Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Misoomaa fi Eegumsaa Fayyaa Beeylada



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə5/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

Misoomaa fi Eegumsaa Fayyaa Beeylada

  1. Paakeejii Ekisteenshinii Beeyladaa


Paakeejjiin ekisteenshinii beeyladaa gosa paakeejji misooma adda addaa irratti sochiin tasiifamaa jiruun bara 2002 hirmaatoota paakeejjii misooma aannanii 8,217, foon 7,152, damma 4,238, lukkuun 3,136 fi paakeeji makaan 415 waligala abbootiin warraa 23,158 hirmaacha turan Dhuma KGT tti hirmatoota paakeejii beeyladaa waligalaa 300,349 fayyadamtoota gochuuf karoorfame 1,048,496 (% 100 ol ) fayyadamtoota ta’u isaanii ragaan ejensii istaatiksii giddu galeessa mul’isa.

Sochii paakeejii tasiifamaa jiruun hirmaatootni paakeejjii kana waggatti giddu galeessan misooma aannanii % 57.2, fooni %38.7 fi lukkuu % 22.1 guddina kan agarsisee yoo ta’u dammaa %40.5n kan bara ka’umsa irraa gad bu’aa dhufeera. Yeroo amma kana mootummaan misooma dammaaf xiyyeeffannoo adda kenne qooda fudhatoota hedduu hojii kana keessatti osoo hirmaachisa jiruun dhiyeessiin gaguura fooyya’a fi cehumsaa xiqqaa waan ta’eef hirmaatootni paakeejjii dammaa gad bu’uun isa kallatti mootummaa irratti dhiibba waan qabuuf yeroo hafee keessatti xiyyeeffannoon adda kenname akka fooyya’u eegama.


      1. Sanyii Beeyladaa Fooyyeessuu


Tajaajila Ekisteenshinii misooma beeyladaa gaggeeffama jiruun sanyii beeyladoota oomshitummaa gaarii qaban irraa caalaa fooyyeessuuf tajaajilli “AI” bal’inaan akka gaggeefamu karoorameera. Haaluma kanaan KGT keessatti Ogeeyyi mala namaan horii diqaalomsan waggaa waggaan namoota 60 leenjisuun meeshaalee tajaajila kanaaf barbaachisu kan akka doqdoqqee fi fi meeshaa “AI” guutameef akka tajaajilan haaluma karoorfameen KGT kana keessatti teekinishiyanootni 474 leenji’anii hojii keessa galaniiru. Qabeenya beeyladaa naannoon Oromiyaa qabduu keessa beeyladoota sanyiin isaani fooyya’a ta’e loon dhiibbentaa 11.6 fi lukkuun 4 qofaa waan ta’eef ammayyuu haalli hormaata beeyladaa keenya oomishitummaa irratti kan xiyyeeffate miti. Kanaafuu, karoora guddina fi tiraanisfoormeeshinii keessatti sanyii horii oomishtummaan isaani fooyya’a ta’ee irratti akka xiyyeeffatamu qabu kallattii lafa taa’een KGT kana keessatti sanyii loonii biyyaa alaa 26,578, loonii diqaalaa 199,750, sanyii lukkuu alaa 25,944 fi lukkuu diqaala 319,911 bara 2002tti irra ture irraa walduraa dubaan gara 54,570, 716,303, 570,784 fi 643,456 tti akka guddatu karoorfame looni sanyii alaa 35,649, loon diqaala 345,790, lukkuu sanyii alaa 86,824 fi lukkuu diqaalaan 389,932 gahaniiru.Raawwiin kunis haala walduraa dubaan %65.3, 48.3, 15.2 fi 60.4, raawwatee jira.

Fooyya’insa sanyii beeyladaa irratti KGT kana keessa jijjiramni hanga tokko jiraatuus kallattii karoora lafa taa’een baay’ee gad aanaa waan ta’eef karoora KGT lamaaffaa keessatti xiyyeeffannoo addaan itti kennamu qaba.


      1. Oomishaa Aannanii


Oomishi aannanii naannoo Oromiyaa keessatti oomishamaa jiru teekinoolojjii hammayyaan waan hin deeggaramneef jijjiramni oomishaa aannaaniiniis ta’ee oomishtummaan waggoota shanaan kanaa keessatti haala barbaadamuun jijjirama baay’ee hin dhufne. Tajaajila ekisteenshinii beeyladaa deeggaramuun oomishtummaan horii aannanii sanyii naannoo fooyyeessuun ka’umsa bara 2002 sa’a tokko irraa guyyatti litiraa 1.4 gidduu galleessan argama ture dhuma KGT tti gara litira 3.5 tti ol guddisuuf karoorfamee akkataa ragaa ejeensii istaatiksii giddu galeessan aannanii sa’a tokko irra argamu litiraa 1.5 fi oomishaan aannanii waggatti oomishame immoo litiraa bil. 1.388 oomishuun dand‘amee jira. Raawwiin kuniis karoora yeroo gamaaggamicha irraa oomishtummaan % 42.8 fi oomishaan % 29.7 kan raawwatame ta’a.

Gaalaa Oomishaa aannani kennaan Ka’umsa bara 2002 kum 89.5 kan ture dhuma bara KGT gara kum 101.3 tti lakkofsaan olguddaate yoo ta’u Omishaa aannanii bara 2002tti litira mil. 101.3 irraa kan argama turee bara 2007 tti litiraa mil. 95.72 argamuu danda’ee jira. Akkasumas Bara 2002 Oomishtummaan aannan gaala tokko irra guyyattii argamuu litiraa 3.8 ture bara 2007tii litt 3.83 irraan gahuu danda’amee jira.

Sababaa omishinii Aannanii gadi bu’u danda’eef nyaatni beeyladaa %66 lafa dheedumsa irraa waan ta’eef yeroo hanqinni rooba jirutti horiin aannanii waan miidhamaniif kallattiin oomishaan ni hir’isa. Gamaa biraatiin Omishtummaa loon sanyii naannoo foyyeesuuf hojiiwwaan hojjaatamuu qabaan haala paakeejiin hojeechuu dhabuu irra kan ka’ee oomishtummaan aannanii loon sanyii naannoo akka waligalatti nyaatni isaanii marga irraatti waan hunda’eef yeroo roobni gaarii argame nyaatni fooyyaa’u aannani sa’a tokko irraa argamuus waliin fooyya’a demuu fi kunuunsii gahaan yeroo hundaa waan hin kenamneef gadii bu’insaa omishtummaa anaanii mulateefs gummachaa guddaa qabaa.

      1. Oomisha Dammaa


Hojiiwwanii misoomaa dammaa gageefamuu kessattii dhimmii xiyyeeffatno argachuu qabuu gaguuraa ce’umsaa babalisuu fi dhiyeessa gaguuraa hammayyaa fooyyesuun oomishaa dammaa guddisu dha. Akkataa ragaa Ejensii Istaatiksii giddu galeessa ibsutti bara 2002 irratti gaguura aadaa mil 2.898 irra dammii kiloo giraama mil. 15.819 kan argamee yoo ta’u, karoora waggaa shaniitti gaguuraa aadaa mil.3.4 irra dammaa kiloo giraama mil. 19.7 omishuuf karoorfamee gaguuraa aadaa mil.2.799 jiruu irra dammaa kiloo girama mil.15.598 (%79.2) omishamuun danda’amee jira.

Karaa biraa immoo gaaguura cee’umsaa bara 2002 mil.0.013 tajaajila horsisaa kannisa kenna kan ture yoo ta’u bara 2007 tti gaagura ce’umsaa mil.0.849 hojjechuun dammma kg mil 6.71 omishamuu danda’amerra. Halumaa wal fakkaatuun gaaguura amayyaa bara 2002 mil. 0.005 Oomishaa Dammaa kan kennaa ture yoo ta’u bara 2007 tti gaaguura ammayyaa mil. 0.235 dhiyeessuun dammaa kg mil 5.225 omishamuu danda’amerra. Akkaa waligalatti hojiin misooma dammaa ilaalchise waggooti shanaan keessatti Oomishii dammaa aadaa,Ce’umsaa fi hammayyaa dabalate gaagura mil.3.883 irraa dammii kilo giraamii mil.27.532 argameera.Gamaa gaguraa ce’umsaa fi aadaa bayy’inaan hojjechuu gadi aanaa fi dhiyeessii gaaguraa aamayyaa fooyyeessuuf hojiin hojjeetamaa jiruu garii ta'uus carraaf haala mijataa jiruu walbiraa qabamee yommuu ilaalamuu hojiin gamaa kanaan hojjatame bu'aa barbaadamuu waan hin fineef xiyyeeffannoo karoora itti aanuu keessatti kennamu qaba.



      1. Yüklə 0,92 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin