Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Haala Hawaasaa fi Diinagdee Naannichaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə2/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

Haala Hawaasaa fi Diinagdee Naannichaa.


Baayina ummata Naannichaa akka A.L.I ragaan BoFED Adoolessa 2007 ‘projection’ ummata ibsutti milliyoona 33,914,866 akka qabdu kan agarsiisu yammuu ta'uu, baay’inni uummataa Itoophiyaa wajjin yeroo madaalamu gara dhibeentaa 37.65 ni ta'a jedhameeti yaadama. Uummata Naannoo Oromiyaa keessaa baadiyyaa kan jiraatu 29,237,131 (%86.2) yommuu ta'u, akka biyyaatti uummata baadiyaa jiraatuu keessaa dhibeentaan (%) 40.26 shallagama. Uummata naannichaa baadiyaa jiraatuu keessaa dhiirri mil.14.71 (%50.32), dubartiin 14.52(%49.68) dha.
  1. Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Qonnaa

    1. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Qonnaa


Akkaataa Labsi Lakk 163/2003 fi ( kan jallisii 180/2005) Mana maree Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin bahetti Aangoon Biiroo Qonnaa Oromiyaatif kenname akka armaan gadiitti dhihaatee jira.

      1. Seektaroota misooma baadiyyaaf qonna jala jiranuu

  • Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa

  • Ejensii Qabeenya, Misoomaa fi Eegumsa Fayyaa Beeyladaa

  • Komishiinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa

  • Komishiinii Qophii fi Ittisa Balaa

  • Institiyuutii Qorannoo Qonnaa

  • Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiya.

  • Biroo Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo

Akkaataa labsichaatti Biirichi sadarkaa I/Aanaa pireezidaantiitiin kan hoogganamu ta’ee, aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata:

  1. Oomishtummaan damee qonnaa akka fooyya’u qonnaan bultootaaf, Horsiisee bultootaa fi abbootii qabeenyaatiif tajaajila ekistenshinii fi leenjiin akka babal’atu ni taasiisa, paakeejii mijaawaa ta’e haala qabatama qilleensaatiin ni qopheessa, ni madaala, ni fooyyessa, akka hojii irra oolu ni taasisa, ni hooggana;

  2. Callaa guddistuu gosa adda addaa omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuuf gargaaran bakka barbaadamutti qulqullina isaa eegee yeroodhaan Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaaf akka dhiyaatu haala ni mijeessa, ni hooggana, ni hordofa;

  3. Dubartoonnii fi dargaggoonni hojii misooma qonnaa keessatti qooda fudhattootaa fi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjeta, haala ni mijeessa;

  4. Gabaa biyya keessaa fi alaatiif akkasumas warshaaleedhaaf meeshaaleen dheedhii omishaalee qonnaa sadarkaa qulqullinni isaanii eegamee fi baay’inaan akka dhiyaachuu danda’u sirna ni diriirsa, hojii irra oluu isaa ni hordofa;

  5. Walitti dhufeenya qorannoo qonnaa, Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaa, ekisteenshinii qonnaa fi qamoolee biroo bu’aa qorannoo irraa fayyadamni isaanii akka cimu ni hojjeta, ni hooggana;

  6. Teekinoolojiin ammayyaa biyya keessaas ta’ee biyya alaatii burqan gara Qonnaan bulaatti osoo hin darbiin dura insitiitiyuutii qorannoo qonnaa waliin ta’uudhaan fudhatamummaa isaa ni mirkaneessa, kan bu’a qabeessa ta’anii argamaanis Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultoota hundaaf akka qaqqabaniif akka itti fayyadaman haala ni mijeessa, ni hooggana;

  7. Ilbiisota omisha irratti miidhaa geessisan to’achuu fi laaboraatoriin midhaanii akka babal’atanii fi tajaajila gahumsa qabu akka kennan ni taasisa;

  8. Daldala qoricha beeyladaa fi farra ilbiisotaa seeraa alaa ta’an ni to’ata, qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii seeraa ni fudhata, kan yeroon tajaajilaa itti darbe haala ittiin maqfaman ni mijeessa;

  9. Farra biqiltuu fi omisha qonnaa kan ta’an weerartoonnii fi ilbiisonni adda addaa omisha irratti midhaa akka hin geessisne ni to’ata;

  10. Giddu-galeessonni leenjii Qonnaan bultootaa akka babal’atanii fi tajaajila gahaa akka kennan ni taasisa, ni hooggana, ni bulcha;

  11. Dandeettii raawwachiisummaa ogeessota qonnaa fi Qonnaan bultootaa guddisuu fi leenjiiwwan adda addaa qopheessuudhaan ni kenna, bu’a isaa ni hordofa;

  12. Qonnaan bultoonnii fi Horsiisee bultoonni omisha sadarkaa gabaan barbaaduun akka omishan ni taasisa, omishaa isaaniitiif haala gabaa itti argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ni qorata, hojiirras ni oolcha;

  13. Bakka hanqinni roobaa jirutti hawaasichi muuxannoo bishaan cimmisuu irratti qabu akka gabbifatuu fi teekinooloojii haarawaa akka baratan ni taasisa, deeggersa ni kenna;

  14. Teekinoolojiiwwan Giddu-galeessa qorannoo qonnarraa bahan mootummaa, abbootii qabeenyaa dhuunfaa, Qonnaan bultoota, Horsiisee bultootaa fi waldaaleedhaan akka baay’atanii fi raabsaman deeggersa barbaachisu ni kenna, qooda fudhattootas ni jajjabeessa;

  15. Galiin gurgurtaa callaa guddistuu qonnaa fi teekinooloojii biirichaan Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaaf dhiyaatan haala seera qabeessa ta’een akka sassabamanii fi qaamolee ilaaluuf galii akka ta’an ni taasisa;

  16. Misooma qonnaa naannichaa gabaadhaan akka hogganamuu fi sirni mijaawaa omisha qonnaa fi callaa guddistuu akka uumamu haala ni mijeessa;

  17. Naannicha keessatti gatii omisha qonnaa fi callaa guddistuu tasgabbeessuuf yaada furmaataa garaagaraa qorannoo gaggeessuudhaan ni dhiyeessa, mootummaadhaan yeroo hayyamamus hojiirra ni oolcha;

  18. Qonnaan bultootni, Horsiisee bultootaa fi investaroonni misooma qonnaa irratti bobba’an omisha gatii fi qulqullinaan dorgomuu danda’u akka omishaan gochuuf gabaa biyyaa fi alaa qaama dhimmi ilaalu waliin dhiyeenyaan hordofee odeeffannoo guutuu ta’ee fi yeroo isaa eeggate akka argatan ni taasisa;

  19. Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultoonni naanniichaa bittaa callaa guddistuu fi omisha qonnaatii fi liqii akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan haala ni mijeessa, ni hordofa;

  20. Qorannoo, dizaayinii ijaarsa misooma jallisii xixiqqaa hirmaannaa uummataatiin hojjetaman ni raawwata, ni raawwachiisa, hojii ijaarsaa ni hordofa, ni to’ata;

  21. Bu’uuraalee misooma jallisii xixiqqaa ijaarsi isaanii xumurame itti fayyadamtootaaf dabarsee ni kenna, hojii haaromsaa fi suphaa humna itti fayyadamtootaa ol yoo ta’e haaromsaa fi suphaa ni geggeessa;

  22. Seera irratti hundaa’uun itti fayyadamtoota misooma jallisii tajaajila eksiteenshinii jallisii argachuudhaan faayidaa jallisii irraa argatan akka guddisan ni taasisa;

  23. Waldaalee itti fayyadama jallisii ni gurmeessa, ni jajjabeessa, ni leenjisa, ni hordofa;

  24. Qonnaan bultoota garee misoomaatiin ni gurmeessa, ni jajjabeessa, ni leenjisa, ni hordofa;

  25. Waldaleen qonnaan bulaa ijaaraman akka jajjabaatan deeggersa teekinikaa ni kenna;

  26. Qaamoleen hojii misooma qonnaa irratti bobba’an tajaajila laaboraatoorii biyyoo akka argatan haala ni mijeessa, deeggersa ni kenna;

  27. Sagantaalee wabii nyaataa adda addaa qopheessee hojii irra oolchuun wabii nyaataa ni mirkaneessa, bu’a isaas ni qorata;

  28. Qophii fi raawwii pirojektoota misooma sagantaa wabii nyaataa hojii irra olchuuf barbaachisan ni qindeessa;

  29. Naannicha keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf qaamonni raawwachiiftuu dhimmi ilaalu adda addaa karoora yeroo dheeraa, giddugaleessaa fi gabaabaa akka qopheessan ni taasisa, barbaachisaa yommuu ta’u gargaarsa ni kenna, rawwii isaa ni hordofa, bu’aa argames ni xiinxala;

  30. Naannicha keessatti guddina dinagdee fiduu fi wabii nyaata mirkaneessuuf qubatiinsa fedhii irratti hundaa’e dabalatee sagantaalee adda addaa mootummaan baasu hojii irra ni oolcha;

  31. Pirojektoota wabii nyaataa raawwachiisuuf fandii yookiin burqaa qabeenya biraa ni barbaada, mootummaa, dhaabbilee mit-mootummaa yookaan waldaalee uummataatiin hojii irra akka oolu ni godha, ni to’ata;

  32. Biqiltuuwwan, gosoota midhaan adda addaa gara biyyaatti seenanii fi biyyaa bahan irratti to’annoo kuwarantiinii ni geeggessa;

  33. Kuwarantiinii ilaalchisee seerota jiran hojii irra ooluu isaanii ni hordofa, ni to’ata, seerota to’annoo kanaaf mija’aa hin taane akka fooyya’an ni taasisa;

  34. Manneen hojii itti waamamni isaanii Biiroo kanaaf ta’an ol aantummaan ni geeggeessa, hojii isaanii ni qindeessa, hordoffii fi deeggersa wal-irraa hin cinne ni taasisa

    1. Aangoo fi Gahee Hojii Ejansii Baball’ina Waldaa Hojii Gamtaa

  1. Tarsiimoo,seerootaa fi sagantaalee waldaa hojii gamtaa ni qoheessaa; yeroo heyyamamus hojiirra ni oolcha;

  2. Hawaasnii magaalaa fi baadiyaa faayidaa waldaa hojii gamtaarra ttii hubannoo akka argatuu ni barsiisa; akka gurma’n ni jajjabessaa; ni galmeessaa; waraqaa ragaa ni kenna; hojii kessa akka galan ni taasisa; ni hordofa;

  3. Waldaaleen hojii gamtaa haala miseensota isaanii fi callaa guddistuu,omishaa induustirii fi qonnaa, akkasumaas liqii itti dhiyeessuu danda’an irrattii deegarsaa barbachisaa ta’ee ni kennaa;

  4. Sochii hojii waldaalee hojii gamtaa cimsuuf, yuuniyeenidhaan ykn federeshii-niidhaan akka gurmaa’an ni jajjabessa;

  5. Waldaaleen hojii gamtaa investiimentii keessatii akka bobba’aan fi omisha qonnaa gara omishaa industiriittii akka jijjiran deggarsaa barbachisaa ta’ee ni kenna; ni jajjabessa;

  6. Dandeettii gaggessitoota fi hojjettota waldaaleee hojii gamtaa cimsuuf leenjii ni keenna; ykn leenjiin akka kennamuuf qaama dhimmii ilaalu waliin ni hojjata;

  7. Herrega waldalee hojii gamtaa niqorata; ykn akka qoratmuu ni taassisa; raawwii hojii fi qabiinsa qabeenya isaanii irrattii hojii inspeekshiinii ni gaggessaa , ykn akka gaggeeffamuu ni taasisa; bu’aa qorannoo ykn inspeekshinichaa irrattii hundaa’ee qaama dhiimmi ilaaluu waliin tarkaanfii seeraa ni fudhata; ykn akka fudhatamuu ni taasisaa;

  8. Waldhabbinsa waldaalee hojii gamtaa waliin walqabatanii ka’an fumaata akka argataan haala ni mijeessa; addaan bahiinsa, walitti makamiinsaa fi diigamuu waldaalee hojii gamtaa ilaalchiisee seera irrattii hunda’udhaan sirreffama barbachisaa ta’e ni taasisa;

  9. Waldaaleen hojii gamtaa maallaqa liqiidhaan haala ittii argachuu fi deebisuu dandaa’an ni mijeessaa

  10. Waldaaleen hojii gamtaa sirna hojimaata foyya’aa ta’ee akka dirirfataan ni taasisa; modeelii dambii ittiin bulmaata qophessee rabsuudhaan waldaleen hojii gamtaa haala qabatamaa guddina fi ball’ina hojii isaanitiin gabbifataanii akka ittii fayadaman ni taasisa;

  11. Guddina waldaalee hojii gamtaa tiif kan gargaaran pirojektoota addaa addaa ni qopheessa; ykn akka qopheeffatan deggarsa barbachisaa ta’e ni kenna

  12. Waldaaleen hojii gamtaa omisha adda addaa gatii foyya’aa ta’een akka guguratan ykn akka bitatan qaama dhimmi ilaaluu waliin qorannoo gabaa gaggeesuun odeeffannoo ni kenna

  13. Dhabbilee mootummaa fi mit-mootummaa adda addaa dhimma waldaa hojii gamtaa irratti hojjatan waliin ni hojjata, ni qindeessa;

  14. Seerota waldaa hojii gamtaa ilaalchisanii bahan hojiirra ni oolcha; akka oolanis ni taasisa.

    1. Aangoo fi Gahee Hojii Ejansii qabeenya misoomaa fi eegumsa fayyaa Beeyladaa

  1. Horsiistotaaf tajaajila eksiteenshinii nikenna, dhiheessa callaa guddistuu fi liqii ni mijeessa

  2. Teknoolojiin ammayyaa misooma beeylada fi qurxummiitiif oolan, biyya keessaas ta’e biyya alaatii burqan gara ittifayadamtootaatti utuu hin darbin dura qaamolee dhimmi ilaaluu wajjin ta’uudhaan mijaa’ummaa isaanii ni mirkaneessa, haala raabsama isaanii ni hordofa, sadarkaa qulqullinaa kan argatan hojii irra akka oolan ni hayyama.

  3. Tajaajila Eegumsa fayyaa beeyladaa ni kenna, dhibeewwan beeyladaa biyya irraa biyyatti,naannoo irra nannootti darbuu danda’an ni to’ata, sakatta’iinsa ni gaggeessa,saamuda/naamunaa sassaabuun ni qorata. To’annoo dhibee beeyladaatiif barbaachisaa tahee yoo argame sochii beeyladaa ni dhorka.

  4. Manneen qalmaa keessatti foon dhibee irraa bilisa ta’ee akka dhihaatu qorannoo foonii ni gaggeessa,qalma horii seeraan ala gaggeeffamu ni to’ata, tarkaanfi ni fudhata.

  5. Bakka hanqinni bishaan dhugaatii beeylada jirutti argama bishaanichaa ni qorachiisa qaama dhimmi ilaluu wajjin ni misoomsa

  6. Oomishitoota, dhiiyeeesitootaa fi itti fayyadamtoota oomisha beeylada fi qurxummii qaama dhimmi ilaalu wajiin ni gurmeessa

  7. Naannicha keessatti kallatti sochii daldala beeyladaa fi qurxummii ibsuudhaan seeraan akka beekamu ni taasisa. Kallattii kana irratti wirtuuwwan kuwaaraantiin fi sakkatta’insa ni gurmeessa,naannoowwan ollaa fi qaama federaalaa wajjin ni hoojjeta.

  8. Hojiiwwan daldalaa, misooma fi eegumsa fayyaa beeyladaa fi qurxummii ilaalchisee ragaa gahumsaa ni baasa, ragaa gahumsaa ni kanna. Daldala beeyladaa ,bu’aa beeyladaa fi qurxummii fi calla guddistuu beeyladaa, qoricha dabalatee, seeraan ala gaggeeffamu ni hordofa ni to’ata.

  9. Bakka qabeenyi bishaanii jirutti misooma qabeenya qurxummii ni gaggeessa.

  10. Misooma nyaata beeylada ni gaggeessa, lafti dheedumsaa fi sanyiin beeylada akka fooya’uu fi eegamu ni taasisa

  11. Qaamolee dhimmi ilaalu wajjin bu’aa qorannoo misooma fi eegumsa fayyaa beeyladaa fi qurxummii irratti ni hojjeta

  12. Aangoo fi Hojiin Biiroo Qonnaa Oromiyaatiif dhimma kana ilaalchisee kennamee ture dambii kanaan Ejansiidhaaf darbee jira.

  1. Aangoo Qajeelfama Baasuu

Dambii kana hojii irra oolchuuf Ejansichi Qajeefama baasuu ni danda’a.

    1. Angoo fi Gahee Hojii Komishiini Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa

  1. Misooma naannoo horsisee bulaa ilaalchisee qorannoo fi qo'annoo ni gaggeessa, akka gaggeeffamus ni taasisa; ragaa adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; sagantaa misooma itti fufinsa qabu ni qopheessa; Mootummaan yammuu hayyamamu hojirra ni oolcha.

  2. Tooftaa misooma jiruuf jireenya hawaasa horsiisee bulaa foyyeesuuf naannichaa keessatti gaggeeffamu haala qabatama uummata naannoo horsiisee bulaa waliin wal simuu danda'urratti yaada burqisiisa; yeroo hayyamamus hojirra ni oolcha.

  3. Abbootiin qabeenya dhuunfaa, dhaabbilee mit-mootummaa fi sekteroonni qooda akka fudhatan ni qindeessa; ni jajjabeessa.

  4. Sagantalee fi pirojektoota misooma naannoo horsiisee bulaatiif ta'an qopheessuudhaan qaamota dhimmi ilaalu waliin hojjirra ni oolcha; bu'aa qabeessummaa isaas abbummaan ni hordofa.

  5. Rawwii sagantaalee fi pirojektoota misooma naannoo horsiisee bulaa keessatti gaggeeffamaniif fandii fi qabeenya ni barbaada; yoo argames hojirra ni oolcha; rawwii isaas ni hordofa.

  6. Naannoo horsiisee bulaa keessatti ragaa gabaa walitti ni qaba; ni qindeessa; bu'aasas fayyadamtootaf akka qaqqabu ni taasisa.

  7. Yaada furmaataa rakkoo gabaa horsiisee bulaa hiiku ni burqsisa; qaama dhimmi ilaaluu waliin ta'uudhaan misoomni bu'uura gabaa akka babbal'atu ni hojjeta;oomishinniqulqullina fi baayinaa arbaadamuun gabaa biyya keessaa fi alattiif akka dhiyaatu ni taasisa.

  8. Rakkoo hanqina bisaanii naannoo horsiise bulaa maqsuuf qorannoon akka gaggeeffamu haala ni mijeessa;tooftaa adda addaatiin cimmisa bishaanii ni rawwata; qaamolee adda addaa karoora misooma bishaanii gaggeessan waliin qinda'uun ni hojjata.

  9. Dhiyeessa tajaajila bu'uura hawasummaa naannoo horsiisee bulaa ni qorata; sagantaa fi pirojektoota qopheessuudhaan akka babal'atuu ni taasisa;qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan ni hojjeta; ni mijeessa.

  10. Ijaarsaa jalisii xixiqqaa sadarkaa hirmaannaa uummataatiin hojjataman qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uudhaan ni rawwachiisa; waldalee ittifayyadamtoota jalisii bishaanii ni gurmeessa; ni deeggara ; ni hordofa.

  11. Tooftaa misooma fi eegumsa qabeenya sanyii beeyiladaa, lafaa dheedumsa fi qabeenya uumamaa naannoo horsiise bulaa keessaatti argamu kunuunsuu fi eegsisa ni baasa ; hojjirra ni oolcha;ni hordofaa.

  12. Pakkeejii misooma naannoo horsiisee bula ni qopheessa; akka babal'atu ni taasisa;qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjata; deeggarsa barbaachiisu ni kenna;hojjirraa ooluusaa ni hordofa.

  13. Naannoo horsiisee bulaa keessatti sirna akeekkachiisa dura ni diriirsa; karoora qophii of eeggannoo balaa ni qopheessa;qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta;

  14. Naannoo horsiisee bulaa keessatti dhukkuba beeladaa;biqiltuu fi ilbiisa weerartuu fi kan biroo irratti qaamolee dhimmi ilaaluu waliin ta'uudhaan tarkaanfii ittisaa ni fudhataa;tajaajillii kuwaaraantiinni akka babal'atu ni taasisa.

  15. Ijaarsawwan bu'uura misooma badiyya fi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa naannoo horsiisee bulatti gaggeeffamaniif istaandardii fi dizaayinii mijaa'aan akka qopha'u ni qorachisa; qaamoleen hojii ijaarsaa bu'uuraa misooma baadiyyaa naannoo horsiisee bulaa keessatti gaggeessan hundi akka itti fayyadaman ni taasisa;hojiirra ooluusaa ni hordofa; ni to'ata;

  16. Naannoo horsiisee bulaatti tajaailoota hawaasummaa hin babal'anne filaannoo bira barbaadudhaan ni babbal'isa; haala ni mijeessa;hojiirra akka oolan ni taasisa;

  17. Caallaa guddituu fi teekinoloojiiwwan gosa adda addaa oomisha fi oomishtummaa horsiisee bulaa guddisuudhaaf gargaaraan gara horsiisee bulaatti osoo hin darbiin inistitiyuutii qorannoo qonnaa waliin ta'uudhaan fudhatamuu isaanii ni mirkaneessa; bakka itti barbaamuuf qulqullinasaa eegee yeroodhaan horsiisee bulaaf akka dhiyaatu haala ni mijeessa; ni hordofa;

  18. Dandeetti ogeessota naannoo horsiisee bulaa jiran cimsuuf Yunivarsitoota fi Kolleejjota adda addaa waliin wal qunnamuun ogeessonni ogummaa barbaadamuun haala leenjii itti argatan ni qindeessa; ni mijeessa;

  19. Horsiisee bulaan abba misooma naannoo isaa akka ta'u mirkaaneessuuf hirmaannaa fi hubannoo ummatichaa akka cimu leenjii adda addaa ni qopheessa; giddugaleessa leenjii horsiisee bulaa ni babal'isa; ni qindeessa hojirraa ni oolcha;

  20. Dubartoonni, hojiiwwan misooma naannoo horsiisee bulaa keessaatti gaaggeffaman irratti qooda fudhattoota fi itti fayyadamtoota akka ta'an ni hojjeta; haala ni mijeessa;

  21. Naannoo horsiisee bulaatti giddugalessa sanyii beeyladaa foyyeessuu, kilinkoonni fi laaboratoriiwwan tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaa akka babal'atu ni taasisa;ni hoggana;

  22. Naannoo horsiisee bulaatti abbootii qabeenya hojii daldalaa qoricha beeyladaa fi farraa ilbisootaa irratti bobba'aniif haala ni mijeessa; tamsa'ina qorichoota fayyaa horii fi ilbisoota seeraan alaa qaama dhimmi iaallatu waliin ni to'ata; akkasumaas qalma horii fi kuwaaraantiinii iaalchisee seerota jiran hojirra ooluu sa ani ni hordofa;

  23. Haala qabataama naannoo horsiisee bulaarratti hunda'uudhaan qorannoo gaggeessudhaan hojiiwwan eegumsa fi misooma sulula, lafa dheedumsaa, biyyee fi bishaanii tooftaa adda addaatti fayyadamuudhaan ni rawwata; ni hordofa; ni to'ata

  24. Naannoo horsiisee bulaatti bosona mootummaa, parkii, dawoo bineensa bosonaa fi lafaa biqiltuun mukaa itti dhabbatu ni dangeessa; gosa mukaa,bineensota bosona, simbiroo badiif saaxila bahan ni kunuunsa; uumanni qabeenya kanarras bu'aa akka argatu ni taasisa;

  25. Naannoo horsiisee bulaatti qaamolee daldala bu'aa bosonaa fi horsiisa bineensa bosonaa irratti hirmaataniif deeggarsa teeknikaa ni kenna;raawwi isaas ni to'ata

  26. Tekinooloojiiiwwan giddu galeessa qorannootii bahan mootumaa, horsiisee bultoota fi waldaaleedhaan akka baay'atanii fi raabsaman deeggarsa barbaachisu ni kenna; qooda fudhattootas ni jajjabeessa;

  27. Waldalee hojii gamtaa naannoo horsiisee bulaatti qaama dhimmi ilaallatu waliin ni gurmeessa;qaama seerummaa akka argatan haala ni mijeessa; ni deeggara;

  28. Gareewwan misoomaa haala qabatamaa naannoo horsiisee bulaatiin ni gurmeessa; garee misooma irraas fayyadamaa ta'uu isaanii ni mirkaneessa;

    1. Angoo fi Gahee Hojii Komishinii Qophaa’inaa fi Ittisa Balaa

  1. Qaamota dhimmi ilaalu wajjin atoomuudhaan imaammatannii fi tooftaaleen balaa ofirraa ittisuuf bahaan hojii irra akka oolaan ni taasisa

  2. Haalawwan naannicha keessatti balaan dhuufuu danada’uu eeran jiraachuu isaanii dursee ni qorata, ragaalee ni sasaaba, qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasa ni dhiyeessa.

  3. Dhaabilee miti-mootummaa hojii gargaarsaa irratti bobba’an waliin waliigaltee ni seena, hojicha ni qindeessa, ni to’ata, qaama dhimmi ilaaluuf ni gabaasa.

  4. Yeroo balaan uumamu gargaarsi barbaachisu miidhamtootaaf akka dhiyaatu gaaffii ni dhiyeessa akka ga’us ni taasisa, gargaarsichi sirriitti ga’uu isaa fi haqaan raabsamu isaa ni mirkaneeffata.

  5. Qoophii fi raawwii pirojaktoota sagantaa gargaarsa hojiiirra oolchuuf barbaachisan ni qindeessa.

  6. Namoota balaadhaan buqqa’an deebisee ni dhaaba.

  7. Kaayyoo isaa fixaan baasuuf akka isaa dandeessiisu qaamoota adda addaa waliin qunamtii ni uuma.

    1. Aangoo fi Gahee Hojii Institiyuuti Qorannoo Qonna.

  1. wiirtuleen qorannoo inistitiyuutichaa jala jiran kamiyyuu akka cimanii fi haarawaan akka dhaabbatan ni taasisa.

  2. Bu’aa qorannoo qonnaa qaamni itti fayyadamu akka beekuu fi hojiirra akka oolchu giddu galeessota qorannoo qonna naannichaa fi hawaasicha gidduu hojiin qindoomina qabu akka raawwatamu ni godha.

  3. Beekumsi mala qonnaa Uummaataan akka babal’atu ni taasisa; firiiwwaan qorannoo irraa argamu ni beeksisa.

  4. Sagantaan qorannoo qonnaa fedhii, imaammataa fi tarsimoo misooma motummaan baasuun kan walii simuu ta’uusaa ni mirkanneessa

  5. Qorannoo naannicha keessatti sadarkaa adda addaatti gaggeeffamu keessaatti pirojektiiwwan qorannoo barbaachisaa hin taane, irra deddeebi’anii fi qisaasama qabeenyaa qaqqabsiisan akka hin jiraanne ni taasisa; gama biraatin immoo pirojektoonni qorannoo dhiyaatan fedhii misooma naannichaa tilmaama keessa kan galchan ta’uusanii ni mirkaneessa.

  6. Dhimmoota qorannoo qonnaa ilaallatan hunda irratti ni hirmaata, mootummaa naannichaa ni mari’achiisa

  7. Qorannoo qonnaa fi firii qorannoo biyya keessaa fi biyya alaatti gaggeeffaman ilaalchisee sirna ragaalee walitti dabarsuu ni gurmeessa; ni hoggana; haala faayidaa naannichaatiif ooluu danda’uun ni qorachiisa.

  8. Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan naannicha keessatti qorannoo qonnaa mala qonnaa fi barnoota qonnaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa gidduutti qindoominni hojii akka jiraaatu haala ni mijeessa

  9. Humni namaa qorannoo qonnaa naannicha irratti bobba’u ga’umsaa fi baay’inaan akka jiraatu ni taasisa

  10. Qajeelfama hojii sagantaalee fi pirojektootni qorannoo qonnaa fedhii misooma naannichaa waliin wal siman ittiin gaggeeffaman ni qopheessa; hojiirras ni oolcha.

    1. Aangoo fi hojii Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii labsiin kennameef akka armaan gadiitti dhiyateraa.

  1. Imaammata, tarsiimoowwan, danbii fi qajeelfama hojii abbaa taayitichaa ilaalan qopheessuudhaan mootummaaf ni dhiyeessa yoo eyyamame hojii irra ni oolcha.

  2. Qorannoo, dizaayinii, ijaarsaa fi bulchiinsa iskiimoota jallisii kamiiyyuu (jallisii aadaa, jallisii hammayyaa, jallisii xixiqqaa, jallisii giddugaleessaa fi jallisii gurguddaa) ni raawwata, ni raawwachiisa.

  3. Jallisii giddugaleessaa fi gurguddaa (medium &large scale irrigation) ijaarsi isaanii xumuraman hanga ummanni (ittifayyadamtoonni) of danda’anitti guutummaa guututti ni bulcha, ni hordofa, hojii teekinikaa barbaachisaa ta’e ni raawwata, suphaa humna qotee bulaa ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa, gaafa ittifayyadamtoonni of danda’an dabarsee ni kenna.

  4. Bu’aa qabeessummaa iskiimoota jallisii guddisuuf fayyadamtoonni hubannoo baasii kunuunsaa fi bulchiinsaa qabaatanii suphaa adda addaatiif qarshii akka qusatan ni gorsa, ni hordofa akkasumas deeggarsa barbaachisaa ni kenna.

  5. Qabeenya bishaanii naannicha keessatti argamu haala ittifufiinsa qabuun misooma jallisii fi faayidaa biraatiif akka ooluu danda’an qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan kunuunsa isaanii irratti ni hojjata.

  6. Hojii qoorsa lafaa naannicha keessatti iddoo barbaachisaa ta’etti ni hojjata

  7. Hojii bishaan cimmisuu misooma jallisiif oolu (water harvesting for irrigation) irratti ni hojjata

  8. Qaamota ilaalu wajjiin qindaa’uudhaan rakkoolee naannoo misooma jallisii fi qoorsa lafaa akkasumas teknoolojii jallisii irratti qo’annoo ni gaggeessa, ni qindeessa, bu’aa qo’annoo fi teknoolojiiwwan fooyya’an naannicha keessatti ni babal’isa, iddoo hojjatanii itti agarsiisan (demonstration site) ni qopheessa.

  9. Jallisii maayikiroo ummataan akka hojjatamu abbummaadhaan ni hojjata, ni hordofa, ni deeggara, ni jajjabeessa.

  10. Misooma qonna Jallisii bonee ummataan gaggeeffaman ni hordofa, ni deeggara.

  11. Qaamota guddinaa fi itti fufiinsa misooma jallisiif bu’aa buusuu danda’an wajjiin ni hojjata.

  12. Fandii arjoomtota irraa misooma jallisiitiif gargaarsaan ykn liqiidhaan argamu dhimma barbaadamaniif ooluu isaa ni hordofa, ni bulcha, raawwii isaatis qaama ilaallatuuf ni gabaasa.

  13. Jallisiiwwan xixiqqaa ijaarsi isaanii xumuramee ittifayyadamtootaatti dabarsee kennuudhaan, deeggarsa teekniikaa ni kenna, ni hordofa, suphaa humna qotee bulaa ol ta’e ni raawwata, ni raawwachiisa.

  14. Kaffaltii “Cost Recovery” akkasumas kaffaltii oppireeshinii fi suphaa ni sassaaba, maallaqa oppireeshinii fi suphaa sassaabame deebisee hojirra ni oolcha; kan cost recovery garuu mootummaa hayyamsiisee itti ni fayyadama. Haalli raawwii fi hordoffii isaa Qajeelfama bahuun ta’a.

  15. Teknoolojiwwan misooma qonnaa jallisii saffisiisuu danda’an ni filata, teknoolojiiwwan dhiyaatan irratti qulqullina isaanii ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata.

  16. Hojii ekisteenshinii, tajaajila gorsaa qonna misooma jallisii ni babal’isa, qooda fudhattoota waliin bal’inaan ni hojjata.

  17. Galteewwan gosa adda addaa oomishaa fi omishtummaa qonnaa misooma jallisii guddisuuf gargaaran bakka barbaadamutti qulqullina isaa eegee yeroodhaan qotee bulaa fi horsiisee bultootaaf akka dhiyaatu haala ni mijeessa.

  18. Ittifayyadamtoonni misooma jallisii naannichaa callaa guddiftuu fi meeshaa qonnaa jallisiitiif liqii akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun haala ni mijeessa, ni hordofa.

  19. Weerartootaa fi ilbiisota adda addaa farra biqiltuu fi oomisha qonna jallisii ta’an oomisha irratti miidhaa akka hin geessifne ni too’ata, qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata.

  20. Kunuunsaa fi misooma sululaa naannoo misooma jallisii wajjiin walqabatu qajeelfama misooma sululaa naannichaa irratti hundaa’uudhaan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ni hojjata.

  21. Hojiilee muuxannoo gaarii misooma Jallisii sadarkaa hundatti raawwataman addaan baasuudhan galmeessuu fi babal’isuu irratti ni hojjata.

  22. Hirmaannaa ummataa misooma jallisii irratti jiru jajjabeessuuf waldaalee ittifayyadamtoota bishaan jallisii ni gurmeessa, ni leenjisa, seera ittiin bulmaataa akka qopheeffatan ni gargaara, ni hordofa. Akkasumas qaama seerummaa akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata.

  23. Dubartoonnii fi dargaggoonni hojii misooma jallisii keessatti qooda fudhattootaa fi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjeta, haala ni mijeessa

  24. Gabaa biyya keessaatii fi biyya alaatiif akkasumas warshaaleedhaaf meeshaalee dheedhii omishaalee qonnaa misooma jallisii sadarkaa qulqullinni isaa eeggamee fi baay’inaan dhiyaachuu akka danda’u qaama dhimmi ilaalu wajjiin ni hojjata

  25. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni jallisii irratti hojjatan oomisha sadarkaa gabaan barbaaduun akka omishan haala ni mijeessa, oomisha isaaniitiif haala gabaa itti argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan ni hojjeta.

  26. Qaamoota misooma jallisii irratti bobba’aniif hordoffii fi deeggarsa ogummaa barbaachisu ni kenna.

  27. Uwwisa misooma jallisii fi qoorsa lafaa guddisuudhaaf akka danda’amu madda baajataa (fund source) karaa ittiin argamuu danda’u irratti tooftaa adda addaa fayyadamuudhaan ni raawwata.

  28. Miidhaa pirojektoonni jallisii naannoo irratti fayyaa namaa dabalatee fiduu danda’an xiqqeesuudhaaf qaama ilaalu wajjiin ni hojjeta.

  29. Hojii misooma jallisii fi qoorsa lafaa sadarkaa kamuu irratti hojjetaman bu’aa fi rakkoo isaa ni xiinxala (Conduct impact assessment).

  30. Seera, dambii fi qajeelfama dhimma misooma jallisii ilaalchisee ba’u naannicha keessatti hojii irra ni oolcha; akkasumas jallisii xixiqqaa faayidaa ummataaf oolu ilaalchisee misooma jallisii heeyyama bishaanii osoo hin barbaachisin hojiirra ni oolcha.

  31. Seera itti fayyadama lafa jallisii qaama dhimmi ilaalu waliin ta’udhaan hojii irra oolmaa isaa irratti ni hojjeta.

  32. Seera irratti hundaa’udhaan qotee bultoota, horsiisee bultoota ykn qaamoota biraa sababa ijaarsa misooma jallisiitiin qabeenyaa isaanii irratti miidhaan gaheef beenyaan akka kaffalamuuf qaama ilaalu waliin ni hojjata.

  33. Dandeettii raawwachiisummaa ogeessota misooma jallisii fi ittifayyadamtoota jallisii guddisuuf leenjiwwan adda addaa fi bu’uuraalee misooma humna namaa ni guuta, haala ni mijeessa, ni kenna, bu’aa isaas ni hordofa .

    1. Aangoo fi gahee hojii Biiroo Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo Oromiya

Akkaataa labsii lak 170/2004 keewwata 27 jalatti taa’een angoo fi gaheen hojii Biiroo Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo kanaa akka armaan gadiitti ka'amee jira.

  1. Imaammataa fi tarsiimoo lafa Baadiyaa fi eegumsa naannoo qopheessee mootummaaf ni dhiyeessa, yoo hayyamames hojii irra ni oolcha, hojii irra oolmaa isaas ni hordofa; ni to’ata;

  2. Lafa baadiyyaa naannichaa naannichaa ni bulcha, qabiinsa ragaa lafaa hammayyaa ta’e ni hojjata hojii kadaastarii ni raawwata;

  3. Karoora itti fayyadama lafa baadiyyaa ni qopheessa, yammuu mirkanaa’u hojii irra ni oolcha, akka hojii irra oolu ni taasisa ,hojii irra ooluu isaas ni to’ata deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;

  4. Lafti baadiyyaa haala faayidaa isaatiin akka addaa bahu ni taasisa, haala barbaadameen hojii misoomaatiif akka oolu qaamota adda addaatiif karoora isaa waliin dabarsee ni kenna, ni to’ata;

  5. Lafa baadiyaa ilaalchisee qabiyyee lafaa akkaataa seeraatiin ni galmeessa, ni safara, waraqaa ragaa abba qabiyyummaa qopheessee qaama hayyamameef ni kenna ,waliigaltee mirga itti fayyadama lafaa kireessuu,waliin misoomsuu, kennaan ykn dhaalamaan dabarsuu ilaalchisee ni galmeessa, ni mirkaneessa;

  6. Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa investimantii qaama hayyamameef ni kenna, ni galmeessa;

  7. Qabannaa fi ijaarsa seeran alaa lafa baadiyya irratti gaggeeffamu ni too’ata, tarkaanfii seeraa ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa, qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  8. Lafa baadiyyaa hojii misooma adda addaatiif barbaadame ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu wajjiin shalaggii beenyaa akkaataa seeraatiin ni raawwata, kaffaltiin beenyaa osoo lafa isaanii irraa hin ka’in dursee akka kaffalamuuf ni taasisa, qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata, namoota qabiiyyee isaanii gadi lakkisan deebi’anii akka of danda’an qaama dhimmi ilaalu wajjiin ni hojjata, ni gargaara,ni hordofa, ni too’ata;

  9. Lafa baadiyyaa fi eegumsa naannoo ilaalchisee waldiddaa uumame qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun furmaata akka argatu ni taasia;

  10. Qaamota qabeenya uumamaa seeraan ala ittifayyadamuun dhiibbaa geessisan deebisanii akka misoomsan ni taasisa, tarkaanfii seeraa ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa;

  11. Lafa baadiyyaa hojii misoomaa fi tajaajila adda addaatiif ooluu danda’u qoratee ni qopheessa;

  12. Lafa baadiyyaa gara magaalatti daangeffamu ilaalchisee ragaa barbaachisaa ta’e qopheessuun qaama dhimmi ilaallatu waliin walharkaa fuudhiinsa ni raawwata;

  13. Haala qabatamaa naannichaa irratti hundaa’udhaan madaallii sadarkaa eegumsa naannoo ni qopheessa, yeroo mirkanaa’u hojii irra akka oolu ni taasisa, hojii irra oolmaa isaa ni too’ata;

  14. Hojiiwwan misoomaa adda addaa geggeeffaman kamiyyuu naannoo irratti dhiibbaa akka hin dhaqqabsisine ni to’ata;

  15. Sagantaaleen piroojektoota misoomaa kan mootummmaas ta’e kan dhuunfaa yeroo karoorfaman sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo dursee akka adeemsifamu ni taasisa, ulaagaalee sakatta’a dhiibbaa naannoof barbaachisu ni qopheessa ,qaama barbaaduuf ni kenna, hojii irra oolmaa isaa ni to’ata;

  16. Hafteewwan oomisha warshaalee fi hazbaan magaalota keessaa bahan sirna madaallii ikoolojii akka hin xureessine ni to’ata, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata, akka fudhatamu ni taasia;

  17. Ragaalee fi odeeffannoo lafa baadiyaa fi eegumsa naannoo ni gurmeessa, ni kuusa, ni bulchaa,qaama dhimmi ilaaluuf ni beeksia;

  18. Warshaalee fi induustriiwwan irraa gataawwan summii qaban uumama naannoo irratti miidhaa akka hin geessisneef odiitii naannoo ni gaggeessa, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata, akka fudhatamus ni taasia;

  19. Haala qabatamaa rakkoo ittifayyadama lafaa baadiyyaa fi eegumsa naannoo ilaalchisee hojii ijaarsa dandeettii fi hubannoon akka cimu ni taasisa;

  20. Lafa Baadiyaa fi eegumsa naannoo ilaalchisee qaamolee adda addaa waliin walitti dhufeenya ni taasisa;

  21. Iddoon jireenya lubbu qabeeyyii adda addaa miidhamee jireenya isaanii irratti balaa akka hin qaqqabsisine ni to’ata, badii uumamu irratti tarkaanfii ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa;

  22. Manca’ina qabeenya uumamaa ni too’ata, badiin uumamee yoo argame qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii seeraa ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa;

  23. Bulchiinsa lafa baadiyyaa fi eegumsa naannoo ilaalchisee qorannaa fi qoannoo ni gaggeessa bu’aan isaa akka hojii irra oolu ni taasia

  1. Yüklə 0,92 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin