Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Galma Tarsiima’aa 3. Bulchinsa Iskiimota Jallisii



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə15/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19

Galma Tarsiima’aa 3. Bulchinsa Iskiimota Jallisii

Galma 1. Bulchiinsa Iskiimotaa fooyyessuu


  • Maniiwwan

  • Wal-harka fuudhiinsa iskiimota jallisii ijaarsi isaanii xumuraman 61 irra turan gara 429 irraan gahuu.

  • Hojii Qorannoo (Sakatta’iinsa) suphaalee iskiimota jallisii asiin dura bayy’inni isaanii 56 irra ture 140 gahuu.

  • Suphaa paampii jallisii xixiqqaa 24,552 fi paampii jallisii gurguddaa 8 irra ture paampii jallisii xixiqqaa gara 37,036 fi kan jallisii gurguddaa gara 13 tiin gahuu.

  • “Functinality rate” iskiimota jallisii sadarkaa %70 irra ture gara %98 irraan gahuu.

  • Hojii Oppireeshinii sagantaa raabsa bishaan jallisii baasudhaan(water schedule) iskiimota jallisii 28,224 turan gara iskiimota 41,469 ol-guddisuudhaan akka tajaajila kenna gochuu.

  • Bishaan jallisii asiin dura Bishaan Jallisii m32,639,231,546 dhiyaachaa kan ture gara m3 2,857,909,412 tti ol-guddisuu.

  • Lafa Q/H/Bulaa/ tiif bishaan jallisii iskiimota xixiqaatii, gurguddaa fi jiddu galeessaatiin Hek. 1,748,010 irra ture gara Hek2,255,580tti ol-guddisuun ittifayadamtootin bishaan akka argatan gochuu.

  • Q/Hor./Bulaa fayyadamaa bishaan jallisii asiin dura 1,782,613 argachaa turan gara2,860,169 irraan gahuu.

Galma Tarsiima’aa 4. Misooma Jallisii irratti Hirmaanaa Uumataa Guddisuu


Mootummaankallattii baase irratti hunda’uun karoora guddina fi traansfoormeeshinii 2 ffaaOomishaa fi Oomishtummaa qonnaa jallisii dachaan dabaluu keessatti gosa midhaanii soonaa guddaa qaban (high value crops) irratti xiyyeeffachuu fi roobaan alatti jallisiidhan fayyadamuun waggaatti al-lamaa fi isaa olOomishuun barbaachisaa fi murteessadha.

Kanaafuu,kallattii kana galmaan gahuuf hubbannoo hirmaanna uumataa fi waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii gurmeessuu fi raayyaa misoomaa ijaarame cimsuun hirmaannaa ummataa daran dabaludhan misooma jallisii babal’isuun kallattiiwwan kaa’aman keessaa isaan gurguddoodha.



  • Maniiwwan

  • Hirmaanaa Ummataa Gosa Jallisii Aadaa irratti hirmaate Dhiira 2,297,055 Dubartii 255,228 waliigala 2,552,283 kan ture yammu ta’u bara KGT – 2ffaakeessatti dhiira 3,028,278 dubartii 336,476 waligalaa 3,364,754 irraan gahuuf hojachu.

  • Hirmaanaa Ummataa Gosa Jallisii Paampii irratti hirmaate Dhira 706,357 Dubarti 124,651 waligala 831,008 kan ture yammu ta’u bara KGT – 2ffaa dhiira 1,260,082 Dubarti 222,367 Waligala 1,482,450 irraan gahuf hojatama.

  • Hirmaanaa Ummataa Gosa Jallisii Ammayaa irratti hirmaate Dhira 263,548 Dubarti 78,722 Waligala 342,270 kan ture yammu ta’u bara KGT – 2ffaa dhiira 840,932 Dubarti 251,188 Waligala 1,092,120 irraan gahuf hojatama.

  • Hirmaanaa Ummataa Gosa Jallisii B.Harkaa irratti hirmaate Dhira 849,789 Dubarti 230,771 waligala 1,080,560 kan ture yammu ta’u bara KGT – 2ffaa dhiira 2,034,455 Dubartii545,470 waligala 2,579,924 irraan gahuf hojatama.

  • Hirmaanaa Ummataa Gosa Jallisii Haroo irratti hirmaate Dhiira 5,530 Dubartii 1382 waligala 6,912 kan ture yammu ta’u bara KGT – 2ffaa dhiira 11,122 Dubarti 2,780 waligala 13,903 irraan gahuf hojatama.

  • Hirmaanaa waligala bara KGT 1ffaa Hirmaanaa dilbo dhira 3,961,027 dubarti 852,006 waligala 4,813,033 Hirmaanaa Qulqulu 3,526,352 irra kan ture bara KGT 2ffaa Hirmaanaa dilbo Dhira 7,104,303 Dubartii 1,748,345 Waligala 8,85,2648 Hirmaanaa Qulqulu 5,201,540 irraan gahuuf hojachu.

Tarsiimoo Raawwii Misooma Jallisii

  • Caasaa sadarkaa naannoo hanga gandaatti diriire kana, haala barbaadamuun gorsa kenna tajaajila ekisteenshinii akka kennu humna namaa fi loojistikii gahaa guutudhaan humni raawwii qonnaan bulaa bara baraan akka guddatu gochuu.

  • Humna misooma jallisii kan ta`an qorannoo qonnaa, qaama keenna tajaajila ekisteenshinii kennuu(ATMJO, BQO, EBWHG, BDMG fi kkf) qonnaan bulaa fi abbootii qabeenyaa waliin qindaa`udhaan, misooma kana akka gaggeessan gochuu.

  • Hudhaalee ilaalchaa fi dandeetti naannoo kana jiru hiikudhaan qonnaan bulaan gurmaa'insa isaa cimsuun hojii kana akka gaggeessu gochuuf kenni tajaajila ekisteenshinii keenyaa gurmaa'insa kanaan akka deeggaramutti hojjachuu.

  • Filannoo midhaanota sona guddaa /high value/qaban filachuudhaan bu`a qabeessummaa isaanii qonnaan bulaan akka hubatu gochuudhaan fedhii keessatti uumnee, misooma kana keessa akka galu gochuu.

  • Fedhii gabaa adda baasuudhaan, midhaan filatamaa fedhii gabaa waliin deemu erga adda baasnee booda,qonnaan bulaan kana irratti hundaa`e mal akka misoomsu gorsa kenna tajaajila ekisteenshinii kennuu.

  • Amala agroo-ikooloojii naannnoo naannoo irratti hundaa`udhaan,akkaatuma qilleensa sanaatiin sagantaa dhaabbii midhaanota/ localized cropping calander/qopheessudhaan hojii irra oolchuu.

  • Sirna dhiyeessii seera qabeessa fi too`atamaa ta`ee diriire, ittigalli qulqullina qabuu fi Oomisha sadarkaa fedhii xiinxalameen Oomishsiisuu danda`u akka dhiyaatu qaama ilaalu waliin haalan hojjachu.

  • Mala qonnaa, guutuu ta`e/ full agronomic package/ hojii irra oolchudhaan Oomisha fedhii maamilaa guutuu danda`u Oomishuudhaan, gabaa Oomisha misooma jallisii babal'isuu.

  • Teeknoloojii qisaasama Oomishaa xiqqessan,teeknoloojiiwwan ammayyaa sassabbii Oomishaaf oolan,mana kuusaa fooyya'oo babal'isuu fi beeksisuu,

  • Godinaalee koridarii misoomatii fi ikoloojitiin adda baasudhaan teeknoloojii mana kuusaa qabanaawaa /Ventileted storage/ akka hojjatamu gochuu.

  • Investaroota kuduraalee fi muduraalee alatti ergan bu`uura misooma calala geejiba qabanaawaa/cold chain transport/ qaban waliin qonnaan bultoonni misooma kana irratti hirmaatan haala "out grower"n walitti hidhaman akka hojjatan gochuu;

  • Qonnan bultooni omishaa argatan irratti sona dabaluudhan akka agroo-proosiining keessa galan gochuu;

  • Iddoo Gurgurtaaf oolu naannoo karaa /road side shed/Oomishii kun ittiin gurguramu hojjachuu.

  • Qaamolee teeknoloojii maddisiisan, Oomishan, dhiyeessanii fi raabsan waliin qindoominaan hojjachuu.

  • Oomishnii misooma jallisii adeemsa keessa babal'achaa waan deemuf Oomishnii kun itti gala industirii ta`uun isaa hin hafu. Kanaafuu, carraan "agro procesing" akka jiru xiinxaluudhaan, qaamolee abbaa qabeenyaa simatan waliin qindaa`udhaan hojjachuu.

  • Godinaalee fi aanaalee pooteenshaala Oomisha kuduraalee fi muduraalee qaban adda baasudhaan jiddugaleessa walitti hidhamiinsaa uumuu. Fakkeenyaaf, Godinaalee harargee lamaan, Magaalaa hararii fi dirreedawaa, Adaamaa, naannawa shawaa bahaa fi arsii lamaan, finfinneen godinaalee shawaa keessa jiranii fi GAONF, Magaalaan naqamtee fi Gimbii Godinaalee wallaggaatiif, Magaalaan jimmaa, godina I/A/Booraatii fi godina Jimmaa, Godinaalee Gujii , Boorana, Baale, Arsii lixaa magaalaa shaashamannee akka tajaajilanitti walitti hidhamiinsa gabaa uumuu.

  • Walitti hidhamiinsa gabaa xixiqqaa naannoo uumuu, keessattuu qonnaan bulaa Oomishu, dargaggoo fi dubartoota daldala kuduraa fi muduraa irratti hirmaatan, waldaalee shamattootaa akkasumas,"agro processing" xixiqqaa fi jiddu gleessa waliin walitti hidhamiinsa uumuudhaan fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu.

  • Odeeffannoon gabaa qonnaan bulaa bira haalaan akka qaqqabuu fi qonnaan bulaan odeeffannoo kana bu`uura godhatee, Oomisha sadarkaa fedhii maamilaa guutu akka Oomishu gochuu

  • Iddoo beeksisaa, Oomisha kuduraalee fi muduraalee qonnaan bulaa kan akka baazaarii, simpooziyeemii fi egzibiishinii, qopheesuun sadarkaa fi hanga Oomisha kana beeksisuun gabaa isaa babal`isuu.

  • Xiinxalli haala hudhaaleen kun misooma irratti dhibbaa geessisan ragaa isaa funaanuu, adda baasuu fi xiinxaluudhaan hika itti kennuun, dookimantii leenjii qopheessuu.

  • Hudhaaleewwan adeemsa raawwii keenyaa keessatti nu qunnaman adda baasanii sadarkeessudhaan, rakkoon kun maali? ka`uumsi rakkoo kanaa maali? miidhaan guddina keenya irratti qabu maali? Falli hudhaaleen kun ittiin hiikaman maal akka ta`e, adda baasudhaan dokimantii leenjii qopheessuu.

  • Raayyan misoomaa hojii misooma jallisii keessatti karoora keenya galmaan gahuuf baay'ee barbaachisaadha. Kanaafuu, raayyan keenya ciminaan hojii kana akka cimsuuf ofiifis adeemsa raawwii kana keessa akka cimu hojimaata isaa irratti hubannoo kennuuf ni hojjatama.

  • Hojileewwan hojjataman hundi isaanii , akkuma amala isaanitti boqqonnaa boqqonnaan akka hojjataman gochuun ni hordofna.

  • Dandeetti raawwannaa qonnaan bulaa ol-guddisuuf akka gargaaran bakka gochaan baratu kan akka maasii qonnaan bulaa modeelaaf wiirtuu leenjii qonnaan bulaa irratti hojiin agarsiistuu bu`uura muuxannoo gaarii babal`isuuf nu tajaajilu qopheessuun irratti hojjachuu.

  • Tajaajila gorsa ekisteenshinii karaaICTn(8028) kennamuu jal-qabe bl'innaan itti deemuu.

  • Hoggantoota, ogeessota, HMH fi qonnaan/Ho/ bulaa leenjiif orenteeshinii boqonnaa boqqonnaan kennuun, hubannoo isaanii fi dandeettii raawwwachiisummaa ol-guddisuu.

  • Itti fayyadamni xaa’oo bara baraan akka daraan guddachaa deemu gochuuf dursanii diinagdummaa inni fidu /economic analysis/ gaggessudhaan fedhiin akka uumamu gochuu fi fedhii uumame qindeessudhaan qaamolee dhiyeessan yeroon beeksisuudhan hanga, qulqullina, yero,iddoo akka dhiyaatuuf barbaadanitti akka dhiyaatee itti fayyadamaan haalota dandeessisan hunda mijeessuu,

  • Dhaabbilee sanyiifilatamaa boqqolloo Oomishanii dhiyeessan waliin qindoominaan hojjechuudhaan, hanqina dhiyeessii sanyii misooma jallisiif ooluu furaa deemuu.

  • Qonnaan bultootni rakkoo faayinaansii galteewwan ittiin bitatan isaan mudachuu danda’u dursanii ulaagadhaan adda baasuudhaan, haalaa liqaa ittiin argatan mijeessuu,

  • Godinaalee fi aanaalee hunda keessatti sagantaa Oomishaa /localized cropping calendar/ akka qopheessanii qonnaan bulaa biratti hubannoo uumudhaan hojiirra akka oolchan gochuu,

  • Biqiltuun faca’e Oomisha gaarii akka kennu hojimaata qonna fooyya’aa /improved agronomic practice/ akka hojii irra oolchan gochuu fi paakeejii qophaa’e irratti hubannoo guutuu uumuu,

  • Aramaa, ilbiisotaa fi dhibee qunnaman durasanii too’annoo gaggessuudhaan adda baasuu fi mala ittisa isaaniis dursanii beeksisuudhaan miidhaa gama kanaan gahuu danda’u xiqqessuu /hambisuu/,

  • Dhaabbilee sanyii filatamaa midhaan dheedhii oomishuun dhiyeessan waliin qindoominaan hojjechudhaan hanqina dhiyeessii sanyii misooma jallisiif oolu furaa deemuu,

  • Qonnaan bulaan xaa’oo lubbu qabeeyyii /Bio-fertilizer/bitee akka itti fayyadamu gochuudhan Oomishnni gama kanaan argamu akka guddatu gochuu,

  • Aramaa, ilbiisotaa fi dhibee qunnaman tooftaa adda addaa keemikaala dabalatee fayyadamuun too’achuu

  • Oomisha gahe yeroon sassaabanii dhahuudhan, qisaasama Oomisha boodaa gadi xiqqessuu,

  • Hanga sanyiin bu’uuraa argametti ,sanyii filatamaa dhaabbilee sanyii Oomishanii fi yuniyeenota waliin qinda’udhaan, qonnaan bulaan akka Oomishan haalota dandeessisan mijeessudhaan fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu

  • Muuxannoo gaggarii qindeessudhaan tooftaa babal’isuu, diriirsuudhaan hojii irra oolchuu

  • Hanqina sanyii kuduraalee fi rakkoo dhiyeessii isaan keessatti muudatu bu’uuraan hiikuuf dhaabbilee sanyii kana Oomishan, dhiyeessanii fi raabsan waliin qindoominaan hojjechuu,

  • Dhaabbileen qorannoo qoonaa sanyii bu’uuraa /basic seed/ qonnaan bulaa fi dargaggota hojii kana irratti gurmaa’aniif akka dhiyeessanii fi hojii sanyii baay’isuu keessa akka galan haaloota dandeessisan diriirsudhaan rakkoo dhiyeessii bara baraan hiikaa deemuu,

  • Itti fayyadamni xaa'oo haala paakeejii taa’een akka raawwatu gochuuf diinagdummaa isaa irratti hubannoo guutuu qabatanii akka itti fayyadaman leenjii fi baruumsa wal irraa hin cinne qonnaan bulaaf kennuu,

  • Kunuunsi fi qabiinsi biqilootaaf godhamu haala paakeejii irra taa’een, akka raawwatamu gochuuf kenninsa tajaajila ekisteenshinii qonna jallisii sadarkaa gandaatti akka xiyyeeffannoon kennamu hojjechuu

  • Hojii agarsiisaa, maasii qonnaan bulaa fi FTC keessatti gaggeessudhaan qonnaan bultoonni akka irraa baratan taasisuu

  • Aramaa, ilbiisotaa fi dhibee qunnaman tooftaa adda addaa keemikaala dabalatee fayyadamuun too’achuu

  • Itti-fayyadama bishaanii maasii irratti jiru /On farm water management/ fooyyessuu,

  • Muuxannoo gaggaarii qindeessudhaan tooftaa babal’isuu diriirsuudhaan hojii irra oolchuu

  • Dhaabbileen qorannoo qoonaa ,sanyii bu’uuraa /basic seed/ qonnaan bulaa fi dargaggoota hojii kana irratti gurmaa’aniif akka dhiyeessanii fi hojii sanyii baay’isuu keessa akka galan haaloota dandeessisan diriirsudhaan rakkoo dhiyeessii bara baraan hiikaa deemuu,

  • Hanqina sanyii moosee hiikuuf sadarkaa qonnaan bulaatti sanyii baay’atee fi qulqullinni isaa ulaagaa qulqullinaa sadarkaan labsame /Quality declared seed/ eegee akka Oomishamee dhiyaatu gochuu,

  • Dhiyeessi ciccitaa maxaaxishaa, goodarree fi kanneen biro hiikuuf qonnaan bulaan buufata xixiqqaa akka /maasa "multiplication nursery"/ qabaatuu fi baay’isee itti fayyadamu dursanii hojiin agarsiisani maasii qonnaan bulaa fi FTC keessatti akka gaggeeffamuu fi qonnaan bulaanis achirraa baratee, hojii keessa akka galu ni taasifama,

  • Itti fayyadamni xaa'oo haala paakeejii taa’een akka raawwatu gochuuf diinagdummaa isaa irratti hubannoo guutuu qabatanii akka itti fayyadaman leenjii fi baruumsa wal irraa hin cinne qonnaan bulaaf kennuu,

  • Kunuunsi fi qabiinsi biqilootaaf godhamu haalaa paakeejii irra taa’een akka raawwatamu gochuuf kenninsa tajaajila ekisteenshinii qonna jallisii sadarkaa gandaatti akka xiyyeeffannoon kennamu hojjechuu

  • Aramaa, ilbiisotaa fi dhibee qunnaman tooftaa adda addaa keemikaala dabalatee fayyadamuun too’achuu

  • Itti fayyadama bishaanii maasii irratti jiru /On farm water management/ akka fooyya’u hubannoo kennuu fi hojiin agarsiisuun barsiisuu,

  • Muuxannoo gaggaarii qindeessudhaan tooftaa babal’isuus diriirsudhaan hojii irra oolchuu

  • Hanqina biqiltuu diqaalomaa qulqullinni isaa eegame hiikuuf buufanni biqiltuu sagantaa guddina qonnaatin dargaggoota gurma’aniif banamee humna guutuun akka hojii keessa galu ni taasifama.

  • Intarpirayizoonni biqiltuu muduraa baay’isan irratti naannoo magaalatti hojii keessa galanii jiran hubannoon isaanii akka guddatuu fi dhiyeessii qulqullina qabu gatii haqa qabeessa ta’een ,akka dhi’eessan gochuuf qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjechuu,

  • Fedhiin misooma kuduraalee iddoo hundatti haala agro ikooloojii isaanitiin akka uumamuu fi diinagdummaa isaanii irratti hubannoo gahaa uumuu

  • Sirna kenniinsa tajaajila ekisteenshinii qonna jallisii keessatti muduraaleen xiyyeeffannoo guddaa akka argatan gochuudhan, hubannoo gama itti fayyadamaatis ol guddisuu,

  • Hojii misooma sululaatiin waliin qindaa’ee hojiin misooma muduraa gaggeffamaa ture akka babal’atu xiyyeefannoo guddaa kennuun hojjechuu,

  • Kunuunsi biqiloota kanaaf godhamu akka fooyya’u ,keessattuu kompoostii fi dikee jala naquun xaa’oomsuu, damee qoruu, leenjisuu, fi kkf yeroo itti raawwatu eeganii kaalandariin akka raawwatu gochuu,

  • Aramaa, ilbiisotaa fi dhibee qunnaman tooftaa adda addaa keemikaala dabalatee fayyadamuun too’achuu

  • Itti-fayyadama bishaanii, maasii irratti jiru /On farm water management/ akka fooyya’u hubannoo kennuu fi hojiin agarsiisuun barsiisuu,

  • Muuxannoo gaggarii qindeessudhaan tooftaa babal’isuus diriirsuudhaan hojii irra oolchuu

  • sakataa’insi (assessment) qabeenya bishaani fi lafa yaa’a lagaa (river basin )irratti hundaa’udhan yaa’a lagaa akka Oromiyaatti jiran 7 (torba) keessatti ni gaggefamaa.

  • Qorannoowwan yeroo darbee(master plan studies on the river basin), itti fayyadamaa lafaa, fi qorannoowwan fayidaa qabankan biroo naannoo keenya keessatti gaggeefama turan walitti qabuu fi gadii fageenyaan xiinxaluu haala hojii keenyaaf toluun gurmeessu.

  • Ragaa jalqabaa fi ragaa sadarkaa lammaffaa(primary and secondary data) haala biyyoo,haala bu’uralee misooma jallisii yeroo ammaa, haala hawaasafi diinagdee fi haala karoora fuula dura qabeenya bishani irraa fi kan biroo dhaabilee dhimmi ilaalu kan mootummaa fi dhuunfaa irraa walitti ni qabamaa.

  • Dirree irratti bobba’uun ragaawwan barbaachisoo ta’an haala sayiinsawaa ta’en funaanudhaan milkaa’ina hojiitiif akka tolutti ni gurmaa’a.

  • Soofti Weerii/Software/ adda addaa irraa ragaa walitti qabachuudhan galtee akka ta’uu ni taasifamaa.

  • Caasaan keenyaa sadarkaa hundatti humna muuxannoo fi gahuumsa qabanini fi ogummaa injinaraa qabaniin (engineering) akka guutamuu gochu.

  • Hawaasni bal’aan abbaa dhimmaa ta’ee fi piroojektichaa irraa kallattiin fayyadamaa ta’e qorannoofi dizayii irraa kaasee akka hirmatuu gochuu.

  • Dokumeentiipaakeejji dhiyeessaa bishaan jallisii qopheessudhan hanga gandaatti akka rabsamuu gochudhan.

  • Dookumenttii paakejii dhiyeessa bishaan jallisii irratti leenjii hubannoo cimsuu caasaa keenya sadarkaa jiru fi qonnaan bulaaf kennuudhan humna raawwachiisummaa cimsuu hojiitti galchuu.

  • Ijarsa rayyaa misooma sadarkaa hundatti jiru ijaarudhaan ilaalchota dogongoraa irratti akka duulu gochudhaan sosochii bal’aa uumudhaan hojii qabatamaatti galchuu.

  • Dhimma filannoo bishaanii qonnaan bulaaf uumuun ajandaa hoggansa hundaa akka ta’u irratti hojechuu.

  • Teeknolojii dhiyessa bishaan jallisiitiif gargaaran (paampii,tridle pump,rope and washer, geo-memebren fi kkf )qonnan bulaaf dhiyeessu bal’inaan akka itti fayyadamuu taasisuu.

  • Dhaabbilee hawaasaa(public enterprise) OWWDSE,WWDSE,fi kkf wajjinwalitti dhufeenyaan hojeechudhaan piroojektoota gama isaaniitin ijaaraman yeroo ka’amee fi qulquliinaan akka rawwatan taasisuu.

  • Dhaabbilee mit-mootummaa hojii misooma jallisii keessatti boba’ani jiran qindeessudhan qabeenyi isaan bira jiru hojii ijaarsaa pirojektootaatiif akka oolu gochu.

  • Hirmaanna abbootti qabeenya hojii qorannoo fi dizayinii piroojektoota misooma jallisii keessatti dabaluu.

  • Madda fayiinansii gara garaa (mootummaa, AGP,IFAD,ummataa fi kan biro) hojii geggeeffamuuf baajata gaha akka ramadaan taasisuu.

  • Caasaan keenyaa sadarkaa hundatti humna ogeessa mooxannoo fi gahuumsa qabuun akka guutamuu gochu.

  • Humna raawwachiisummaa kontiraaktaroota hojii ijaarsa misooma jallisii keessatti boba’anii argamaan cimsuu. Kana malees kan hojii isaanii haala gariin raawwatan jajjabeessu fi kan rakkoo adda addaa qabaan adeemsaan dhabamsiisaa deemudhan miiraa wal-dorgommi isaan giddutti uumaa deemu.

  • Hawaasni bal’aan abbaa dhimmaa ta’ee fi piroojektichaa irraa kallatiin fayyadamaa ta’e humnaa fi maallaqa isaatiin akka hirmaatu gochuu.

  • Dhaabbilee mit-mootummaa hojii misooma jallisii keessatti boba’anii jiran qindeessudhan qabeenya isaan bira jiru hojii ijaarsaa pirojektootaatiif akka oolu gochuu.

  • Dhaabbilee hawaasaa(public enterprise) OWWWCE, OWWDSE,fi kkf wajjinwalitti dhufeenyaan hojeechudhaan piroojetoota gama isaanitiin ijaaraman yeroo ka’amee fi qulqulinaan akka rawwatan taasisuu.

  • Hirmaanna abbootti qabeenya hojii qorannoo fi dizayinii piroojectoota misooma jallisi keessatti dabaluu.

  • Walharkaa fuudhinsa pirojektoota akkaataa dizayinii isaanitiin hojjetamanii raawachhuu issanii mirkaneefachuudhan walharkaa fuudhinsa gaggeesa.

  • Iskiimota wal-harkaa fuudhinsi isaanii gaggeefame walddaan iitti fayadama bishanii gurmaa’aniif hubannoo kennuudhan haala abbaummaan qabeenyummaa itti dhaga’amuun/sense of ownership/ akka ittifayadaman taasisuu.

  • Iskiimota/pampiiwwan hojii keessatti miidhaan irra gahe hawaasni dhiyeenyatti akka sakata’uu fi sadarkaa isaanitti kan suphamuu danda’an akka suphan taasisuudhan, akkasumas iskiimota humna uumataa tii olta’an qarshii opreeshinii fi suphaa hawaasa walitti qabeen fi baajata mootummaan ramaduun suphuudhaan hojiitti akka galan gochuu.

  • Bulchiinsa/management/ bishanii akka cimu taasisuudhan itti faayadamtootiin bishaan jallisii sagantaadhaan akka haala itti fufiinsa qabuun tajaajila argatan taasisuu.

  • Inventarii iskiimotaa waggaatti yoo xiqaate al-tokko geggeessudhaan raga iskiimotaa guutuu ta’eefi qulqulinna qabu qindeessuu.

  • Leejiif huubannoo wal-irraa hin ciccinne sadarkaa sadarkaadhan kennuu

  • Tarsiimoo, imaamataa , Labsii Misooma jallisii,muxxaanoo gaarii hojii misooma jallisii keessattii galma`an irrattii hubannoo gahaa qonnan bulaaf keenuu,

  • Gurmaa’insa raayyaa akka qabatamaan hojii irra oolu qaamoole adda addaa waliin qindaa’anii hojimaaticha lafa qabsiisuudhaan (Mootumaa, Dhaaba, Ummata) hojjechuu.

  • Waggaa waggaadhan Q/Bultoonii hojii jallisii irrattii akka hirmaachu danda’an hoji hubbanoo ummudhaan waligaltee irra gahu dhaan,

  • Seektaroota qindoomina waliin qindaa’udhaan akka faayidaan misooma jallisii gama hundaan hubanno argatu taasiisudhan kan hojjatamu ta’a.

  • Fayyadamuummaan uumataa damee diinagdee kanaan akka mirkanaa`u sirnii gabaa omishaa misooma kana seeran akka buluu gochuu.

  • Humna raawwachiasummaa caasaa keenya sadarkaan jiranii fi hojii ijaarsa keessatti gahe qaban cimsuudhan gahea isaan irraa eegamu akka bahan gochudhan.

  • Sirna deegarsaa fi hordoffii wal irraa hin sadarkaa sadarkaadhan akka gaggeefamu taasisuu




          1. Misoomaa fi eegumsa Fayyaa Beelladaa

Galma Tarsiima’aa 1. Misooma Beelladaa Geggeessuu

Galma1. Fooyya'insa sanyii beeyladaa

  • Maniiwwan

  • Baay’ina loon sanyii fooyya'oo sagantaa adda addaa fayyadamuun kan bara 2007 kuma 351.829 ture dhumaa waggaa shanitti gara mil 1.306 ol guddisuu

  • Gahumsaa rimaa qabsiisuu Teknishanootaa AI bara 2007 tti %40 ture dhumaa waggaa shanitti gara %75 ol guddisuu

  • Gahumsaa rimaa qabsiisuu tekinshanii AI (conception rate) bara 2007 tti %40 ture xumuraa karoora waggaa shanittii gara %70 fooyyessuu

  • Deddeebii diqalomsaa Teknishanootaa AI (field AI Efficiency) bara 2007 tti 2.7 ture xumuraa karoora waggaa shanittii gara 2.0 fooyyessuu

  • Dhiheessii lukkuu sanyii fooyya’aa (hybrids) bara 2007 tti kuma 462 ture bara 2012tti gara mill 16.56 tti olii guddisuun qonnaan bulaa kuma 828 (dhi, kuma 414 fi dubartii, kuma 414) fayyadamaa tasiisuu

  • Dhiheessii cuucii umurii guyyaa tokkoo bara 2007tti kuma 350 ture bara 2012tti gara miliyoona 20.7 tti olii guddisuun qonaan bulaa kuma 414 (dhi, kuma 207 fi dubartii,kuma 207) fayyadamaa tasiisuu

  • Dhiyessii sanyii kormaa fi nitrojiinii dhangalaa bara 2007 duradubaan dozii kuma 513 fi lit kuma 93 ture bara baran giddugaalesan 15 % fi 30% duraa dubaan dabaluun bara 2012 tti dozii mill 1.998 fi lit. Kuma 344 tti olii guddisuun loon tajaajila mala namaan rimaa qabsisuu argatan bara 2007tti kuma 327.399 ture bara baran gidugaalesan 25% dabaluun dhuma waggaa shaniitti loon kuma 999.142 tajaajilaa kanaan akka fooyya'an tasiisuun qonnaan bulaa kuma 658.516(dhi,329.257 fi dubartii,329,259) fayyadamaa ni ta'uu

  • Gahumsa takenishanoota mala namaan rimaa qabsisuu fooyyessuun jabbilee dhalatan bara 2007 kuma 46.855 ture dhumaa karooraa waggaa shanittii gara kuma 499.571 ol guddisuu

Galma 2. Oomishtummaa beeyladaa guddisuu
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin