Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Ergamaa fi Mul’ata Sektara Qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə3/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

Ergamaa fi Mul’ata Sektara Qonnaa

Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa, eenyuun akka tajaajilu, eessatti akka hojjetu, maal akka hojjetu kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’atnni immoo manni hojichaa waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamnii fi mul’atnni biiroo Qonna Oromiyaa kanatti aansee dhiyaate jira.

    1. Ergama

Beekumsa, humnaa fi qabeenya hawaasaa gurmeessuu fi qindeessuun hojii misooma qonnaa tekinooloojii ammayyaan deggerame gaggeessuu fi sagantaa wabii midhaan nyaataa qindaa’e hojii irra oolchuun omishaa fi omishtummaa itti fufiinsaan guddisuun dinagdee qonnaa gabaan dursamu uumuu fi jiruu fi jireenya hawaasaa bu’uuraan jijjiiruu keessatti gahee ol’aanaa taphachuu.

    1. Mul’ata

Bara 2012 tti sadarkaa Qonnaan bulaatti qonna hammayaa’ee guddina industirtiif gahee ol’aanaa qabu uumuu.

  1. Dudhaalee

Kaayyoo tarsiimoo haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti caasaaleen Biiroo Qonnaa Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiran hojii isaanii raawwachuuf duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qabu. Haaluma kanaan, duudhaalee ijoon caasaalee kana keessatti calaqqisuu qaban kanatti aanee dhihaateera. Isaanis:

  1. Kabaja maamilaa

  2. Qophaa’ina jijjiiramaa

  3. Iftoomina

  4. Miira garee (Team sprit)

  5. Hirmaachisummaa

  6. Itti gaafatamummaa



  1. Xiinxala Cimina, Dadhabina, Carraa Gaarii fi Sodaa (SWOT Matrix)



    1. Xiinxala Cimina, Dadhabina, Carraa Gaarii fi Sodaa (SWOT)

      L

      KM

      Cimina

      Dadhabina / Weakness

      Carraa /Opportunity

      Sodaa /Threat

      1



      Lammii/Maamila

      • Tajaajilaa fedhii hawaasaa guutu keennuuf sochiin jiruu jajjabeessaa ta'uu

      • Ittiquufiinsii maamilaa fooyya'aa dhuufuu

      • Sirnii komiin itti keessummeessamuu jiraachuu



      • Hawaasaa fi qooda fudhattoota ijaaree misoomaaf sochoosuu irratti hanqinni jiraachuu

      • Karoora hirmaachisaa ta'e qopheessuu irratti jalqabbiin jiraatullee hawaasaa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisuu dhabuu

      • Aadaan qusannoo hawaasaa guddiisuuf hojiin hubannoo uumuuf raawwatame xiqqaa ta’uu

      • Uwwisni kennaa tajaajilaa fedhii hawaasaa guutu jiraachuu dhabuu

      • Kenni tajaajila siiviil sarvisii sadarkaa barbaadamuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu dhabuu




      • Haalii qileensa nannoo keenya guddina qonnaf mijata ta`u.




      • Humni dargaggoo dubartoota misooma misooma irratti hirmaachuu danda’u jiraachuu




      • Misooma irratti fedhiin hirmaannaa haawaasaa jiraachuu

      • Diinagdeen akka naannoo fi biyyaatti ittiifufiinsaan guddachaa dhufuu

      • Hirmaannaa maamilaafi qoodafudhatoota misooma irratti dabala dhufuu.

      • Jalqabbiiwwan investimantii carraa hojii uumuu danda’an jirachuu

      • Carraan gabaa omisha qonnaa bal’inaan jiraachuu

      • Baay'inni uummataa dabalaa deemuun miidhaan qabeenya uumamaa irra gahaa jiru rakkoo jijjiirma qilleensaa uumuu

      • Aadaan uummanni eegumsaa fi kunuunsa naannoo irratti qabu laafaa ta’uu

      • Aadaa hojii qonnaa rooba qofa irratti xiyyeefate hawaasa bira jiraachuu

      • Hojii dhabdummaan jiraachuu

      • Qaalaa’insa jireenyaa olka’uu fi tasgabbiin gabaa jiraachuu dhabuu

      • Dhibee daddarboo beeyladaa fi weerartuu midhaanii babal'achuu

      • Waliittii hidhamiinsii gabaa laafaa ta'uu

      • Omishni qonnaa biyya keenyaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta’uu dhabuu

      2

      Faayinaansii

      • Qoodinsi baajataa karoora hojii irratti hundaa'e raawwachuu irrattii jalqabbii gaariin jiraachuu

      • Faayinaasii dabalataa madda adda addaa irraa argachaa jiraachuu

      • Hawaasnii qabeenya fi humna isaatiin hojii misoomaa irratti tumsa akka godhuu hirmaachiisaa jirachuu

      • Karoora gahuumsa qabuu qopheessuu fi amansiisuun baajata hojiin walmadaalu argachuuf tattaaffiin jiru laafaa ta'uu

      • Baasii fi bu’aan raawwii hojii walsimuu dhabuu

      • Hawaasa sochoosuun baajata gahaa ta’e maddisiisuu irratti tattaaffiin yoo jiraatellee quubsaa ta'uu dhabuu

      • Qabiinsi, ittifayyadamnii fi bulchiinsi meeshaalee laafaa ta’uu

      • Sirna bulchiinsa qabeenya mootummaa jiru haala barbaadameen hojii irra oolchuu dhabuu

      • Galii qonaan bulaa fi horsiisee bulaa dabalaa jiraachuu

      • Arjoomtotaa fi qoodafudhattoota adda addaa irraa maddi faayinaansii dabalaa jiraachuu



      • Hanqina bajata qunnamuu danda'uu

      • Gatiin tekonooloojii faalama naannoo hir'isu



      3

      Adeems Hojii Keessaa

      • Caaseffamni hojjechiisuu danda’u sadarkaan hundatti jiraachuu (Proceess based organizational structure)

      • Karoora tarsiimoo misooma sektara qonnaa waggaa shanii fi karoorri waggaa (Annual operation plan) jiraachuu

      • Karoorri hirmaachisaa ta'e qopheessuu irratti calqabbiin jiraachuu

      • Hojmaatni adeemsa hojii bu'uura godhatee diriiree jiraachuu

      • Sirni hordoffii fi gamaaggamaa sadarkaa adda addaatti jirachuu

      • Tajaajila fedhii hawaasaa guutu kennuuf jalqabbiin jiraachuu

      • Qindoomina sekteroota waliin jiru fooyya'aa jiraachuu

      • Meesshaalee rifoormii jiraan qindaa'ee hojii irraa oolchuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu

      • Meeshaalee rifoormii idileessuu ilaalchisee jalqabbiin haa jiraatu malee, itti fufiinsaan hordoofuu dhabuu

      • Horodoffii fi deeggarsi hoggansa sadarkaa adda addaatii kennamu laafaa ta’uu

      • Hoggansii hojiiwwan tarsimo'aa irra hojiiwwan xixiqqaadhaan qabamuu

      • Imaammataa fi tarsiimolee misooma qonnaa jiran sadarkaa barbaadamuun hawaasa qabsiisuun hojii irra oolchuu irratti hanqinni jiraachuu

      • Raawwii hojii tarsiimoo irratti kan hundaa’e osoo hin ta’in hojii guyya-guyyaa irratti xiyyeeffachuu

      • Muuxannoowwan gaggaarii qonnaa jiran addaan baasuu fi babal’isuun sadarkaa barbaadame irra gahuu dhabuu

      • Karoorri tarsiimoo misooma sektara qonnaa waggaa shanii jiraatullee sanada kanaan hogganamanii hojii raawwachuu dhabuu

      • Ragaan bu'uuraa Karooraaf fayyadu qulqullinaan qindaa'ee jiraachuu dhabuu

      • Sirna oddeeffannoo waljijjiiruu cimaa ta'ee jiraachuu dhabuu

      • Qo’annoo fi qorannoo irratti hundaa’uudhaan si’aayinaa fi saffina kenna tajaajilaa foyyeessuuf tattafiin godhamu hanga barbaaddameen hojjatamuu dhabuu




      • Kutannoo siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu

      • Karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii misooma sektara qonnaa ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf carraa uumuu

      • Imaammata fi Tarsiimoon misooma qonnaa haala qabatama "Agro-ecology" waliin wal simuu fi rakkoo hiikuu danda’u jiraachuu

      • Heeraa fi seera, Imaammata fi tarsiimoo hojii misooma qonnaa hojjechiisuu danda’u jiraachuu

      • Imaammata qunnamtii biyyaa alaa fi nageenyi amansiisaan biyyaa keessa jiraachuu

      • Muuxannoowwaan gaggaarii walii dabarsuun babal'achaa jiraachuu

      • Jijiirama qilleensaa

      4

      Ijaarsa Dandeettii

      • Hoggansii fedhii jijjiirmaaf kaka'uumsa qabu

      • Meeshaalee wal quunamtii kan akka bilbilaa, faaksii, interneetii, kkf sadarkaa biirootti fooyya’aa ta’uu

      • Humna namaa ogummaa fi dandeettii qabu sadarkaa hundattii guuttachuuf jalqabbiin jiraachuu

      • Ergamnii fi mul’atni hojjachiisuu danda’u sadarkaa hundatti jirachuu

      • Beekumsaa fi dandeettii gaggeessitootaa fi raawwattootaa cimsuuf barnoonnii fi leenjiin ogguummaa kennamaa jirachuu

      • Haalli mijaawaa naannoo hojii sadarkaa nannootti uumuuf jalqabbiin jiraachuu

      • Sochiin dandeettii humna raawachisummaa misooma humna namaa irratti jalqabbiin jiraachuu

      • Kenna tajaajila fooyyessuuf haalli mijaa’an kalaquuf kakaasu jiraachuu

      • Faasiliitiwwan kan akka Waajjiraa, meeshaa waajjiraa sadarkaa biirootti fooya’aa ta'uu




      • Ergamni, mul’atni , Kaayyoo fi galmi yaa jiraatu malee qaamnii hogganuu fi raawwatu sirriitti beekee hojii irraa olchuu irratti hir’inni jiraachuu

      • Humna aanaa gurmaa’insa, hojimaataa fi humna namaatiin sadarkaa barbaadameen cimisuu dhabuu

      • Ilaalchaa fi gochi kiraa sassaabdummaa sadarkaa adda addaatti jirachuu

      • Hir’inni meeshaalee walquunamtii bal’inaan jiraachuu

      • Hoggansi sadrkaa adda addaa irra jiru beekumsa irratti hundaa’ee hogganuu dhabuu

      • Hir’inni waajjiraa, meeshaa waajjiraa, meeshalee teekniikaa fi konkolaataa/geejjibaa jiraachuu

      • Raawwataa dandeessisuu fi aangeessuu irratii haanqinni jiraachuu

      • Ragaa qulqullinaa fi ga'uumsaan kuusuu fi qindeessanii qabaachuu dhabuu

      • Humna namaa oggummaa fi beekumsa qabu qixa barbaadameen guutamuu dhabuu

      • Hojii beekumsa ogummaa ol’aanaa gaafatu iraatti hanqinni humna namaa jiraachuu

      • Meeshaaleen jijiiramaa (JBAH, SFSS) TQO/ICTn deeggaramuu dhabuu

      • Aadaan hojii fi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa hoogansaa fi rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu

      • Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa godinaa fi aanaatti kan hin jirre ta’uu

      • Misooma humna nama cimisuuf carraa baruumsaa fi leenjii biyya alaa fi biyyaa keessaa duguuganii itti fayyadamu dhabuu

      • Sirni madaallii fi badhaasa raawwii hojii manneen hojii, garee fi hojjettootaa jiraachuu dhabuu

      • Kaffaltiin mindaa fi faayidaaleen oggeessota hojiirra tursiisuu fi gabaa irraa hawwachuu dandeessisuu jiraachuu dhabuu

      • Bu'uuraalee misoomaa hojii qonnaa deggaran (FTC/ PTC, Kellaa fayyaa Beeyladaa, Labooraatooriiwwan, Giddu galeessa nitroojinii dhangala'aa fi omisha sanyii kormaa,...) haala barbaadameen babal'achuu dhabuu

      • Aadaan hojii gamtaadhaan hojjachuu jiraachuu

      • Karoora guddinaa fi tiraansifoormeeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaa'e galmaan gahuuf humni nama barate misoomaaf deggersa kennuu danda’u baay’inaan yunivarsiitootaa fi Kolleejjoota qonna irraa eebbifaman jiraachuu

      • Teknooloojiwwaan ammayyaa fi bu’a-qabeessa ta’an jiraachuu

      • Sirni Qunamitti Teeknooloojii Odeeffannoo ammayyaa aanolee hedduu wal qunnamsiisuu diriiraa jiraachuu (Woreda Net)




      • Gatiin teekinooloojii galii hawaasaa waliin walmadaaluu dhabuu

      • Faalama qilleensaa

      • Dhaabbileen faayinaasii liqii bittaa teekinooloojiif oolu kennuu dhabuu

      • Teekinooloojii haala qilleensa naannoon walsimu argachuu dhabuu

      • Teeknoolojii sadarkaa qulqullina isaa hin eegganne biyya keessa galuun miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu

    2. Dhimmoota ijoo qophii tarsimootiif ka’umsa ta’an (Pains and Enablers)

      1. Dhimmoota ijoo dadhabbinaa fi sodaa(Pains)irraa maddanii fi tarkaanfilee fudhatamuu qaban

La

Hudhaalee (Pains)

Tarkaanfiilee Fudhatamuu Qaban

1

Humnoota misoomaa qindeessanii hojii sektara qonnaa keessa galchuun sadarkaa barbaadamu irra gahuu dhabuu

  • Qaamolee misoomaa sadan jiran fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjachuu

  • Dandeettii raawaachuu fi raawwachiisummaa ogeessotaa fi gaggeessitoota sadarkaan jiran guddisuu

  • Karoora hirmaachisaa ta'e qopheessuu, hojii irra olchuu gamaaggamuu fi madaaluu;

  • Imaammataa fi tarsiimoo irrattii hubannoo hawaasaa cimsuu fi

  • Raayyaa misooma baadiyaa fi sivil sarvisi jiru raayyessuun hojii sektara qonaa hunda qabatee akka deemu taasisuu

2


Aadaan qusannoo laafaa ta'uu

  • Waldaalee hojii gamtaa sadarkaa adda addaatti (Waldaalee bu'uuraa, yuuniiyeenotaa fi Federeeshinii) gurmeessuu, hordoffii fi deeggarsa ogummaa kennuu

  • Aadaa qusannoo hawaasaa guddisuuf hojii hubannoo uumuu ciminaan hojjechuu

  • Dhaabbilee faayinaansii baadiyaa waliin qindoominaan hojjachuu

3

Uwwisnii fi qulqullinni kenniinsa tajaajilaa fedhii hawaasaa guutuu dhabuu

  • Qorannoo fi qo’annoo rakkoo fi fedhii maamiltootaa giddu galeessa godhate gaggeessuun bu’aa isaa hojiirra oolchuu

  • Teekinooloojii qonnaa akaakuu fi baay'inaan haala fedhii maamiltootaatiin baasuu,baay’isuu, dhiheessuu fi raabsuu

  • Bu'uuraalee misooma hojii qonnaa deeggaran (FTC, PTC, Kellaa fayyaa Beeyladaa, giddu-galeessota adda addaa, Labooraatooriiwwan,...) babal'isuu fi hojii keessa galchuu

  • Tajaajila eksteenshinii hojii qonnaa fi tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaa fedhii hawaasaa irratti hundaa'ee baay'ina, qulqullinaa fi yeroon dhiheessuu

  • Hojii qophaa'inaa fi ittisa balaa qulqullinaa fi yeroon raawwachuu

4

Muuxannoowwan gaggaarii babal’isuun sadarkaa barbaadame irra gahuu dhabuun garaagarummaan omisha qonnaan bultoota adda duree fi qonnaan bultoota biroo gidduu jiru bal’achuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii gama hundaan jiru adda baasanii beekuu

  • Hojimaata muuxannoo gaarii babal’isuu irratti qaama sadarkaan jiruu fi hawaasaaf leenjii fi hubannoo kennuu

  • Qindoomina qaamolee hojii muuxannoo gaarii babal’isuu irratti hirmaatan cimsuu fi gahee isaanii haala ifa ta’een addaan baasuu

  • FTC fi PTC giddu galeessa beekumsaa taasisuu (Center of excellence)

  • Miidiyaalee waliin qindoominaan hojjechuu

5

Ragaan gahumsa qabuu fi amansiisaa ta'e sadarkaa hundatti qindaa'ee yeroon argamuu fi darbuu dhabuu

  • Sirna oddeeffannoo (MIS) cimaa ta'e sadarkaa hundatti diriirsuu

  • Qabiinsa ragaa fi sirna gabaasaa irratti qaama sadarkaan jiruuf leenjii fi hubannoo kennuu

  • Foormaatii/guca sadarkaa isaa eeggatetti fayyadamuu

6

Hordoffii fi gamaggamni hojii laafaa ta'uu

  • Sirna hordoffii fi gamaaggamaa cimsuu

  • Karooraan hoogganamuu

  • Hojiiwwan hordoffii fi gamaaggamaa walitti fufiinsaan geggeessuu, deggarsa kennuu fi rakkoo mul'atu yeroon furmaata kennuu

7

Humni namaa beekumsa, ga'umsa hojii fi dandeettii, kaka'umsaa fi ilaalchaan sadarkaa barbaadamuun jiijjiramuu dhabuu

  • Leenjii kennuu, carraa barumsaa babal'isuu fi muuxannoo wal-jijjiiruu

  • Ittifayyadama teekinooloojii odeeffannoo sadarkaa hundatti cimsuu

  • Sirna Madaallii Bu'aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT/BSC) hojii irra oolchuun raawwii fakkeenyummaa qabu jajjabeessuu fi badhaasuu

  • Haala naannoo hojii mijaa'aa (conducive work environment) uumuu

  • Seera bulchiinsa hojjettoota mootummaa hojiirra oolchuu

8

Manca'inni qabeenya uumamaa fi faalamni naannoo babal'achaa dhufuu

  • Hubannoo hawaasni eegumsaa fi kunuunsa naannoo irratti qabu cimsuu

  • Qaamota filannoo madda annisaa (alternative energy sources) irratti hojjetan wajjin qindoominaan hojjechuu

  • Uummanni qabeenya uumamaa kunuunsuu fi misoomsuun fayyadamaa akka ta'u aangessuu, miira abbummaa akka qabaatu taasisuu

  • Qaamolee seeraa wajjin qindoominaan hojjechuun eegumsa qabeenya uumamaa mirkaneessuu fi faalama naannoo xiqqeessuu

9

Aadaa hojii qonnaa rooba irratti hundaa'e hawaasa bira jiraachuu

  • Faayidaa jallisii fi Ittifayyadama qabeenya bishaanii irratti hubannoo hawaasaa cimsuu

  • Misooma qonna jallisii irratti xiyyeeffate babal'isuu

  • Tekinoolojiiwwan hojii misooma jallisii deggaran dhiheessuu

10

Dhiibbaa Dhibee daddarboo beeyladaa fi weerartuu midhaanii

  • Sirna eegumsaa fi to'annoo hojiiwwan qonnaa cimsuu

  • Hubannoo hawaasaa cimsuun hojii eegumsaa fi to’annoo irratti hirmaannaa hawaasaa dabaluu

  • Hojii qorannoo fi qo'annoo dhibee beeyladaa fi ilbiisota biqiltuu cimsuu

11

Badiinsa sanyii naannoo (Bio diversity degradation)

  • Sirna kunuunsaa fi eegumsa (conservation) sanyii naannoo cimsuu

  • Hubannoo hawaasaa cimsuu

12

Omishni qonnaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta’uu dhabuu


  • Oomisha gabaa irratti xiyyeeffate baay'inaa fi qulqullinaan akka oomishamu deggarsa ogummaa fi dhiheessa tekinooloojii cimsuu

  • Humna waldaalee hojii gamtaa sadarkaa adda addaa jiranii fi walitti hidhamiinsa ECX waliin qaban cimsuu

  • Sirna odeeffannoo gabaa sadarkaa hundatti cimsuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu

13

Hojiin sagantaa wabii nyaataa mirkaneessuu irratti hojjetamaa ture midhaan nyaataan of danda’uu irratti hanga barbaadame ta'uu dhabuu


  • Hojii duraan akeekkachiisaa sadarkaa hundatti cimsuun miidhaa balaan fiduu danda'u xiqqeessuu

  • Qabeenya sagantaa wabii nyaataatti sirnaan fayyadamuun hawaasa balaa dandamatuu fi wabii nyaataa mirkaneeffatu uumuu

  • Hojii ijaarsa qabeenya hawaasaa fi maatii (Communal and House hold asset building) babal'iisuu.




      1. Dhimmoota ijoo ciminaa fi carraa gaarii irraa maddan fi tooftaa itti fayyadama isaanii (enablers)

Lak

Dandeessistoota (Enablers)

Tooftaa itti fayyadama Dandeessitoota

1

Hawaasni misooma irratti tumsa qabaachuu

  • Hawaasni misooma keessatti murteessummaa isaa hubatee qooda isaa akka ba'u hubannoo uumuu

  • Hawaasa raayyaa misoomaa fi waldaan ijaaruun qabeenya, beekumsa fi humna isaa qindeessuun hojii misoomaaf hiriirsuu fi bu'aa argamu irraa fayyadamummaa isaa mirkaneessuu

  • Sosochii hawaasaa qindeessuun sagantaa misoomaa irratti hirmaachisuu

  • Carraa misoomaa babal'isuu

2

Kutannoo mootummaan misoomaaf qabu

  • Qabeenya, dandeettii fi beekumsa humnoota misoomaa qindeessuun Imaammataa fi tarsiimooqonnaa fi misooma baadiyaa hojii irra oolchuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu

  • Karoora gahumsa qabuu fi projeektota adda addaa qopheessuun deeggarsa barbaachisu argachuu

3

Misooma qabeenya humna namaa irratti Xiiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu

  • Karoora leenjii humna namaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qopheessuun hojii irra oolchuu

  • Kolleejjotaa fi Yuniversiitoota waliin qindoominaan hojechuu

  • Humna namaa kallattii ogummaatiin ramaduun hojii fi hojjetaa wal-quunnamsiisuun itti fayyadamuu

  • Humna nama barateef haala mijeessuun qorannoo fi qo'annoo irratti xiyyeeffatee akka hojjetu taasisuu (Create conducive environment for innovation)

4

Hojii irra oolmaa karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshiniif xiyyeeffannoo guddaa kenname

  • Karooricha irratti hubannoo qaamolee sadarkaan jiranii fi hawaasaaf uumuun shoora isaanii akka taphatu taasisuu

  • Karooricha akka biirootti fudhachuun hojiitti jijjiiruu, hordofuu, madaaluu fi deggarsa ittifufiinsa qabu taasisuu

5

Tekinooloojiwwaan ammayyaa bu’a-qabeessa ta’an babal’achaa jiraachuu

  • Hubannoo itti fayyadama tekinoolojiwwan qonnaa hawaasa biratti uumuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu

  • Tekinooloojiwwan hammayyaa haala qilleensa naannoon walsimuu fi misooma qonnaa saffisiisan burqisiisuu, madaqsuu, babal'isuu fi akaakuu fi baay’inaan barbaadamuun dhiheessuun hojiirra oolchuu

  • Sirna kenniinsa tajaajila odeeffannoo tekinooloojiin deggaruuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu

  • Muuxannoowan gaggaarii baay’isaa fi itti fayyadma teekinooloojii irratti jiran addaan baasuu, qindeessuu fi babal’isuu

6

Muuxannoowwan gaggaariin babal’achuu danda’an jiraachuu

  • Yaada rime dhimma muuxannoo gaarii babal’isuu irratti qaama dhimmi ilaallatu hundaaf hubannoo fi leenjii barbaachisu kennuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii jiran addaan baasuu, fooyyessuu, qindeessuu fi babal’isuu

7

Haalli qilleensa adda addaa (different agro-ecology) hojii qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu

  • Qorannoo fi qo’annoo haala qilleensa adda addaa giddu galeessa godhate gaggeessuun teekinooloojii baasuu fi hojii irra oolchuu

  • Hojii misooma qonnaa haala qilleensa adda addaa bu’uura godhate (Diversification & specialization) cimsuu

8

Qabeenya uumamaa bal’aa (Natural resource potential) qabaachuu

  • Qabeenya uumamaa naannicha keessa jiru qorannoon adda baasanii beekuu fi haala qindoomina qabuun hoogganuu

  • Misooma, eegumsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa irratii hubannoo hawaasaa cimsuu

  • Sirna eegumsaa fi to’annoo hirmaannaa hawaasaa giddu-galeessa godhate cimsuu

9

Bu’uurri misoomaa hojiiwwan Biirichaa deeggaran babalachaa jiraachuu

  • Itti fayyadama bu’uuraalee/teekinooloojiiwan kanaa irratti hubannoo hawaasaa cimsuun fayyadamaa taasisuu

  • Bu’uuraalee misoomaa kanatti fayyadamuun kenna tajaajila ekisteenshinii cimsuu fi dhiheessii teekinooloojii qonnaa babal’isuu

  • Carraa bu’uuraalee misoomaa jiranitti fayyadamuun humnoota misoomaa waliin qindoomina uumuun tajaajila gahaa kennuu

  • Miidiyaalee adda addaa jiran waliin qindoomina uumuun teekinooloojiiwwan, muuxannoowwan gaggaarii babal’achuu qabanii fi tajaajiloota kennaman hawaasaaf ibsuu


  1. Xiinxala Raawwii KGT I

Sadarkaa biyya keenyatti waliigala GDP keessa harki 42.8% ol gahee sektara qonnaa yoo ta’u, gaheen galii sharafa biyya alaa argamsiisuu keessattis harka 90% fi harki 83% kan ta’uu hojii qonnaa irratti bobba’eee jira. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda’amutti gaheen qonnaa dinagdee guddisuu, hiyyummaa hir’isuu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee adda durommaan taphachaa yoo jiraate iyyuu ammas hanga barbaadame bira gahuu hindandeenye.

    1. Misooma Qonnaa

      1. Tajaajila Ekisteenshinii qonnaa:

Tajaajila ekisteenshinii qonnaa bulaa hundaa waliin gahuuf wirtuleen leenjii qonnaan bulaa gandoota (6447) hundaa waligahuun KGT keessatti karoorfame haala ragaa aanaalee irraa argameen uwwisni wirtulee Leenjii Qonnaan Bulaa hanga bara 2002 wirtuu Q/bulaa 3,394 ijaarame ture dhuma KGT kana irratti gara wirtuu Leenjii Q/bulaa 5,216 (%81) walgaheera. Uwwisni kun hanga waggaa kana keessa guutuma guutuun raawwachu kan qabu ta’uus aanaaleen hanga waggaa kana keessatti WLQB 1,292 otoo hin ijaaramin hafe jira. Sababiin isaas ijaarsii WLQB ijaaruu keessatti hoggansii fi oggessii sadarkaa sadarkaan jiruu faayidaa WLQB qaban amantaa gutuu qabaachuu dhabuu. Ijaarsa wirtulee Leenjii Qonnaan Bulaa 3,053 raawwachuun gandoota waliin gahuuf yaadame keessa hanga dhuma bara dhuma 2007tti 1,761 waan ijaaramaniif KGT irraa %57.7 raawwatame jira. Ijaarsa gaggeeffame keessaa meeshaaleen guuteef WLQB 2,982 leenjiif kan qophaa’e yoo ta’u WLQB 2,173 osoo meeshalee barbaachiisa ta’an fi paakeejii guutu oto hin guutamin hafee jira. Kuniis tajaajila eksteenshinii tokkoon tokko Qonaan bulaa kenninuu oomishaa fi oomishitummaa guddisuu irratti fayyadamummaa uumataa mirkaneessuu hanga barbaadamee demuun hindanda’amnne. Haallii kun xiyyeeffannoo addaa itti kennamee meeshaaleen guutameefii leenjii akka eegaluu ni barbaada.

Jireenya qonnaan bulaa fi horsisee bulaa teekenolojjii hammayyaa wajjin walsimaachiisuuf wirtulee leenjii qonnaan bulaa keessatti leenjisuun “Green certificate” akka fudhatan hanga dhuma bara KGT namoota 2,944,324 leenjisuun sartifikeetii kennuuf karoorfame hanga ammaa Q/bulaa ykn horsisee bulaan leenji’ee “green certificate” argate hin jiru. Wirtulee leenjii qonnaa tokko tokkoo kaka’umsa isaaniin leenjii waan jalqabaniif KGT kana keessatti namoota 383,428 (dhi.335, 357, Dub.4,8071) leenjisaniiru. Kunis kan ta’uu danda’e yeroo karoorri KGT 1ffaa qophaa’etti Qonnaan bulaaf ‘Green Certificate’ kennuuf kan yaadamee ture kallattiin leenjiin itti kennamu tuuta gahumsaatiin madaallii kennaa

Kara biraatiin kenninsa tajaajila ikisteenshinii ilaalchisee itti fayyadamtootni tajaajila ikisteenshinii bara 2002 abbootii warraa mil 3.586 irraa dhuma KGT gara mil. 4.6 akka guddatu karoorfame Q/bulaa mil.4.16 (Dhi. mil. 3.71 Dub. Mil.0.45)% 90.7 gandoota hundaa keessatti tajaajila akka argatan yoo ta’u to’attoota HMB tiif motor saayikilii 1,164 bittameef deeggarsa kenna kan jiran fi hojjetaan misooma baadiyyaas haaluma karoorfameen tajaajilli ekisteenshinii abbootii warraa hundaaf akka mijatu ta’ee jira. Abbootiin warraa mil 2,077.84 sagantaa ikisteenshinii paakeejjii keessatti hanga bara 2007tti keessa akka hirmaatan karoorfame hanga amma adeemsi paakeejjii guutuu irratti abba warra mili. 2,295.12 akka argatan yoo ta’u bara 2007tti namootni mil. 2,295.12(Dhi.1,99,6750 Dub.298,370) ekisteenshini paakeejjii keessatti hirmaacha akka jiran mul’isa. Hirmaattootni paakeejjii kun kan bara 2002 ture irraa %22.1n guddina agarsiseera.


      1. Oomisha Midhaan Gurguddoo:

Omishni midhaan gurguddoo caalmaatti rooba irratti kan hirkate yoo ta’u gaheen oomishaa Arfaasa fi gannaa daraan olaanaadha.Lafa oomishaa midhaan gurguddoo qonnaa gannaa fi arfaasa misoomsuun bara ka’umsa 2002 heektaraa kuma 5,857.32 turee dhuma bara karoorichatti gara lafa heektara kuma 7,259.87 misoomsuuf karoorfame ragaa CSA akka mul’isutti bara oomishaa 2006/07tiif lafti heektara kuma 6,326.2 misoome midhaan adda addaan uwwifameera. Misoomni lafaa kunis KGT irraa %87 raawwatameera. Haala KGTn oomishaan midhaan gurguddoo bara ka’umsa karoorichatti kuntalaa mil. 92.755 kan irraa turee dhuma bara KGT tti kuntala mil 221.266 irraa akka gahu karoorfamee akka ejensii istaatiksii federaalaan gaggeeffameen yeroo Arfaasaa fi Gannaa oomishni midhaan gurguddoo bara 2006/07 kunt. Mil. 140.08 akka argamu ta’eera.Kuniis Oomishini KGT irraa %63 argameera. Oomishni argamee kan KGTtti gadi ta’u danda’ee itti fayyadamni calla guddiftuu hanga yaadame hojii irra ooluu dhaabuu fi oomishi midhaan Arfaasa gogginsii deedebi’e mul’achu irra kan ka’ee bara 2003-2005 kan eegamee irra baayy’ee gad-bu’ees yoo ta’u bara 2005/06 fi 2006/07 hanga % 9.2 dabalaa dhufeera.

Oomishitummaan midhaan gurguddoo giddu galeessaan waligala bara 2002tti heektara tokkoo irraa kuntalaa 15.8 argama turee tajaajila ekisteenshinii qonnaa fi dhiyeessa calla guddiftu fooyyeessuun dhuma bara KGTtti giddu galeessan oomishaa kuntaala gara 30.5tti akka guddatu karooramee ragaan eejeensii istatistiksii giddu galleessa itiyoophiyaa irraa argame akka argisisuutti bara 2006/07 Omishtummaan hek. tokko irraa kun.22.1 irran kan ga’ee fi waggaatti giddu galeessan % 6.72 guddina agarsiisa. Haa ta’u malee lafa qonnaa babal’isuun haala gaariin kan itti deemame ta’ullee itti fayyadamni callaa guddistuu akka yaadame waan hin taaneef keessumattu itti fayyadamni sanyii filatama gad bu’aa waan dhufeef oomishtummaa midhaan gurguddoo irratti dhiibba geesiseera. Kana malees roobni yeroo Arfaasa keessumattu bara oomishaa 2003/04 fi 2004/05 irratti midhaan facaasa dubatti hambisuu fi erga faca’e immoo roobni itti fufinsa dhaabuu irraa kan ka’ee oomishi eegamu hin argamne ture. Oomishitummaan midhaan immoo lafa akka waligalatti misoome faca’e irraa waan ilaalamuuf oomishii midhaan yeroo Arfaasa baduun kallattidhaan dhiibbaa oomishtummaa irratti mul’isa. Oomisha bara 2006/07 argame kunt. mil. 140.08 keessaa mil. 133.7 ykn %95.5 yeroo gannaa irra kan argamedha. Akka waligalatti ragaan oomishaa fi lafa misoome kan bara 2006/07 kan qonna gannaa raga CSA yoo ta’u kan qonna Arfaasaa garuu ragaa tilmaama biiroo qonnaati.

Dabala oomisha midhaan gurguudoo waggoota shanan darbaniitiif gumaacha kan godhan guddina lafa qotamee fi guddina oomishtummaa yoo ta’an guddinni oomishtummaa midhaan gurguddoo waggaatti giddu-galeessaan dhibbentaa 6.72 fi guddinni lafa immoo dhibbeenta 0.85 waan ta’eef sababa guddina oomishitummaa fi lafti dabalataan misoomeef oomishi midhaan gurguddoo waggatti giddu galeessan dhibbeenta 7.63n guddachuun bara ka’umsa KGT kan irra ture kuntala mil. 92.755 irra bara 2006/07tti gara kuntala mil 140.08 tti guddateera.

Guddina omishtummaa midhaan gurguddoo kanaa gosa midhaaniitiin yoo ilaallu giddu-galeessaan guddinni omishtummaa guddaa kan agarsiise midhaan Biilaa fi Agadaa dhibbentaa 6.78 yoo ta’u midhaan dheedhii fi midhaan dibataa walduraa dubbaan waggaatti giddugaleessaan dabala omishtummaa dhibbentaa 7.7 fi 3.65 agarsiisaniiru. Dabala kanaan omishtummaan midhaan biilaa fi agadaa (Cereals), midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa bara 2002 kan irra turan heektaaraan kun. 17.8, 13.3 fi 8.1 irraa bara 2006/07 tti heektaaraan kun. 23.6, 17.74 fi 10.03 ga’eera.

Haala guddina itti fayyadama lafa oomishaa midhaaniif ooluu, dabaltiin oomishaa fi oomishitummaa midhaan gurguddoo waggootti shanan keessatti kan mula’ate ta’ulee haalli ittiin guddatu garuu dabaltiin isaa hir’isa deema. Kun immoo haala qileensa wajjiin kan wal qabatu yoo ta’u keessummattu calla guddistuu hanga barbaadamu itti fayyadamu dhabuu fi roobni arfaasa amansisaa ta’u dhaabuu irra kan ka’ee midhaan faca’ee waan baduuf oomishaa fi oomishtummaa irratti dhiibbaa geessisuu isaa mul’isa. Akkuma fakkii armaan gadii irraa arginutti bara 2002/03tti guddinni oomishaa fi oomishitumma baay’ee guddaa wal duraa dubaan %7.4 fi %8.45 kan turee bara 2004/05tti guddinni isaani gara %7.28 fi %5.03tti gad bu’e fi bara 2006/2007 tti oomishin %6.86 fi oomishtummaan % 5.44 dabala dhufee jira. Guddinni lafa garuu bara 2002/03tti %0.97 hir’achuun bara 2003/04tti %1.85 gad bu’uus bara oomishaa 2004/05tti guddinni isaa ol ka’ee % 2.14n guddacha bara 2006/2007 tti gara 1.34n deeb’ee gadi bu’uu isa mul’isa.

Oomishaa midhaan gurguddoo Gannaa ilaalchise akkuma ragaa armaan olii irraa hubachuun danda’amutti oomishi qonnaa naannoo Oromiyaa %90.4 wayitti oomishaa gannaa kana irraa waan argamuuf hojii xiyyeeffannoo barbaaduudha. Haala karoora guddina fi tiraanisfoormeshiniin laftii yeroo gannaa misoomu bara oomishaa 2001/02tti hekt. mil 5.572 kan irraa turee yoo ta’u dhuma bara karoorichatti immoo hekt.mil 6.129 gahuuf karoorame lafti hekt. Mil 5.7 misoomee midhaan adda addaan waan golgamee KGT waggaa shani irraa % 93 uuwwisuun danda’ameera.

Oomishaa yeroo gannaa ilaalchisees bara ka’umsa 2001/02tti midhaan adda addaa irraa oomishaa kunt. mil 90.71 kan irraa ture yoo ta’u dhuma bara KGT kunt. mil. 208.49n ga’uuf karoorame, dhuma KGT bara 2006/07tti gara kunt. mil. 133.7tti akka guddatu ragaan CSA ni mul’isa. Kuniis karoora wagga shanii irraa % 64 akka argamu danda’u tilmaamamee jira.

Oomishitummaa midhaan gurguddoo yeroo gannaa fooyyeessuuf sochiin adda addaa godhama jiruun oomishtummaa midhaan gurguddoo bara ka’umsa karoora irratti heektaran kuntaala 16.96 kan irra ture yoo ta’u dhuma bara karoorichatti immoo gara 34tti guddisuuf karoorame, karoora waggaa shanitti heektaran kuntala 23.46 akka argamu danda’u tilmaamni gaggeeffame ni mul’isa. Kuniis karoora wagga shani irraa %69 raawwachuun akka danda’ame mul’isa.

Akka waligalatti midhaan gurguddoo yeroo gannaa gidduu galeessan wagga shanitti lafti %1.27, Oomishaan % 8.06 fi oomishtummaan %6.7 guddina kan agarsisee yoo ta’u midhaan biilaa fi agadaa irratti lafti %1.14, oomishaan %7.97 fi oomishitummaan immoo % 6.75 guddina agarsiseera. Bifuma wal fakkatuun midhaan dheedhii lafti % 2.8, oomishaan % 9.93 fi oomishitummaan % 7.48 yoo guddatu midhaan dibataa lafti % 1.24, oomishaan % 5.05 fi oomishtummaan % 3.77n giddu galeessan wagga waggaan bara ka’umsa Karoora Guddina fi Tiraanisfoormeeshini irraa guddina agarsisu isa mul’isa.


      1. Hojiwwan WHG

Haala karoora guddinaa fi tiraansfoormeeshiniin dhiyeessa calla guddistuu fooyyeessuun xaa’oo bara 2002 irratti kuntaala mil. 1.878 dhiyaate keessa kan hojii irraa oolee kunt. mil. 1.571 ( DAP 1, 084, 440, UREA 486,497) yoo ta’u bara dhuma KGT gara kunt. mil. 3.6 hojii irra oolchuuf karoorfame oomishaa bara 2006/07tiif xaa’oon kuntaala mil. 3.52 dhiyaate keessa kuntaalli mil 2.79 (%71.53) hojii irraa olee jira. Xiinxalli ragaa kun kan agarsiisu bara oomisha 2001/02 xaa’oo mil.1.57 irra kan ture bara oomisha 2006/07 waliin yammuu ilaalamu kunt. Mil.1.22 caalmaa qaba. Waggaa shanan darbe keessa itti fayyadamni xaa’oo keenyaa waggaatti giddu-galeessaan dhibbantaa 12.24 guddina kan qabu yoo ta’u DAP giddu-galeessaan % 7.6 waggaatti guddina kan qabu fi UREAn immoo % 13.06n guddina agarsiisa.

Itti-fayyadama sanyii filatamaa fooyyeessuuf sochii godhama jiruun sanyiin filatama waldaalee hojii gamtaan, inveesteerota dhunfaa fi Inteerpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaan baay’ate akka dhiyaatu haalli kan mijate ta’uus itti fayyadamni isaa baay’ee gadi bu’ee jira. Kuniis itti fayyadamni sanyii filatama adda addaa bara 2002 kunt. kum. 112.14 ture bara 2006/2007tti gara kunt. Mil.1.2 tti akka guddatu karooramullee itti fayyadamni isa garuu baay’ee karoora irraa gadi bu’ee bara oomishaa 2006/07tti sanyiin adda addaa kunt.kuma 171.2 ykn karoora hanga bara 2006/07 KGT irraa immoo % 14 qofaan raawwatameera. Bara oomishaa 2006/07 keessa calla guddustuu akka naannootti raabsamu cinatti qotee bulaan sanyii “C2” waljijjiruun waan fayyadamaniif itti fayyadama sanyii “C2” bara oomishaa 2006/07 kunt.kuma 489.3 hojiirra oolee jira.

Itti fayyadama keemikaala farraa aramaa fi farra ilbiisaa bara ka’umsa 2002 lit.156,800 akka itti fayyadama turee yoo ta’u bara 2006/2007 tti gara litira mil 2.974 akka fayyadamaan karoorfame lit.mil.2.850 akka ittai fayyadamaan iruu. KGT irraa % 95.8 akka hojii irraa oole mul’isa. Haa ta’u malee ragaa qabatamaa argamu dhaabuu malee qonnaan bulaan keemikalaa farra aramaa kana dhunfaan bitee waan fayyadamuuf akka kanaan ol ta’u ni tilmamanama.

Oomishaa fi oomishtummaa midhaan guddisuuf itti fayyadama xaa’oo keemikaala cinnatti qophii fi itti fayyadamni kompoostii murteessa akka ta’e itti amanamee KGT keessatti xiyyeeffannoo gudda argateera. Haaluma kanaan bara oomisha 2002/03 koopostii m3 mil.11.8 qopha’ee hojii irraa kan oole yoo ta’u bara Oomishaa 2006/07 keessa kompoostiin m3 mil. 62 qopheessuun akka itti fayyadamaan karoorame kan qophaa’e fayyidaa irra oolee m3 mil. 39.9 qofadha. Kuniis karoora guddina fi tiraansiformeeshinii keessa % 64.4 raawwatameera. Kunis hanga barbaadamu kan itti hin deemamnee yoo ta’u yeroo itti aanu keessatti xiyyeeffannoo gudda kennuun hojjechu gaafata.

Godinaalee rakko lafa omishaa irratti dhibbaa asidii qaban salphisuuf warshaa oomishaa nooraa dhaabbatetti fayyadamuun nooraa kunt.kuma 30 oomishamee lafa heektara 1,000 deebisun akka misoomsu gochuuf karoorame hanga dhuma bara 2006/07tti oomishii nooraa kunt.kuma 10.164 (%33.80) lafa hek.543 irratti akka fayyadaman agarsisa.

Sosochii WHG jalqabame cimsine uummata hirmaachisuun rakkoolee WHG keessa turan hiikuun waldaalee jiran cimsuuf haaraa ijaaruun, WHG ergama isaanii hojii irra oolchuun fayyadamummaa miseensa isaaniif hojjetan gochuuf, miira abbummaa miseensa dabaluuf mootummaa misooma keenya keessatti ga’ee taphachuu qaban akka taphatan gochuuf hojiin bal’aa fi itti fufiinsa qabu hojjetamaa tureera. Kananis bu’aa hedduun argamaniiru. Hoji kana keessatti inni guddaan hojjetame rakkoo hubannoo fi ilaalchaa jiru hiikuu waan ta’eef kallatti kanaan leenjiin bal’aan kennameera. Yeroo KGT kana keessatti barumsaa fi leenjii kennuu miseensoota WHG hundaa, gaggeesitoota siyaasaa sadrkaa adda addaarraa jiranii fi mitii miseensaa waliigalaan miliyoonaa 22,906,690 ta’aniif leenjii bal’aan mataduree adda addaa irratti irradadeebidhaan leenjiin kennamee jira. Rakkon hubanno bal’inaan ture hiikameera, dogoggorri ilaalchaas guutummatti furameera jechuu yoo nama hin dandeessifnes salphateera.

Karaa biraan bara 2002 tti baay’inni waldaalee bu’uuraa 9,658 kan turan Waggoottan shanan darban keessaatti waldaalee 10,237 dabaluun hanga ammatti waldaalee bu`uraa 19,895 kan ijaaraman yoo ta’u, miseensi immoo 1,607,594 ture 2,481,2399 dabaluun gara 4,088,833 guddatee jira. Bifuma walfakaatuun kaappitaalli waldaalee 657,638,239 irraa gara qar. 3,822,143,732 tti guddate jira.



Qusannoo ilaalchisee dhuma bara 2002 tti Qr 218,426,126 ture Karoora Guddinnaa fi Tiraansifoormeeshinii KGT 1ffaa keessatti sochii addaa qusannoo miseensotaa dabaluuf taasifameen qusannoo waldaalee hojii gamtaa qr 992,600,000 irra gahuun danda`ameera.
Sosochii waldaalee hojii gamtaa kanaan yeroo KGT I kana keessatti kan hoojjetame hojii biroon waldaaleen hojii gamtaa bal’inaan hojii gabaa WHGtti seenuusanitiin qarshii biliyoona 2.26 hojiirraa oolee sharafaa biyyaa alaa doolaraa Amerikaa miliyoona 78.8 ol argamsiisaniiruu.

Kara kanaan waldaaleen hedduun gara agroo prosessingiitti kan seenan yoo ta’uu warshaan aananii 2, warshaan daakuu 3, maashinary buna diimaa 151 fi gogaa 26, warshaa xaa’oo madaalawaa 2, warshaa cuunfaa zayitaa 5 fi warshaa keeshaa tokko hunda’ee hojjetaa jira. Kara meekaanaayizeeshinii qonnaas waldaalee toora kanatti kan seenaan yoo ta’uu yeroo ammaa kana kombayinerootni 23, Tiraaktera 65, qulqulleessituu sanyii 19, dhooftuu qamadii 22 fi dhooftuu Boqolloo 19 hojii keessaa galaniiru. Karaa biraan uwisinii Oditii fi inspeekshinii keenyaa hanga barbaadamee yoo ta’uu hafees qulqullinisaa waan jijjiirameef qisaasamni qabeenyaa waldaalee hi’rateeraa, iddoo rakkoon argametis qabiinsi ragaa foyya’uu isaatiin jarsoolii biyyaa fi manneen murtiin mallaqni qisaasame galchuun danda’ameera.

      1. Misoomaa fi Qulqullina bunaa:

Bara KGT keessatti misooma midhaan gatii guddaa qaban irratti xiyyeeffannoon guddaan kenname gaggeeffamu keessa tokkoo misooma bunaati. Bara 2002 lafti bunaa oomisha kennaa ture heektara kuma 278.16 dhuma KGTtti lafa oomishaa buna kennu gara kuma 574.18 guddisuun oomishaa bunaa kuntaala kuma 4,680 akka oomishamu karoorfame haala ragaa CSA argisisuun lafti oomisha buna kennu gara heektara kuma 381.51 yoo guddatu oomishii bunaa kuntaala mil. 2,865.35 oomishameera. Kunis karooraa dhuma bara 2007tti irraa lafa bunaa kennuun %66.4 fi oomishaa bunaan %61 raawwatameera. Oomishitummaa bunaa irratti jijjiramni bara 2002 irraa tureef kan bara 2007 walcinaa qabamee yeroo ilaalamu jijjiramni gudda mul’ate waan hin jirreef bara KGT 2ffaa irratti xiyyeeffannoon kenname oomishtummaan buna akka fooyya’u godhamu qaba.

Dhuma KGT keessatti sanyii bunaa kiiloo giraamii kuma 647.5 qopheessuun biqiltuu bunaa bil 2.35 lafa heektara kuma 570.9 irratti dhaabuun lafa bunaan golgamee gara heektara kuma 1,002.0 tti guddisuuf karoorfamee, waggaa shan keessatti sanyii bunaa kiiloo giraama kuma 1,704.5(%263) akka qophaa’u ta’eera. Bara 2007 kanatti biqiltuun bunaa mil.915 lafa heektara kuma 275.3 irra kan dhaabbate yoo ta’u waggaa shaman darbe kana keessatti lafa bunaan golgame gara heektara kuma 1,230.3tti akka guddatu ta’eera. Haaluma kanaan lafa bunaa babal’isuun karoora hanga dhuma bara 2007 irraa % 100 ol karoora guddina fi tiraanisfoormeeshinii irraa raawwatameera.

Bunaa oomishamee gabaa gidduu galeessa dhiyeessu ilaalchise bara 2002 buna kunt.kuma1,288.5 irraa kan turee yoo ta’u dhuma KGTitti buna micaama kuntaala kuma 780.0 fi buna gogaa kunt.kuma 2,340.0 walitti kuntala mil 3,120.0 dhiyeessuuf karoorfamee, buna micamaa kuma 365.0 fi buna gogaa kuntaala kuma. 1,383.0 walumatti kunt.Kuma 1,748.0 (%56) dhiyaate galii argamsisee jira. Sochii gabaa bunaa keessatti bunnii oomishamee gabaa bunaa adunyaatiif dhiyaachuu qabuu baayyee xiiqqaa dha. Kuniis kan ta’uu danda’e sababa gatii bunaa gabaa foyya’aa argachuu dadhabee irraa kan ka’ee oomishinni bunaa daldala seeraan alaatiif saaxilamee jira. Kanaan alattis qonnaan bulaan gatii buna foyyee qabuu argachuuf jecha mana keessatti kusee kan ka’aa jiruu yommuu ta’uu kuniis buna gabaa aduunyaatiif dhiyaachuu qabuu gadi busee jira.


      1. Misooma midhaan Hiddaa, Kuduraa fi Muduraa:

Midhaan gurguddoo cinatti midhaan hiddaa, kuduraa fi muduraan bal’inaan kan oomishama jiruu yoo ta’u, midhaan kun rooba yeroo gannaa ,arfaasaa fi misooma jallisiin kan gaggeeffama jirudha. Bara ka’umsaa karoora guddina fi tiraanisformeeshinii irratti lafa midhaan hiddaan qabame heektara kuma 81.42 irra kan turee yoo ta’u dhuma KGT tti gara heektara kuma 271.4 guddisuun oomishaa kuntaala mil 29.411 akka argamu karoorfame, hanga dhuma bara 2007 kanatti lafa heektaraa 89.03 midhaan hiddaan misoome irraa oomishaa kunt. mil 26.38 argameera. Kuniis KGT tiif qabamee irraa lafti %33 fi oomishaan %90 KGT irraa akka raawwatamu ta’e jira. Hojiin kun hojii midhaan gaatii gaarii argamsisaan waan ta’eef mootummaan xiyyeeffannoo kan kennuuf ta’uus haala raawwii yeroo amma mul’atuun raawwiin Oomishaa argame baay’e gad aanaadha.

Karaa kuduraa fi muduraa hanga dhuma bara 2007tti lafa heektara kuma 183.4 misoomsuun oomishaa kunt. mil. 12.89 akka argamu karoorfamee lafti heektara kuma 732.66 waan misoomeef oomisha kuduraa fi muduraa kunt.Mil.11.91 akka argame ragaan ejensii istaatiksii gidduu galeessa agarsisaa.kuniis KGT irraa lafa misoomsuun %100 ol fi oomishaan % 92.4 kan raawwatame yoo ta’u karooraa guddina fi tiraanisformeeshinii irraa bayee gadi aana raawwatameera. Kuniis KGT 2ffaa keessatti xiyyeeffannoo adda kenname hojjetamu qaba.



      1. Misooma fi Kununsaa qabeenya uumamaa:

Hojiin misooma qabeenya uumamaa hojiilee gurguddoo eegumsa biyyee fi bishaani, misooma bosonaa fi misooma sululaa irratti xiyyeefate kan raawwatama jiruu yoo ta’u, dhuma KGT gamaaggamicha kana irratti daagaa adda addaa km. 1,490,577, lafa tutuqaa irra dhorkuu hekt. 1,585,429 fi halayyaa hidhuu m3 2,895,496 raawwachuuf karoorfame, saganta addaa misooma sululaa bara 2004 jalqabameen hojiin kun xiyyeeffannoo addaa waan argateef daagaa adda addaa km.6,214,951 lafa tutuqaa irraa dhorkuu heekt.3,762,923 fi halayyaa hidhuu m3 mil 20,199,799 waan raawwatameef haala duraa dubaan KGT irraa % 417, % 237 fi % 697 raawwatameera.

Dhuma karooraa guddina fi tiraanisformeeshinii kana irratti biqiltulee mukaa adda addaa bil. 17,218 qopheessuun biqiltuu bil.15,501 lafa gaaraa fi lafa miidhamaa irratti akka dhaabbatu karoorfamee biqiltuleen bil.14.308 qophaa’ee biqiltuun bil. 12.925 waan dhaabbateef qophiin biqiltuu KGT irraa % 83.1 kan raawwatee yoo ta’u biqiltuu dhaabuunis dhuma KGT irra % 83.4 raawwatameera. Kuniis biqiltuleen qophaa’an kun lafa heekt. 2,159,800 irratti dhaabbateera.



KGT kana keessatti misooma sululaa xixiqqaa fi gurguddoo waligalaa 168,905 keessatti misooma qabeenya uumamaa lafa heektaraa mil. 8.88 irratti akka gaggeeffamu karoorfamee sululoota gurguddoo qofaa irratti xiyyeeffachuun sululoota 29,450 keessatti misoomni qabeenya uumamaa lafa heektara mil 14.18 irratti gaggeefameera.Kunis lafa misoomeen % 159 raawwatame jira. Misooma sululaa kana keessatti hawaasni bal’aan yeroo hojii bonaa keessatti saganteeffatee waan socho’eef waggootii shanan kana keessatti namootni mil.33.4 ol ta’u irratti hirmaataniiru.

Sochii hojii qabeenya uumamaa keessatti hirmaanaan hawaasaa sochii moobilaayzeshinii gaggeefameen hojiin jojjetamee baay’ee olaanaafi raayaan qabeenya uumamaa sochoo’aa kan turee yoo ta’e illee bu’aan gama fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti galmaa’ee qoranaa dhaabbilee adda addaatiin kan mirkanaa’uu ta’a.

      1. Sagantaa Wabii Midhaan Nyaata:

  • Sagantaa Seftii-Net

Bara hojii jalqaba KGT keessatti aanaalee hanqina wabii nyaata qaban 79 godina 9 fi gandootaa 1301 keessaa uummatni 1,439,764 rakkoo wabii nyaata qabachuun isaan waan mirkana’eef ummatni kun bara KGT keessatti deeggarsa sagantaa seeftii neeti keessatti hirmaachuun bara dhuma karooricha keessatti jireenyi isaani fooyya’ee namootni hojii hawaasa saganticha keessatti hirmataan 1,212,226 of danda’uun eebisiisuuf karoorfame raawwii isaa fayyadamtoota 605,293 kan eebifamaan yoo ta’u karoora KGT irraa % 50 qofaan waan raawwatameef hojichi yeroo KGT 2ffaa keessatti xiyyeeffannoo addaan hordofame raawwatamu qaba. Haalli raawwii hojii kana baajata waggaa waggaan ramadamee socho’ama jiruun bu’aan argama jiruu baay’e gadi aanaa fi sodachisa ta’u isa mul’isa. Sagantaa kana keessatti naannooleee haanqina nyaataan qaban kana wabii midhaan nyaataa isaanii mirkanneessuun akka offi-danda’aan hojjechuu keessatti gama hoggantootaa fi oggessoota hawaasnii naannoo kana jiraatuu sagantaa kana keessa offi-danda’ee akka bahuu gochuu irratti haanqina ilaalchaa haamaatu jira. Gama biroon immoo namootnii naannoo borana jiran sababa hongeen naannichaatti waggotan darban keessatti mul’achaa turee irraa kan ka’e sagantaa kana keessaa bahuu irra iyyuu deggarsii addaa hawaasa kanaaf godhamaa kan turee waan ta’eef sagantaa kana keessaa eebbisiisuu irratti dhiibbaa fidee jira. Kana duukaa hawaasa kana sochii liqaa mijeessuutiin leecaaloo horachuun offi danda’’aanii liqqaa fudhatan akka deebisan gochuu irratti illee rakkoo ilaalcha offi hindandeenye jechuun liqaa debiisiisuuf deemamuu irratti deggarsaa fi hordoffiin godhamuu laafaa dha.

  • Sagantaa HABP

Sagantaa kana arifachisuuf ijaarsa leecalloo maatii deeggaruun akka danda’amu sagantichi bara Liqii fayyadamtootaa Abbaa Warraa dhiira 186,471 fi dubartii 96,680 walitti 283,151 dhiyyeesuuf karoorfame raawwiin dhiira 57,861 fi dubartii 43,168 walitti 101,029 (%35.68)f liqii dhiheessuun danda’ameera.Liqii Qarshii 1,182,666,513 fayyadamtoota Sagantaa Ijaarsa Leecalloo Maatii Abbaa warraa ta’aniif dhiheessuuf karoorfamee qarshii 212,975,607 (18%) dhiyaateera.Liqiiwwaan Bara 1997-2006 kennamanii yeroon deebii isaa gahe deebisiisuuf karoorfame keessa 137,603,844 (%18.5) deebi’eera.

Qubatoota 54,094 godinaalee adda addaa keessatti bara 2002 fi achiin duraa qubatan hojii misooma qonnaa keessatti hirmaachuun jireenya isaani fooyyeeffatanii gargaarsa keessa akka bahan karoorame hanga dhuma KGT namootni 61,362 kan of-danda’an yoomu ta’u, qubatoota haraa qubachiisuu 69,000 akka of danda’an karooramullee namoota 33,540 qofaan waan of danda’aniif sagantichi dubbatti harkifachu isaa mul’isa. Bifuma wal-fakkatuun godinaalee Oromiyaa keessatti iddoo jijjirama qileensa fi miidhamni lafa qonnaa mul’atu irraa gara lafa fooyya’insa qabutti abbootii warraa 11,500 fi maatii isaani 57,500 waggooti shan keessatti bifa haaraan qubachisuuf karoorfamulle hanga dhuma KGT tti kan qubatan abbooti warraa 1641 fi maatii isaani 7,361 walitti 9,002 qofatu qubate. Akka waligalatti sagantaan wabii midhaan nyaata qabeenya sagantichaaf ramadamee fi xiyyeeffanno addaa sagantichaaf kenname wajjiin yoo ilaalamu raawwiin isa baay’e gad aanaa fi xiyyeeffanno adda kan barbaadudha.


1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin