Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Galma 3. Kuusaa nyaata beeyladaa yeroo bonaa qopheessuu



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə17/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19

Galma 3. Kuusaa nyaata beeyladaa yeroo bonaa qopheessuu

  • Maniiwwan

  • Nannoo horsiisee bulaa keessatti tooftaa adda addaa itti fayyadamuun nyaata beelladaa gahaa fi qabiyyee (nutiritive value) isaa fooyya’aa ta’e qopheessuu fi misoomsuu dhaan oomishaa fi oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuu dhaan hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuu.

  • Haaluma kanaan Naannoo horsiisee bulaa keessatt nyaata beeyladaa yeroo bonaa/hongeef ta’u qopheessuun murteessaa waan ta’eef sadarkaa abba warratti, gandattii fi Aanaatti lafa dheedumsaa hek 673,800 ta’e irratti toonii 2,724,870 oomishame 23% guddisuun bara 2012tti lafa dheedumsaa he 976,290 ta’u misoomsuun toonii 5,562,736 oomishuun nyaata beeyladaa yeroo bonaa/hongee kuusuuf karoorfameera.

Galma 4. Hojiiwwan Tekinooloojiin Bishaan Cimmisuu Babbal’isuu

  • Maniiwwan

Rakkoo bishaan dhugaatii namaa fi beelladaa naannoo horsiisee bulaa keessatti jiru salphisuuf hojiiwwan pirojektoota bishaanii gurguddaa cinaatti hawaasni horsiisee bulaa ganda, olla fi sadarkaa abbaa warraatti baankii bishaanii akka qabaatuuf xiyyeefannoon itti kennamee ni hojjetama.

  • bara xumura 2007 hojiiwwan Haroo Maatii ijaaruu fi suphuu lakkoofsaan 7,398 irra ture % 15 dabaluun bara xumura 2012tti 14841 guddisuu;

  • haroo Uummataa ijaaruu fi suphuu lakkoofsaan 4,232 irra ture %35 dabaluun bara xumura 2012tti lakkoofsaan 18,677 irraan gahuu;

  • Boolla Harkaa lakkoofsaan 2,466 irra ture %6 dabaluun bara xumura 2012tti lakkoofsaan 3,256tti guddisuu;

  • Eela ijaaruu fi suphuu lakkoofsaan 5,633 irra ture %5 dabaluun bara xumura 2012tti lakkoofsaan 7,071guddisuu;

  • Lolaa dabsuu ijaaruu fi suphuu kilomeetiraan 78,781 irra ture %10 dabaluun bara xumura 2012tti lakkoofsaan 128,766 hojjechuuf karoorfamee jira.

Galma 5. Oomishaa fi oomishtummaa Bu’aa Bosonaa Guddisuu

  • Manii

Naannoo horsiisee bulaa keessatti hojiiwwan misoomaa hojjetaman keessaa tokko hojii oomishaa fi oomishtummaa bu’aa bosonaa guddisuun hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuu, sharafa biyya alaa argamsiisuu fi carraa hojii dubartootaa fi dargaggoota harka qalleeyyii ta’aniif uumuu keessatti ga’ee olaanaa qaba.

  • Bara xumura 2007 oomisha bu’aa bosonaa (Ixaana, Haphee fi Qumbii) kuntaala 9,962 irra ture %7 dabaluun bara xumura 2012tti kuntaala 14236 waliitti qabuuf karoorfamee jira.

Galma Tarsiima’aa 3. Dhiheessii Tajaajila Hawaasummaa Naannoo Horsiisee Bulaa Babal’isuu

  • Manii

  • Dhiheessii tajaajila hawaasummaa (Barnoota, Fayyaa, Bishaan, Daandii fi Gabaa kkf…) naannoo horsiisee bulaa keessatti kennamaa ture caalmaatti babal’isuu dhaan hawaasa fayyadamaa taasisuu fi rakkoo gama kanaan jiru hiikuuf KGT-II keessatti haala addummaa qilleensa fi jiruu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa irratti hundaa’uu dhaan istaandardii tajaajilaa fi diizaayinii ijaarsaa irratti hanqinaalee jiran sekterootaa fi deeggartoota misoomaa waliin ta’uu dhaan adda baasuun furuuf qindoominaan karoorsuu, raawwachuu fi to’achuun uwwisaa fi qulqullina dhiheessii tajaajila hawaasummaa guddisuuf bifa itti-gaafatamummaa fi gahee hojii sekteroota dhimmi ilaalu giddugaleessa tokkotti Boordiin akka ogganamu taasisuu dhaan xiyyeeffannoon addaa itti kennamee ni hojjetama.

  • Kanaafuu misooma naannoo horsiisee bulaa keessatti gaggeeffamu karaa guutuu ta’een galma yaadameef geessisuuf bishaan irratti xiyyeeffannoo addaa itti kennamee hojjechuun dhimma filannoo biraa hin qabne dha.

  • Bu’uurma kanaan rakkoo bishaanii hidda gadifageeffatee yeroo dheeraa dhaaf hawaasa horsiisee bulaa dararaa jiru kana bu’uuraan hiikuuf Master plaanii misooma bishaanii Hawaasa Lafa Dheedumsaa fi Beellada giddugaleessa godhate qopheessuun humnaa namaa fi meeshaalee bu’uura (doozera, iskaavaatera, konkolaattota fi maashineroota adda addaa barbaachisan) misoomaa mootummaa, deeggartoota misoomaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasa horsiisee bulaa harka jiran cimsuu fi guutuu dhaan hojii misooma bishaanii bal’inaan hojjechuun rakkoon bishaanii fala akka argatu taasisuun hawaasni horsiisee bulaa daran fayyadamaa akka ta’u KGT-II keessatti xiyyeeffannoon addaa itti kennamee ni hojjetama.

  • Ijaarsawwan Bu’uura misoomaa Haroo gurguddaa maashinaa lakkoofsaan 5 hojjetamee ture 25% guddisuun bara xumura 2012tti lakkoofsaan 15 hojjechuuf karoorfameera. Haaluma walfakkatuun KGT 2ffaa keessatti Keellaa Fayyaa beelladaa lakkoofsaan139, Laabiraatoorii EFB lakkoofsaan 2, Giddu galeessaa oomisha naayitroojinii dhangala’aa lakkoofsaan 3 Guddu galeessa horsiisee lukkuu lakk 2 ijaaruuf karoorfameera.

Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa

  • Raayyaa misoomaa fi sivil sarvisii cimsuun hojii misoomaa hunda raayyaa fi raayyaa qofaan hojjechuu

  • Ragaalee bu’uuraa barbaachisan sassaabuu, qindeessuu, xiinxaluun itti fayyadamuu/ qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu,

  • Yaad-rimee misooma sululaa irratti hundaa’uu dhaan hojii misooma lafa dheedumsaa fi qabeenya uumamaa gaggeessuu

  • Qajeelfama raawwii karooraa, manuwaalii leenjii fi paakeejiiwwan misooma lafa dheedumsaa fi qabeenya uumamaa qopheessuun hojii irra akka oolu taasisuu

  • Teeknooloojiiwwan adda addaa oomishaa fi oomishtummaa lafa dheedumsaa dabaluuf gargaaran duguuganii itii fayydamuu,

  • Miciree lafa dheedumsaa haala sodaachisaa ta’een babal’achaa jiru to’achuuf tekinooloojiiwwan kan akka “chain saw, Buldozer” fi kkf fayyadamuu.

  • Miciree lafa dheedumsaa bu’aa fi faayidaa adda addaa galii argamsiisuu danda’aniif akka oolan taasisuu

  • Nyaata beelladaa fooyya’aa tooftaa adda addaa itti fayyadamuun misoomsuu

  • Hambaa oomisha boodaa harcaatii tokko malee sassaabuu, qopheessuu fi kuusuu

  • Oomisha naannootti argamuu fi haftee warshaalee irraa nyaata beelladaa madaalawaa (concentrate) qopheessuu

  • Itti fayyadama lafa naannoo horsiisee bulaa sektera dhimmi ilaalu waliin ta’uun kan qoratame hojii irra oolchuu, kan hin qoratamne akka qoratamu taasisuu

  • Buufataalee biqiltuu gurguddoo keessatti sanyii margaa fi mukkeen faayidaa adda addaa qaban baay’isuu.

  • Lafa misooma bosonaa tiif ooluu danda’an sadarkaa aanaa fi gandaatti adda baasu, qopheessuu fi misoomsuu

  • Tekinooloojiiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii fi bishaan cimmisuu sakatta’uu fi hojii irra oolchuu

  • Bosona uumamaa fi namaan dhaabbatee jiru hawaasa hirmaachisuu dhaan misoomsuu, eeguu, kunuunsuu fi faayidaa irra oolchuu

  • Lafa misooma bu’aa bosonaa Ixaana, qumbii fi haphee tiif ooluu danda’an adda baasuu, daangessuu,kunuunsuu fi tekinooloojii oomisha bu’aa bosonaa guddisuu danda’an fayyadamuun oomisha qulqullina qabu gabaaf dhiheessuu.

  • Humna dandeettii raawwachiisummaa oggantootaa, ogeessotaa fi hawaasaa cimsuu.

  • Hojiiwwan misooma lafa dheedumsaa fi qabeenya uumamaa irratti harka qalleeyyii, hoji-maleeyyii, dargaggootaa fi dubartoota gurmeessuu dhaan fayyadamoo akka ta’an taasisuu

  • Qabeenya, humna namaa fi meeshaalee hojiif barbaachisan adda baasuu fi qindeessuun hojii irra akka oolu taasisuu.

  • Muxannoowwan gaggaarii misooma lafa dheedumsaa fi qabeenya uumamaa keessatti argamani sakatta’uu, adda baasuu fi qindeessuun al-tokkotti hawaasa horsiisee bulaa bira akka ga’u taasisuu.

  • Raanchiiwwan hawaasaa jiran cimsuu fi haaraa hundeessuun sanyii loon naannoo fooyyessuu

  • Paakeejii misooma qabeenya beelladaa harcaatii tokko malee hojii irra oolchuu

  • Giddugaleessa oomisha naayitroojinii dhangala’aa hundeessuun tajaajila mala nam-tolcheen loon rimeessuu (AI) fi tekinooloojii loon fedhii kormaa akka qabaatan taasisu (hormon synchronization) fayyadamuu fi babal’isuu

  • Qabinsa fi kunuunsa lukkuulee naannoo harka hawaasaa jiru fooyyessuu fi dhiheessii lukkuu fooyya’aa cimsuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii ol guddisuu fi gabaan walitti hidhuu

  • Qabinsaa fi kunuunsa gaagura aadaa harka hawaasaa jiru cimsuu, gaagura cehumsaa meeshaalee naannootti argaman irraa tolchuun baay’inaan itti fayyadamuu fi gaagura ammayyaa bal’inaan dhiheessuu

  • Hubannoo qabinsaa fi kunuunsa gogaa fi kal’ee hawaasaa guddisuu fi tekinooloojii misooma gogaa fi kal’ee fooyyeessan fayyadamuu

  • Kenniinsa eegumsa fayyaa beelladaa fooyyessuu fi Uwwisaa tajajila fayyaa beelladaa waliin gahuu

  • Sirnaa dhiheessii talaallii fi qorsaa beelladaa fooyyessuu

  • Giddu galeessa Labiraatoorii eegumsa fayyaa beelladaa babal’isuu dhaan Eegumsa fayyaa beelladaa ittisa irratti xiyyeeffate gaggeessuu

  • Hojiiwwan misooma beelladaa fi bu’aa beelladaa irratti tuuta/waldaalee qaamolee dhimmi ilaalu waliin gurmeessuu, “business plan” qopheessuu, haala liqaa mijeessuu dhaan gabaan walitti hidhuu fi agro-industriif galtee akka ta’an taasisuu

  • Humna raawwachiistummaa gaggeessitootaa, ogeessotaa, horsiisee bulatootaa misooma qabeenya beelladaa irratti leenjii kennuu fi hubannoo uumuun cimsuu

  • Muxannoowwan gaggaarii misooma qabeenya beeladaa keessatti argamani sakatta’uu, adda baasuu fi qindeessuun al-tokkotti hawaasa horsiisee bulaa bira akka ga’u taasisuu.

  • kenniinsa dhiheessii tajaajilaa hawaasummaa naannoo horsiisee bulaa irratti sagantaan marii idilee gaggeessuu dhaan ilaalchaa fi hubannoo walfakkaatu sekteroota dhimmi ilaalu biratti uumuu

  • Rakkoolee dhiheessii tajaajila hawaasummaa naannoo horsiisee bulaa keessa jiran qindoominaan sakatta’uu, adda baasuu, xiinxaluun sadarkeessuu

  • Sekteroota dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan Karoora dhiheessa tajaajila hawaasummaa naannoo horsiisee bulaa qopheessuu.

  • Rakkoolee dhiheessii tajaajila hawaasummaa addaan bahanii sadarkeeffaman irratti dokmentii qopheessuun madda baajataa barbaaduu.

  • Dizaayinii fi istaandardii dhiheessii tajaajila hawaasummaa haala qabatama naannoo horsiisee bulaatiin qindominaan qopheessuu.

  • Ijaarsawwan dhiheessii tajaajila hawaasummaa fi bu’uura misoomaa dokmentii qophaa’e irratti hundaa’uu dhaan raawwachuu

  • Hojiiwwan ijaarsa misooma bu’uura fi dhiheessii tajaajila hawaasummaa sekteroota waliin hojjechuuf karoorfaman qindoominaan raawwachuu, hordofuu, to’achuu fi gamaggamuu

  • Hojiiwwan dhiheessii tajaajila hawaasummaa naannoo horsiisee bulaa keessatti qindoominaan hojjetamu milkeessuuf gahee fi ittigaafatamummaa sekterootaa giddugaleessaan qaama olaanaa to’atu hundeessuu

  • Hojiiwwan misooma naannoo horsiisee bulaa gaggeeffamu hunda keessatti harka qalleeyyii fi hojii maleeyyii adda baasuu, gurmeessuu, leenjisuu, “business plan” qopheessuu, haala liqii mijeessuu fi carraa hojii uumuu dhaan hiyyummaa xiqqeessuu.

  • Rakkoo bishaanii naannoo horsiisee bulaa keessa jiru bu’uura irraa hiikuuf master-plaanii misooma bishaanii walitti hidhinsa hawaasa, beelladaa fi lafa dheedumsa giddugaleessa godhate qopheessuu fi hojii irra akka oolu taasisuu.

  • Humna raawwachiistummaa gaggeessitootaa, ogeessotaa, horsiisee bulatootaa hojii dhiheessii tajaajila hawaasummaa irratti leenjii kennuu fi hubannoo uumuun cimsuu

  • Muuxaannoowwaan gaggaarii dhiheessii tajaajila hawaasummaa irratti argaman sakatta’uu, adda baasuu fi qindeessuun babal’isuu

  • Caasaa komishinichaa naannoo irraa hanga gandaa jiru sakattaa’uun sirreeffama barbaachisaa ta’e taasisuu

  • Caasaa qoratame irratti hundaa’uu dhaan humna namaa sadarkaa sadarkaan jiru guutuu

  • Qilleensaa fi addummaa naannoo horsiisee bulaa irratti hundaa’uu dhaan hojjetoota hawwachuu fi hojii irra tursiisuuf onnachiiftuu fi faayidaawwan adda addaa mijeessu

  • Humna raawwachiisummaa hojjetootaa naannoo irraa hanga gandaatti jiru cimsuuf leenjii yeroo gabbaa, giddu galeessaa fi dheeraa fedhii irratti hundaa’e kennuu.




Galma Tarsiima’aa 1. Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuu fi ijaaruu
Galma 1:Waldaalee Hojii Gamtaa jiran daraan cimsuu

Maniiwwan

  • Waldaalee bu’uuraa 2360 fi yuuniyeenota 3 haaraa ijaaruu waldaalee bu’uuraa 22,255 fi yuuniyeenota 28 irraan gahuu

Galma 2: Waldaalee haaraa ijaaruu fi Miseensa Horachuu

Maniiwwan

  • Toorri Xiyyeeffanoo keenya guddaan waldaalee hanga ammatti ijaaraman cimsuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta`u waldaalee qusannoo fi liqii baadiyatti ganda hunda keessatti qabaachuuf kan hojjannu yoo ta`u,Waldaale bu`uraa Hojii gamtaa lakkoofsaan 19,895 turan irratti waldaalee bu`uraa 2360dabaluuf kan karoorfame yemmuu ta’u kana keessaa: Qonna maraa734, Miti Qonna 100, Qussannoo fi liqii 1411fi fayyadamtoota 115 dabaluun baayina waldaalee bu`uraa 22,255 irraan gahuu

  • Waliigala dhuma KGT 2ffaa tti baayina Miseensa duraan ture 4,088,883 irratti dabalataan 5,000,000 horachuun baayina miseensa dhi 5,320,899dub 3,767,984 w/g 9,088,883horachuun fi hirmannaadubartootaa % 40 fi dargaggoota %30 irraan gahuu

  • Waldaaleen bu`uraa 2,100miseensa yuuniyeenotaa akka tahan gochuun walitti dhufeenya cimaa akka qabaataniif ni hojjatama.

Galma 3. Kaappitaala Waldaalee Hojii Gamtaa Guddisuu

Maniiwwan

  • Kaappitaala yuuniyeenii Qr 1,453,206,759irra Jiru bara GTP IIQr 500,000,000dabaluun Qr1,953,206,759 irraan Gahuu

  • Kaappitaala Federeeshinii Qr.22,804,103 irra jiru qr 2,520,000dabaluun qr25,324,103 irraan gahuu.

  • Kaappitaala waldaalee bu`uraa Qr.1,138,295,126irra jiru qr.1,000,000,000 dabaluun qr. 2,839,295,126 irraan gahuu.

  • Waliigala kaapiitaala Qr 3,315,305,988irra jiru qr. 4,817,825,988 irraan gahuu.

Galma 4. WHG Ogeessotaan deeggaruu

Maniiwwan

WHG keessatti hojjattoota dhaabbii hanga ammatti 8,234 jiru irrattihojjatoota 15,000 qaxaruun23,234 irraan gahuu.

Akkasumaas Carraa hojii kan yeroo dhiira 15,000 dubara 35,000 walii gala namoota 50,000dabalaataan uumuu


Galma Tarsiima’aa 2. Dandeettii Rawwachiisummaa WHG Ijaaruu

Galma 1: Raayyaa jijjiiramaa WHG keessatti Cimsuu

Maniiwwan

Sadarkaa aanaa hanga naannootti tokko shanee (1,5) 910,Gumii adda duree /GAD/ 300 fi raayyaa jijjiramaa Siivil sarvisii/RJSS/ 299 tu ijaaramee hojii keessaa gala



Rayyaa hojjetootaa Waldaalee hojii gamtaa yuniyeenoota fi waldaalee hoji gamtaa hoojjeta dhaabbata qaban keessatti gurmeessuu waan qabnuuf akka haala qabatama isaaniittii ijaaree hojii keessaa galchina

Galma 2: Humna Raawwachiisummaa WHG cimsuu

Maniiwwan

  • Giddu galeessa Leenjii dandeettii raawwachiisummaa Waldaa Hojii Gamtaa itti Ciman qabaachuu, akkasumaas giddu galeessa leenjii Federaalatti gahumsaan fayyadamuun waggoota shanan dhufan keessatti ogeessota 2500; koree Hoji raawwachiistuu Yuuniyeenotaa fi waldaale bu`uraa 150,000; Ogeessota ejensii 1500; qaxaramtoota waldaale 15,000; akkasumaas Giddu galeessa qonnaan Bulaatti fayyadamuudhaan Miseensota waldaale hojii gamtaa 4,088,883 tahaniif dandeettii raawwachiistummaa isaanii ciimsuun fi hojjachuun gahumsa isaanii %80 irraan gahuu.

Galma 3: Leenjiiwwan Qorannoo irraatti hundaa’an Qopheessuu

Maniiwwan

  • Hooggansa siyaasaa olanaarraa hanga g/galeessatti waliigalaan namootni 3,445 leenjii waa’ee WHG irratti hubannoo ni argatu

Galma 4: Sirna Oddeeffannoo Diriirsuu

Maniiwwan

  • Ragaa Bu`uraa ji`a jahaan/6/ykn waggatti yeroo lama qopheessanii akka dhiyeesan fi sadarkaa nannootti database keessa akka galu gochuu

Galma 5: Hojii Maqaa Gaarii WHG guddisuu /Image Building/

Maniiwwan:

  • Rakkoo ilaalchaa fi kiraasassaabdummaa waldaalee biratti mul’atu hundeen hiikuuf hojiin ijaarsa dandeettii murteessaa dha. Haaluma kanaan galma kanaaf xiyyeeffanna cimaa kennuudhaan Raawwii ijaarsa dandeettii hanga 2007 tti namoota 13,845,305 ture gara 17,566,501tti ol guddisuu

  • Ergama waldaalee hojii gamtaa misooma keessatti qaban galmaan gahuudhaaf dandeettii humna raawwachiisummaa isaanii cimsuun barbaachisaa dha. Kanaaf

  • Leenjii Gaggeessitoota WHG raawwii 918,155 ture gara 3,268,565 guddisuu

Qaxaramtoota haara gara WHG tti makaman yeroo yeroon ragaa isaanii qindeessuudhaan leenjii hubannnoo fi dandeetti isaanii cimsu kennuun baay’ee murteessaa dha

Galma Tarsiima’aa 3. Nageenya Waldaalee Hojii Gamtaa Eeguu fi Eegsisuu

Galma 1:Sirna oditii, Inispeekshinii fi tajaajila seeraa cimaan akka jiraatu gochuun dandeettii raawwachiisummaa isaanii guddisuun qabeenyi waldaale akka eeggamu taasisuun fayyadamummaa miseensa WHG mirkaneessuu.

Maniiwwan

  • Tajaajila inispeekshinii, herreega waldaalee hordofuu fi cufuu waggaa waggaanwaldaalee hunda (19,895)biratti qaqqabamaa gochuu

  • Uwwisa tajaajila ooditii herrega WHG 11,044 (55%) irra ture19,895 (100%)irraan gahuu

Galma Tarsiima’aa 4. Sirna Dhiyeessa, Raabsaa fi Bulchinsa Liqii Callaa GuddistuuAmmayyeessuu
Galma 1:Teekinoolojii Qonnaa ammaayyaa yeroo fi iddoo barbaadamutti qulqullinnaan dhiyeessuu

Maniiwwan

  • Bara KGT 2ffaa kessatti waligalaan Xaa`oo DAP kuntaala 275,412;NPS kuntaala 7,598,173; Xaa`oo Madaalawaa Yuniyeenoota WHG QB Bachoo Walisoo fi Gibee dhedhesaattiin kuntaala 4,857,414 qophaa’ee akka dhiyaatuuf; UREA kuntaala 9,157,608 dhiyeessuuf Walii-galaan Bara KGT 2ffaa keessatti Xaa`oo kun.21,888,607 dhiyeesuuf kan karoorfame yoo ta’uu guddinii dhiyeesii kenya %12.74 ta’aa.

Galma 2: Bulchiinsa Liqii Callaa Guddistuu

Maniiwwan

  • Liqii bara baraan eeyyamamu fudhachuu, hojiirra oolchuun deebisuu

Galma 3:Dhiyeessii Sanyii filatamaa

Maniiwwan

  • Waldaalee oomishtoota sanyii filatamaa 77 turan irratti 80 dabaluun 157 irraan gahuu

  • Yuuniyeenota sanyii oomishan 9 turan irraatti 10 dabaluun 19 irraan gahuu;


Galma Tarsiima’aa 5: Aadaa Qusannoo guddisuun rakkoo faayinaansii miseensa Waldaa Hojii Gamtaa hiikuu

Galma 1: Dandeettii rawwachiisummaa waldaalee qusannoo fi liqii cimsuun hojii bu`a qabeessa ta`e hojjachuu

Maniiwwan

  • Qusannoo hanga ammatti qr 992,600,000irra ture garatti dabalataan Qr biliyyona 2.5 qusachuudhaan ,qusannaa waliigalaa qr biliyoona 3.5 irraan gahuun kana keessaa qr biliyoona3 akka hojiira oolu taasisuun rakkoo faayinaansii miseensaa hiikuu.

  • Yuuniyeenota 21 fi waldaalee bu`uraa 100 Qusannoo fi liqii dhaabbilee faayinaansii cimaa fi ammaayyaa’atti akka cehan hojjachuu fi kanneen Moodela tahan baasuu

Galma Tarsiimamaa 6. HirmannaaWaldaalee Hojii Gamtaa gabaa biyya Keessaa fi alaa keessatti qaban Guddisuu

Galma 1: Hirmaannaa Waldaalee Hojii Gamtaa gabaa biyyaa keessaatti qaban guddisuu

Maniiwwan

  • Yuuniyeenota gabaa biyya keessaa fi biyya alaa irratti hirmaataan 72 irraa gara 81tti Guddisuu

  • Waldaale bu`uraa gabaa keessatti Hirmaataa jiran 2,840 irraa gara 4,000 ttii guddisuu

  • Midhaan adda addaa

  • Midhaan biilaa fi agadaa kuntaala1,142,768irraa gara kun 10,000,000 guddisu

  • Midhaan dheedhii 1,000,000 tti guddisuu

  • Midhaan Dibataa kuntaala 100,000 tti guddisuu

  • Kuduraa fi Muduraa kuntaala 1,127,132 irra gara 10,000,000 guddisuu

  • Beeyladaa fi Bu`aa beeyladaa

  • Horii gaafa lakkoofsaan 13,770 irra gara 100,000 guddisuu

  • Hoolaa fi re`ee 36,203 irra gara 300,000 tti guddisuu

  • Gaala 1023 irraa gara 10,000 bittuun Gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun Qonnan bulaa/Horsiise Bulaan fayyadamaa taasisuu

  • Aanan litira170,044,524 irra gara 500,000,000guddisuu

  • Dhadhaakg 592,405 irra gara 25,000,000 guddisuu

  • Baaduukg157,042 irra gara 1,250,000 guddisuu

  • Damma Kg 140,839 irra gara 3,000,000guddisuun gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun oomishtoota fayyadamaa taasisuu, akkasumaas fayyadamtootni kallattiidhaan oomisha abbaa dhimmaa irra akka argatan taasisuu. Oomishaale biroo Qonnaan bulaa fi Horsiise bulaan oomishaman gabaa gahaa akka argatan xiyyeeffannan kan hojjatamu taha.

Galma 2. Hirmaannaa Gabaa Biyya alaa

Maniiwwan

  • Buna toonii 84,445 irra gara 275,000 guddisuu

  • Saliixa kun 15,895 irra gara 100,000 guddisuu

  • Bolloqee Kun 94,561 irraa gara 350,000guddisuu

  • Shinburaa Kun 17,227 irra gara 50,000 guddisuu

  • Fosoliyaa 9,886 irraa gara 20,000 ol guddsuu

Galma Tarsiima’aa 7. Hojii Inveestimantii fi meekanaayizeeshinii
Galma 1: WHG Hirmaannaa Investimantii Keessatti qaban guddisuu fi rakkoolee bu`uraalee misoomaa hiikuu

Maniiwwan

  • Warshaalee Agroopiroosesiigii

  • Industriwaan faayidaa dabaluu danda’aan /value add/ gochuu danda’an warshaa cunfaa kuduraa fi muduuraa 1;

  • warshaa nyaata qindeesuu /food complex/ 6;

  • warshaa keeshaa bunaa 1;

  • Warshaa dammaa 5;

  • warshaa Annanii 3;

  • warshaa nyaata beyiladaa qindeesuu 11;

  • warshaa daakuu 8;

  • warshaa buna gogaa 45;

  • warshaa buna diimaa 52;

  • Warshaa xaa’oo madaalawaa 2;

  • Warshaa cuunfaa zayitaa 7;

  • warshaa daabboo 6;

  • warshaa moose qindeessu 2;

  • worshaa buna akaawu 3; fi

  • Warshaa itaanoolii 1 waggoota shanan dhufanitti ni ijaaramu

  • Mana maxxansaa 2 .

  • Tajaajila Geejjibaa

  • Konkolaataa fe’umsaa Ykn Euro tracker 26 , FSR 21fi Konkolaataa dilalleessaa 2(refrigrater car)


Galma 2: Ijaarsa Adda addaa

Maniiwwan

  • Giddugala gabaa 18

  • Mana kuusaa waldaa bu’uuraa 2000

  • Mana kuusaa Sadarkaa aanaatti 78

  • Mana kuusaa sadarkaa yuuniyeeniitti 64 ijaaruu

  • Mana diilallaa oomisha kuduraaleetiif 1

Galma 3: Hojii meekanaayizeeshinii WHG

Maniiwwan

  • Kombaayinaroota 23 kan ture irratti 26 bituun gara 49 guddisuu

  • Qulqulleessituu sanyii 12 kan ture irratti 15 bittuun gara 27tti guddisuu

  • Maashina Boqqolloo falfalu 2 kan ture irratti 126 bituun 128 tti guddisuu

  • Maashina sararaan facaasu 9 bituu fi Beelaarii 4 bitachuun hojii meekaanaayizeeshinii qonnaa keessa bal’inaan ni galu.

  • Tiraakteroota 53 ture irratti 111 bituun gara 164 guddisuu


Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa

  • Misensotaa fi miti miseensota ummata naannoo keenyaa baldhinaan faayidaa fi barbaachisumma waldaalee irratti barumsaa fi hubannoo uumuudhan miseeensota walddalee dabaluun bal’inaan akka waldaa hojii gamtaatti hammatamu gochuudhaan.

  • Hojmaataa iftooma qabuu fi bulchiinsa gaarii waldaaalee keessatti diriirsuudhaan adeemsa walxaxaa fi qulqullina hin qabne akka sirraa’u gochuudhaan waldaaleen akka miseeensa haaraa ofitti hawatanii fi kanneen keessa jiran fedhiidhaan akka turan gochuudhaaan.

  • Waldaaleen bu’uuraa hundi miseensa yuuniyenootaan akka ta’anii dandeettii fi humni isaanii cimsuun dorgomaa ta’uudhaan sadarkaa olaanaa irraa akka gahan; yuuniyenootni immoo gamtaadhaan gurmaayanii akka barbaachisummaa isaatti miseensa federeeeshinootaa akka ta’an gochuudhaan.

  • Dandeettii raawachiisumaa waldaalee sadarkaa sadarkaadhaan akka cimu gochuudhaan; muuxannoo gaggaarii babaldhisuudhaan; raayyaa misoomaa waldaalee gamtaa ijaaruun

  • Hirmaannaa dargaggootaa fi dubartootaa baldhinaaf sadarkaa olaanaadhaan hoggansaa fi miseensummaa waldaalee hojii gamtaa keessatti galchuudhaan kallattiidhaan akka fayyadaman carraa walqixaa fi isaan jajjabeessu uumuu.

  • Giddugaleessa leenjii fi qorannoo WHG sadarkaa isaa eeggate akka naannootti hundeessuu

  • Dandeettii ogeessotaa yeroo yeroodhaan cimsuuf carraa Leenjii biyya keessaa fi biyya alaa mijeessuu

  • Walitti hidhamiinsa dhaabbilee barnoota ol aanoo fi inistiitota WHG wajjin hojjatan uumuu

  • Daawwannaa hojii biyya keessaa fi biyya alaa qopheessuu fi Carraa barnootaa MA fi isaa ol mijeessuu

  • Hoggantoota fi ogeessota waldaalee hojii gamtaa sadarkaa sadarkaan jiran, hojjjattoota qaxaramtoota waldaalee bu’uuraa, yuuniyenootaa, federeeshinii, miseensota waldaalee fi mit miseensa irratti hojii baldhaa hubannoo uumuu fi ilaalacha jijjiiruu hojjachuu dha;

  • Miseensota waldaalee hojii gamtaa hunda, sochii walddaa isaan keessatti gahee taphachuu qaban irratti, mirgaa fi dirqama isaaniiirratti, sadarkaa waldaaleen isaanii irratti argamuu fi faayidaalee miseensa ta’uu isaaniitiin argatan irratti ,akkasumas gabaasota waliigala sochii waldaalee isaanii irratti akka mari’atanii fi hubannoo gaha argatan ni taasifama.

  • Ummata miti miseensa ta’an immoo hubannoo faayidaalee miseensummaa waldaa ta’uudhaaan argatan, waliigalatti immoo tarsiimoo waldaalee hojii gamtaa irratti mari’achiisuudhaan jibbaa fi shakkii waldaalee irraa qaban akka salphatuu fi xumura irratti murteessanii akka gara miseensa waldaaleetti dhufan gochuudhaaan miseensota waldaalee akka ta’an ni taasifama.

  • Leenjiileen kennaman sirna rakkoo waldaalee hiikuu keessatti akka ga’ee qabaatan ta’ee idileedhaa fi karaa walfakkaatuun akka kennaman maanuwaaliin leenjiii sadarkaa isaa eeggate akka qophaa’u ta’ee caalmaadhaan fedhiin leenjii qoratamee erga qophaa’ee booda qaama leenjiftootaa fi leenjiin kennamee akka hojiirra oolu ni taasifama.

  • Hirmaannnaa miseensota waldaalee too’annoo qabeenya isanii irratti akka baldhatu gochuudhaan, yeroo yeroodhan miseensotni haala gabaasa raawwii waldaalee fi bu’aa ooditii dhageeffachudhaan yoo rakkoon jiraate fala kennuu keessatti akka qooda fudhatan taasisuu.

  • Sirna too’annoo fi hordoffi cimaa fi ammaayyaa diriirsuudhaan qabeenyaa waldaalee yeroo yeroodhaan yoo xiqqaate waggaatti si’a tokko too’achiisuudhaan battalatti tarkaanfii sirreessuu akka fudhatamu taasisuu.

  • Rakkoo waldaalee kan ta’e hanqin ogeessotaa furuudhaaf akka tolu waldaaleen bu’uuraa cimanii yoo xiqqaate ogeessa herregaa akka qabaatan gochuu,

  • Ogeessonni herregaa ulaagaalee gahoomonaa guutuu danda’an gurmaahanii hojii oodiitii herrega waldaalee akka raawwatan haala mijeessuu

  • Yuuniyenootni cimanii akka human horataniifi ga’umsa uummmatan gochuudhaan waldalee bu’uuraa isaan keessatti hammatamaniif deeggarsa ogummaa ooditii akka kennaniif taasisuudhaan

  • Waldaaleen humna qaban ammaas ooditaroota alaa qaxarachuudhaan yeroo yeroon haala irra jiran akka of sakatta’aa deeman gochuu fi jajjabeessuudhaan uwwisa ooditii bara baraan xinnnaa ture akka baldhatu itti gargaaramuu.

  • Sirna too’annoo fi deeggarsaa ogummaa fi bulchiinsaa waldaalee, yuuniyenootaa fi federeeshinootaaf kennuu dhaaan kanneen fooyyee ta’anii fi moodeelii ta’a akka muuxxnnoo wal irraa fudhatan fi akka babaldhisan gochuudhaan.

  • Dhuma sochii hojii baatii baatiidhaan waldaaleen adeemsa herrega cufuu cimsanii akka itti fufan ni taasifama.

  • Qabeenyaa waldaalee yeroo yeroodhaan qisaasaman addaan baasuudhaan qorachuu fi ooditii taasisuudhaan, duukaa bu’uudhaan akka deebi’u gochuu

  • Hubannoo hawaasni aadaa qusannoo irratti qabu fooyyessuu

  • Faayidaa qusannoon jiruu fi jireenya miseensaa irratti qabu hubachiisuun faayyadamummaa isaanii mirkaneessuu

  • Dhabbiilee faayinaansii baadiyyaa mootummaa, mit mootummaa fi kkf wajjiin qindoominaan hojjachuudhaan carraa hundaa guutummaadhaan itti fayyadamuu

  • waldaalee qusannoo fi liqii gandoota baadiyyaa fi magaalaa oromiyaa hunda keessaatttii fi iddoo hubannoo fi faaydaan isaa hubatamee amantaan cimaan itti uumaamaa dhufanitti hawaasa hunda biraan ga’uu

  • Waajjiraalee mootummaa hunda keessati hojjattootni jiran waldaa qusannoo fi liqii mataa isaanii dhaabbatanii mindaa isaanii irraa baatii baatiidhaan qusachuudhaan rakkoo hawaas diinagdee jirenya keessatti isaan qunnamu akka ittiin furatanii taasisuu

  • Dhaabbiilee misoomaa hojjattaa hedduu qaxaranii hojjachiisan kan intarpiraayizii, warshaalee gara garaa keessatti, dhaabbilee misoomaa fi kanneen dhuunfaa (private) keessatti akka babaldhatu gochuudhaan.

  • Qabeenyi ykn maallaqa miseensotni waldaalee qusatan akka hin qisaasofnee fi seeraan ala akka hin badneef hojmaata ifaa fi itti gaafatoomina qabu diriirsuudhaan miseensotn waldaalee tajaajila saffisaa, qulqulluu fi haqa qabeessa akka argatan gochuun bulchiinsa gaarii waldaalee keessatti akka mirkanaa’u gochuudhaan.

  • WHG qusannoo fi liqii gurmaa’an hunda keessaatti qusannoo adda addaa kan akka qusannoo daa’immanii, qusannoo fedhii, qusannoo dirqamaa fi qusannoo yeroon daangeffame babal’isuun maallaqa liqiif oolu mijeessuu

  • Afooshaaleen, dhaabbilee amantaa, waldaalee hawaasaa fi kkf maallaqa isaanii WHG qusannoo fi Liqii biratti akka keewwatan haala mijaa’aa uumuu

  • WHG dandeettii fi ogummaa gaggeessuummaa gabaa ammayya’aa akka qabaatan humni raawwachiisummaa isaanii akka cimu deeggaruu

  • Miseensonni WHG oomisha gabaan barbaadu bay’inaa fi qulqullinnaan akka oomishan haala mijeessuu

  • WHG oomoisha miseensota isaanii irraa akka sassaaban liqii barbaadamu yeroo fi hamman akka dhiyaatu gochuu

  • Walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa cimsuuf WHG warshaalee adda addaa, dhaabbilee barnoota ol aanaa, al ergitoota fi dhaabbilee tajaajila hawaasaa kennan waliin akka hojjatan deeggarsa kennuu

  • WHG oomishaa fi tajaajila kennan beeksisuuf (market promotion) igizihibishinii fi baazaarii biyya keessaa fi biyyaa alaa akka qopheessan deeggarsa kennuu

  • Carraa gabaa oomisha miseensotaa biyya cimsuuf WHG ECX keessatti teessoo bitachuudhaan bal’inaan akka hirmaatan gochuu

  • Yuuniyenootni Manneen kuusaaa qulqullinaa fi ga’usa qaban iddoo oomishaa fi shaqaxa isaanii itti guguratan akka qabaatan qaamota mootummaa fi mit mootummaa dhimmi ilaalu wajjiin ta’uudhaan haala mijeessuudhaan dandeettiin isaanii akka dabalu gochuudhaan.

  • WHG gabaa giddu galeessa fi supeermaarkeettiiwwan gurguddoo ijaaruudhaan oomisha isaanii bal’inaan gabaaf akka dhiyeessan deeggaruu

  • Federeeshinoota jiran cimsuudhaan yuuniyenootaaf haala mijataa fi walitti hidhaminsa biyya keessaa fi alaa akka uuman fi bittaa meeshaalee alaa sadarkaa giddu galeessaatti akka raawwatan taasisuu

  • Miseensonni WHG oomisha al-ergii irratti xiyyeeffachuudhaan oomishanii sharafa biyya alaa argamsiisuuf xiyyeeffannaan akka hojjatan gochuu

  • Qonnaan bulaan oomisha isaatiif yaaddoo gabaa tokko malee itti fufinsaan baay’inaa fi qulqullinnaan oomishee gabaa amansiisaa akka argatu gochuu

  • Waldaalee dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsatanii hojii agiroopirosiisiingii keessa akka galan jajjabeessuu

  • Qorannoo haala fedhii gabaa qorachuudhaan carraa gabaan ummuu hundaa duguuganii itti fayyadamuun

  • Karoora daldalaa (business plan) bu’a qabeessaa fi qorannoo irratti hundaa’e waldaaleen akka qopheeffatan gochuudhaan

  • WHG yeroo yeroodhaan madda kaappitaala isaanii akka guddifatanii fi bankii waldaaa gamtaa fi madda faayinaansii adda addaa irraa liqaan akka fayyadaman haala mijeessuudhaan

  • Waldaaleen cimanii tajaajila meekaanaayizeeshinnii, warshaalee agiroo industrii, fi teeknolojii ijaarsaa adda addaa keessa galuudhaan kirraa fi gurgurtaa tajaatilootaa irraa bu’aa amansiisaa akka argachaa deemanii fi qabeenya dhaabbii akka horataa deeman gochuudhaan

  • Manneen hojii mootummaa dhimmi ilaalu hunda wajjin dagaaginna WHG tiif qindoominaan hojjachuu

  • Qonnan bulaan Naannoo keenyaa teeknooloojii qonna ammayyaa’aa argatee itti fayadaamuudhaan oomishaa fi omishtummaa isaa akka guddisuu deeggarsa wal irraa hin cinne kennuu

  • Hojiin dhiyeeessa fi raabsaa callaa guddistootaa fi bulchiinsa liqii abbummaadhaan kan WHG akka ta’e beekkamee waldaaleen hojii gamtaa waldaalee bu’uuraa irraa kaasee hanga federeeshiniitti jiran cimaani hojii kana mootummaa harkaa akka fudhatan hojjechuu

  • Callaa guddistoota biyya alaa irra bitaman yeroodhaan bitamee akka dhiyaatu gochuu

  • Xaa’oo madaalawaan fedhii qonnaa bultootaa irratti hundaa’ee qophaa’ee yeroon akka qaqqabu taasisuu

  • Sanyii filatamaa karaa waldaalee oomishtoota sanyii filatamaatiin oomishamaa jiru babal’isuun hudhaa dhiyeessii sanyii filatamaa akka naannoo keenyaatti jiru furuu

  • Sanyii filatamaa gatii fooyya’aa ta’een gosa sanyii haala qilleensa naannoo (agiroo ikolojii) naannichaatiin walsimu yeroodhaan dhiyeessuu

  • WHG fi qonnaan bultoonni dhuunfaa hojii sanyii baay’isuu akka madda galiitti (business) fudhatanii hojjachuun qonnaan bultootaaf dhiyeessuun fayyadamoo akka ta’an gochuu

  • WHG oomishtoota sanyii filatamaa haaraa ijaaruu fi kan jiran cimsuudhaan hanqina sanyii filatamaa akka naannootti qunnamaa jiru akka hiikan deeggarsa barabaachisaa ta’e gochuu

  • Sirna qabiinsa herrega callaa guuddistootaa, ragaa, odeefannoo fi gabaasaa ammayyeesuu

  • Dhiyeesaa fi raabsa callaa guddistootaf madda faayinaansii amansiisaa fi itti fuufinsa qabuu ummuu

  • Waldaaleen Hojii gamtaa mana kuusaa callaa guuddistootaf ooluu akka qabaatan deeggarsa kennuu fi sirna qabiinsa fi bulchiinsa mana kuusaa ammayaa’aa hojii irra oolchuu

  • Qonnaan bulaan raayyaa misoomaatiin ijaaramee calla guddistoota dhiyeenyatti akka argatu haala mijataa uumuu

  • Hojiimaata seera qabeessa sadarkaa guddina isaaniitiin walsimu hordofanii hojjachuudhaan waldaaleen hojii gamtaa dorgomaa cimaa ta’anii akka bahanii fi of danda’anii dhaabbatan taasisuu

  • Ulaagaalee madaallii ga’oominaa sadarkaa isaa eeggaten yeroo yeroon WHG madaaluun sadrkeessuu

  • Bu’aa Madaallicha irratti hundaa’uun beekamtii ga’oominaaa kennuu

  • Bu’aa madaallii gaggeeffamee irratti hundaa’uun deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta’e kennnuu

  • WHG ulaagaalee madaallii hin guunnee fi kanneen seera cabsanii argaman irratti tarkaanfii seera qabeessa fudhachuu

  • Miira waldorgommii WHG gidduutti uumuun cimanii akka bahan onnachiiftuu garagaraa kennuu

  • WHG madaallii gaggeeffameen sadarkaa giddu galeessaa fi olaanaa argataniif carraa leenjii garagaraa humna raawwachiisummaa isaanii cimsu kennuu

  • Kanneen sadarkaa gad aanaa argatan yeroon kennameefii humna isaanii fi hojimaata isaanii fooyyessuun irra deebi’anii akka madaalaman jajjabeessuu

  • Qabeenyi Waldaalee akka hin qisaasamne fi hin saamamne hordoffii cimaa walirraa hin cinne taasisuu fi hojimaata seera qabeessa hordofanii hojjachaa jiraachuu isaanii duukaa bu’uu

  • Qabeenyi waldaalee karaa hin taaneen akka hin qisaasamne hubannoo uumuu, ittisuu, yoo qisaasamee argame seeratti himachuun deebisiisu

  • Ilaalcha hawaasaa gamtoominnaan hojjachuu, hiyyummaa salphisuu fi guddina keessatti qooda isaanii akka bahan hubannoo uumuudhaan gurmaa’insa raayyaa misoomaa akka cimee dhaabbatuuf tumsuu.

  • Hawaasa karoora guddinaa fi tiraansfoormeeshiinii 2ffaa naannoo keenyaa irratti hubannoo ga’aa akka argatanii fi galma ga’iinsa isaatiif tumsa isaan irraa eeggamu akka bahan kaka’umsa uumuu.

  • Hawaasa naanoo keenyaa ilaalcha kiraa sassaabdummaa fi gochaalee farra diimokiraasii, maxxantummaa fi malaanmaltummaa balaaleffatuu fi qabsaayuu danda’u uumuudhaan ummata gurmaayee hiyyummaa irratti duuluu fi sochii waldaaleen misooma keessatti taphachuu danda’an akka guddatu taasisuu dha.

  • Gurmii waldaalee hojii gamtaa raayyaa misoomaatiin walitti hidhuudhaan ummata bifa gurmaa’een duula farra hiyyummaa irratti akka duulu ergaa fi haala sammuu namaa keessa turuu danda’uun dhaamsa dabarsuudhaan.

  • Tarsiimoo muuxannoo gaggaarii babaldhisuudhaan waldaaleen hojii gamtaa akka wal irraa baratan, muuxannoo akka wal irraa fudhatan gochuudhaan.

  • Muuxannoo gaarii naannoo tokkotti argame qindeessuudhaan haala barreeffamaa tiin siidiidhaan, daawwii qaamaatiin, miidiyaadhaan, kkf niin akka waliirraa barataniif babaldhatan gochuudhaan.

  • Guyyaa ayyaana waldaalee hojii gamtaa naannoo keenyaa, naannoodhaa hanga aanaatti akka kabajatanii fi miseensotni waldaalee fi mit miseensotni akka irratti afeeraman gochuudhaan kabajuu irratti ergaa fi dhaamsa muuxannoof gargaaru dabarsuudhaan.

  • Miira waldorgommii WHG gidduutti uumuudhaaf waldalee hojii gamtaa hunda keessaa kanneen hojii fakkeenyumaa ta’uu danda’u raawwatan jajjabeessuudhaan, miseensotaa fi miseensota sochii isaaniitiin gaanfuree ta’an badhaasuu.

  • Sochiilee waldaa hojii gamtaa naannoo keenyaa sochii miidiyaatiin deeggaruu. Miidiyaa piresii gaazexaa oromiyaa, raadiyoo fi TV oromiyaatti sagantaa waldaalee hojii gamtaa yeroo qilleensaa kireeffachuudhaan akka dabru gochuudhaan.

  • Maxxansa adda addaa karaa ejensii waldaalee hojii gamtaatiin qopheessuudhaan biroosharii, poostarii, barruulee waggaa, fi ergaa gaggabaabaa yeroo yeroodhaan darbu qaban bifa barsiisaa fi hubannoo dabarsuu danda’uun qopheessuudhaan tamsaasuu, miseensotni waldaalee akka irratti mari’atan gochuudhaan.

  • Igzibishiinii sochii wadaalee qopheessuudhaan waldaaleen, yuuniyenootnii, federeeshinnoonni qaamota biroon walitti hidhama qabaniin wajjiin akka qopheeessan gochuudhaan sagantaa wal jijjiirraa muuxannoo fi carraa piromooshinii oomisha waldaalee akka ta’an gochuu.

  • Yuuniyennootnii fi federeeshinootni ciccimoon akka sochii fi oomisha isaanii ittiin beeksifatan weeb saayitii mataa isaanii akka qabaatanii fi alaa fi biyya keessaan walitti hidhamsa diinagdee, gabaa fi odeeffannoo, fi teeknolojii akka uummatan jajjabeessuu.



          1. Qorannoo Qonnaa

Galma 1: Yaaliiwwan qorannoo gaggeessuu

Maniiwwan

  • Yaaliin qorannoo midhaan agadaa fi biilaa irratti 576, midhaan dheedhii fi dibataa irratti 570, kuduraa fi muduraa irratti 511 fi bunaa fi mi’eesituu iratti 100 walumaagalatti yaaliiwwan 1,757 kan gaggeefaman ta’a.

  • Yaaliiwwan qorannoo beeyladaa oomisha aananii irratti 79, foon irratti 86, lukkuu irratti 24, nyaata beeyladaa fi kunuunsa lafa dheedumsaa irratti 171, kanniisa irratti 197fi qurxummii irratti 53 kan gaggeefaman ta’a. Yaaliiwwan garee qorannoo horii aannanii fi horii fooniitiin gaggeeffaman keessaas 51 kan ta’an fayyaa horii aannanii fi horii foonii (bushaa’ee dabalatee) irratti kan xiyyeeffatan ta’u.

  • Qorannoo qabeenya uumamaa keessatti sona qabeenya biyyee irratti yaaliiwwan 64, foyyeessa xaa’ummaa biyyee fi eegumsa biyyee bishaanii irratti 174, jallisii fi bishaan cimmisuu irratti 57, qonna bosonaa irratti 123, fi bu’aa bosonaa muka ala ta’an irratti yaaliiwwan 42 walumagalatti yaaliiwwan 507 karoorfamanii jiru.

  • Qorannoo mahaandisummaa qonnaa akka waliigalaatti teknolojiiwwan maashinarii fi humna qonnaa, jallisii fi bishaan dhinbiibuu, eegumsa biyyee fi bishaanii, hanniisa baadiyyaa, haamaa booda fi qophii nyaataa baasuufii dhiheessuuf kan gaggeefamu dha. Haaluma kanaan waggootan shanan dhufan keessatti qorannoo maddisiisa/madaqiinsa teknolojiiwwan haamaa duraa irratti yaaliiwwan 68,haamaa fi haamaa boodaa irratti 80 walumaagalatti yaaliiwwan 148 kan gaggeefaman yoo ta’u teknolojiiwwan haamaa duraa keessaa facaastuu sararaatiif xiyyeefannaan guddaan kennamee kan hojjetamu ta’a.

  • Garee hawaas-dinagddee jalatti yaaliiwwan 369, garee ekisteenshinii qonnaa jalatti 655 walumaa galatti yaaliiwwan 1024 kan gaggeefaman yoo ta’u yaaliiwwan kanneeniis xinxala sirna oomisha qonna, sirna gabaa, sirna beekumsaa fi odeefannowwan qonnaa fi walitti dhufeenya qooda fudhattoota misooma qonnaa, fudhatamaa fi bu’a qabeesummaa teknolojiiwwan qonnaa, korniyaa, agarsiisa fi babalinsa teknolojiiwwan qonnaa irratti kan xiyyeefatanii dha.

Galma 2.Teknolojiiwwan/odeeffannoowwan mijataa dhiheessuu

  • Midhaan irratti teknolojiiwwan fi odeefannoowwan miidhaan agadaa fi biilaa irratti teknolojiiwwan 95, midhaan dheedhii fi dibataa irratti teknolojiiwwan 97, kuduraa fi muduraa irratti teknolojiiwwan 87, fi bunaa fi mi’eesituu irratti teknolojiiwwan 37 dhiheessuuf karoorfamee jira.

  • Beeyalda fooyyeessa oomisha aananii irratti teknolojiiwwan 45, foon irratti teknolojiiwwan 45, lukkuu irratti teknolojiiwwan 14, nyaata horii fi kunuunsa lafa dheedumsaa irratti teknolojiiwwan 81, kanniisa irratti teknolojiiwwan 58, qurxummii irratti 37 dhiyeessuuf karoorfamee jira. Akkasumas teeknoloojiiwwan garee qorannoo horii aannanii fi horii fooniitin bahuuf karoorfan keessaa 20 kan ta’an fayyaa horii aannanii fi horii foonii (bushaa’ee dabalatee) irratti kan xiyyeeffatan ta’u.

  • Qabeenya uumamaa irratti sona qabeenya biyyee irratti teknolojiiwwan 10, foyyeessa xaa’ummaa biyyee fi eegumsa biyyee fi bishaanii irratti teknolojiiwwan 58, jallisii fi bishaan cimmisuu irratti teknolojiiwwan 32, qonna bosonaa irratti teknolojiiwwan 56, foyyessaa fi qabiinsa bosonaa irratti teknolojiiwwan 13, fi bu’aa bosonaa mukaan alaa irratti teknolojiiwwan 14 dhiheessuuf karoorfamee jira.

  • Mahaandisummaa qonnaa irratti waggoottan shanan itti anan keessatti waliigala teknolojiiwwan fi odeefannoowwan 109 dhiheessuuf kan karoorfame yoo ta’u isaaniis teknolojiiwwan haamaan duraa51 fi teknolojiiwwan haamaa fi haamaan boodaa 58 dhiheessuuf karoorri qabamee jira.

  • Hawaas-dinagddee fi ekisteenshinii qonnaa ilaalchisee waggoottan shanan itti aanan keessatti sirna oomisha qonna, sirna gabaa, sirna ekisteenshinii qonnaa, sirna beekumsaa fi odeefannoo qonnaa fi walitti dhufeenya qooda fudhattootaa, fudhatamaa fi bu’a qabeesummaa teknolojiiwwan qonnaa,korniyaa fi kkkf irratti waliigala odeefannoowwan adda addaa lakkoofsaan 352 ta’an dhiheessuuf kan karoorfame yoo ta’u odeefannoowwan kanneeniis sirna qorannoo fi ekisteenshinii bu’a qabeessa taasisuuf, sirna gabaafoyyeessuufii murtee imaamataatiif(policy decision) kan gargaaranii dha.

Galma 3.Teknolojiiwwan bu’uraa baay’isuu

  • Teknolojii midhaan agadaa fi biilaa 226, midhaan dheedhii fi dabataa 184, kuduraa fi muduraa 64, fi bunaa fi mi’eesitu 46 baayisuuf karoorfamee jira.

  • Teknolojii beeyladaatiniis sanyii nyaata beeyladaa, raaddan fooyya’aa, korma horii fooyya’aa, korbeessa re’ee fooyya’aa, kormaa hoolaa fooyya’aa, lukkuu sanyii fooyya’aa, gurmuu kanniisaa, gaagura ammayyaa, biqiltuu nyaata kanniisaa fooyya’aa walumatti teekinooloojii 153 baayisuuf karoorfamee jira

  • Qabeenya uumamaatiin sanyii fi biqiltuuwwan mukaa nyaata horii fi kunuunsa qabeenya uumamaatiif barbaadaman adda addaa 74 baayisuuf karoorfamee jira

  • Mahaandisummaa qonnaairratti teknolojiiwwan haamaa duraa, haamaa fi haamaa boodaa 109 ta’an baayyisuuf karoorfamee jira.

Galma 4. Agarsiisa teknolojii ekisteenshinii duraa (Pre-extension demonstration)

Maniiwwan

  • Teknolojiiwwan midhaanii 118, kan beeyladaa 88, kan qabeenya uumamaa 53, kan meekaanaayzeshinii qonnaa 311 maasii qonnaan/horsiisee bulaa irratti kan agarsiifaman ta’a.

  • Akkuma beekamu hojiin agarsiisa teknolojii kun hojii qonnaan/horsiisee bulaan keenya teknolojiwwan qonnaa fooyya’aa adda addaa wajjiin ittiin walbarsiifnu waan ta’eef iddoo gidugaleessa ta’ee fi qonnaan/horsiisee bulaan baayyeen dhiheenyaan irraa barachuu danda’utti gaggeefamuu qaba. Kanaafis hojiin kun maasaa qonnaan/horsiisee bulaa fi WLQB giddugaleessa godhatee kan gaggeefamu ta’a. Gama biraan hirmaannaan qonnaan/horsiisee bultootaa fi qooda fudhattoota adda addaa akka cimu taasisuuf xiyyeefannaan itti kennnamee kan hojjetamu ta’a.

Galma 5. Dokomantii teknolojii qonnaa jiran ibsu qopheessuu

  • Teknolojiiwwan qonnaa fooyya’aan qorannoo qonnaatiin bahan jijjiirama fiduu kan danda’an yoo fayyadamtoota bira gehuu danda’an qofaa dha. Kanaafiis qorannoo qonnaa odeefannoo waa’ee teknolojiwwan harka isaa jiranii qindeessuun qama baayisu fi babalisuuf dhiheessuu qaba.

  • Haaluma kanaan waggoottan shanan dhufan keessatti hojii kanaaf xiyyefannaa guddaa kennuudhaan dokomantiiwwan shan midhaan, beeylada, qabeenya uumamaa,mekaanaayzeeshinii qonnaa fi hawaas-dinagddee fi ekisteenshinii qonnaa irratti ni qophaa’a.

Galma 6. Hojii teknolojiiwwan adda addaa baay’isuu

Maniiwwan

  • Teknoloojiiwwan adda addaa karaa garee kunuunsa qonnaa (farm management) sanyiin midhaaniigosa adda addaa kun.34,641;

  • Teekinooloojii beeyladaatin sanyiin nyaata beelladaa adda addaa kun 220, kan nyaata kanniisaa kun. 69, Biqiltuun nyaata kanniisaa (Bee forage seedlings) 4,000, cuuciin qurxummii (finger lings 240,000, cuuciin lukkuu 3,000, fi sanyii fooyya’aa horii maalaa fi bushaa’ee 682 kan baayyifamanii fayyadamtootaaf dhiyaatan ta’a.

  • Qabeenya uummamaatin immoo biqiltuuwwan mukaa adda addaa milliona tokko ta’an garee kunuunsa qonnaa giddugaleesotaatiin kan baayyifaman ta’u

  • Mahaandisummaa qonnaatiis meeshaaleen meekaanaayzeshinii qonnaa adda addaa 11,219 warkishoopii isaanitiin kan baayyifaman ta’a.

Galma 7. Teknolojii babalisuu (pre-scaling up)

  • Teknolojii midhaanii baayyee barbaadamoo ta’an 125, kan beeyladaa 71, kan qabeenya uumamaa 43, kan meekaanaayzeeshinii qonnaa 30 walumaagalatti teknolojiiwwan 269 agroo-ikolojiiwwan adda addaa keessatti kan babalatan ta’a.

  • Teknolojii midhaanii baayyee barbaadamoo ta’an 125,kan beeyladaa 71,kan qabeenya uumamaa 43, kan meekaanaayzeeshinii qonnaa 30 walumaagalatti teknolojiiwwan 269 agroo-ikolojiiwwan adda addaa keessatti kan babalatan ta’a. Hojichiis bifa qindaa’ee fi haala jijjiramni qabatamaan dhufuu danda’uun iddoo murtaa’aa irratti xiyyeefatamee kan raawwatamu ta’a.

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin