hundaa / Multi-crop thresher/, Falfaltuu ocholonii /Ground-nut sheller/ Q/bulaaf akka dhiyaatu gochuuf ni hojjetama.

Teekinooloojii oomisha boodaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa qonnaan bulaa waggaatti giddu galeessaan % 15 guddisuun waggaa shanan kana qonnaan bultoota kuma 588.35 hirmaachisuun fayyadamtoota gochuuf karoorfameera. Dubartoota H/Warraa, kan A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa waggaatti %15 guddisuun waggaa shanan kana dubartoota kuma 222.3 fayyadamtoota teekinooloojii oomisha duraa taasisuuf ni hojjetama. Akkasumas hirmaannaa dargaggootaa waggaatti %24 guddisuun waggaa shanan kana dargaggoota kuma 11.78 ta’an fayyadamtoota teekinooloojii kanaa taasisuuf karoorfameera.


  1. Misoomaa fi Eegumsa Qabeenya Uumamaa (Galma Tarsiima’aa)

Raawwii karoora guddinaa fi transformashinii tokkoffaa fi kallattiiwwan ka’amaan bu’uureefachuun karooraa KGT lammaffaa akka gadii jirutti karoorfamee jira.

Galma 1. Hojii Eegumsa Biyyee fi Bishaanii

  • Maniiwwan

  • Daagaa adda addaa hojjechuu bara (2007) raawwiin isaa km. mil. 1.73 irraa kan turee bara xumuraa karoorichaatti daagaa km.mil.9.78 haaraa hojjechuuf karoorfamee jira.

  • Daagaa suphuu bara (2007) raawwiin isaa km.kuma 387 turee waggaa waggaatti giddu-galeessaan daagaa km.kuma 400 ol ta’u suphuun bara xumuraa karooracha daagaa km.mil.2.12suphuuf karoorfamee jira.

  • Lafa Tutuqaa irraa Dhorkuu raawwiin bara xumuraa KGT-1ffaa isaa heek.kuma 887.83 irraa kan turee bara xumuraa karooracha lafa heek.mil.4.57 tuttuqaa irraan dhorkuun misoomsuuf karoorfamee jira.

  • Hallayyaa Hidhuu:-

  • Gaabiyoonii fi Dhagaan bara xumuraa KGT-tokkoffaa (2007) raawwiin isaa m3.mil. 1.83 irraa kan turee bara xumuraa karooracha hallayyaa m3mil.10.24hidhuuf karoorchi qabamee jira.

  • Mukaan:-Bara xumuraa KGT-tokkoffaa (2007) raawwiin isaa meetira mil. 3.64 kan raawwate waggaa shanan dhufu keessa hallayyaa meetira mil. 19.76mukaan hidhuuf karoorfamee jira.

  • Istraakcheroota Bishaan Qusatan adda addaa bara xumuraa KGT-tokkoffaa (2007) raawwiin Lakk. mil.55.82 irraa kan turee waggaa shanan dhufu keessa Istraakcheroota Bishaan Qusatan mil. 413.7 hojjechuuf karoorfamee jira.

  • Istraakcheroota Bishaan Yaasan bara xumuraa KGT-tokkoffaa (2007) raawwiin Istraakcheroota Bishaan Yaasanii m3 mil.7.1 irraa kan turee waggaa shanan dhufu keessa Istraakcherootam3 mil.36.7hojjechuuf karoorfameera.

Galma 2. Misooma Bosonaa

  • Sanyii mukaa gosa adda addaa qopheessuu:

  • Bara xumuraa KGT-tokkoffaa kg kuma 696 kan ta’e bara xumura 2012tti kg. 893.3 irraan ga’uuf karoorfamee jira.

  • Biqiltuu dhaabuu ilaalchisee bara 2007 biqiltuu bi.3.64 lafa hek.kuma 608 irraa akka dhaabbatu kan godhame yoo ta’u bara xumura KGT 2ffaa tti biqiltuu bil.4.86 lafa hek.811 irra dhaabuuf karoorfamee jira.

  • Biqiltuu Dhaabuu:-

  • Bara xumuraa KGT-1ffaa (2007) raawwiin dhaabbii biqiltuu bi.3.64 lafa hek.kuma 608 irraa akka dhaabbatu kan godhame yoo ta’u bara xumura KGT 2ffaa tti biqiltuu bil.4.86 lafa hek.811 irra dhaabuuf karoorfamee jira. Biqiltootaa dhaabatan kana waliin kan ilaalamuu qabu haala latiinsa biqiltootatii (survival rate). Kanaaf, kununissa dabaluun latiinsaa biqiltootaa dhaabatanii kan bara 2007 %79 irraa kan turee bara xumuraa karoorachattii %89 irraan ga’uuf hojjechuuf karoorfameera.


Walumaa-gala bara KGT II kana keessa sosochii uummataa cimaa ta’e uumuudhaan hojii misooma sululaa irratti waggaatti giddu-galeessaan Uummata mil.9.2 hirmaachisuuf kan karoorfame yoo ta’u gama hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaatiin bara 2007 dubartoota A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee dubartootni mil.4.35 kan hirmaatanii turan hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan %1.3 guddisuun bara xumura KGT II tti dubartoota mil.4.63 hirmaachisuun fayyadamoo taasisiif karoorfameera. Haaluma kanaan, qabeenya uumamaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa bara 2007 %47.7 irra jiru gara %50 irraan gahuuf ni hojjetama.

  1. Eegumsa Midhaanii

Galma 1. Ittisaa fi To’annoo Ilbiisota Weerartuu

Manii

  • Hojii ittisaa fi to’annoo ilbiisa geerii/Hawaanisaa godinaalee 18 waliin gahuu

  • Fayyadama Pesticide Kg/lit. kuma 96.34 ture gara kuma 111.7 tti guddisuu

Galma 2. Ittisaa fi To’annoo simbirroo girriisaa

Manii

  • Sakatta’iinsa simbirroo girriisaa aanaalee 9 geggeessuu

  • Suphaa dirree xiyyaaraa geggeessuu

  • Iddoo gurmii simbirroo adda baasuu

  • Pesticide (Avicide) Lakk fayyadamuu

Galma 3. Dhukkuba midhaanii tasaa to’achuu

Manii

  • Waagii Qamadii to’achuu

  • Dhukkuba Vaayirasii Boqqolloo (MLND) to’achuu




  1. To’annoo Calla-guddistuu

Maniiwwan

  • Waraqaa ragaa gahumsaa haaraa kennuu 2 irra kan ture 60 irraan gahuu

  • Waraqaa ragaa haaromsuu 16 irra kan ture 76 irraan gahuu

  • Inspekshinii S/Filatamaa dirree lafa hek.kuma 27 irra ture gara kuma 47.2 guddisuu

  • Samuda sanyii funaanuu Lakk.1547 irra ture gara 3,110 guddisuu

  • Sakatta’iinsa mana kuusaa sanyii Lakk.102 ture gara 205 tti guddisuu

  1. Sadarkaa Maatiitti Wabii Nyaataa Mirkaneessuu

Galma 1. Fayyadamtoota Sagantaa S/Net keessaa Eebbisiisuu:-

Maniiwwan

  • Lakkofsaa eebbifamitoota seeftii neetii oli guddisuuf sochii godhamuun bara 2007tti ni eebbifamu jedhamee kan eegamaa jiru173,416 bara xumura KGT-2ffaatii namoota sagantaa kana keessaa eebbifaman 1,226,450 tiin ga’uf karoorri qabamee jira.

  • Bara 2007 dubartoota fayyadamtoota sagantaa S/Net Lakk kuma 41ta’an sagantaa HABP fi sagantaa adda addaatiin deggeruudhaan bara 2009tti dubartoota H/Warraa 245.3 ta’an sagantaa S/Net keessaa eebbisiisuuf karoorfameera.




  1. Yüklə 0,92 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin