Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə4/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

Madaalli Midhaan Nyaataa


Oomishni midhaan gurguddoo waggaatti giddugaleessaan dhibbentaa 9.2 guddachaa kan ture yoo ta’u oomishni kun uummata naannichaa waggaatti dhibbentaa 2.9 tiin guddatta jiruuf nyaata barbaachisu ga’aan dhiyaachaa akka ture gabaasnii qabnuu ni mul’issa. Akkaataa madaallii midhaan nyaata ragaan CSA ibsuutti oomishni caalmaa (surplus production) omishame bara 2002 qixa qamadiitiin kun. 19,589. kan ture yoo ta’u oomishni caalmaa (surplus production) omishame kan Bara xumura GTP waggaatti giddugaleessaan dhibbentaa 23.9 guddachaa bara 2007 tti qixa qamadii kun. 57,226.31 ga’e jira. Caalmaan kunis midhaan ji’aan barbaachisuun yoo yaadamae kan bara 2002 ji’a afur qofaa kan ga’u yoo ta’u kan bara 2007 uummata naannichaa kan ji’a 9.5 ol ga’uu akka danda’u hubachuun ni danda’ama. Kuniis oomishnii qulqulluu gaheen nama tokkoo bara 2002 kun 2.71 irra nama kan turee bara 2007tti gara kun 3.41irra namaatti ga’ee jira. Haalli kun immoo wabii midhaan nyaataa keenya mirkaneessuu irra darbee waggaatti nama tokkof midhaan barbaachiisuu kun 1.87 irra namaa yommuu madaalluu midhaan bara oomishameetii ooluu argatee bara lammataatiif kan ga’u midhaan ji’a sagalii fi walakaa qaba jechuu dha.

    1. Ittisa Balaa fi Qophaa’inaa

      1. Ragaa Duraan Akeekkachiisaa

  • Agarsiistota duraan akeekkachiisaa irratti hundaa’uun ragaa Duraan Akeekkachiisaa kan haala roobaa, qonnaa, gabaa, fayyaa namaa fi beeyladaa, bishaanii fi marga, bishaan dhugaatii namaa fi wabii nyaataa ibsu waggoottan darban keessatti torbaiinan yeroo 260 sassaabuuf karoorfamee %100 sassaabamee xiinxalamee qaama dhimmi ilaaluuf darbaa tureera.

  • Ragaa Duraan Akeekkachiisaa kan haala roobaa, qonnaa, gabaa, fayyaa namaa fi beeyladaa, bishaanii fi marga, bishaan dhugaatii namaa fi wabii nyaataa ibsu aanaalee 259 irraa ji’a ji’aan sassaabuuf karoorfame gidugalessaan aanaalee 231(%89.5) irraa sassaabamee qindaa’ee qaama dhimmi ilaaluuf darbaa tureera. Ragaan kun asiin dura “hard copy”iin qaamaan dhiyaataa ture softweerii hojii kanaaf qophaa’etti fayyadamuun godinaa hanga feedaraalaatti intarneetiidhaan walii dabarsuun danda’ameera. Kana irraa kan ka’een yeroo fi baajata qusachuu fi qulqullina ragaa dabaluu keessatti gumaacha gudda kennaa jira.

  • Hojii duraan akkeekkachiisaa fi deebii ammayyeessuuf giddugala qindoomina deebii yeroo balaa (Emergency coordination center) hundeeffamee meeshaalee giddugaleessichaaf barbaachisu guutuuf itti deemamaa jira.

  • Qorannoo sabsii duraa midhaan ganaa fi midhaan arfaasaa akkasumaas naannoo horsiisee bulaa qaamolee dhimmi ilaalu (multi-Agency) wajjin waggaatti yeroo 2 gaggeessuuf karoorfamee waggaa 5tti yeroo 10 (%100) raawwatameera.

  • Aanaalee yaaliidhaaf (pilot) filataman 12 karooraan qabaman keessaa aanaalee 10 woreda neetiidhaan walqabsisuun ragaa duraan akeekkachiisaa fi deebii haalaa ammayaa’aa ta’een waliin dabarsuu jalqabameera. Raawwiin karoora kanaa gadi bu’uu kan danda’eef hojiin gama “Tele”tiin raawwatamuu qabu raawwatamuu dhabuu dha.

  • Walumaagalatti Ragaa duraan akeekkachiisaa haala idilaa’een saassaabamee yeroo yeroon xiinxalamu irraa ka’uun balaa suuta suutaa (slow onset disaster) fi balaa tasaa (Fast onset disaster) yeroo adda addaa qaqqabaa ture battalatti qorachuudhaan deebii kennamaa tureen lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaa gahuu danda’u akka salphatu ta’eera,

      1. Qorannoo Saaxilamummaa balaa

  • Qorannoo piroofaayilii saaxilamummaa balaa aanaalee 259 keessatti gaggeessuuf karoorfamee annaalee 119 (%46) keessatti raawwtamee jira. Qorannoo kana irratti hundaa’uun aanaalee 13 keessatti Karoorri saaxilamummaa balaa hir’isuu (Disaster risk ridection) fi karoorri of-eeggannoo (Emergency contingency plan) akka qopheeffatan taasifameera.

  • Aanaaleen bu’aa qorannoo Profaayilii saaxilamummaa balaa gaggeeffame irraa ka’uun hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu danda’u (Disaster Risk Reduction plan and contingency plan) karoorfachuu eegaluu.

      1. Hojiiwwwan sirna nyaataa (Nutrition)

  • Qorannoon sirna nyaataa deddeebi’aa (Nutrition Survelance) marsaa 10 gaggeesuuf karoorfamee marsaa 8 (%80) raawwatameera. Raawwiin karooraa kan gadi bu’eef bajaatni hojii kanaaf bara 2003f UNICEF irraa ramadamee ture gahaa ta’uu dhabuu isaatiin kan ka’ee dha.

  • Qorannoo sirna nyaataa (standard Nutrition survey) aanaalee rakkoo qaban 4 keessatti gageessuuf karoorfamee aanaalee 3 (%75) keessatti raawwatameera. Hojiin kun kan deegaramu baajata UNICEF irraa argamuun yoo ta’u, bajatichi kan argame aanaalee 3 qofaaf waan ta’eef haala karoorfameen rawwachuun hin dandaa’amne.

  • Akkasumas aanaalee rakkoo hanqina nyaataa cimaa qaban (Hot spot woredas) 40 keessatti qorannoo sirna nyaataa battallaa gaggeessuuf karoorfamee aanaalee 34 (%85) keessatti gaggeeffameera.

  • Walumaa galatti qorannoowwan sirna nyaataa asiin olitti gaggeeffamanitti fayyadamuun ragaa mallattoo dhukkuba hanqina nyaataa sassaabuu fi xiinxaluun bakka rakkoo cimaan irratti mul’atan adda baasuun qaama deebii kennuuf (mootummaa, NGO, UN Agency) dhiyeessuun deebiin akka kennamu taasifamaa tureera.

      1. Hojiiwwan balaa adda addaatiif deebii kennuun walqabatan

  • Waggoottan shanan darban keessatti uummata balaa hoongee fi balaa tasaa adda addaatiin hanqina nyaataatiif saaxilamuun isaanii qorannoon adda bahan giddugaleessaan uummata 513,832f deggarsa nyaata adda adda kennuun lubuun isaanii akka baraaramu ta’ee jira.

  • Ummata gargaarsa argatu keessaa %40 ( hojii humnaa hojjachuu kan danda’an) fedhii isaatiin hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu danda’u (disaster risk reduction/mitigation) akka hojjatu taasisuun misoomaaf gumacha godheera.

  • Gama biraatiin sagantaan CSI (Child Survival Initiative) daa’immanii fi haadholee hanqina nyaataatiin miidhamaniif deggarsi nyaataa kennamaa tureera. Waggoota shaman darban keessatti daa’immanii fi haawan harma hoosisan kan hanqina nyaataa qaban 2,146,229 calaluuf karoorfamee 1,826,116 (%85) calaluun danda’ameera. Sagantaa kanaanis hojiin hojjatamaa ture galma du’adaa’immanii fi haadholee hir’isuuf qabame keessatti gumaacha guddaani qaba.

  • Haaluma kanaan daa’immanii fi haadhoolee calalaman kanaaf nyaata dabalataa (Zeeyitii fi CSB- Faaffaa) waliigala kunt 586,370 dhiyeessuuf karooramee kunt. 386,300 (%66) dhiyaateera. Raawwiin karoora kanaa qabeenya deggarsaa Dhaabbata Nyaata Adunyaa (WFP) irraa hanga barbaadamu argachuu dhabuu irraa kan ka’e gadibu’uu danda’eera.

      1. Bulchinsaa Fandii Of-Eeggannoo

  • Barbaachisummaa fandii-ofeeggannoo, dambii fi qajeelfama irratti hubannoo uumuun biiroolee naannoo 9, godinaalee 18, aanaalee 265 fi magaalota 13f sanadoonni kun akka qaqqaban ta’eera.

  • Bara 2005 fandichi hundeeffame irraa eegalee mootummaa naannootiin maallaqni fandichaaf oolu bara baraan ramadammaa ture waliigala qr. mil. 100 yoo ta’u, maallaqni kun balaa tasaa adda addaa qunnamaa tureef deebiin ittiin kennamaa tureera.

      1. Raawwii karooraa Waggoottan Darban Irraa Bu’aa Argame

  • Ragaa duraan akeekkachiisaa haala idilaa’een saassaabamee yeroo yeroon xiinxalamu irraa ka’uun balaa suuta suutaa (slow onset disaster) fi balaa tasaa (Fast onset disaster) yeroo adda addaa qaqqabaa ture battalatti qorachuudhaan deebii kennamaa tureen lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaa gahuu danda’u akka salphatu taasifamuu,

  • Aanaaleen bu’aa qorannoo Profaayilii saaxilamummaa balaa gaggeeffame irraa ka’uun hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu danda’u (Disaster Risk Reduction plan and contingency plan) karoorfachuu eegaluu,

  • Qoranoo sirna nyaataa yeroo yeroon gaggeessuun bakka haqninni nyaataa madaalawaa daa’immanii fi haadholee mul’atetti nyaataa dabalataa dhiyeessuun du’a haadhoolee fi daa’immanii akka hir’atu taasifamuu,

  • Uummanni deggarsa argatu fedhii isaatiin hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu danda’u (disaster risk reduction/mitigation) hojjachuu.

  • Dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf leenjiiwwan adda addaa kennamaniin raawwiin hojii fooyya’aa dhufuu.

  • Meeshaalee rifoormii (JBAH, SMBKT, Chaartarii lammiilee, sirna madaallii fi badhaasaa fi ijaarsa raayyaa jijjiiramaa) hojii irraa oolchuun tajaajilli kennamu fooyya’aa dhufuu.

  • Hojii hoggansaa fi raawwataa qopheessuu hojjatameen fooyya’iinsi jijjirama ilaalchaa dhufuu.

  • Hojii raayyaadhaan hojjachuun kan ka’e raawwiin hoojii fooyya’aa dhufuu.

  • Walumaa galatti bu’aawwan hojii asiin olitti tuqaman galma gahiinsa KGT waggoottan shanan darbanii keessatti gumaacha guddaa kan taasise jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

    1. Misooma Jallisii

Uuwwisa misooma jallisii % 15.6 kan qabatu damee dinagdee qonnaa hirkatuma rooba jala baasuuf bara ka’umsa KGT lafa heektaara 290,959 qotamee faca’ee Oomishaa kut.milyoona 28.5 kan argamee yoo ta.u dhuma bara 2007 kana irratti gara lafa heek. 450,440 faca’e Omishaa midhaan gorguddo,kudurale fi muduralee kunt. 36,642,560 akka argamu karoorfame lafa 1,182,690 faca’ee Oomishaa kut.miliyoonaa 140 tti akka guddatu hojii misooma jallisi hojjetama tureera.Kunsi karoora karoorfama ture waliin raawwii fi karoorri walciina qabame yeroo ilaalamu karoorri bayyee gadi bu’ee karoorfama tureera,kunis kan argisisuu “potential” lafa misoomu danda’u adda baasuu dhabu kan argisisuudha.

      1. Hirmaana uumaata

Gama biraatiin hirmaannaa fayadamtoota misooma jallisii baroota KGT yoo ilaalamu, jalqaba bara 2003 tti dhira 778,279 dubartii 55,718 walitti 833,997 hirmaachisuuf karoorfamee dhira 753,028 dubartii 56,679 walitti 809,707 hirmaachisun danda’ameejira.Hirmaanan kunis dhibentaadhan yooilaalamu 97 ta’a.akkasumas dhuma bara KGT tti dhira 2,712,869 dubartii 406, 226 waligala 3, 119,095 hirmaachisuuf karoorfamee hanga ammatti raawwin jiru dhiira 2,562,899 dubartii 302,202 waligala hirmaatota 2,865,101ykn parsantaa 100 ol hirmaachisun danda’amee jira.

      1. Gosa misooma jallisii

Bara KGT keesatti kallitti hundaan Oomishaa fi omishitumaa Q/bulaaf akka dabaluu teekinoolojii misooma bishaan jallisii aadaa fi hammayyaa irratti hirmachiisuun murteessa ta’e argameera.Haaluma kanaan hojii misooma jallisii gosa jallisii aadaa heek.649,963 (%55) ,Jallisii hammayyaa heek.70,905 (%6), Jallisii Paampii heek.330,840 (%28) fi jallisii Bollaa harkaa fi Haroo heek.129,993(%11) walitti lafa heek.1,181,701 uwwisni misooma jallisii akka ta’u hanga bara 2007 ttii adda bahee irratti hojii misooma jallisii hojjetama tureera.

      1. Dhiyeessaf Rabsaa Pampii

KGT kana keesstti pampii tajaajila misooma jallisii tiif oolu Paampii 14,690 Q/bulaaf dhiyeessuf karoorfame hanga dhumaa bara 2007tti kan dhiyaate raabsamee paampii 5,447 (% 39.58) rabsamee jira.Gama biraatiin Bulchinsa IskiimiiBara KGT kana keessatti projektoota ijaarsa Iskiimoota 91 xumuramee walharkaa fuudhinsa gaggeessuf karoorfamee projektoota 74 (%81) gaggeefamee hojii misooma tiif oola jira.

Waligalaa Karoora waggaa shanii keessati uwwisini dhiyyeessa bishaan jallisii % 40 (547,454 a) irraan gahuuf kan karoorfame yammu taú waggoota shanan keessa sochii godhameen: uwwisini dhiyyeessa bishaan jallisii bara 2003 %7.1 irra turee bara dhumaa 2006 gara %49 (835,770 heek) oligudate jira. Kunisi kan agarsisu waggaa waggaan dhiyyeessi bishaan jalisii % 8 qofan kan dabalee taú isaatti. Akkasumas hojiin gama qorannoo dhiyyeessa bishaan jallisii ilaalchisee; qorannoon dura jallisii 508 fi qorannoon gadifagoo jalisii 281 raawwatee jira.




    1. Qorannoo Qonnaa

      1. Tekinolojii Midhaanii

Walumaa galatti sagantaa kana jalatti ka’uumsa bara karoorichaatti raawwiin pirojektoota 558 kan ture yoo ta’u, karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii keessatti pirojektoota 676 pirojektoota karoorfamee pirojektoota 1,646 qorannoo tekinoloojii midhaan akka bahuu ta’e jira . Kunis karoora KGT irraa % 100 ol raawwatamuu isaa agarsiisa.

      1. Teekinolojii Beeyladaa :

Gama qorannoo teekinolojii beeyladaatiin ka’uumsi karoorichaatti pirojektoota 201 irra kan jiru yoo ta’u, karoora waggaa shanii kana keessatti immoo piroojektoota 448 qorannoo teekinoloojii beeylada raawwachuuf karoorfamee pirojektootni 596 yoo raawwatamu KGT wagga shan darbaan irraa % 100 ol akka raawatamu ta’e jira.

      1. Teekinolojii Qabeenya Uumamaa

Qorannoo Teekinolojii Qabeenya Uumamaa ilaalchisee raawwiin ka’uumsa bara karoorichaa 64 yoo ta’u, bara karooraa kana keessatii 354 raawwachuuf karoorfameeqorannoo teekinolojii qabeenya uumamaa 347 (% 98) akka qoratamuu yoo ta’u karoora KGT irraa raawwiin kun %98 ta’uu isaa agarsiisa.

      1. Makaanaayizeeshinii Qonnaa (Agricultural Mechanization)

Sagantaa qorannoo kana jalatti hojiileen qorannoo haamaa duraa fi haamaa boodaa kan qorataman yemmuu ta’u, ka’uumsi raawwii karoorichaa 68 ture, bara karooraa kanatti pirojektoota 159 raawwachuuf karoorfameera. Raawwiin KGT irraa 141 (%88.7) raawwatame jira.

Akka waliigalaatti waggoottan shanaaniif Pirojektoota qorannoo baay’inni isaanii 1,637 ta’e karoorfaman keessaa waggoota arfan darban fi tilmaama raawwii bara 2007 dabalatee 2,730 kan karoorfaman yoo ta’u, kana keessaa 2,730 (% 100 ol ) raawwatamanii jiru. Kuni immoo karoora KGT irraa g/galeessaan %59 kan raawwatame ta’uu isaa agarsiisa. Kana raawwachuunis teknoloojiiwwan adda addaa naannoo roobaa fi naanoo hanqina roobaa qabaniif bahanii jiru.

Gama biraatiin immoo meeshaaleen qonnaa omishaa fi omishtummaa guddisanii fi yeroo qonnaan/horsisee bulaa daran qusachuu dandaa’an meshaaleen Mekaanaayizeeshinii qonnaa ka’umsa bara karoorichaatti baay’inni isaanii 15,007 ture irraa karoora KGT keessatti 12,412 oomishuu ykn baayisuuf karoorfamee 7,915 (%64) baayisuun danda’ameera.

Dabalataaniis hojiileen kunuunsa qonnaa (lafa qotame, sanyii midhaanii baay’ifaman, sanyii nyaata horii/kanniisaa baay’ifaman, sanyii biqiltuu mukaa/nyaata kanniisa baay’ifaman, lafa dheedumsaa kunuunfaman, margaa facaasuu, miciree ciruu, gurmuu kannisaa baay’isuu /colony multiplication/, raaddeen fooyya'oo baay’isuu), teeknooloojii babal’isuu (pre-scalling up), leenjii kennamee fi garee qorattoota qotee bultootaa (FRG) hundeessuu raawwateera.



      1. Teekinolojii Maddisiisuu fi Baay’isuu

Kaayyoo guddan qorannoolee adda addaa teeknoloojiiwwan qonnaa addaa adda maddisiisuu, madaqsuu, teeknoloojii bu’uuraa baay’isuun itti fayyadamtoota qaqqabsiisuudha. KGT kana keessatti teekinolojiiwwan/odeeffannoowwan 302 baasuuf karoorfame piroojektoota qorannoo midhaanii 302 gaggeessuun teknoloojiiwwan/odeeffannoowwan qonnaa 277 ta’an bahaniiru. Kunis KGT irraa % 91 ta’a.

Gama teekinolojii qorannoo beeyladaatiin (horii aananii, Foonii, lukku, Horii humna ,nyaata horii fi lafa dheedumsaa) karoora wagga shaniif 197 karoorfamee qorannoowwan 596 gaggeessuun teekinolojiiwwan/odeeffannoowwan 219 (%80) maddisiifamaniiru. Raawwiin kun KGT irraa %80 ta’a

Gama qorannoo tekinolojii qabeenya uummamaatiin (Maaneejimentii biyyee fi bishaanii, jalisii fi mukoota saanqaan alaa ta’an) waggaa shaniif 92 karoorfamee qorannoowwan pirojektoota 347 irratti gaggeeffamuun teekinolojiiwwan/odeeffannoowwan 137 bahaniiru. Raawwiin kun KGT irraa % 100 ol ta’u bahee hojii irraa olee jira.

Gama makaanaayizeeshinii qonnaatiin (haamaa dura fi haamaa boodaa ) waggaa shaniif 167 dhiyeessuuf karoorfamee qorannoowwan adda addaa pirojektoota 141 ta’u irratti gaggeessuun teekinolojiiwwan 135 bahaniiru. Raawwiin kun KGT irraa %80.8 ta’a.

Piroojektoota qaamolee adda addaa wajjin qindoominaan hojjataman ilaalchisee sagantaawwan arfan akka waliigalaatti dhuma KGT pirojektoota 767 karoorfame keessaa 189 (%96) dhugoomfamanii jiru.

Akka waliigalaatti karoora KGT kana keessatti teknolojiiwwan gosa adda addaa qaamota adda addaatiin teekinoolojiiwwan 936 maddisiisuuf/madaqsuuf karoorfamee, 768 (% 83.9) raawwateera.



    1. Misooma Naannoo Horsisee Bulaa

Hojiileen misooma naannoo horsisee bulaa misooma beeyladaa ilaalu mata duree misooma beeyladaa jalatti ragaa ejensii Istaatiksii giddu galeessa irra argame irratti hunda’uun kan qinda’ee yoo ta’u hojiin misooma midhaaniis madda ragaa wal fakkatu irra iddoo tokkotti waan qindaa’eef misooma midhaani keessatti ilaalameera. Haa ta’u malee hojii amala adda horsisee bulaa wajjin deemu qofatti ilaaluun waan barbaachiseef hojiin bara KGT keessatti raawwataman akka armaan gaditti mul’ata.

      1. Misooma lafa dheedumsa gammoojjii:

Bara ka’umsa karoora KGT tti lafa dheedumsa heektaraa 272,902 miciree ittisuun kununsaa barbaachisa ta’e godhamee oomishitummaa lafa dheedumsa kan fooyyee turee yoo ta’u karoorame KGT keessatti lafa heektara 1,829,603(3,115,109) irraa miciree ittisuu fi kununsuun karoorame hanga dhuma KGT kan kununfame lafa dheedumsa hektaraa 7,085,886.78 (%100 ol) (5,926,287) akka kununfaame hubachuun danda’ameera.Hojiin kun xiyyeeffannoon addaa karaa piroojekti misooma hawaasa naannoo horsisee bulaa (PCDP) fi baajata kappitaala mootummaan naannoo ramaddee itti xiyyeefatamee akka gaggeeffamu yaadameen fiixaan bahinsa kaayicha baay’ee ol’aanaa ta’u hubatameera.Sanyii nyaata beeyladaa haala qileensa gammoojjii dandamachuu danda’an kg 2,348 qopheessuun lafa dheedumsa baay’ee miidhame heektara 26,734 irratti akka faca’u ta’eera.Kana malees aadaa kaloo aadaa babal’isuu hokaa kuusuuf itti fayyadama haftee oomishaa midhaanitti fayyadamuu qonnaan bulaa cimsuuf deeggarsi teeknikaa horsisootaaf kennama tureera.

    1. Yüklə 0,92 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin