Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Galma 8. Leenjii qonnaan bultootaa fi qooda fudhattootaf kennuu



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə18/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19

Galma 8. Leenjii qonnaan bultootaa fi qooda fudhattootaf kennuu


Maniiwwan

  • Bara karoora KGT lamaffaa kana keessa teknolojii midhaanii, beeylada, qabeenya uumamaa, meekaanaayzeeshinii qonnaa irratti qonnaan/horsiisee bultoota fi hojjettoota miisoomaa 99,804 ta’aniif leenjiin kan kennamuuf ta’a.

  • Leenjiiwwan kunis kan xiyyeeffatu haala itti fayyadama teeknloojiiwwanii, haala qabiinsaa kunuunsa beellada, haala ittisa dhibee fi ilbissan adda addaa, haalaa omishaa sanyiiwwan adda addaa, haala oomoshaa fi itti fayyadama meeshaalee fooya’aa adda addaa, haala qabiinsaa, tursiisaa fi itti fayyadama oomisha adda addaa, fi kan kana fakkatan irratti ta’a.

Galma 9. Walitti dhufeenya qooda fudhattoota misooma qonnaa cimsuu

Maniiwwan



  • Waggoottan shanan dhufu keessatti KGWQMQ/ADPLAC sadarkaa sadarkaan jiru cimsuun murteessaa waan ta’eef sochii hanga ammaatti ture gamaagamuun sadarkaa hundatti akka cimuu fi aanaaleen 226 KGWQMQ/ADPLAC mataa isaanii hin hundeessin akka hundeessan ni taasifama.

  • Dabalataaniis waltajjiin gamaaggama raawwii fi karooraa fi daawwannaan hojii dirree kaawunsilichaa akkaatuma sagantaa isaanitiin yeroo isaanii eegatanii akka gaggeefaman ni taasifama.

Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Qorannoo Qonnaa

  • Imaammata fi taarsimoo misooma qonnaa mootummaan baase bu’uurreefachuun tekinolojii haarwaa jiruu fi jireenye qotee/Horsiisee bulaa keenya jijjiiruu danda’u yeroo gabaabaa, qulqullinaan fi gatii xiqqaan dhiyeessuu;

  • Tekinolojiwwan fi odeffannowwan dhiyaatan agro-ecology irratti kan xiyyeffatan ta’ee Paakeejiiwwan guutuun akka dhiyaatan ta’uun mirkaneessuu;

  • Tekinoljiwwan haarwaan bahan irra caalaan Omishaa fi oomishtummaa misooma qonna gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo itt kennuun hojjechuu;

  • Omisha al-ergee (commericial and high value crop) irratti xiyyeeffaxhuun hojjechuu;

  • Kaayyoo yaadame milkeessuuf toora guddaa kan haasawu Humna raawwachiistummaa gaggeessitootaa, ogeessotaa, qorattoota fi hojjettoota sadarkaa adda addaa irra jiran, akkasumas hawwaasicha tekinolojii fayyadamu haalaa fi waqtii hojii qorannoo fi hojii qonnaa hubannoo keessa galchuun leenjii fi hubannoo gahaa ta’e kennuu cimsuu;

  • Muuxaannoowwaan gaggaarii hojii qorannoo irratti argaman sakatta’uu, adda baasuu fi qindeessuun hawaasichaaf dabarsuu;

  • Rakkoolee dhiheessii fi tamsa’ina tekinolojii bu’uuraa furuuf interpiraayizoota sanyii filatamaa, abbootii qabeenyaa, waldaalee bu’uuraa, yuuniyeenota fi qaamolee dhimmi ilaalu biroo waliin marii’achuun sirni rakkoon kun itti hiikamuu danda’u akka uumamu tumsuu;

  • Hojiiwwan tekinolojiwwan haarwaa maddisiissu, baayisuu, madaqsuu fi dhiheessii tekinolojii hawaasaaf dabarsuu keessatti hojiiwwan hundi marii fi qindoominaan saktaroota walin jiru cimsuun akk ta’u gahee fi ittigaafatamummaa inistiitutichaa caalmaan guddisuu;

  • Hojiiwwan qorannoo gaggeeffaman hunda keessatti Korniyaa, dargaggoota Dhukkubsattoota HIVn faalaman adda baasuun haalli iftoominaan haammatamanii qooda fudhattoota ykn fayyadamtoota bu’aa tekinolojii keenyaa akka ta’an haala mijeessuuf fi ciminaan hirmaachuu isaanii dhugoomsuu;

  • Tekinolojiwwan kanaan dura bahanii shalfii irra jiran, fafaca’anii harka dhaabbilee adda addaa jiran sakata’uun adda baasuu, qindeessuu fi haala faayidaa uummataaf ooluu danda’aniin qopheessuun hawaasni akka beekuu fi akka itti fayyadamu qindeessuun dhiyeessuu;

  • Sanyii hadhoo kanaan dura bahanii harka ogeessotaa fi giddugaleessota keessatti argaman akka hin badne kunuunsuu fi prototayipiin isaa fi sanyiin isaa akka turu caalmaan hojjechuu fi cimsuu;

  • Xaa’oo uumamaa kompositii fi dikee bal’inaan hawaasni amma itti fayyadamaa jiru haalli qorannoo isaa waggoota muraasa kana kessatti xiinxaluu fi xumuruun ragaan ykn argannoon isaa hawaasaf akka darbu taasisuu akkasumas rakkoo itti fayyadama xaa’oo hawaasa qotee bulaa bira jiru yeroodhumaa tiif fala akka argatu qorannoowwan jalqabaman xumuramanii “blancket application” akka hafu ciminaan hojjechuu;

  • Tekinolojiiwwan caalmaan akka bahu gummaacha guddaa kan taasisan hojii qindoominaa waan ta’eef, Sekteroota, dhaabbilee mootummaa fi miti - mootummaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasa waliin qindoominaan caalmaan hojjechuun tekinolojiwwan oomishaa fi oomishitummaa qonnaa dabalan hedduminaan fi akkaataa barbadamaa ta’een dhiyeessuuf bal’inaan hojjechuu;

Hojiiwwan agro prosasii

Hojiwwan agro prosasii sektara qonnaa keessatti gaggeefamuu abbootii qabeenyaa tiif qonnaanbuloota investimantiitti ce’aanii gurmessuun hojiiwwan agroroo proosesiingtti akka ce’aniif deggarsa hordoffii gochuutiin fayyadamuummaa hawaasaa akka mirkanaawu ni ta’a. haaluma kanaan gam tokkon rakkoowwan gabaa oomisha qonnaa hiikuudhaan karaa biraan immoo galii qonnan bulaa keenya akka guddatuuf waliitti fifiinsa guddina misooma dingdee keenya akka mirkanaa’uuf KGT 2ffaa kana keessatti ciminaan ni hojjetama. Oomisha midhaanii, misooma dammaa, kuduraa fi muduraa fi bu’aawwan beeladaa fi kkf prosasii gochuudhaan gabaa biyya keessatif biyya alaatiif oolchuu ta’a.

Hoji agro proosasiingii kana karaa guutuu ta’een hojii irra oolchuudhaaf hojii karaa abbootii qabeenyaatiif jaarmiyaalee Qonnan bulaatiin hojjataman akkuma jiruutti ta’ee xiyyefannaan KGT kana keessatti Qonnan bultoota adda duree kaapitaala horatanii gara investimantiitti ce’aan irratti gareenis ta’ee dhunfaadhaan akka hojjetamuu ta’a. Hojiwwan kun akka milkaa’utiif qindoominni sektaroota dhimmi ilaaluu murteessa dha.

          1. Ittisa Balaa Fi Qophaa’inaa

Galma Tarsiima’aa 1. Sirna Duraan Akeekkachiisaa Hammayyeessuu Fi Saaxilamummaa Balaa Hir’isuu

Maniiwwan

        • Agarsiisota duraan akeekachiisaa (haala roobaa, qonnaa, gabaa, fayyaa namaa fi beeyladaa, bishaanii fi marga fi wabii nyaataa) irratti hundaa’uun ragaa duraan akeekkachiisaa haala gadifageenya qabuun (detail) ji’atti al tokko godinaalee 18 irraa sasaabuu, qindeessuu fi xiinxaluun qaama ilaaluuf kan darbu yoo ta’u, wagga shan keessatti yeroo 60 akaa qndaa’ee darbu ni taasifama .

        • Hojiin kun waggoottan shanan darban keessa hanqina baajataa irraa kan ka’een giddugaleessaan aanaalee 259 keessaa aanaalee 231 iraa sassaabamee xiinxalamaa kan ture yoo ta’u hanga duma waggaa shanii itti aanuutti aanota 259 irraa guutummaan guutuutti ssassaabuuf karoorameera.

        • Dhuma waggaa shanan darbanii irratti ragaan kunasiin dura “hard copy”iin qaamaan dhiyaataa ture softweerii hojii kanaaf qophaa’etti fayyadamuun godinaa hanga feedaraalaatti intarneetiidhaan akkuma bara darbe jalqabeen akka itfufu ni taasifama.

        • Sooftiweeriin kun yeroo fi baajata qusachuu fi dogogora ragaan yoo guutamu uumamu akka ofumaa sirreesu ta’ee kan qophaa’e waan ta’eef qulqullina ragaa daraan ni dabala.

        • Ragaalee torbaanii fi ji’aa n sassaabamanii xiinxalaman, Softweerii LEAP, ragaa Metrolojii, Biyyooleessaa irraa argamu, ragaa haala xiinxala wabii nyaataa dhaaba FWSNET fi kkf irraa argaman irratti hundaa’uun ibsituu haala yeroo (Early warning and response situation analysis) waggoottan shanan darban keessa yeroo 60 qopheessuun qaama odeeffannoo kana barbaaduuf dabarsuuf karrora qabamee ture keessaa kan rwwatame yeroo 33 yoo ta’u haaga dhuma bara 2012tti ji’a ji’aan haala guutuu ta’een (yeroo 60) qophaa’ee akka dlyaatu karoorameera.

        • Aanaalee Wareda-neetiin walqabsisuun ragaa duraan akeekkachiisaa fi deebii haalaa ammayaa’aa ta’een akka wal jijjiiramu taasisuuf hojii bara 2007 aanaalee 10 keessatti hojjatame bara baraan %43.1 guddisuun dhuma bara tarsiimoo irratti aanaalee hafan 249 keesstti ni hojjatama

        • Qorannoo Sirna nyaaataa battallaa aanaalee rakkoo hanqina nyaata qaban (Hot spot woreda) keessaa bara 2007 aaanaalee 34 keessatti gaggeeffamaa ture tumsaa hojii misoomaa taasifamu irraa kana ka’e rakkinni kun hanga bara tarsiimoo darbee hin babaldhatu yaada jedhu qabachuun bara tarsiimoo itti aanutti “akkaataa normaal trend”n aanaalee 14 keessatti gaggeessuuf karoorfameera.

        • Qorannoo sirna nyaataa deddeebi'aa (Nutrition Survellance) aanaalee haaluma asiin dura adeemsifamaa tureen 4 filataman keessatti gaggeessuu Marsaa 8 bara tarsiimoo darbe keessa gaggeeffamee ture baroottan itti aanutti marsaa 10 ni gaggeeffama.

        • Aanalee rakkoo waabii nyaataa qaban (woreda hot spot classification) sadarkaan addaan baasuun qaama dhimmi ilaaluuf kurmaana kurmaan (wagaa 5tti yeroo 20) dabarsuun kana irratti hundaa’amee uummata gargaarsi barbaachisuuf gargaarsi akka eeyyamamu

        • Hojiiwwan gurguddoon asiin olitti caqasaman baay’inaan hojii idilee hordoffii haala wabii nyaataa naanichaa (Reegular early warning monitoring system) yoo ta’an ragaawwan hordoffii kana irraa yeroo yeroon argaman itti fayyadamuun gareen malti agency (GO. NGO, UN, Donors) qorannoo mirkaneessuu waggatti yeroo 2 akka gaggeessu ni taasifama. Qorannoowwan kun kan gaggeeffaman qorannoo sabsii duraa midhaan gannaa fi arfaasaa fi haala naannoo horsiisee bulaa irratti yoo ta’u haaluma baratameen tokkoon tokkoon isaanii waggoottan shanan dhufan keessatti yeroo 5 kan gaggeeffamu yoo ta’u, walitti yeroo 10 ni gaggeeffama. Qorannoo kanaan ummanni haqina nyataaafi meeshaalee nytaan alaatiif saaxilame addan bahee kan beekkamu yoo ta’u dhuma irratti qorannoon kun Koree IBQ naannootiin mirkanaa’ee qaama gargaarsa kennuuf akka darbu ni taasifama.

    • Hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu keessaa inni tokko qorannoo proofaayilii saaxilamummaa balaa ti. Qorannoo kana keessatti ragaan sassaabamu kan xiyyeeffatu balaawwan (Hazards) aanaalee keessatti deddeebi’anii uumaata miidhaa jiran adda baasuun tartiibessuu, saaxilamuummaa uummataa balaawwan kanaaf jiru adda baasuu (Vulnerebility), naanoo balaawwan kun itti argaman daangessuu (mapping) fi humna ummataa balaa kanneen dandamachuuf jiru (Capacity) adda baasuu dha. Qorannoon kun aanaalee fi gandoota naannicha keessatti argaman hunda keessatti ni gaggeeffama.

    • Aanaalee qorannoon kun keessatti hojjatame kan bara 2007 %45 (aanaalee 119) irra ture bara baraan giddugaleessaan %8.2n guddisuun dhuma bara tarsiimootti %55 (aanaalee 140) hafe guutummaan guutuutti ni raawwatama.

Galma Tarsiima’aa 2. Hojii Qophaa’inaa Fi Deebii

  • Maniiwwan

    • Bu'aa qorannoo sabsii duraa midhaan Gannaa fi Arfaasaa irraa argame irratti hundaa’uun miidhamtoota balaa gargaarsi eyyamameef gargaarsi ji’a ji’aan akka ergamuuf "DRMFSS"tiif gaaffii dhiyeessuun raawwiin isaa ni hordofama;

    • Haala raabsa gargaarsaa guyyaa guyyaan hordofuun ragaan kan qindaa’u yoo ta’u, baayina gargaaramtootaa fi akkaakuu gargaarsaa hojii irra oole qaamani gargaarsa kenne ji’a ji’aan akka beeku ni taasifama;

    • Gargaaramtoota keessaa %35 kan ta’an namoota nyaatni madaalawaan dabalataan barbaachisu (Daa’immanii, Haadhlii ulfaa fi harma hoosisan, Namoota HIV/AIDS wajjiin jiran, fi kkf) dhibee hanqinni nyaataatiif akka hin saaxilamne deeggarsa nyaata dabalataa akka argatan ni taasifama;

    • Miidhamtoota balaa deggaarsa midhaan nyaataa argatan keessaa kan hojii humnaa hojjachuu dand’an hojjii misoomaa saaxilamummaa balaa hir’isuu danda’an fedhii isaaniitiin akka hojjatan kan taasifamu yoo ta’u irratti akka hirmaatan kan taasifamu yoo ta’u hirmaannaa bara 2007 %40 ture hojii amansiisuu fi kakaasuu hojjatamuun gara % 65tti ni guddata.

    • Akkaataa imaammata haaraa DRM tiin “emergency coordination center’ tokkoo fi “Incident command system” tokko Naanno irraa hanga aanaatti kan dhaabbatu yoo ta’u, meeshaa teeknooloojii qunnamtii odeeffanootii hammayyaa’aa fi human namattiin cimsuun hojiin duraan akeekkachiisaa fi deebee kennuu gahee qabeessota hunda karaa hirmaachisee fi haala qindaa’een akka raawwatamu ni taasifama.

Galma Tarsiimaa’aa 3. Maniiwwan Hojii Horata Fandii Of-Eeggannoo

  • Maniiwwan

    • Hanga dhuma bara 2012 tooftaa adda addaatti fayyadamuun qr.mil 104.4 horachuun (fund raiseing) balaa adda addaa uumamuuf deebii kennuuf karoorameera.


Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Qophii fi Ittisa Balaa

  • Imaammataa hoggansa soda balaa hir’isu fi hojii fandii of eggannoo irraatti hubannoo hawaasaa fi qooda fudhattootaa cimsuun gahe isaanii akka taphatan taasisuu;

  • Sektaraaleen haala immaammataa harawaa bahen hojii sodaa balaa hir’isuu (DRM) fi misoomaa deegaruu irraatti qaama karoora isaanii taasisanii akka hojjetan gochuu;

  • Sirna hogansa balaa haala guutuu ta’een hojii irraa oolchuuf “Multi Agency Coordination System, Early Warning and emergency Coordination center and incident command system) sadarkaa sadarkaan hundessuun jajjabeessuu;

  • Hojiiwwaan muuxannoo gaarii ta’an addaa baasuun qindeessuun babal’issuu;

  • Qabeenya miidhaa balaa ummamuuf deebii kennuuf gargaaru qamoolee adda addaa gaafachuun dhiyeessuu fi akkasumaas naannoo keessatti sadarkaa sadarkaan horachuu;

  • Qoronnoo saaxilamummmaa balaa aanaalee hin qoratamin irratti gaggeessuu fi rakkoo saaxilammummaa balaa karaa hiikuu danda’amuun qaama ilaallatu waliin hojii irraa oolchuu;

  • Ragaa duraan akeekkachisa amayyessuuf hojii “woreda net” jalqabame aanaalee hunda akka waliin gahu mootummaa federaalaa waliin qindominaan hojjechuu;

  • Dandeettii raawwachiisummaa hogganttootaa, raawwattootaa fi qooda fudhattootaa cimsuu;

  • Hordoffii fi deggarsaa sadarkaa hundatti cimsuu;

  • Hojii hunda keessaatti dhimmi koorniyaa, darggaggoo fi HIV/AIDS haala idilaa’een akka hojjatamu taasisuu;

  • Deggaarsi kennamu hojii misoomaa waliin walqabate akka raawwatamu taasisuu;



1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin