Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Gurmaa’insa Raayyaa Misoomaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə12/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   19

Gurmaa’insa Raayyaa Misoomaa


Galma 1. Raayyaa Misooma Baadiyyaa Cimsuu

Maniiwwan

  • Hojiin keenya qulfiin waggaa shan dhufuu ijaarsa raayyaa cimsuu fi hojii keenya hunda raayyaa fi raayyaa qofaan raawwachuun akka danda’amutti gandoota baadiyyaa 6447 jiran keessatti zoonii gandaa 19,341, garee misooma 144,712 fi tokko-shanee 715,594 ijaaramee ture cimsuun hudhaalee gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiitiin jiran hundee irraa dhabamsiisuun akka danda’amutti hojii raawwatamu keessatti haala raayyaa keenyaa qorachuudhaan ciminaa fi hanqinaalee mul’atan adda baasuun hiikuun hojiiwwan keenya haala milkeessuu danda’amuun karoora sosochii uummataa uumuu danda’u qopheessuun hawaasni bifa gurmaa’een hojii keessa akka galu ni taasifama.

Galma 2. Raayyaa Siviil Sarvisii Cimsuu

Maniiwwan

  • Rayyaa damee uummata sadrkaa barbaadamuun sochoosuudhaaf raayyaan damee mootummaa gahee bakka hin bu'amne qaba. Haaluma kanaan baraKGT II keessa raayyaa jijjiiramaa fi tokko shanee sadarkaa sadarkaan akka sektera qonnaatti ijaaramee jiru karoora dhuunfaa baafatee hanqinaalee hojii keessatti mul’atan bifa hiikuun danda’amu irratti mariachuun furmaata kennaa akka deemu ni taasifama.

  • Akkasumas, gumiin adda dureewwanii hundeeffamee jiru ji’a ji’aan wal-gahuudhaan hojii tokko shanee fi garee raayaa jijjiiramaa madaalamuun kallattii sirreeffamaa kaa’aa akka deemu ni taasifama.

  • Hojii keenya hunda dameewwan sadan keessattuu ijaarsa jiru kan gaggeeffamuu malu adda duroota dhaaba keenyaatiin ta'uu mala. kana jechuun karoorrii mootummaa kan inni irraa maddu toora dhaabaa irraa waan ta'eef qaamni fiixaan bahiinsa kanaaf socho'u gufannaa tokkoo malee akka hojii fiixaan baasuuf gaheen ijaarsa keenya hunda adda duroota dhaaba keenyaatiin akka hogganamu ni taasifama.

  1. Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Misooma Qonnaa

  • Raayyaa misoomaa ciminaan baadiyyaa kessatti hojiitti galchuu

  • Raayyaa misoomaa hojii bonaa keessatti ijaarame hojii omishaa fi omishtummaa keenya dabaluu hojjetamu kessatti shoora guddaa akka qabaatu cimsanii deemuun barbaachiisadhaa. Kanafuu, raayyaan kuni teeknoolojii fayyadamuu fi muuxannoowwan gaarii babalisuu irratti xiyyeefate akka hojjetu ni taasiifama. Haaluma kanaan ijaarumsa keenya garee misoomaa 144,712 fi Tokko-Shanee 715,594 cimsuudhaan guutuumaatti hojii keessa ni gala. Haaluma kanaan, qonnaan bultoota akka naannootti jiran milioona 4.3 keessaa qonnaan bulaa miliyoona 3.46 paakeejii guutuu (teeknoolojii guutuu fi hojimaata fooyya’aa hunda) akka hojii irraa olchan ni godhama.

  • ganna keessa gurmaa’insa qotee bulaa sadarkaa gandaa fi gandaa gaditti jiru qonnaan/horsiisee bultoota adda duree ta’aniin akka ogganamu sirreefama barbaachiisuu gochuun adda duroota hirmaannaa q/bultootaan filatamani ergama isaanii sirritti fudhataniin bakka buusuu fi gurmaa’insi jiru hunda karoora dhunfaa fi garee qopheessuun sagantaa marii qopheefaten kabajee akka marii’atu ni godhama. Marii taasiifamuus qabsoodhan akka gaggeefamu fi ajandoota yeroo isaa eeggatani keennaman irratti marii hoo’aa akka taasiifamuu ni ta’a.

  • gurmaa’insa sadarkaa hunda irra jiru qaama ogganu fi raawwatu hundi sochii qonna arfaasaa fi gannaa raayyaa misooma ijaarameen raawwatamu fi raawwatamu dhaburratti xiyyeefachun madaalame sadarkaan akka keennamuuf ni taasiifama. Raayyaa cimaa uumuu keessatti dameewwan uumataa, mootuumaa fi dhaabaa yeroo kamiyyu caala qinda’ani akka hirmaatan gochuu, hundaa ol muuxannoo gaarii qindaa’e akka babal’atu ni taasiifama.

  • Leenjii oguummaa haala qilleensaa fi rakkoo naannoorratti hundaa’e kennuu;

  • Godina fi Aanaaleen poteenshala addaa qaban kilaaseraan qooduun xiyyeeffannoon hojjechuu;

  • Godinaalee rakkoo asiduummaa biyyoo qaban keessatti qorannoo laaboraatorii irratti hundaa’uudhaan maasii biyyoo nooraatiin yaalamu qabu fi hamma nooraa hektaara tokkoof barbaachisu addaan baasuudhaan ni qopha’a.

  • Dhiyeessii nooraa bal’inaan akka jiraatu gochuuf warshaa nooraa tokko dabalataan akka ijaaramu taasisuu fi abbootiin qabeenyaas hojii nooraa oomishuu irratti akka hirmaatan deggersi barbaachisaa ta’e hundi ni taasifama;

  • Dabalataanis hojiimaata dhiiheessi fi raabsii nooraa qopheessuun, bara KGT II keessa nooraa gahaa ta’e omishuun qonnaan bulaaf yeroon dhiiheessuu; qonnaan bulaanis hubannoo gahaa argatee qophii gahaa akka taasisu, humna maatii qindeessudhan maasii isaanii irratti akka fayyadamu ni taasifama.

  • Itti-fayyadama xaa’oo uumamaa ol-guddisuun omisha dabalu irratti bal’inaan ni hojjetama.

  • Itti-fayyadama xaa’oo irratti qonnaan bultootni keenya hubannoo gahaa akka argatan gochuudhaan fedhii uumuu fi fedhii jiru irratti hundaa’uun Waldaalee bu’uraa waliin ta’uun fedhii calla-guddistuu adda baasuu, qindeessuu fi qaama dhimmi isaa ilaalu hundaa yeroon beeksisuu;

  • Omishtummaan guddachuu kan danda’amuu omistummaa heektara tokko irra argamuu xaa’oo keemiikaalaa barbaadamuu haala sayiinsaawaa ta’een yoo itti fayyadamne qofa dha. Yeroo ammaa kana itti fayadamni xaa’oo qonnaan bulaa naannoo keenyaa gadi aanaa ta’uun isaa ni beekama. Keessahu akka Naannootti xaa’oo yuriyaa yeroo amma ittii fayadamaa jirru xiqqaa ta’uun isaas xiinxala waggaa shanii geggeeffame irraa hubachuun danda’ameera. IIaalcha itti-fayadama xaa’oo “urea” wajjin jiru irratii hojjechuu fi itti fayadamnii “urea” akka ol ka’uu ni taasifama.

  • Gama biraatiin omishaa fi omishtummaan midhaanii ol gudisuun kan danda’amu sanyii filatamaa bal’iinaan yoo fayyadamne dha. Kanaafuu, sanyii filatamaa omishtummaan isaa olaanaa ta’e baay’isuudhaan qonnaan bulaan hundi sanyii fooyya’aa akka fayyadamu taasisuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, sanyii haaraa dhiihaatu fi kan bulee dabalatee sanyii dhaabbilee qorannoo qonnaa adda addaa qonnaan bulaa wajjin baayy’ifamu, sanyii sadarkaa waldaalee hojii gamtaa baay’ifamu akkasumaas sanyii dhaloota lammaaffaa qonnaan bulaan akka wal jijjiru gochuun itti fayyadama sanyii filatama akka guddatu ni taasiifama.

  • Gurgurtaa sanyii kallattii (direct seed marketing) babal’isuun ni hojjetama;

  • Callaa guddiftuuwwan qulqullina hin qabne tokkollee qonnaan bulaaf dhiyaachuu waan hin qabneef teeknoloojiiwwan dhiyaatan hundi qulqullinni isaanii kan eegame ta’uu isaanii hordofuudhaan kan mirkanaa’u ta’a.

  • Gama kanaan bara KGT II keessatti sochiiwwan heedduu kan raawwataman ta’ee hunda duraa dambiin hundeefama qaamaa to’aannoo callaa guddiiftuu kan mirkanaa’u ta’e isaafis Qajeelfama to’annoo callaa guddiiftuu ni qopha’a.

  • Waraqaa ragaa gahumsa qaamoolee hojii callaa guddiiftuu irraatti bobba’aniif kennuu wajjin wal qabate maanuwaalii hayyama gahumsaa hojii itti keennamu qopheessuu; Ulaagaa gahumsa hayyama hojii baasuu; Qaamolee naannicha keessatti hojii daldala callaa guddistuu irratti bobba’an addaan baasuu; Ulaagaa bahe irratti hundaa’uun hayyama gahumsa hojii kennuun ni rawwatama.

  • To’annoo qulqullina xaa’oo fi keemikaalota adda addaa gaggeessuu ilaalchise Yuuniyeenonni callaa guddistoota qaama biyya alaa irraa galchu irraa yeroo fudhatan sadarkaa qulqullina barbaadamu guutuu isaa sakatta’uun mirkaneessuu; Hojii inspekshiinii walirra hincinne haala qabinsaa fi kununsa callaa guddistuu irratti ni gaggeefama.

  • To’annoo daldala callaa guddistuu seeraan alaa ilaalchisee leenjii fi hubannoo qaamolee dhimmi ilaalu hundaaf miidhaa daldallii seeraan alaa callaa guddistuu fiduu danda’u irratti keennuu; Hojii ittisa daldala callaa guddistuu seeraan alaa irratti qindoominaan qaamolee dhimmi ilaalu waliin hojjechuu, Supervizyiinii mana kuusaa, qopheessa sanyii, wiirtuu gurguurtaa callaa guddiistuu fi kan kana fakkaatan irratti yeroo yeroon ni gaggeefama.

  • Waldaaleen hojii gamtaa naannoo keessaatti hojii dhiheessii fi raabsii xaa’oo fi keemikaalaa irratti bobba’an mana kuusaa sadarkaa isaa eeggate qabaachuu isaanii mirkaneessuu fi haala barbaadameen kuusuu fi qabiinsa barbaachisaa ta’e taasisaa jiraachuu isaanii hordofuun mirkaneessuu; Qaamolee hayyama malee hojii daldala seeraan alaa callaa guddistuu irratti bobba’an irratti ragaa barbaachisu qindeessuun tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni taasifama.

  • Hojiin E/Midhaanii Agroo-ikoolojii hunda keesattii akka raawatuu gochuu, olantumaan hojii kana mirkneessuu;

  • Hojii E/Midhaanii murteessaa ta’e kana uumataa Raayyaa misoomaatiin gurma’en (Garee gurm’ee fi maatii Qonaan bulaa) fayyadamuu;

  • Humna, dandeettii qonaan bultoonii fi oggeessoonii Qonnaa (tokkoo shaneen gurrma’e) humnaa fi beekumsa offii duguganii itti ayadamuun hojii E/Midhaanii irratii kalatii hundaanuu (qabenyaan,humna offitiin akka hirmaatan gochuun filannoo kan hiqabnee wanta’ef hojii kana raawachuuf sagantaa raawwii bahee irratii huda’un rawachuu) akka hirmatan gochuu;

  • Ilbisootaa (Raammoo, dhibee,Aramaa fi ilbisoota lafee dugdaa qaban fi kkf qisaasuu fi to’annoo jala olchuun hala danda’amuu fi Qonaan bultoonii hundinuu hojii (Arama adaan aramuu, Bifaa summii irrattii akka hirmaatan qonnaan bulaaf, oggessotaaf ,HMH, gaggeesitoota sadarkaa sadarkaa irra jiraniif orenteeshinii yeroo gabaabaa keennuu dhan hojii E/midhaanii irrattii sagantaan akka hirmaatan gochuu

  • Summii, meesaalee bifaa, meeshaalee off-eggannoo, bajataa, lojistikii fi kkf hojii kanaf oluu dada’an qaama dhimmi ilaalu gaafachuun akka dhihaatu taasisuu;

  • Raammoo Werartuutiif suumii gosa adda addaa barbaachisuu MQF( Ministeera Qonna Federaalaa) gaafachuu fi dabalataanis bajataa Biiroo keenyaa irraa gaafachuun akka bitamee yeroon Godnaaleef rabsamuu gochuu

  • To’annoo ilbiisootaa karaa sagantaa iddleettin gageefamuu qabu summii fi meeshaalee adda addaa yeroon Q/bulaan yeroon akka bitatee fayadamuu gargaarsaa oggumaa taasisuu. Kan karaa callaa guddistuutiin dhihachuu qabu baayina,yeroo fi haala gafatameen yoo dhihaatee ittifadama issa irratii Qonnaan bulaaf deegarsaa laachuu.Dhiheesitoota summii ilbisootaa waliin hala dhiheesa summii fi meshaalee Gosa adda adda irratii mari taasisuu summilee dhiheesa adaan baasuu ragaa qabachuu;

  • Hojii daladala summii hojachuuf warra heeyyamaa summii seeraa baafchuu barbaadanii fi kan dura kan heeyyama baaftanii Biiroo daldalaa fi Industry waliin qindoominaan hojachuu, hordofuu;

  • Sakata’a ilbisootaa adeemsisuu, gamaaggama (supervizyinii) hojii gaggasuu (Hojiiwaan E/ midhaanii kanaan dura calqabamnii turanista’e,kana boda calqabaman hanga jijirama tokkoo fidhuu danda’anitti hordofuu,gamaagamuu deegarsa oggumaa kennuu.

  • Adeemsaa hojii,feedhii Q/bulaa, haala jiruu irraa ka’uudhan foyyeesuu, bu’a argamee babalisuu fi guddisuu,

  • KGT II haala addaatin muuxannoo hojii baroota darban qabeenya uumama irraa argaameen sosochii uummataan galmi misoomaa, eegumsaa fi qulqullinaan qabame akka raawwatamu ni taasiifama. Karoorri bunaa kun kan raawwatamu gama hundaan muuxannoo gaarii babal’isuu keessatti muuxannoo argame giddu galeessa godhachuu dhan ta’a.

  • Qophii biqiltuu buna ilaalchisee %10-buufata mootumaa irratti fi %90-kan qonnaan bulaan ofii isaa deegarsa ogumaa kennuu dhan akka qopheeffatu gochuu, dhaabbiif akka ga’u kunuunsuu fi qonnaan bulaan biqiltuu qoheeffatu hundi lakkoofsa biqiltuu isaa irratti hunda’ee bakka dhaabbiif ta’u sagantaa gabatee yeroo ta’aeen qopheefate ni dhaabbata.

  • Karoora kana galmaan ga’uuf uummata mariisisuun kan itti deemamau ta’ee qophiin sanyii akka Naannootti qopheessuuf fayadamtoota qonnaan bulaa Naannoo keenyaa waggaa waggaatti giddu-galeessaan sanyii kg. 0.60 ta’u akka qopheessan ni ta’a; Biqiltuun yoo ilaalamu qonnaan bulaan tokko lakkoofsi biqiltuu dhaabbiif geessifatu kan facaasu irraa %65 fi isaa ol ta’a.

  • Haala sanyiin ittiin qopha’uu ilaalchisee sanyii qophaa’uu keessaa %20 qonnaan bulaan muuxannoo qabu yeroo durii projeektii CIP turan ofii isaanii maasaa isaani irraa akka qopheefatu ta’a; Sanyii dhiyyaatu keesaa %80, kg 0.60 qonnaan bulaan harkaa fi harkatti akka bitatuuf sosochiin uummata ni uumama;

  • Kunuunsa bunaa gaggeessu ilaalachisee Naannoo keenya keessatti 60% kan ta’u buna dulloomaa waan ta’eef buna dulloome kunuunsa yoo argate omisha dabaluu kan danda’uu haaromsuun/gamashuun kunnuunsa gochuu fi buna dulloome kunnuunsaan kennuu hin dandeenye buqqisuun biqiltuu omishtummaan isaa guddaa fi dhukkuba adda addaa damdamachuu danda’uun bakka buusuun ta’a. Haaluma kanaan, maasaa haromsamuuf filatame bakka sadiitti qooduu; waggaa tokkoffaa irratti 1/3 haaromsuu, haaluma kanaan waggaa sadaffaa irratti xumuruu; Buna haaromsame yeroo yeroon latiisaa haphisuu,

  • Sadarkaa qonnaan bulaatti hojiiwwan Siree bunni irratti gogu ijaaruu; Buna diimaa funaanuu dhan kan jiidhan qopha’uu qopheessuu;Buna gogaan qopha’us haaluma wal fakkaatuun diimaa diimaa funaanee siree irratti gogssuu;Bakka bunni gogaan itti kuufamu magaazina qopheefachuu; Gabaatti yeroon dhiyyeesuu fi kkf akka raawwatamu ni taasiifama.

  • Fayyadamtootaa sagantaa S/Net calaluun saganticha keessatti akka hirmaatan gochuu, baajata aanaaleef dabarsuun kaffaltiin fayyadamtootaa akka yeroon kafalamuu gochuu, hojii hawaasaa qulqullinna qabuu fi dhiibbaa naannoo irra hin-geessine hojjechuu, fayyadamtoota eebbaaf gahan eebbisiisuu,

  • Muuxannoo gaarii adda addaa kan sagantaa SNSF-babal`isuu, fi kkf ni hojjetamu dabalataanis qajeelfama eebbaa kan irratti kennuu, fayyadamtoota yeroo ammaa sagantaa keessaa jiran keessaa kan ammatamuu hin-qabne ammatamanii jiran sirritti sakkata`uun akka eebbifaman gochuu, fayyadamtoota fedhiin eebbifaman/Self graduation/ jajjabeesuu, carraalee Eebbaaf haala mijaa`aa uuman sakkata`uun itti fayyadamuu, liqii deebisiisuu fi deebisanii fayyadamtootaa kennuu, dhaabbilee faayinaansii (WALQO, RuSACCO fi GRAD) haala itti-fufiinsa qabuun cimsuu fi deeggarsa barbaachisaa ta’ee gochuu fi kkf ni raawwatamu.

  • Sanyii mukaa gosa adda addaa qopheessuu ilaalachisee suluuloota filataman misooma magariisaatiin uwwisuu keessatti hojii murteessaa ta’e keessaa sanyiin mukaa, nyaata horii,fi muduuraa qophaa’uu qabuu ga’ee olaanaa qaba. Qonnaan bulaan Abbaa waarraa dhiraa ta’ee hundi sanyii mukaa, muduraa fi nyaata horii yoo xiqqaate kg 0.1 akka qopheeffatu hojjechuu fi hirmaachiisuu;

  • Hirmaachisummaan keenya akkuma jirutti ta’ee, hanqinoota uumamuu danda’anif biqiltulee karaa mootummaa qophaa’anif madda bajataa sakata’uu fi haala bittaa ykn funnanu isaa mijeessuu, akka caasaa mootummaattis ta’ee, miti mootoommaatti madda bajataa ta’uu ni danda’u jedhamanii kan yaadamanis Dhaabbata BBBO; Proojeektoota mootummaa Biiroo Qonnaa keessa jiranii fi Q/U irratti hojjetan; NGOwwan hojii Q/U irraati hojjetan; Bajataa sanduqa mootummaa sadarkaa Naannoo fi Aanaatti dhimma kanaaf qabamu yeroon akka beekamu ta’ee haala hojii irra oolmaa isaas mijeessuu,

  • Biqiltuuleen mukaa giddugaleessaan hanga ji’oota saddeeti erga buufata biqiltuu irra turanii booda jiidha biyee irratti hundaa’ee dhaabbiin isaa gaggeeffamuu qaba. Kunis iddoo dhaabbii filuu fi ququlleessuu yoo ta’u, akka iddoo dhaabbii keenyaatti xiyyeeffannoo keessa kan galan: lafa tuttuqaa irraa daanga’e, daagaa aaddaa hojeetaman, hallayyaa misoomuu qabu, tabba/gaaraa olka’aa ta’e, lafa waliinii filatame, bosona dhuunfaa fi waliinii, karaa maddii, Naannoo oyiruu, lafa Qonnaa keessa, misoomaa margaa, qarqara lagaa, dhaabbii bara darbee hin milkoofne bakka buusuu fi kkf;

  • Misooma bosonaa wajjin walqabatee inni jalqabaan iddoo dhaabbiif ta’u filuu fi ququlleessuu dha. Itti-aansee boolla dhaabbii biqiltuu mukaa qopheessuun lafa dhaabbiif yaadame keessatti boolli biqiltu kan qophaa’u ta’a. Haaluma kanaan, bool’a bal’ina isaa cm 25x25, gadi fageenyi cm 25 hanga 30 hida gosa biqiltuu qophaa’uu irratti hundaa’un biyee boolla keessaa bahu gubbaa fi jalaa adda addaa baasuu ni qophaa’a.

  • raawwiin dhaabbi biqiltu ilaalchise sosochii ummataa yeroo bonaa taasiifamerratti hundaa’uun dhaabbii biqiltu irratiis uumanni bahee akka dhaabu ni godhama. Haaluma kanaan, gandoota hunda keessatti toorban dhaabbii biqiltuu moggaasun dhaabbii gaggeessuu; dhaabbiin yeroo gaggeeffamus qilleensii hidda jalatti akka hin hafne miilaan gadi jabeessanii dhiituun; Bakka jidhina gahaa qabutti bishaan akka irra hinciifne afaan boollaa dirrisuu, bakka hanqinnii roobaa jirutti boolli akka bishaan qabatutti keessa dhaabuun fi biqiltuun dhaabbame latinsa isaa hordofuu fi yeroon bakka buusuun ni taasiifama.

  • Hojiin eegumsa biyyeef bishaanii kan akka daagaa hojeechuu, hallayyaa hidhuu fi lafa tuttuqaa irraa dhorkuu fi kkf karoorri isaani hiixataa waan ta’eef humna namaa hojii eegumsa biyyee fi bishaaniitiif bobba’u guyyaa guyyaatti guutummaatti hojii safaramuu danda’u akka hojjetu taasissuu;

  • Hallayyaa hidhuudhaf meeshaa warshaa barbaachisanif mootummaa dabalatee qaamoolee deeggarsa taasiisuu danda’an sakata’un ittifayyadamuu (Mootummaa, Proojeectoota, NGOs fi kkf); Hojiin karoorfame iddoo karoofame irratti hojeetamuu kan danda’u ta’uu isaa mirkaneessuu;

  • Lafti Bara 2004 irraa kaasee tuttuqaa irraa dhorkamee hundi eegumsi, misoomni fi ittifayyadamni isaa sirnaa’uu isaa mirkaneessuu fi irratti hojeechuu; Lafa daangeeffamee irratti hojii dhabeeyyii gurmeeuu ilaalchisee hawaasaa fi qaamoolee dhimmi ilaaluun wajjin ni hojjetama.

  • Misooma Bosonaa(Sanyii fi Biqiltuu qopheessuu) hirmaannaa qooda fudhattootaa cimsuu dhaan kan raawwatamu yoo ta’u,

  • Deeggarsa Mootummaa Naannootiin/Biiroo Qonnaa

  • Baajata aanoleetiin

  • Qooda fudhattoota-Miti Mootummaa, projektoota mootummaa KKF

  • Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa hirmaachisuun hojiin misooma bosonaa kan raawwatamu ta’a.

  • Biqiltuu dhaabbateef kunuunsa barbaachisutaasisuu;

  • Waggaa shanan dhufu keessatti hojjetoota misoomaa ilaalacha aantummaa uumataa qabatani kaka’umsa guddaadhan qonnaan bulaaf deegarsa oguummaa keennuun dirqama isaani akka bahan gochuudhaf hunda dura gahee isaani akka bahan mirga fi faayidaalee adda addaa qajeelfamaan keennameef kabajuu fi akka guutamuuf ni taasifama;

  • Gama kanaan sochiiwwan gurguddoo raawwataman keessaa uffatinni seeraa fi hojii kan kana dura dhiyeesiin isaa harcaatii qabaachuun komii kaasisaa ture guutummaan guututti dhiyeessuun

  • Gaaffii isaanii deebisuu; akkaataa ulaagaalee qajeelfama barumsaa irra taa’aniin HMH dorgommii iftoominaa fi haaqa qabeesa ta’een carraa barumsaa akka argatan gochudhan dippiloomaa irraa gara digree tokkooffatti akka guddisan ni taasiifama.

  • Milka’iina imaammata fi tarsimoo qonnaaf dandeettii humna raawwachisuma sadarkaan jiru cimsuun hojii keessa galchuun barbaachisa dha. Haaluma kanaan, humna bal’aa kan ta’e qonnaan bulaan gurmeessun dandeettii inni qonnara qabu cimee teeknoloojii qonna amaayyaa akka fayyadame omisha fi omishtummaan akka guddisu ni taasiifama. Bu’uuruma kanaan, hojjetoota misoomaaf yeroon madaalli gahumsaa ogummaa keennuun qonnaan bultoota keenyaaf leenjii WLQB keessatti akka jalaqaban ni godhama. Kanaafu, hunda dura marii Dhaabbata Madaalli gahumsaa Ogummaa Adaamaa waliin gaggeefamuun giddu galeessaan madaalaan tokko guyyaatti hanga nama 12 madaalu akka danda’u istaandaradiin ka’ame irratti hundaa’uun madaaltoota godinaalee adda addaa keessatti muuxannoo qaban 28 dabalate madaalaa haaraa 230 walumaatti madaaltoota 258 akka horatamu ni taasifama.

  • Sirna ekisteenshinii keenya lafa qabsiisu fi cimsuuf bu’uuraalee misoomaa barbaachisan keessaa WLQB isa tokko fi olaanaa dha. Bu’uura misooma kana gandoota hunda keessatti ijaaruun madda odeefannoo teeknoloojii fi qonnaan bulaan dandeetti isaa ittin cimsuu taasiisuuf KGT II keessatti hojiiwwan adda addaa ni raawwatamu.

  • Haaluma kanaan, gandoota WLQB hin ijaaramnef lafa daangeessuun hojii jalqaban dabalatee WLQB baajeta ka’umisaa hojii agarsiisaa calqabsiisuuf gargaaru akka ramadamu gochuu, akkasumas WLQB hundi hojiin agarsiisa akka eegalan gochuu fi callaa guddistuu fi teekinooloojii hojiin agarsiisaaf barbaachisu akka dhiyaatu taasiisun WLQB guutuumatti tajaajila akka kennan gochuu;

  • Koree bulchiinsa WLQB gandaa haaraa ijaaruu fi kan kana dura ijaarame cimsuun hojii keessa galchuu; Lafa ijaarsii WLQB itti geggeefamu adda baasuun daangessuun WLQB waraqaa qabiyyee lafaa argachiisuu; Baajata meeshaa guutuuf barbaachisu ramadamee gadi bu’e hordofanii uummatni irratti hirmaachuu danda’u addaan baasuu fi yeroon hirmanicha qindeessuun haala bu’aa qabeessaa ta’een akka hojii irra oolu gochuu hojiiwwan xiyyeefannaa olaanaan raawwatamu ta’a.

  • Fedhii fi rakkoo qonnaan bulaa qorachuun kaawunsilii qooda fudhattootaatti waggaa waggaan dhi’essuuf karoorfamera.

  • Walitti dhufeenya WLQB fi Qorannoo Qonnaa cimsuu;

  • Tajaajila ekisteenshinii walitti fufiinsa qabu Abbooti qabeenyaa, Qonnaan bulaa, dubartoota qonnaan bulaa fi dargaggoota qonnaan bulaaf kennuu;

  • Qonnaan /horsisee bulaa qabeenyaa horatan gara investementtii qonnaatti cee’esisuuf carraa invetementtii qonnaa irratti jiru qorachuun adda baasuu;

  • Sirnna ekisteenshinii Cimissuun Tajaajilli ekisteenshion bifa saffina qabuun kennuuf Unit extension ganddaa 6447 , garee misoomaa 144,898, tokko-shanee 716,851 bara karoora jalqabaa jiru cimsuun hojii keessa galchuu;

  • Saffiinaan Teeknoolojii qonnaa babal’isuuf deggersa kan godhu waajjira qonnaa gandaa ijaaruu murtessaa waan ta’eef waggoota karooraa guddina fi traansformeshinii kana keessa waajjira ganda 6,447 akka dhaabbatu ni taasifama.

  • HMH mana jireenyaa hin qabinneef mana jireenyaa ijaaruun ganda q/bulaa keessa olani buluun tajaajila ga’aa akka kennan gochuu;

  • Tajaajila ekisteenshinii kennamu saffisaa gochuuf HMH tiif pedal sayikilii bitamee akka dhiyaatu ni taasifama

  • Gaaffii jijjiirraa keessaa fi boqoonnaa torbee fi waggaa dhiihaateef qajeelfama qophaa’eratti qaamni adda addaa erga yaada irratti keenne booda bara 2007 keessatti hojiira akka olu ni taasiifama.

  • Tarsimoowwan fi imaammatoota akka biyyaatti hordofamu irratti hubannoo qaban irratti hanqinni jiru hiikuuf HMH mata dureewwan adda addaa irratti danddeettii ogummaa isaani cimsuuf leenjii ogummaa yeroo gabaabaa ni keennama.

  • Ragaa Qonnaan bultoota adda duree investimentiitti ce’an sirriitti qulqulleesuun beekuu;

  • Qonnaan /horsisee bulaa qabeenyaa horatan gara investementii qonnaatti ce’an carraa invetementii gama qonnaatiin jiru bara 2008tti qorachuun ‘Agro-Industrii xixiqqaa irratti akka isaan bobba’an haala mijeessuu;

  • Qonaan bulaan yeroo ammaa garee misomaafi, 1-5neettin gurmaa’e hojii misoma waliin gaggeesaa jiruun hojeechuu, Hojiiwwaan Hojataman hundaa jijirama gara ful-duraa akka fiduu danda’uutti Q/bulaa waajjin karoorsuu barbaachisaadha,

  • Hojiiwaan mala-jirenyaa maattii hojji qindominaan hojatamuu waan ta’ef Wajiroolee adda aaddaa fi Mitti Motumaa wajin hojachuu,

  • Nyaata Q/bulaa bu’ura irra fooyyessuu fi hojii ‘diversification’ omisha horticulture fi horsiisa beelada akka maattitti hojjechuu,

  • Hojji Agro processing Babaalisuu

  • Deegarsa ogumaa keenuttin isa omishamee haala itti fayadama isaa agaarsisa qophii nyaataa guyyaa ayyaana qonaanqopheesuun bulaa hojeetanii agaarsiisuu,

  • Addeemsa jiruu, feedhii Q/bulaa fi haala jiruu irra ka’uudhan yeroo yerootti foyyeessuu, dabalataanis bu’aa argamee guddisuu, babalisuu.muuxanoo gagarii qindeesudhaan akka babalatuu taasisuu,

  • Dandeettii raawwachiisummaa Ogeessotaa fi Q/Bulaa cimsuu;

  • Bu`uura damee diinagdee qonnaa babal`isuun hoji-dhabeeyyii dargaggoo fi dubartootaa gurmeessuun carraa hojii adda ba’e keessatti hirmaachisuu;

  • Sirna hordoffii fi deggersaa qindoominaan geggeessuu wal-irraa hin cinne taasisuu;




          1. Misooma jallisii

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin