Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Lafa Baadiyyaa fi Eegumsa Naannoo



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə19/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19

Lafa Baadiyyaa fi Eegumsa Naannoo


Galma Tarsiima’aa 1. Karoora Itti fayyadama Lafaa

Maniiwwan

  • Waggoota shanan dhufan keessatti karoora karoora itti fayyadama lafaa suluula gurguddoo yeroo ammaa bal’ina lafa baadiyyaa naannichaa irraa % 46 (km2 167,152.5 ) irra jiru guutumaan guututti xumuruu ( % 100 ) ( km2 363,375 ) akka raawwatamu ni taasifama.

  • Qorannoo karoora itti fayyadama lafaa sululoota gurguddoo aanaalee 182 keessatti xumurame haala guutuu ta’een hojii irra akka ooluu deegarsa fi hordoffiin ni taasifama.

  •  Baadiyaa keessatti sulula xixiqqaa 13075 adda baasuun dokumantii qorannoo guutuu waliin qaama misoomsuuf dabarsuu fi hojii irra oolmaa isaa irratti deegarsa fi hordoffiin ni godhama.

  • Waggoota shan bara karooraa keessatti karoora sulula itti fayyadama lafaa hirmaannaa ummataatiin (LLUP) gandoota 2637 kessatti qopheessuu fi hojii irra oolchuu

  • Baadiyaa keessatti lafti tajaajila investimantiif oolu hektaara 278,016 ta’u waggoota shanan bara karooraa keessaatti ni qophaa’a.

  • Baadiyaa keessatti lafti tajaajila IMXtiif oolu hekataara 182,829 ta’u waggoota shan keessatti ni qophaa’a

  • Lafa tajaajila hawaasummaa adda addaatiif oolu waggaa shan keessatti lafti hek. 55,456 ta’u qophaa’ee qaama itti fayyadamuuf ni kennama

  • To’annoo fi hordoffii lafa investimantiif kenname hek. 411885 irratti gaggeessuun lafa waliigalteen cite hek 125,803 gara istookii mootumaatti akka deebi’u ni taasifama.

Galma Tarsiima’aa 2. Bulchiinsa Lafa Baadiyaa


Maniiwwan

  • Safarrii fi kenna waraqaa raga sadarkaa lammaffaa tekinooloojii ortho photo gaggeessuuf aanota 167 ta’an balala’iinsa xiyaaraa suuraa qilleensaa (aerial photo) akka hoojjatamu ni taasifama

  • Waggoota shanan dhufan keessatti lafa baadiyyaa hek. 6,777,572 (parsilii miliyoona 22.8) haala ammayyaan tekinoojiiwwan akka Orto Photo fayyadamuun safarrii fi galmeen lafaa ni gaggeeffama

  • Bara karooraa kana keessatti qabiyyee /Parsili / mil 22.8 ta’u galmaa’ee qawwiisuu dhaan kaartaa mil. 22.8 qophaa’ee abbaa qabiyyee mil 3.2 waraqaa ragaa sad 2ffaa kan kennamu ta’a.

  • Waggoota karooraa shanan dhufan keessatti haala dirqama fi mirga itti fayyadama qabiiyyee lafaa seeraan taa’een hojii irra ooluu isaa to’annoo fi hordoffiin bulchiinsa lafa baadiyaa ganda 6447 fi abbaa qabiiyyee 2,286,591 irratti ni gaggeeffama.

  • Waldiddaa lafa baadiyaan walqabatee jiru ilaalchisee waggoota shanan darban keessatti 230,056 kan ture %86 n akka hir’atu ni taasifama

  • Sababa dabarsa mirga abbaa qabiiyyummaa lafatiin waaraqaan ragaa abbaa qabiiyyummaa lafaa 116,528 ta’u bara karoora kana keessatti akka haaromsamu ni taasifama.

  • Hubannoo bulchiinsa lafa baadiyaa cimsuuf koree bulchinsaa fi itti fayyadama lafa gandoota 6452 irraa namoota 32,260 leenjiin kan kennamu ta’a.

  • Seerota bulchinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa irratti hubannoo cimsuuf qonnaan bulaa, horsisee bulaa fi gamisa horsiisee bulaa ganda 6452 irraa hirmaataniif namoota 6,113,993 hubannoon kan kennamu ta’a.

  • Bara karooraa kana keessatti lafa jallisii pirojektiin misoome haala labsii bulchiinsa lafa baadiyaatiin sakatta’uun hek.26,271 abbaa qabiiyyee 57, 413 ta’aniif itti fayyadamtootaaf ni qoodama.

  • Hojii irra oolmaa seerota bulchiinsa lafa baadiyaa, haala waldiddaa lafa baadiyaa fi itti fayyadama lafa gaaraa fi bosonaa irratti waliigala qorannoo sadi waggoota karooraa kana keessatti gaggeessuun bu’aawwan qorannoo hojii irra akka oolan ni taasifama.

  • Ragaa bu’uuraa bulchiinsa lafaa (Land record data base) tokko uumuudhaan odeeffannoon bulchiinsa lafa baadiyaa akka hammayyaa’u ni godhama.

  • Kaadastarii lafa baadiyaa ilaalchisee muuxannoon gaariin jiru tokko sakatta’amee qindaa’ee godinoota hunda keessatti akka babal’atu ni taasifama.


Galma Tarsiima’aa 3. Eegumsa Naannoo


Maniiwwan

  • Rakkoo faalama naannoo sababa warshaalee adda addaatiin gahu salphisuuf waggoota shan karooraa kana keessatti to’annoo fi hordoffiin eegumsa naannoo warshaalee gosa addaa addaa 2390 ta’an irratti gaggeessuun haalli qabiinsa balfaa istaandardii akka biyyatti baheen akka walsimu ni taasifama.

  • Pirojeektootaa misoomaa adda addaa daandii baadiyaa 3236, oomisha albuudaa 3928, ikoo-turizimii 217, misooma jallisii 1292, misooma abaaboo 76 ta’an irratti to’annoo fi hordoffii gaggeessuun manca’ini qabeenya uumamaa irra gahu akka salphatu ni godhama.

  • Waggoota shanan dhufan keessatti hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa sululoota 2615 keessatti hojjataman, hafteewwan bosonaa hek. 488,595 deeggarsa fi hordoffii gaggeessuun haalli kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo keenyaa akka fooyya’u ni taasifama.

  • Pirojektoota haarawaa wixineeffaman hojii keessa osoo hingalle dhiibbaa naannoo irraan gahan haala ittiin salphisan ilaachisee dokumantiin qorannoo sakatta’a dhiibbaa naannoo piroketoota 1600 ta’aniif xiinxallamee murtiin ni kennama.

  • Bara karoora tarsiimoo kana keessatti warshaalee gurguddoo 150 ta’an irratti ooditiin naannoo gaggeeffamee bu’aan ooditii hojii irra akka oolu ni taasifama

  • Qabiinsa fi manajimantiin gataawwan magaalaa akka fooyya’u taasisuuf sirna qabiinsa gataawwan magaalaa irratti magaalota 450 ta’aniif hordoffii deeggarsi ni taasifama.

  • Eegumsa naannoo keessatti ummanni hirmaannaa guutuu akka taasisu haawsa qotee bulaa, horsiisee bulaa fi jiraattota magaalaa 4,448,578 ta’aniif hubannoon akka cimu ni taasifama.

  • Eegumsa naannoo irratti kan hojjatan gumii kunuunsa naannoo manneen barnootaa 20,275 ta’an fi miseensota 1,397,952 qabaniif deegarsa ogummaa kennuu fi hubannoo cimsuu.

  • Waggoota shanan dhufan keessatti warshaalee 1410 fi, laggeen fi haroowwan 90 waliigala 1500 ta’an irraa samuda(samples) irraa fudhachuudhaan sakatta’iinsa laboraatoorii gaggeessuun bu’a qorannoon argamu irratti tarkaanfiin sirreeffamaa ni kennama.

  • Haala faalama naannoo fi manca’ina qabeenyaa uumamaa irratti waggaan qorannoo lama gadi fageenyaan gaggeessuudhaan bu’aawwan qorannoo akka hojii irra oolan ni godhama.

  • Sirna to’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo cimsuuf labsiiwwan fi dambiiwwan bahan irratti hundaa’uudhaan qajeelfamoota to’annoo fi hordoffii lama qopheessuun hojii irra akka oolu ni taasifama

  • To’annoo faalama naannoo fi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti muuxannoo gaarii 3 qindeessuun magaalota fi godinoota hunda keessatti akka babal’atu ni godhama.

  • Waggoota shanan dhufan keessatti hirmaannaa qooda fudhattoota adda addaatiin sakatta’insa waliigala naannoo gaggeessuun gabaasa sadarkaa naannoo Oromiyaa (State of Environment Report) tokko qophaa’ee itti fayyadamtootaaf ni raabsama.

Tarsiimoo Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo Lafaa fi Eegumsa Naannoo

  • Lafa baadiyaa investimeentiif ooluu danda’u qorachuun adda baasuun abbootii qabeenyaaf qopheessuun hawwachuun;

  • Sekteroota fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuun rakkoo gama qophii lafaa fi hojii irra oolma karoora itti fayyadama lafaatiin mul’atan salphisuun;

  • Muuxannoowwan gaarii gama qophii lafaa fi karoora itti fayyadama lafaatiin jiran adda baasuudhaan qindaa’ee babal’isuun

  • Sirna hordoffii fi deeggarsaa walirra hincinne diriirsuun rakkoowwan raawwii hojii qophii lafaa fi hojii irra oolmaa karoora itti fayyadama lafaa keessatti mul’ataniif furmaata yeroon kennuun;

  • Sagantaa gamaaggama raawwii hojii idilee diriirsuun raawwiin hojii akka fooyya’aa deemu taasisuu

  • Hojiiwwan karoora itti fayyadama lafaa sadarkaa hundatti raayyaa ijaarameen raawwatamu akka qabuu fi faayidaa raayyaan hojjachuu sirritti hubachiisuun fi raawwii karooraa kallattii kanaan hoogganaa deemuun.

  • Hojiiwwan qophii lafaa riifoormiwwan meeshaalee jijjiiramaa ta’aniin akka deegaramu gochuudhaan raawwii keenya fooyyeesuu fi ilaalchaa fi gocha kiraa sasaabduma karaa dadhabsiisuun raawwatamaa jiraachuu hordofuun

  • Hojiilee karoora itti fayyadama lafaa hunda keessatti ummanni fayyadamaa fi hirmaachaa jiraachuu isaa fi keesattuu fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneefachaa deemuun.

  • Hojiilee keenya hunda bifa qindaa’ee fi karaa waldeegaruu fi inni tokko kan biraatiif haala galtee ta’uu danda’uun raawwatauu isaa hordofuun

  • Ragaa bulchiinsa lafa baadiyyaa ammayyeessuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa diriirsuun

  • To’annoo fi hordoffii itti fayyadama lafaa cimsuun qisaasamni lafa baadiyyaa akka salphatu taasisuun

  • To’annaa fi hordoffii gaaggeessuun akkaataa seeraa fi waliigaltee ittifayyadamaa lafaa taasifameen raawwatamuu isaa adda baasuu rakkoo jiran irratti takaanffii sirreefamaa fudhachuun

  • Waliddaa lafa baadiyaa waliin walqabatee saffinaan akka hiikamu gochuu fi sirni komiin ummataa itti dhihaatee kessumeeffamu akka cimu gochuun

  • Sekteroota fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuun rakkoo gama lafa baadiyaatiin mul’atan salphisuun;

  • Muuxannoowwan gaarii gama bulchiinsa lafa baadiyaatiin jiran adda qindeessuun babal’isuun

  • Sirna hordoffii fi deeggarsaa walirra hincinne diriirsuun rakkoowwan raawwii bulchiinsa lafa baadiyaa keessatti mul’ataniif furmaata yeroon kennuun;

  • Sagantaa gamaaggama raawwii hojii idilee diriirsuun raawwiin hojii akka fooyya’aa deemu taasisuu

  • Hojiiwwan bulchiinsa lafa baaadiyaa sadarkaa hundatti raayyaa ijaarameen raawwatamu akka qabuu fi faayidaa raayyaan hojjachuu sirritti hubachiisuun fi raawwii karooraa kallattii kanaan hoogganaa deemuun.

  • Hojiiwwan bulchiinsa lafa baadiyaa riifoormiwwan meeshaalee jijjiiramaa ta’aniin akka deegaramu gochuudhaan raawwii keenya fooyyeesuu fi ilaalchaa fi gocha kiraa sasaabduma karaa dadhabsiisuun raawwatamaa jiraachuu hordofuun

  • Hojiilee bulchiinsa lafa baadiyaa hunda keessatti ummanni fayyadamaa fi hirmaachaa jiraachuu isaa fi keesattuu fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneefachaa deemuun.

  • Hojiilee keenya hunda bifa qindaa’ee fi karaa waldeegaruu fi inni tokko kan biraatiif haala galtee ta’uu danda’uun raawwatauu isaa hordofuun

  • Hojiin eegumsa naannoo kan qaama tokkoon raawwatu waan hintaaneef sektara hundatti keessatti idileeffamee akka irratti hojjetamuu danda’u taasisuun, hubannoo uumuu fi bali’naan uummata sochoosuun;

  • Muuxannoowwan gaggaarii gama eegumsa naannootiin jiran qindeessuudhaan babal’isuun;

  • Tekinoloojiiwwan diinagdee magaariisaa fi dndamannaa jijjiirama qilleensaa gargaaran babal’isuu fi qaama kana irratti hojjataniif deeggarsa kennuun

  • Hawaasa qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, jiraatota magaalotaa, abbootii qabeenyaa; akkasumas ogeessotaa fi baratootaaf, hubannoo eegumsa naannoo kennuudhaan nannoo isaanii cimsanii akka eeganii fi kunuunsan taasisuun

  • Dandettii raawwachisummaa cimsuuf ogeessota godinaalee, magaalota fi Aanaalee irra jiraniif lenjii kennuun,

  • Sirna hordoffii fi deeggarsaa walirra hincinne diriirsuun rakkoowwan raawwii keessatti mul’ataniif furmaata yeroon kennuun;

  • Sagantaa gamaaggama raawwii hojii idilee diriirsuun raawwiin hojii akka fooyya’aa deemu taasisuun

  • Hanqina gama hubannootiin jiru salphisuuf ummataa fi qooda fudhattoota adda addaatiif hubannoo cimsuun

  • Hojiiwwan eegumsa naannoo sadarkaa hundatti raayyaa ijaarameen raawwatamu akka qabuu fi faayidaa raayyaan hojjachuu sirritti hubachiisuun fi raawwii karooraa kallattii kanaan hoogganaa deemuun.

  • Hojiiwwan eegumsa naannoo riifoormiwwan meeshaalee jijjiiramaa ta’aniin akka deegaramu gochuudhaan raawwii keenya fooyyeesuu fi ilaalchaa fi gocha kiraa sasaabduma karaa dadhabsiisuun raawwatamaa jiraachuu hordofuun

  • Hojiilee eegumsa naannoo hunda keessatti ummanni fayyadamaa fi hirmaachaa jiraachuu isaa fi keesattuu fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneefachaa deemuun.

  • Hojiilee keenya hunda bifa qindaa’ee fi karaa waldeegaruu fi inni tokko kan biraatiif haala galtee ta’uu danda’uun raawwatauu isaa hordofuun

5. Dhimmoota sektera hundaa (Cross-cutting) irratti xiyyeeffannoon hojjechuu

5.1. Koorniyaa Idileessuu

Galma 1. Tajaajila ekisteenshinii qonnaa koorniyaa giddu galeessa godhate kennamuu isaa hordofuu

Maniiwwan

Baay’inna Uumata biyyattii keessaa 50% fi isaa Ol- dubartoota waan ta’aniif sochiin hojii misoomaa keessatti koorniyaa idileessuu irratti xiyyeefachuu jechuun Misooma Dinagdee guddisuu akka ta’ee mirkaneefachuu dha. Haaluma kanaan waggoota shanan dhufanitti dubartoonni sochii hojii sektarichi gaggeessu hundaa keessatti hirmaattootaa fi itti fayyadamtoota teknoloojiiwwan adda addaa akka ta’an ni taasifama. Hojiiwwan sektera qonnaa keessatti raawwatan harki caalu hirmaannaa dubartootaa kan gaafatu waan ta’eef seektarchi xiyyeeffannoo addaa kennuun kan irratti hojjetu ta’a.



  • Keninsa taajajila ekisteenshinii keenya keessatti fedhii dubartootaa addaan baasuun paakeejii fi leenjii oggummaa addatti qopheessuun akka fayyadaman taasisuu;

  • Dubartoota H/Warraa ta’anii fi kan A/Warraa qaban fayyadamtoota teekinooloojii qonnaa ta’uun oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka fooyyeffatan gochuun galiin isaanii akka dabalu xiyyeeffannoon hojjechuu fi daa’imman isaanii mana barumsaatti akka ergatan qaamolee adda addaa waliin qindoominaan hojjechuu;

  • Hojiin koorniyaa idileessuu sadarkaa Godinaaleef Anaaleetti haaraa akka dirirru gochuu fi kan jiran jajjabessuun raawwii isaa tiif hordofii fi degersa gaggeesuun ni raawwatama.

  • Dubartootaa mana hojichaa sadarkaan jiraan keessatti argmaan ijaramaanii ademsaa sirna dimokrasii fi bulchusii garii dagaagsuu keessatti gamaa hundaan shoora irra egamuu akka bahaniif hirmaattotaa fi fayyadamtoota akka ta'an heera, seeraa fi qajelfamoota irratti hubannoo kenuun qindesuun;

  • Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti haalaa irra jiru hubachuu qorannoo gaggeessuun addaan basuun furmataa ka'aa demuu;

  • Mana hojii keessattii hirmaanaa dubartootaa aangoo murteessuumaa irratti qaban akka dabaluuf mirga deegarsa addaa dubartoota akkataa manaa hojittii iddileesuu;

  • Bajatni ramadamu koorniyaa giddu-galeessa godhatee raawwachuu isaa hordofuu

Galma 2. Caasaa qonnaa sadrkaan jiru keessatti hirmaannaa fi gahee dubartootaa guddisuu

Maniwwan

  • Gita banaa jiru irratti akkaataa qajeelfama jiruun hirmaannaa dubartootaa guddisuu

  • Carraa barumsaa argamu keessatti dubartootni fayyadamo akka ta’an gochuu;

Galma 3. Dubartoota Caasaa qonnaa jiru keessatti gara geggeessummaatti akka dhufan jajjabeessuu

  • Sadarkaa gandaa, aanaa, godinaa fi naannoo irratti dubartootni gara ogeessa olaanaa, abbaa adeemsaa fi itti-gaafatamummaatti akka guddatan jajjabeessuu

Galma 4. Dhimma hojii koorniyaa idileessuu irratti human raawwachisummaa cimsuu

  • Qonnaan/Horsiisee bultoota dhiiraa fi dubartii hubannoon isaanii gama wal-qixxummaa koorniyaa irratti akka cimuuf leenjii kennuu;

  • Hojjettoota misooma hundaa, ogeessotaa fi geggeesota sadarkaa adda adda irra jiran gama wal-qixxummaa koorniyaa irratti leenjii hubannoo cimsu kennuu;

Galma 5. Dhimma koorniyaa irratti qorannoo fi qo’annoo geggeessuu

  • Manuwaalii koorniyaa idileessu dokimentii tokko qopheessuu

  • Qorannoo xiinxala koorniyaa adeemsisuu

  • Qorannoo ‘gender gap’ geggeesudhaan addaan baasuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii gama wal-qixxummaa koorniyaa fi aangessuu dubartootaa jiran addaan baasuudhaan qindeessuu fi akka babal’atan taasisuu;


Taarsiimoo raawwii

  • Karoorri hojii fizikaalaa fi faayinaansii Biiroo Qonnaa sadarkaa sadarkaan qophaa’u hundi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dhiiraa haala dhugoomsuu danda’uun ‘’base-line , indicator&target’’ akka qabaatu hordofuudhaan;

  • Al-logummaa dhimma hojii korniyaa caasaa Biiroo Qonnaa keessa jiru qorannoon addaan baasuudhan akka sirreeffaman irrtati hojjechuu;

  • Gabaasa raawwii hojii fi cheeklistii hordoffi fi deeggarsaaf qophaa’uu xiinxaluudhaan dhimmi hojii korniyaa idileessuu haala karooraan idilaa'uu isaa xiinxaluun duub deebii kennuu;

  • Maanuwaalii fi qajeelfama gara garaa qopheessuudhaan koorniyaan mana hojichaa keessatti qabatamaan akka idilaa'u taasisuu;

  • Qorrannoogara gara garaa , xiinxaa fi muuxannoo dhimmaa wal-qixummaa korniyaa fi aangeessuu dubartoota dhugoomsaan gageessuu;

  • Ragaan qonnaa haalaa korniyaa gidduu-galeessaa godhaaten sadarkaa jiruun akka qinda’’uu taasisuudhaan akka qinddauu gochuudhaa;

  • Tajaajilli ekisteenshinii, liqii, leenjii fi odeffannoon gara garaa keennamu hordofuudhaan hirmaannaafi fayyadamummaa dhiiraa fi dubartootaa mirkaneessuu

  • Sagantaalee fi pirojeektootni Biiroo qonnaa jala jiraan korniyaa gidduu-galeessaa godhaate raawwatuu isa hordofuudhaan;

  • Leenjii dhimmaa hojii korniyaa idileessuu irraattii qonaann bultoota dhiiraa fi dubarttoota , hojjeetoota misooma hundaa , ogeesootaa fi gaggeesitoota aanaalee , godinaa fi naannoof leenjii hubaannoo uumuu;

  • FTC keessaattii leenjiin kennamuu korniyaa gidduu –galeessaa godhaatee raawwatuu isaa hordofuudhaan;

  • Ogeessi biiroo qonnaa sadarkaan jiruu hojii hojjetuu keessaattii dhimmaa korniyaaf xiyyeeffaannoo godhaate hojjetuu isa hordofuudhaan;

  • Hordoffii ,gamaagamaa fi raawwii hojii qonnaa sadarkaan jiruu taasifamuu keessaattii dhimmi hojii korniyaa gidduu-galeessaa taasifamee hojjetamuu isaa hordofuudhaan;

  • Cheeklistii hordoffii hojiif qophaa’uu dhimmaa korniyaa gidduu-galeessaa akka godhaatuu taasiuudhaan;

  • Unkii gaasaa hojii qonnaa sadrkaan jiruu hundaa kessaattii haala hirmaana fi faayadamummaa qonnaan bultoota abbaa warraa , haadha warraa , dubartoota abba warraa qabaan fi dargagootni taasisuun akka madaalamuu gochuudhaan;

  • Dubartootni sadrkaa ogeessesa ol-aanaattii, abba adeemsaa fi gaageessaa sadarkaa aanaa ,godina fi naannootti akka cimuu hojjechuu

  • Muuxannoo hojii gamaa dhimmaa hojii korniyaa idileessuun jiruu addaan baasuun qindeessudhaan babal’issuu;

  • Qawwaa korniyaa [gender–gap] caasaa fi hojii biiroo qonnaa sadarkaan jiruu addaan baasuudhaan tarkaanfii akka irratti fudhaatamuu yaada furmaata dhiyeessuu;

  • Caasaan dhimmaa hojii korniyaa idileessuu sadarkaa godinaa fi aanaaleettii akka diriiruu taasiisuu;

  • Pirojeektooni fi sagantaaleen gara garaa biiroo qonnaa jala jiraan qixa sirri ta’een dhimmaa hojii korniyaa irraatti hojjechuu isaanii hordofuun muuxannoo garii qabaan akka babal’tuu taasisuu;

  • Qooda fuudhaatoota adda addaa dhimmaa wal-qixummaa korniyyaa irratti hojjetaan wal –qunnaamtii tasiisuudhaan muuxaannoo isaanii fudhaachuudhaan kan biiroo keenyaas qooduu;

  • Imaamatni fi taarsiimooleen wal-qixummaa korniyaa ilaachiisaani sadarkaa biyyooleessaa fi nnaannootti jiraan akka hojii irraa olaan taasiisuudhaan;

  • Haanqinaalee gama korniyaa idileessuun raawwii fi caasaa qonnaa kessaa jiraan tarkaanfiin akka fudhaatamuu qoraachuun yaadaa biiroof dhiyeessuudhaan;

  • Adeemsoota hojii sadarkaa biiroo jiraanii, godilaa fi aanaalee naamuda [sample] fudhaachuun haala raawwii isaanii xiinxaaluun ciminaa fi haanqinaalee jiraan addaan baasuudhaan duub-deebii keennuudhaan;

  • Adeemsootaa biiroo , godinaalee , aanaa , gandootaa , pirojeektoonii biiroo qonnaan haalaa raawwii isaaniin sadarkaa baasuudhaan akka wal-irraa baraatani taasiidhaan;

5.2. Dhimma Dargaggootaa

Kaayyoo

Hojii qonnaa geggeeffamu ammayyeessuun dargaggoota qonnaan bultoota fi hoji-dhabeeyyii ta’aniif tajaajila ekisteenshinii kennuudhaan teekinoloojiiwwan qonnaatti akka fayyadaman gochuun oomishaa fi oomishtummaa fooyyessuu keessatti gahee isaanii bahanii fi galii isaanii akka fooyyeffatan taasisuu;



Galma 1. Misooma qonnaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa ilaalchisee hubannoo uumuu

Maniiwwan

  • Hojjettoota sadarkaa naannoo irra jiran 187, sadarkaa godinaa 428, sadarkaa aanaa 5,822 fi hojjettoota misooma hundaa 19,341 ta’aniif misooma qonnaa ilaalchisee fayyadamummaa fi hirmaannaa dargaggootaa irratti hubannoo uumuu;

Galma 2. Dargaggoota hojii misooma qonnaa adda addaa keessatti hirmaachisuu;

Maniiwwan

  • Bara 2007tti dargaggoota tajaajila ekisteenshinii qonnaa argatan kuma 753 ture giddu-galeessaan waggaatti dhibbantaa 7.2 guddisuun bara xumura KGT II tti dargaggoota mil.1.0 ta’an tajaajila ekisteenshinii argachuun fayyadamoo akka ta’an gochuu;

5.3. Dhimma HIV/AIDS

Galma 1. Dhiima hojii To’annoo fi Itisa HIV/AIDS idileessuuirratti hubannoo uumuu

Maniiwwan

Akkuma beekkamu HIV/AIDSn humnoota misooma irratti bobba’uu danda’an miidhuudhaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti dhiibbaa kan fidaa jirudha. Kanaafis, akka sektera keenyaatti rakkoo kana furuuf hojiiwwan idileen hojjetaman hunda keessati dhimma kana walitti hidhuudhaan kan raawwatamu ta’a. Haaluma kanaan, namoota dhibee kanaaf saaxilamaniif deggersa barbachisaa ta'e kennuu fi qonnan bultoota fi oggeesoota caasaalee sadarkaan jiraniif ittisa dhibee kanaa irratti hubannoo gahaan ni kennama. Haaluma kanaa:-



  • Qonnaan/Horsiisee bultoota A/Warraa mil.4.36, qonnan/horsiisee bultoota H/Warraa kuma 581.41 fi qonnan/horsiisee bultoota abbaa warraa qaban mil.3.77 ta’aniif dhimma to’annoo fi ittisa HIV/AIDS irratti hubannoo uumuu;

  • Hojjettoota sadarkaa naannoo irra jiran, sadrkaa godinaa, sadrkaa aanaa fi hojjettoota misooma hundaatiif dhimma to’annoo fi ittisa HIV/AIDS idileessuu irratti hubannoo uumuu;

Galma 2. Hojjettoota dhukkuba kanaan qabamanii fi maatii isaaniif kunuunsaa fi gargaarsa taasisuu

  • Caasaa keenya Sadarkaa adda addaa irra hojjettoota jiran keessa dhukkuba HIV/AIDSn namoota qabanii fi maatii isaaniitiif bajata qabuudhaan gargaarsa taasisuu

5.4. Tarsiimoo Diinagdee Misooma Magarisaa (CRGE)

Maniiwwan

  • Dinagdee Misooma Magarisaa (CRGE) biyyii kenyaa milkessuu qabatee socho'aa jirtuu gamaa sekteraa kenyaanis hojiiwwan misoomaa karoorfaman keessatti tarsiimoon kun akka lafaa qabatuu fi gadii lakkisaa gaazii miitenii ykn karbonii (methane or carbon emision) bifa xiqqaachuu danda'uun hojiin adda addaa ni hojjetama.

  • Haaluma kananan hojiiwwan misooma bosonaa ciminaan raawwachuu, qonni keenyaa dhimma kana bifa deggeruu danda’uun midhaan wagga waggaatti qonnaan bulaan wal-jijjiiruun akka facaasu deggersa ogummaa kennuu fi gama misooma beelladaatiin gadi-lakkisa gaazii miteen hir’isuu irratti bal’inaan hojjechuu ta’a.

  • Hojii misooma sululaatiin lafa tuttuqaa namaa fi beelladaa irraa dhorkame keessatti qorannoo kaarboonii geggeessuu;

  • Teekinooloojiwwan kaarboonii hir’isan maasii qonnaan/horsiisee bulaa irratti fayyadamuu;

Gadi-lakkisa gaazii miitenii ykn karbonii (methane or carbon emision) xiqqeessuuf hojilee gurguddoo hojetaman:

  • Midhaanota wal-jijjiiranii facaasuu;

  • ‘Conservation Agriculture’ babal’isuu;

  • Teekinooloojiiwwan oomisha duraa fi boodaa bal’inaan fayyadamuu;

  • Hojii misooma bosonaa fi eegumsa biyyee fi bishaanii bal’inaan hojjechuu;

  • Kunuunsaa fi fooyeessaa sanyii beeyiladaa irratti xiyyeeffachuun hojechuu;

  • Nyaata beeyiladaa fooya'aa irratti xiyyeeffachuun misooma isaa babalisuu;

  • Hidhanii nyaachisuu balinaan hojirra oolchuu;

  • Nyaata horii kuusuun itti fayyadamuu;

  • Nyaata beeyiladaa qabiyyeeisaa fooyeessuun fayyadamuu;

  • Beeyilada xixiqqaa irratti xiyyeeffachuun fooyyeessuu;

  • Lukkuu sanyii fooya'aa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu;

  • Misooma kannisaa irratti xiyyeeffachuun hojechuu;

  • Hojii qonna qurxummii irratti xiyyeeffachuun hojjechuu;

6.Carraa hojii uumuu

Maniiwwan

  • Sekterri qonnaa sektera kami iyyuu caalaa carraa bal'aa fi kaapitaala xiqqoo fi yeroo gababaa keessatti bu'aa ol aanaa seektera argamsisuu danda'uu dha. GTP 1ffaa carrawwan hojii sululoota misooman keessatti uumaman dabalatee GTP II keesssatti carraawwan haaraa uumaman irratti dargaggoota hoji-dhabeeyyii fi dubartoota ijaaruun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee isaanii akka xabatan ni taasifama.

  • Bara 2007 kanatti dargaggoota kuma 425.84 ta’aniif carraan hojii kan uumame yoo ta’u bara KGT II kana keessattis carraawwan jiran addaan baasuun misooma midhaanii, misooma bunaa, hojii qabeenya uumamaa, misooma beelladaa fi kkf irratti hirmaannaa dargaggootaa dhibbantaa 18.3iin guddisuun waggaa shanan dhufani keessatti dargaggoota mil.4.1 carraa hojii akka argatan ni taasisuu. Kana keessaa dhibbantaa 45.8 dubartoota ta’u.

  1. Dandeettii raawwachiisumaa cimsuu

Galma karooraa guddinaa fi transformeeshii kaa'ame kana galmaan gahuun kan danda'amuu humna raawachisummaa hooggansaa fi ogeessa caasaa sadarkaa sadarkaan jiru cimee hojii sadarkaa qonnan bultootaa/horsisee bultootaatti hojjeetamu dandeetii ogummaa fi beekumsa qonnan bulaa cimsaa fi hoogganaa demuun dhimma murteessaa fi dhimma yerooti. Haaluma kanaan waggootii shanan kana keessatti oggeessota sadarkaan jiran, HMH, fi qooda fudhatoota barbachisoo ta'aniif qaawwa fedhii leenjii adda bahe (Training need assessment) irratti hundaa'uun ijaarsi dandetii ogummaa adda addaa irratti itti fuufinsaan ni kennama.

  1. Sirna Hordoffii fi Deggersaa

8.1. Gabaasa

  • Gareen gabaasaa fi Ogeessotni guyyaa guyyaan gabaasa qindeessuun, gabaasa qindaa’e xinxaluu fi torbaanitti sadarkaa maanajimantiitti mirkaneessiisun koree qindeessituuf akka dhiiyaatu ni taasiisa.

  • Haaluma wal fakkaatun gabaasa ji’aa, kurmaana, ji’a jaha fi waggaa qindeessuun Waajjira Pireezidantiif, Biiroo Maallaqa fi Misooma Dinagdee fi Waajjira Caffee Oromiyaaf sadarkaan jiruuf ni dhiihaata.

8.2. Superviinzinii geggeessuu

  • Gareen supparvizyinii gaggeessa/ manaajimanti fi garee SMS sadarkaa Naannoo hanga aanaatti jiru qophii gahaa gochuun cheeklistii fi ToR qopheessee sochii boqqoonnaa qophii kaasee hanga boqonnaa xumuraatti iddoo hojiichi raawwatamu qaamaan argamuun hordooffi fi deegarsa kan taasiisu ta’a.

  • Haaluma wal fakkaatun, rakkoolee bulchinsa gaarii hiikuuf sochiiwwan riiformii gaggeeman sadarkaa irra jiran beekuun hanqinoota fi cimnoota addaan baasuuf Garee Teeknikaa Riiformii Biiroof hordooffi fi deegarsa kan taasiisu ta’a.

8.3. Gamaaggama wal-tajjii geggeessuu

  • Kallatiiwwan armaana olitti ibsaman akkuma jiranitti ta’ee qaamaan wal arguudhanis waltajiwwaan gamaaggamaa ni gaggeefamu.

  • torbaanitti guyyaa tokko godinaalee wajjin ”Video conference”;

  • waltajjii Koree Manajiimentii torban lamaan;

  • waltajii kurmaanaan hojjetoota Biiroo wajjin;

  • waltajii Ji’a ja’aa fi Waggaa qaama godinaa fi aanaa wajjin kan gaggeefamu kunis akkaataa barbaachisummaa isaatiin fooyya’uu danda’a.




Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin