Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə16/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19

Maniiwwan

  • Omishtummaa loon aannanii sanyii naannoo kunuunsaman, (Lit/ Sa’a/Guyyaa) bara 2007 tti 1.44 ture gidduugalessan dhuma karoora waggaa shanii irratti 2.89 ti olguddisuu

  • Omishtummaa loon aannanii sanyii foyya’aa ( Lit/ Sa’a/ Guyyaa) bara 2007 tti 9 ture gidduugalessan dhuma karoora waggaa shanii irratti 12 tti olguddisuu

  • Loon aannanii sanyii naannoo kunuunsaman yeroo elmaa keessaa turan fi omishaa anaanii kennan haala paakeejiin kunuusa isaanii fooyyessuun bara 2007 tti duraa dubaan guyyaa elmaa 180 fi anaanii argamuu litra 259 ture giddugalessan guyaa elmaa gara 270 fi omishnii anaanii argamuu litra 781 tti ol guddisuu,

  • Loon Aannanii sanyii fooyya’aa yeroo elmaa keessa turanii fi omishaa annanii kennan halaa paakeejiin kunusa isaanii fooyyessuun bara 2007tti duraa dubaan guyyaa elmaa 210 fi annaanii argamuu litra 1890 ture giduugalessan guyaa elmaa gara 305 fi omishnii anaanii argamuu lit.3,660 tti ol guddisuu

  • Omishtumaa foon Loonii (kg/Loon tokkoo), Holaa(kg/Holaa tokkoo) ,Re'ee(kg/Re'ee tokkoo) duraa dubaan bara 2007tti 110, 9 fi 8 ture giddugalessaan bara baraan 15% dabaluun bara 2012 tti dura dubaan gara 138,14 fi12 tti olii guddisuu

  • Omishtummaa Lukkuu sanyii naannoo (kille/ Lukkuu/Marsaa) fi Omishtummaa lukkuu sanyii foyya’aa (Killee/Lukkuu/Marsaa) bara 2007 dura dubaan 48 fi 192 ture giddugalessaan bara baran 15% dabaluun bara 2012 tti dura dubaan gara 88 fi 240tti ol guddisuu

  • Omishtummaa Gaagura Foyya’aa (Kg/Gaaguraa/marsaa),Omishtummaa Gaagura Ce’umsaa (Kg/Gaaguraa/marssaa) fiOmishtummaa Gaagura Aadaa (Kg/Gaaguraa/marssaa) bara 2007tti duraa dubaan 20,13 fi 7 ture giddugalessaan bara baraan 15% dabaluun bara 2012 tti dura dubaan gara 40,26 fi 10tti ol guddisuu;

Galma 3. Omishaa beeyladaa guddisuu

  • Maniiwwan

  • Omisha aannanii bara 2007 keessa Meetriik Toonii Miliyoona 1.33 ture woggaa –waggaa dhan 15% dabaluun waggaa shan booda gara Meetriik Toonii Miliyoona 5.817 ti ol guddisuun qonnaan bulaa Mill 3.772 (dhi mill,2.605 fi dubartii mill,1.167) fayyadamaa tasiisuu

  • Omisha foon loonii guddisuuf Loon mill 1.986 bara 2007 keessa gabbisuun gabaaf dhiiheessuu kan ture bara baraan15 % guddisuun dhuma waggaa shaniitti miliyoona 4.0 ol guddisuun qonaan bullaa mill 1.997 (dhiira kuma,998 fi dubartii kuma,998) fayyadamaa tasiisuu,

  • Akkasumas bara 2007 keessa baayina Hoolaa miliyoonaa 1.796 kan ture bara baraan 15% guddisuun dhuma waggaa shaniitti miliyoona 3.6 ol guddisuun qonaan bullaa kuma 602 (dhi kuma,301 fi dubartii kuma,301) fayyadamaa tasiisuu fi baayina Re’ee kuma 53.684 kan ture bara baraan 15% guddisuun dhuma waggaa shaniitti miliyoona 1.92 ol guddisuun qonaan bullaa kuma 320 (dhi kuma,160 fi dubartii kuma,160) fayyadamaa tasiisuu dha.

  • Omisha killee bara 2007 keessa Miliyoona 422.5 omishame bara baraan15 % guddisuun dhuma waggaa shaniin booda gara miliyoona 1,270 ol guddisuun qonaan bulaa Mill 5.335 (dhi mill,2.675 fi dubartii mill,2.675) fayyadamaa tasiisuu

  • Omisha Dammaa bara 2007 keessa Meetriik Toonii 19,063 omishame bara baraan 15% guddisuun dhuma waggaa shaniin booda gara Meetriik Toonii 58,798 ol guddisuun qonaan bulaa mill 1.499 (dhi mill,1.129 fi dubartii kuma,370) fayyadamaa tasiisuu

  • Omisha callaa qurxummii bara 2007 keessa Kuntaala 121,495 omishame waggaa waggaan 15% gudisuun dhuma waggaa shaniin boodda gara Kuntaala 244,370 ol guddisuun;

  • Omishaa jirbii ramoo harii qonaan bultootaa kuma 6 (dhi.kuma 3 fi dubartii kuma 3) hirmachisuun dhumaa karoora waggaa shanii irratti omishaa kuntalaa 125 akka omishamuu tasiisuuf ni hojetamaa.

Galma Tarsiima’aa 2. Misoomaa fi Foya'iinsaa Nyaata beeyladaa

  • Maniiwwan

  • Lafa dheedumsa daangessuu fi kunuunsuu bara 2007 Hek.642 ture hojii misoomaa sululaa waliin qindesuun bara bara 15% guddisuun bara dhuma karoorichaa irratti hek.1,292 tti ol guddisuun qonaan bullaa mill 2.630 (dhi mill 2.158 fi dubartii kuma 472) fayyadamaa tasiisuu

  • Lafa dheedumsa daangeffame fi kunufamee irraa hokaa qopheessuun bara 2007 tonii mill 1.524 turee bara baraan lafaa dhedumsaa jiruu toftaa adda addaa fadamuun foyesuun bara dhumaa karoorichaa hokaa tonii miliyoona 3.06 omishamuun qonaan bulaa mill 2.26 (dhi mill,1.93 fi dubartii kuma,327) fayyadamaa tasiisuu

  • Tooftaa adda adda fayadamuun haftee midhaanii qabiyyee isaa foyyessuu bara 2007 tonii kuma 260 ture bara baraan 35% guddisuun qonaan bulaa kuma 522 (dhi kuma 418 fi dubartii kuma 104) hirmachisuun haftee midhanii tonii Miliyoona 1.162 qabiyee isaa foyesuun akka fayyadmaan ni ta'a.

  • Qixxaa molasisii fi Yuriyaa (multi-nutritional blocks (MNB)) qopheessuu bara 2007 toonii 20,000 ture bara baaraan 50% guddisuun dhumaa karoora waggaa shanittii gara tonii kuma 151.875 olii guddisuu qonaan bulaa kuma 151 (dhi kuma 121 fi dubartii kuma 30) fayyadamaa tasiisuu

  • Tarsimoo misoomaa nyaataa beeyladaa adda addaa fayyadamuun nyaata beeyiladaa foyya’aa misoomsu bara 2007 Hek kuma 123 ture bara baraan 15% guddisuun dhuma karoora waggaa shaniitti gara Hek kuma 247tti ol guddisuun qonaan bulaa miliyoona 1.049 (dhi kuma 670 fi dubartii kuma 379) fayyadamaa tasiisuu

  • Hojii misoomaa qabeenyaa umaamaa gageffamaa jiru kessaattii biqiltuwaan dhaabaman kessaa 50% nyaataa beeyladaa gosa adda addaa waan ta'eef bara 2007 dura dubaan Biqiltuu nyaata beeyladaa gosa adda addaa fi Ciccitaa marga arbaa mill 1,120 fi mill 220 kan dhaabatee yeroo ta'uu waggaa shanaan dhufuu kana keessas hojii kana bal’inaan ittifusiisuun dhuma bara karoorichaatti dura dubaan mill 2.253 fi mill 442 qonaan bulaa mill 4.22 (dhi mill 2.53 fi dubartii mill 1.69) hirmachisuun akka dhabatuu ni ta'a.


Galma Tarsiima’aa 3. Uwwisaa tajaajilaa Eegumsaa Fayyaa beeyldaa guddisuu fi to'anoo dhibee cimsuu

  • Maniiwwan

  • Dhyessii talaalaa gosa adda addaa bara 2007 dozii mill 45.94 ture bara baaraan dhyesii isaa 15% guddisuun dhuma waggaa shaniitti gara dozii mill 73.91 guddisuun uwwisa talaalii beeyladaa bara 2007 kessa duraa dubaan loon dhibbentaa 66 , Hoolaa 8, Re'ee 20, kotte dudda 40 ,Gaala 9 fi lukkuu 4 bara baraan dura dubaan dhibbeentaa 15, 30, 30, 15, 15 fi 60 guddisuun dhuma waggaa shaniitti gara dhibbeentaa 100, 68, 74, 80, 19 fi 45 tii walduraa dubaan ol guddisuu;

  • Uwwisa killinka egumsa fayyaa beeyladaa bara 2007 74% (motumaan 62% fi dhufaan 12%) turee bara baraan 15% (motumaa 5% fi dhufaan 20%) gudisuun dhuma waggaa shaniitti uwwisaa killinkaa egumsaa fayyaa beeyladaa gara 98% (motumaan 74% fi dhufaan 24%) ol guddisuun dhumaa karooraa waggaa shanii tti qonaan bultootaa Mill 4,144 (dhiira, Mill,3,729 fi Dubartii kuma 414,367) fayadamaa ni ta'uu.

  • Maallaqni bittaa qorichaa naana'aa (revolving fund) fayyadamuun qorichaa beeyladaa gosa adda addaa maxantuu qamaa keessaa, qamaa alaa, qorichaa dhibee adda addaa (antibotics),Itisaa fi To'anno titisaa Gamojii fi dhukkuba gandii fi kan biroo bara baaraan dhiyesii isaa 15% guddisuun qonaan bulaaf dhiheenyatti dhiyesuun keennisaa tajaajilaa killinkaa keessaa fooyyessuu.

  • Uwwisa Egumsa fayyaa beeyladaa, dhiyessii galtee beeyladaa fi qulqullina kenniinsa tajaajilaa kenyaa fooyyessuun duraa dubaan midhaan dhibee beeyladaa fi du’insa beeyladaa bara 2007 keessaa 60% fi 14.5% ture bara baraan 15% hirsuun dhuma waggaa shaniitti duraa dubaan 20% fi 6% gadii busuu;

  • Lafa Km2 78,000 shalagamu keessatti argama baayina Tisiisa gammojji 3.36% irra ture gara lafa Km2 7,602 fi 1.46% tti gadibuusuu;

  • Ittisaa Maxantuu Qamaa alaa (Hoolaa fi Re’ee) gadi bu'insaa dhukabaa Gogaa fi kallee (pervalence rate ) fi fudhatama dhabinsaa Gogaa fi kallee warshaa kessa hir’ate (rejection rate) bara 2007 duraa dubaan 78% fi 42% turee bara baraan 15% hirsuun dhuma waggaa shaniitti duraa dubaan 26% fi 25% gadii busuu;

  • Daldala seeraan alaa qorichaa, fi to'anoo Sochii beeyladaa seeran alaa duraa duubaan bara 2007tti 50% fi 5% turee bara baraan 15% hirsuu fi guddisuun dhumaa waggaa shanittii 10% fi 60%n gahuu

  • Callaa guddistuu/teekinooloojii sadrkaa qulqullinaa eeggatee dhihaataa ture bara 2007 tti %40 ture dhumaa waggaa shanittii 80%n gahuu

  • Humnaa dandettii raawwachisumaa giddugallessotaa labratorii egumssaa Fayyaa beeyladaa jiraan fi qorataa foonii cimsuun baay’ina qo’annoo fi qora’annoo (survey fi sarvelance) gaggeeffamee hojii irra oole fi Qoranoo Foonii gagesuu bara 2007 duraa dubaan 70% fi beeyladaa kuma 705.7 turee bara baraan giddugalessaan 15% fi 50% guddisuun dhumaa waggaa shanittii duraa dubaan qoranoo fi Qo'anoo 99% fi beeyladaa mana qalmaa kessattii qalmaan mill.5.358 tti ol guddisuu

  • Callaa guddistuu/teekinooloojii beeyladaa gosa adda addaa (Lukkuu, Gaguraa hamayaa, Nyaataa beeyladaa gosa adda addaa fi kkf) omishamuu irra kaasee hanga fayyadamtoota bira gahuttii qulqullummaan isaa sadrkaa sadrkaan to'achuun sadarkaa qulqullinaa isaa eeggatee bara 2007 40% dhiyaachaa ture bara baaraan to'anoo kenyaa 15% guddisuun dhumaa bara karoorichaa tti Callaa guddistuu/teekinooloojii beeyladaa 80% sadrkaa isaa eeggatee akka dhiyatuu ni ta'a.

Tarsiimoo Raawwii Hojii Missoomaa fi Eegumsa Fayyaa Beelladaa

  • Raayyaa Misoomaa fi raayyaa jijjiramaa siivil sarviisii cimsuu

  • Tajaajila mala namaan rimaa qabsiisuu kenamaa jiru babal’isuun qonaan bulaa bal’aa fayyadamaa tasiisuu;

  • Dhiyessii hojii kanaaf barbaachisan kan akka sanyii kormaa (semen) fi nitrojjin dhangala'aa sadrkaa naannootti babal’isuun fedhii fi dhiyessiin gamaa kanan jiruu akka wal madaalu taasisuu;

  • Tajaajila kanaa teknoolojii adda addan deeggaruun (oesterous synchronization) sanyiin loon naannoo yeroo gabaabaa kessatti akka bal’inaan foya'u taasiisuu;

  • Teknoolojii sex semen hojii irra olchun sala jabbii dhalatuu fedhii qonnaan bulaa milkeesuu

  • Teeknishaanota AI haraa barbaachisan waggaa waggaan leenjisuun caasaa jiru guutuu fi meeshaalee teeknikaa fi lojistikii tajaajila kanaaf barbaachisan guutuu;

  • Qonnaan bulaa adda duree ta’an filachuun leenjii tajaajila mala nammaan rimaa qabsiisuu irratti leenjisuun akka hojii kanarratti bobba'aan tasiisuu;

  • Gahumsa tekinshanoota AI hojii irraa jiranii yeroo yeroon sakatuun deegarsa barbaachisaa kennaa ademuu;

  • Sanyii loon biyya keessaa omisha garii kennaan filuun haala paakeejiin kunuunsuun omishtumaa fi omishinni isaanii akka dabalu taasisuu. Dabalataanis hojii qorannoo fooyya’insa sanyii loon naannoo keesumattu Loon sanyii Booranaa fi Horro” irratti gaggeessuuf G/G/Q/Q/Adaamii Tullu, G/G/ H/beeeyladaa Diida xuyyuraa fi Yuniversitii Wallaggaa waliin hojjetamaa jiruu cimsu.

  • Tekinishanoota kanissaa sadrkaa anaantii lenjisuun deegarsaa ogumaa barbachisuu akka kenaan tasiisuu;

  • Qonaann bulaa horsiisaa kanisaa irratti muuxannoo garii qaban addaan basuun muxannoo isaanii akka babal’isaaniif deegarsa kenuu;

  • Meshalee horsiisaa kannisaa sadrkaa hundaatti barbaachisan dhiyesuu;

  • Qaama gaagura ammayyaa qulqullinaan dhiyesuu danda'uu addaan basuun deegarsa ogummaa taasiisuun gaagurrii bay’inaa fi qulqulinaan akka dhiyatuu taasiisuu;

  • Qorannoo Kanisaa Hoolataa waliin ta'uun dhibee kannisaa murteessoo ta'an adda basuun haala ittisa isaa irrattii qonaan bulaaf leenjii kenuu;

  • Qabeenya uumaamaa misoomaa jiru kessati sanyii gosaa nyaata kannisaa filatamoo ta'aan (bee forages) misoomsuu;

  • Sadrkaa naannotti giddugalessaa to'annoo qulqullinaa dammaa kan gagessuu fi hayyama ragaa qulqullinaa kennu hundesuun carraa gabaa biyyaa umuu; fayaadamuumaa qonaan bulaa keenyaa akka mirkana’u taasisuu;

  • Qaamaa dhimmi ilaalu waliin ta'uun warshaa dammaa fi gagaa qonaan bulaa biraa sasabuun qindeessee gabaa biyya kessaa fi biyya alaaf dhiyessuu danda'uu hundesuu;

  • Gaagurri aadaa ammaa jiruu 50% ol gara gaagura ce'umsaatti akka jijjiramu taasisuun omishaa fi omishtumaan dammaa fi gagaa akka dachaan dabalu tasiisuu;

  • Teekinolojii horsiisa raammoo haarii qonnan bultoota biratti akka babalatu hubannoo uumuu

  • Nyaata raammoo haarii akka babalatu taasisuu

  • Dubatootni hojii kana kessatti akka hirmataniif hubannoo uumuu

  • Qonnaan bulaa, dargaggoo fi dubartoota hojii dhabeeyyii qindeessuun hojii kunuunsa fi misooma bosonaa gaggeefamaa jiru waliin qindomina uumuudhaan bosonaalee, gaarawwan tuttuqaa irraa bilisa ta’anii irrattii ijaruun akka hojii kanaattii boba'aan tasiisuu;

  • Deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta'e itti fufinsaan kenuu;

  • Qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun maddaa liqii fi oddefannoo gabaa kenuu;

  • Tarsiimoo adda addaa faayyadamuun nyaata beeyiladaa gosa adda addaa akka misoomu taasisuu

  • Margi uumamaa akka fooya'u ekisteenshinii isaa cimsuu

  • Marga uumamaa jiruu irraa kunuunfamee qonnan bultooni hookaa akka omishan taasisuu

  • Saayileejjii marga uumamaa omishamu irraa % 5 akka qophaa'u taasisuu

  • Qindoomni Misooma qabeenya uumamaa waliin jiru cimsuun biqiltuu nyaata beeyiladaa gosa adda addaa %50 ol ta'u sulula keessatti akka misoomu taasisuu fi lafti xuxuqqaa irraa bilisa ta'e(Area closure) irratti nyaatni beeyiladaa akka misoomu taasisu

  • Madda nyaata beeyladaa kan ta’an keessaa haftee midhaanii yeroon sasabuun qabiyyeen isaanii fooyya’ee akka fayyadaarra oolu xiyefanoon ni hojetamaa. Hafteen warshaa madda nyaataa ta'us sadarkaa barbaadamuun babal’isuuf ittifayyadama haftee agro-industry fi haftee warshaa, horsiistota barsiisuu irratti akka xiyyeefatamu ni ta'a;

  • Haftee ”agro-industry” kan akka fiixee agadaa shonkooraa fi molassasi, cuunfaa midhaan baquu, fi kkf tti akka gargaaraman barsiisuu;

  • Haftee midhanii tarsimoo adda addaa fayadamuun qabiyyee isaa fooyeessuu

  • Qonnan bultooni lafa qaba irraa yoo xiqqaatee Hek 1/4 nyaataa beeyiladaa fooyyaa'oo akka irratti misoomsee akka fayyadamu taasisuu

  • Nyaata gosa adda addaa waliin makuun haala beeyilada nyaachisuu irratti hubannoo uumuu;

  • Faayidaa nyaata gosa adda addaa waliin makuu horsiistota barsiisuu fi qonnan bultoota fi dargaggotaa hojii dhabeeyyii gurmeessuun haala dhiyeessii isaa iddoo argamu mijeessuu.

  • Sirna dhiyeessii lukkuu sanyii fooyya’aa muuxannoo biyya kessaa fi alaa jiru qindeessuun fedhii fi dhiyssiin akka walisimu tasiisuu;

  • Giddugaleessa horsiisaa fi bay’isa lukkuu harka mootummaa jiran humni omisha isaanii akka guddatu taasisuu fi haaraas ijaaruun cuccii guyyaa tokko bay’inaan akka dhiyesaanii tasiisuu;

  • Giddugaleessa horsiisaa fi bay’isa lukkuu harka mootummaa jiran keessatti sanyiin lukkuu haadhoo biyya alaa irraa galchuun akka bay’atu tasiisuu(grand parent multiplication);

  • Sadarka aanaatti waldaa maaykroo cuuccii lukkuu guddisaan horachuun aanaan dhiheesiidhan akka ofi dandandaan taasiisu

  • Abbootii qabeenyaa, dhaabbilee madda callaa guddistuu lukkuu qaban wajiin qindominaan hojechuu;

  • Qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun qonaan bultoota, dargaagotaa fi dubartoota gareen ijaruun cuucii guyyaa tokko giddugaleessota keenyaa fi abbootii qabeenyaa jiran irraa fuudhanii guddisuun qonnaan bulaaf bal’inaan akka dhiyessan tasiisuu;

  • Sadarkaa naannoottii hanqinaa ilamaan qurxummii sanyii fooyya'oo qabnu wagoottan shanaan dhufu keessatti giddugalessaa horsiisaa fi bay’isa ilmaan qurxummii babalisuun qonnaa qurxummii sadarkaa qonaan bulaatti kessumattuu naannoo jallisiin babalachaa jirutuu babalisuu.

  • Haala facaatii yeroo fi bakkaa dhibee beeyiladaa (disease map) bu’ureffachuun hojii kenniinsa talaallii dhiibee beeyiladaa babal’isuu;

  • Tajaajila Eksteenshiinii Eegumsa fayyaa beeyiladaa lafa qabsiisuun hojii ittisaa fi to’annoo dhibee cimsuu;

  • Sadarkaa miidhaa hawaas-dinagdee isaan geessisan bu’ureffachuun dhibeewwan daddarboo beeyladaatiif tooftaa to’annoo fi ittisaa qopheessuun hojii irraa oolchuu;

  • Uwwisa kilinikii fi keellaawwan fayyaa beeyladaa babal’isuun, humna nama baratee fi meeshaalee hojiif barbaachisoo ta’aniin guutuun tajaajila eegumsa fayyaa hawaasa bal’aa akka qaqqabu taasisuu;

  • Istaandaardii qulqullina tajaajila E/Fayyaa beeyladaa irratti xiyyeeffachuun geeddaruumsa fiduu

  • Hojii kenniinsa tajaajila eegumsa fayyaa beeyiladaatiif dhimmoota galtee ta’an kan akka qorichaa, talaallii, keemikaaloota adda addaa tiin guutuun tajaajila gahaa akka kennan taasisu;

  • Gabaasa dhohiinsa dhibee beeyiladaa aanaalee fi godinaalee irraa funaanuu, xinxaaluu fi qaama dhimmi iaaluuf dabarsuu, raga walitti qabuun tarkanfiin akka fudhatamu taaisuu;

  • Qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun hojiiwwaan ittisaa fi to’annoo dhibee beeyiladaa, keessumattuu dhibeewwan daangaa cehan (Transboundry Animal Diseases) irratti xiyyeeffachuun hojjachuu;

  • Dhaabbilee fayyaa beeyladaa fi ga`umsa ogeessota irratti sadarkaa (standard) barbaachisu qorachuun mirkaneessu,

  • Tajaajila qorannoo foonii fi kuwarantinii fooyyeessuun tamsa’ina dhukkuba beeyladaa to’achhuf hojii irra oolchu:

  • Tajaajila qorannoo foonii fooyyessuu fi babal’isuun fayyaa namaa eeguu. Diizaayiinii manneen qalmaa gahumsa qabanii fi guddina magaalaa waliin deeman akka qophahan taasiisuun tajaajillii qorannoo foonii akka baballatu taaisuu;

  • Babal’ina dhibee beeyladaa to’achuuf hojii sochi beeyladaa fi kuwarantiinii ciminaan hojjachuu;

  • Daandii sochiin beeyladaa itti gaggeffamu qorachuun wirtuu kuwaraantiinii fi sakatta’insaa(quarantine and check point) dhaabuun sochii to’annoo beeyladaa jalqabuu, raga kennaman (kennamuuf barbaachisan) qopheessu.

  • Giddu galeessota laboratorii E/Fayyaa beeyladaa jajjabeessuu, fooyyeessuu, haarawaa ijaaruun hojiin qorannoo fi qo’annoo dhibee beeyiladaa (Disease diagnosis and Investigation) akka cimu taaisuu;

  • Tajaajila eegumsa fayyaa fi to’annoo beeyiladaa deeggaruuf hojichi akka lafa qabatu taasisuuf qaamolee fi seektaroota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjachuu;

  • Hirmaannaan kenniinsa tajaajila eegumsa fayyaa beeyiladaa dhuunfaa akka babbalatu taasisuu;

  • Rakkooleen loojistikii sadarkaa kiliiniikoota eegumsa fayyaa beeyiladaattii jiru akka hiikkatu qaamolee dhimmi iaalu waliin maria’chuun falli akka itti laatamu taaisuu;

  • Hojiiwwan ittisaa fi to’annoo titiisa gammoojjii fi dhibee gandii akkasumas maxantuu qaama alaa akka lafa qabatu hirmaannaa hawaasaa fi seektaroota cimsuu;

  • Dandeettii raawwachiisummaa sadarkaa adda addaa jiru cimsuun leenjiin eegumsa fayyaa fi to’annoo beeyiladaa haala itti fufiinsa qabuun akka kennamu taasisuu; bu’aa leenjii gamaaggamaa deemuu;

  • Hojii ittisaa fi to`anno dhibee beeyiladaa gaggeeffamaa jiru bu’aa maal akka fide yeroo yeroon hordofuu, gamaaggamuu, duub deebii kennuu fi hojii itti aanu keessatti akka galtee tokkootti fayyadamuu;

  • Waltajjiiwan marii karoora guddinaa fi transformeshinii lammaaffa irratii umaataa marisiisuun karoorichaa abbumaan akka gagesaan tasiisuu

  • Raayaan misoomaa sadarka sadarkaan jiruhojii mobilayzeeshinii ykn sosochii uummataatiin hojjetamu bifa ijaarameen akka raawwatamu taasisuu

  • Hojiiwwan misoomaa fi eegumsa fayyaa beeyiladaa hundi karaa hirmanaa uummataa fi haala hirmachisaa ta’een akka raawwatu taasisuu

  • Hojii Tarsiimoo Muxxannoo Gaarii babalisuu kallatti raayyattiin qindesuun sadarkaa sadrkaan dawwannaan diree walii irra barchuun ittifufinsaa akka qabatuu tasiisuu

          1. Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa

Galma Tarsiima’aa 1. Raanchii Hawaasaa Fooyyessa Sanyii Loon Naannoo Babal’isuu

Maniiwwan

  • Naannoon horsiisee bulaa misooma qabeenya beelladaa tiif mijataa dha. Loon harka hawaasa horsiisee bulaa jiran haala qilleensa rakkisaa, hanqina nyaataa fi bishaan naannichatti irra deddeebi’uun uumamu dandamachuun oomishaa fi oomishtummaa fooyya’aa kennaa jiru. Hawaasni horsiisee bulaa horsiisa loonii kana irratti waggoota dheeraaf beekumsaa fi muuxannoo qabuun horsiisee bu’uura jiruu fi jireenyaa taasifatee itti fayyadamaa jira. Kanaafuu muuxannoowwan kana dura jiran irratti hundaa’uu dhaan raanchii hawaasaa hundeeffame jajjabeessuu, haaraa hundeessuu, tuuta/waldaa gurmeessuu dhaan sanyii naannoo fooyya’aa filachuu, kunuunsa fi qabiinsa isaa itti fufinsaan fooyyessuu dhaan hawaasa hunda bira akka ga’u taasisuun KGT-II keessatti galma omishaa fi omishtummaa looni guddisuuf taa’ee milkeessuf akka galtee tokkootti fayyadamuuf karoorfamee jira.

  • Haaluma kanaan bara xumura 2007 raanchii hawaasaa lakkoofsaan 24 irra ture % 135 dabaluun bara xumura 2012tti lakkoofsa 57 irraan gahuuf karoorfamee jira. Bu’uuruma kanaan bara bara 2007 korommii lakkoofsan 11 ta’an raanchii keessaa galchuudhaan sa’a/raada 548 tajaajila kormaa kan argatanii turan 135% guddisuun bara 2007 korommii lakkoofsan 787 raanchii keessa galchuun raaddeen 39,330 ta’an tajaajila kormaa akka argatan karoorfamee jira. Akkasumas bara 2007 raanchii irraa abba warraa baayyinaan 40 ta’an tajaajila raachii hawaasaa argachaa turan 23% guddisuun bara 2012 abba warraa115 ta’an raanchii hawaasaa irraa fayyadamoo akka ta’n karoorfameera.



Galma Tarsiima’aa 2. Misooma Lafa Dheedumsaa

Hojiiwwan misooma Lafa Dheedumsaa fi Qabeenya Uumamaa KGT-I keessatti raawwataman irraa bu’aa fi muuxannoowwan gaggaarii argaaman akka galteetti fayyadamuu dhaan KGT-II milkeessuuf galmoowwan armaan gadii taa’anii jiru.



Galma 1. Hojiiwwan Misooma Sululaa Babal’isuu fi Cimsuu

  • Maniiwwan

  • Yaada rimee misooma sululaa naanoo horsiisee bulaa irratti hundaa’uu dhaan tokko tokkoo sululaaf dizzaayinii qopheessuu, carraa, rakkoowwan misoomaa fi humna namaa adda baasuu dhaan guutummaan guutuutti hirmaannaa uummaataa tiin akka raawwatamu ta’a. Raawwiin karoora hojii misooma suluulaa boqonnaa sadiitti qoodamee kan gaggeeffamu yoo ta’u; Boqonnaa qophii, boqonnaa raawwii fi boqonnaa xumuraati. Haaluma kanaan raawwii karoora waggootan arfan darban sulula 2480 irraa % 32 dhan guddisuun bara xumura karoora KGT- II sulula 3270 irraan ga’uuf karoorfamee jira.

  • Lafa tuttuqaa namaa fi beelladaa irraa daangeffamee akka bayyaannatu taasifame hektaara 2,480,000 irratti % 32n guddisuun bara xumura KGT-II irratti lafa hektaara 3,270,000 tuttuqaa namaa fi beelladaa irraa bilisa ta’ee ni bayyannata.

Galma 2. Oomishaa Lafa Dheedumsaa Guddisuu

  • Maniiwwan

  • Bal’inni lafa naannoo horsiisee bulaa heektara15,207,000(km2 152070) yoo ta’u, kana keessaa lafti %60 (heektara 9,124,200) ta’u lafa dheedumsaaf ni oola jedhamee tilmaamama.

  • Jiruu fi jireenyi hawaasa horsiisee bulaa kan irratti hundaa’e caalmaatti qabeenya beelladaa fi bu’aa beelladaa irratti yoo ta’u, maddi nyaata beelladaa kun bal’inaan kan argamu misooma lafa dheedumsaa irraati. Misooma lafa dheedumsaa fooyyessuu fi oomishaa fi oomishtummaa isaa akka dabalu taasisuuf hojiin ittisa miciree naannoo horsiisee bulaa keessatti humna uummataa tiin gaggeeffamaa haaturuyyu malee amala uumama micireen qabuu fi jijjiirama qilleensaa waliin walqabatee babal’inna miciree akkataa yaadameen ittisuu fi to’achuun hin danda’amne.Kana malees manca’insa lafa dheedumsaa, dheedumsa humnaa olii (over grazing) fi hanqina kunuunsa qabeenya lafa dheedumsaa irraa kan ka’een hawaasichi hanga fayyadamuu maluu irraa fayyadamaa hin taane.

  • Kanaafuu karoora guddinaa fi tiraansifoormeeshinii lammaffaa keessatti tekinooloojii adda addaa fayyadamuu, bu’aalee qorannoo sakatta’uu fi fayyadamuu, miciree faayidaa birootiif oolchuu dhaan oomishaa fi oomishtummaa lafa dheedumsaa guddisuun nyaata beelladaa baay’ina fi qulqullinaa qabu bonaa fi gannaa tajaajiluu danda’u oomishuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf xiyyeeffannoo adda itti kennamee hojjechuuf karoorfamee jira.

  • Haaluma kanaan lafa dheedumsaa misoomee bara xumura 2007tti hektaara 945,336 irra ture % 14 guddisuu dhaan bara xumura 2012tti hektaara 1,823,124 irraan ga’uuf karoorfameera. Oomishtummaa lafa dheedumsaa tekinooloojii fi galteewwan adda addaa fayyadamuu dhaan bara xumura 2007tti hektaara tokko irraa marga gogaa toonii 1.7 argamaa ture bara xumura 2012 tti hektaara tokko irraa toonii 2.5 argachuuf kan karoorfameera yoo ta’u hojiiwaan misooma lafa dheedumsaa gaggeessuun bara 2007 baayyina beeyladaa 728,073 ta’anii nyaata yeroo bonaa fi gannaa akka argatan toonii 2,038,604 kan oomishame ture 23% guddisuun bara 2012 toonii 5,703,490 oomishuun beeyladaa lakk 2,036,961 ta’an waggaa guutuu nyaata gahaa akka argatan karoorfameera.

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin