Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Galma Tarsiima’aa 1. Ekisteenshinii Misooma Jallisii



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə13/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   19

Galma Tarsiima’aa 1. Ekisteenshinii Misooma Jallisii


Bara xumuura karoora Guddinaaf Traansfoormeeshinii tokkoffa marsaa tokkoffa lafa heektaara 986,837f marsa lamaffa 502,932 waligala lafa heektaara 1,489,274 misoomee omishaa kuntaala milliyoona 183 turee bara xummuraa karoora guddinaaf traansfoormeeshinii lammafa lafa marsaa tokkoffa 1,474,475f marsa lammafaa 1,106,604 waligala 2,582,082 misoomsuudhan omishaa kuntaala millioona 439.2 oomishuuf karoorfamee jira.

Akkasuma omishtuma waligala bara xummuura karoora Guddinaf Traansfoormeeshinii tokkoffa heektaaran kuntaala 119 turee bara xummuura KGT lammaffatti omishtumaa lafa heektaaran gara kuntaala 170tti guddisuuf karoorfamee jira.


Galma 1. Oomishaa fi Oomishtummaa midhaan gurguddoo misoomsuu/midhaan biilaa, agadaa, dheedhii, kuduraa, hiddaa, muduraa, mi`eessituu fi shonkoora/.

Oomishni misooma jallisii gurguddoon gahee wabii midhaan nyaataa mirkaaneessuuf qaban, gahee al- ergee keessatti qabaniif, ittigala industrii ta`uun faayidaa qaban irraa ka`udhan,qonnaan bulaa xixiqqaan hojiin karaa kanaan hojjatamu xiyyeefannoo addaa kennudhan hudhaalee investarootaa hiikudhaan Oomishaa fi Oomishtummaa isaanii guddisuuf haala armaan gadii kanaan galmi xixiqqoon tokkoon tokkoon isaanitiif haala armaan gadii kanaan qophaa`eefi jira.

  • Maniiwwan

  • Midhaan biilaa jallisiin Oomishamu bara xumura karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii tokkofa lafa heektaara 16,607 irratti heektaaraan kuntaala 21 fi baay'ina Oomisha kuntaala 230,063 ture, bara xumura karooraa fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa lafa heektaara 32,612 irrattii ,Oomishtummaa heektaaran kuntaala 85 fi dimshaasha Oomishaa gara kuntaala 2,772,020 guddisuuf karoorfamee jira.

  • Midhaan agadaa jallisiin Oomishaamu bara xumura karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii jalqabaa irratti lafa heektaara 88,624 turee heektaaraan kuntaala 61 fi baay'ina Oomishaa kuntaala 4,874,320 ture, bara xumura Karooraa fi tiraanisfoormeeshini lammaffaa lafa heektaara 157,964 irrattii misoomsuudhan Oomishtummaa heektaaran kuntaala 89 fi dimshaasha Oomishaa gara kuntaala 14,085,796 guddisuu.

  • Midhaan dheedhii jallisiin Oomishamu, bara xumura karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii jalqabaa irratti lafa heektaara 55,672 heektaaran kuntaala 20.5 fi baay'ina Oomisha kuntaala 910,777 ture, bara xumura Karoora fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa Oomishtummaa heektaaran kuntaala 30.5 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 3,143,779 guddisuu.

  • Midhaan kuduraa jallisiin Oomishamu bara xumura karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jalqabaa irratti lafa heektaara 676,196 heektaaran kuntaala 120 fi baay'ina Oomisha kuntaala 81,143,520 ture, bara xumura Karooraa fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa lafa heektaara 1,163,952 omishtummaa heektaaran kuntaala 168 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 195,973,893 guddisuu.

  • Midhaan hiddaa jallisiin Oomishaamu bara xumura karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jalqaba irratti lafa heektaara 474,805 misoomsuudhan omishtumaan heektaaran kuntaala 107.5 fi baay'ina Oomisha kuntaala 64,990,562 ture, bara xumura Karoora fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa lafa heektaara 821,662 misoomsuudhan Oomishtummaa heektaaran kuntaala 192 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 195,973,893 guddisuu.

  • Midhaan muduraajallisiin Oomishamu bara xumura karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii jalqaba irratti lafa heektaara 30,581misoomee,omishtuma heektaaraan kuntaala 119.5 fi baay'ina Oomisha kuntaala 4,112,957 ture, bara xumura Karoora fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa lafa heektaara 54,508 misoomsuun Oomishtummaa heektaaran , kuntaala 205.5 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 11,697,811 guddisuuf karoorfamee jira..

  • Midhaan dhaabbataa kan biroo jallisiin omishaamuu bara xumuura karoora guddinaaf Traansfoormeeshini jaliqaba irratti lafa heektaara 141,510 misoomsuun heektaaraan kuntaala 125 fi baayyina omishaa kuntaala 16,876,493 turee, bara xumuura Karoorafi traansfoormeeshini lamaffa lafa heektaara 238,532 misoomsuun omishituma heektaaran kuntaala 139 fi dimishaashaa omishaagara kuntaala 43,558,686 guddisuuf karoorfamee jira.

  • Midhaan mi`essituu jallisiin Oomishaamu bara xumura karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii jalqaba irratti lafa heektaaran 5,278 misoomsuun, heektaaran kuntaala 34 fi baay'ina Oomisha kuntaala 262,510 132,091 ture, bara xumura Karoora fi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa lafa heektaaran 9,407 misoomsuun Oomishtummaa heektaaran kuntaala 38 fi dimshaasha 133 Oomisha gara kuntaala guddisuuf karoorfamee jira.

Haaluma kanaan, galma midhaan jallisiin misooman tokkon tokkoon haala armaan gadii kanaan karoorfamee jira.

  • Shunkurtii diimaa:- Bara karoora Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti Oomishtummaa shunkurtii diimaa lafa heektaara 202,693 heektaaran kuntaala Oomishuun dimshaasha Oomishaa 27,034,661 ture bara karoora guddinaf Traansfoormeeshinii lammaffa lafa heektaara 341,046 misoomsuun Oomishtummaa isaa heektaaran gara 199 fi dimshaasha Oomisha gara 67,908,347 irraan gahuuf karoorfamee jira.

  • Timaatima:- Bara karoora Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti lafa heektaara 19,249 misoomsuun Oomishtummaa timaatima heektaaran kuntaala 127 Oomishuun dimshaasha Oomisha kuntaala 24,230,000 ture lafa heektaara 315,082 misoomsuun Oomishtummaa isaa heektaaran gara kuntaala 192 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 60,431,869 irraan gahuu.

  • Raafuu maraa:- Bara karoora Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti lafa heektara 49,973 misoomsuun Oomishitummaa raafuu maraa heektaaran kuntaala 113 Oomishuun dimshaasha Oomisha 5,028,867 ture Oomishtummaa isaa heektaaran gara 155 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 13,667,742 irraan gahuuf karoorfamee jira.

  • Qullubbii Adii:- Bara karoora Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti lafa heektaara 38,977 misoomsun Oomishtummaa qullubbii adii heektaaran kuntaala 74.5 Oomishuun,dimshaasha Oomisha kuntaala 2,892,733 ture Bara KGT lamatattii lafa heektaara 69,473 misoomsuun Oomishtummaa isaa heektaaran gara kuntaala 120 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 8,340,628 irraan gahuuf karoorfamee jira..

  • Moose (Dinnicha):- Bara karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti lafa heektaara 404,877 misoomsuun Oomishtummaa Moosee heektaaran kuntaala 135 Oomishuun dimshaasha Oomisha kuntaala 55,253,609 ture, lafa heektaara 714,846 misoomsuun Oomishtummaa isaa heektaaran gara kuntaala 205 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 146,524,806 irraan gahuuf karoorfamee jira.

  • Mixaaxisha:- Bara karooraa Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffatti lafa heektaara 51,489 misoomsuudhan Oomishtummaa mixaaxishaa heektaaran kuntaala 149 Oomishuun dimshaasha Oomisha kuntaala omisha kuntaala 7,762,627 ture, lafa heektaara 73,950misoomsuudhan Oomishtummaa isaa heektaaran gara kuntaala 237 fi dimshaasha Oomisha gara kuntaala 17,539,669 irraan gahuu.

  • Boqqoolloo:- Bara karoora xumura Guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii tokkoffaatti lafa heektara 63,018 misoomsuun, oomisha kuntaala 4,055,762 fi Oomishtummaa boqqolloo heektaaran kuntaala 50.5 irra turee,xumura karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii lamaffaatti lafa heektara 156,789 misoomsuun, oomisha kuntaala 14,002,839 fi oomishtummaa heektaraan kuntaala 89 argachhuuf karoorfamee jira.

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin