Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (Strategic Focus Area)



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə8/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   19

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (Strategic Focus Area)


Milkaa’inni ergamaa fi mul’ata mana hojii tokkoo kan mirkanaa’uu danda’u Toora xiyyeeffannoo sirrii ta’e yoo qabaate qofaa dha. Toorri xiyyeeffannoo tarsiimo’aan hojii guddaa mana hojii kan ibsuu fi karaa xiyyeffannoo kan muli’san utubaa milkaa’inaa (Pillar of Ecxellence) dha.

Sektara Qonnaa keessattis rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun jiraachuu ni danda’u. Haa ta’u malee dhiibbaan isaan milkaa’ina mul’ata sekterichaa irratti qaban walqixa miti.Kanaafuu, kanneen ijoo ta’an addaan baasanii beekuun ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa dha.



Haaluma kanaan, Sektarri Qonnaa misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waggoottan shanan dhufan keessatti dhimmoota akka:

  • Sakatta’insa aangoo fi gahee hojii sektarichaa gaggeeffame;

  • Fedhii maamiltootaa fi qooda fudhattootaa;

  • Xiinxala haala keessaa fi alaa gaggeeffame;

  • Ergamaa, mul’ata, Imaammataa fi Tarsiimoo Misooma Baadiyaa akkasumas Karoora Guddinaa fi Tiraanisformeeshinii marsaa lammaffaa irratti hundaa’ee toorawwan xiyyeeffannoo tarsimo’aa fi bu’aalee tarsiimo’aa adda bahanii haala armaan gadiitiin dhihaataniiru.

Gabatee1:- Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo'aa fi Bu'aalee Tarsiimo'aa Sektara Qonnaa

Lak

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa

Bu’aa Tarsiimo’aa

1

Misooma Qonnaa Teekinooloojiin Deggarame

Omishaa fi omishtummaa qonnaa dachaan dabalee fi fayyadamummaa maamilaa guddate

2

Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa

Qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabuu fi haala mijaawaa misooma qonnaa fi jireenya hawaasaaf uumame

3

Eegumsaa fi To’annoo Bu’a Qabeessa

Tajaajila, teekinooloojiiwwanii fi omisha qonnaa sadarkaa qulqullinaa eeggatee itti fufiinsaan karaa seera-qabeessa ta’een faayadamtootaaf dhihaatee fi qabeenya eegame

4

Ijaarsa Uummataa fi Tajaajila Hawaas-Diinagdee

Hawaasa ijaaramee hojii keessa gale, tajaajila gahumsaan dhihaatee fi fayyadamummaa hawaasaa guddate


Gabatee 2:- Kaayyoolee Tarsimoo’aa Waliigalaa (Corporate Level Strategic Objectives)

Lak

Kallattii Madaallii

Kaayyolee

1

Lammii/Maamila

  • Amantaa hawaasaa guddisuu

  • Itti quufinsa hawaasaa guddisuu

  • Fayyadamummaa hawaasaa guddisuu

2

Faayinaansii

  • Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa baajataa guddisuu

  • Itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu

3

Adeemsa hojii keessaa

  • Kenna tajaajilaa fooyyessuu

  • Saaxilamummaa balaa hir’isuu

  • Qo’annoo fi qorannoo babal’isuu

  • Uwwisaa, walgitiinsaa fi qulqullina tajaajiloota bu’uura misooma hawaasummaa guddisuu

  • Uwwisaa fi qulqullina tajaajiloota bu‘uura misoomaa diinagdee guddisuu

  • Muuxannoo gaarii babal’isuu

  • Misooma, kunuunsaa fi ittifayyadama qabeenya uumamaa guddisuu

  • Sirna Qabiinsa Ragaa Duraan Akeekkachiisaa Fooyyessuu

  • To’aannoo, Hordoffii fi Gamaaggama Hojii Gargaarsa Cimsuu

  • Dhiheessa teekinoolojii fi galteewwan misooma diinagdee guddisuu

  • Sirna odiitii fi inispekshinii fooyyessuu

  • Sirna gurmaa’insa raayyaa misoomaa fi waldaalee fooyyessuu

  • Sirna eegumsaa fi to’annoo cimsuu

  • Qindoomina qaamolee misoomaa guddisuu

  • Hirmaannaa hawaasaa guddisuu

4

Ijaarsa Dandeettii

  • Dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa fi raawwattootaa guddisuu

  • Aadaa fi naannoo hojii fooyyessuu

  • Dhiheessii fi Itti fayyadama teekinooloojii odeeffannoo guddisuu



    1. Galmoota Gurguddoo Karoorichaa

Galmooti kun kaayyoowwan karoorichaa bifa milkeessuu danda’uun akkaataa kanaan qophaa’eera.

  • Oomisha qonnaa gannaa giddu-galeessaan oomishitummaa amma irra jiru hek. Irraa kun 23.44 kan turee garaa 37.02 irraa gahuun oomishinii bara 2007 kun mil.133.7 kan argamee turee dhibbantaa 11 guddisuun kun. Mil. 225.2 Irra ga’uf karoorfamee jira.

  • Oomisha misooma jallisii giddu-galeessaan oomishitummaa amma irra jiru hek. Irraa kun 121 kan turee garaa 170 irraa gahuun oomishinii bara 2007 kun mil.179.6 kan argamee turee dhibbantaa 18 guddisuun kun. Mil. 439 irra ga’uf karoorfamee jira.

  • Sanyii beelladaa fooyyessuun, hanqina misooma nyaataa mudachaa jiru hiikuu fi tajaajila eegumsa faayyaa ittisa irratti xiyyeeffate diriirsuun oomishaa fi oomishtummaa beelladaa fooyyessuu;

  • Teekinoolojiiwwan qonnaa haala agroo-ekoloojiiwwan adda addaatiif mijataa ta’an maddisiisuu, madaqsuu fi baay’isuudhaan guddina diinagdee qonnaa deggeruu;

  • WHG madda faayinaansii baadiyyaa akka ta’anii fi rakkoo liqii baadiyyaa jiru keessatti rakkoo dhiyeessii liqii C/Guddistuu hiikuu; akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa cimaa uumuun oomishni qonnan bulaa carraa gabaa biyya keessaa fi alaa akka argatu taasisuu;

  • Naannoo horsiisee bulaa keessatti hanqina bishaanii jiru hiikuun rakkoo hawaas-diinagdee naannoo sanaa hiikuun haala mijataa uumuu;

  • Guddina ariifataa dhufu keessatti hawaasa baadiyyaa keessumaa qonnaan bultoota harka qalleeyyii, horsiisee bultoota, dubartootaa fi dargaggoota sadakaa galii giddu-galeessaa irra akka gahan ni taasifama

  • Sirni itti faayyadama lafa baadiyaa naannoo Oromiyaa bu’aa qorannoo saayinsaawaa karoora ittifayyadama lafa baadiyaa irratti hundaa’ee misoomni lafa baadiyaa keessatti gaggeeffamu haala kanaan akka hoogganamu taasisuu fi sirni bulchiinsi lafa baadiyyaa naannochaa ammayyeessuu;

  • To’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo cimsuudhaan qabiinsa fi gatiinsi balfaawwan adda addaa haala istaandardii akka biyyaatti baheen akka walsimu gochuu fi sochiin hawaas-diinagdee naannoo keenyaa sirna ijaarsa diinagdee magaarisaa akka hordofan taasisuu

  • Misooma qonnaa sadarkaa olaanaa ta’een ariifachiisuudhaan keessumaa balaa uumamaatiin sadarkaa gadi-aanaadhaan saxilamaa kan ta’e diinagdee baadiyyaa cimsuudhaan gargaarsa midhaan nyaataa irraa waggaa lama keessatti guutummaatti dhaabuu fi bara xumura KGT marsaa 2ffaatti qonni keenya kuufama kaappitaalaa keessatti gahee hika qabu akka gumaachuu fi misooma Industrii bal’aa ta’e sadarkaa deggeru irraan geessisuu;

  • Imaammata haaraa hoggansa soda balaa irratti hubannoo gahaa uummuun sektaraaleen haala imaammataa harawaa bahen hojii saaxilamummaa balaa hir’isuu irraatti qaama karoora misoomaa gochuun akka hojjatamu gochuu fi balaa tasaa qunnamuuf human qophaa’inaa cimsuun deebii haala gahumsa qabuun kennuu.

Galmoota kana milkeessuu kan danda’u human raawwachiisummaa ijaaruu keessumaa sanadoota imaammata fi tarsiimoo akkasumas haguuggii KGT marsaa 2ffaa keessatti kan raawwatu ilaalchaa fi dandeettii, ijaarsa dandeettii ogeessaa fi waajjiraa sadarkaa hojichaan wal-gitutti akka cimu ni taasifama.

      1. Galmoota karoorichaa tokko tokkoon

          1. Misooma Qonnaa

  1. Oomishaa fi oomishtummaa midhaanii guddisuu (Galma Tarsiima’aa):

Waggootii shanan darban keessatti guddina dinagdee naannichaaf gumaachi kutaa dinagdee qonnaa olaanaa ture. Haaluma kanaan karoora waggaa shanii isa itti aanu keessattis fooyya’iinsa dinagdee naannichaaf qonni qooda guddaa kan qabuu fi Industriin kan dursamuu ta’ee kan waldegaraa deemuu waan qabuuf ilaalcha addaa kennuudhaan misooma ariifachiisaa argamsiisuu kan dandeessisan galmootni armaan gaditti tarreeffaman galmaan gahuuf yaadameera.

Galma 1. Misooma Qonna Gannaa

  • Manii walii-galaa

  • Oomishtummaa midhaan Agadaa heektaaraatti kuntaala 31.14 ture waggaatti dhibbantaa 10.5 guddisuun kuntaala 51.24 irraan gahuu fi omishaa waliigalaa kuntaala mil. 57.58 irraa ture waggaatti dhibbantaa 9.9 guddisuun bara xumura karoorichaatti kuntaala mil. 92.3 oomishuu;

  • Oomishtummaa midhaan Biilaa heektaaraatti kuntaala 21.06 ture waggaatti dhibbantaa 9.9 guddisuun kunt. 33.69 irraan gahuu fi oomishaa waliigalaa kuntaala mil. 60.61 irraa jiru waggaatti dhibbantaa 11.7 guddisuun bara xumura karoorichaatti kuntaala mil. 105.2 oomishuu;

  • Oomishtummaa midhaan Dheedhii heektaaraatti kuntaala 19.15 ture waggaatti dhibbantaa 8.1 guddisuun kunt. 28.24 irraan gahuu fi oomishaa waliigalaa kuntaala mil.11.9 irraa ture waggaatti dhibbantaa 11.7 guddisuun bara xumura karoorichaatti kuntaala mil.20.8 irraan gahuu.

  • Oomishtummaa midhaan Dibataa heektaaraatti kuntaala 10.08 ture waggaatti dhibbantaa 9.8 guddisuun kunt.16 irraan gahuu fi omishaa waliigalaa kuntaala mil. 3.45 irraa ture waggaatti dhibbantaa 14.6 guddisuun bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 6.8 irraan gahuu.

Akka waliigalaattii lafa bara oomisha 2006/07 heek mill.5.7 misoomee ture bara xumura karoorichatti gara heek mill. 6.1 ttii ol guddisuun, omishitumma isaa kunt.23.46 irraa gara kunt.37.02 irraan gahuun, oomisha waliigalaa kunt. Mill.133.7 irra ture waggaatti dhibbantaa 11 guddisuun bara oomisha 2011/12ttii kunt.225. 2 irraan gahuudhaaf karoorfamee jira.

  • Maniiwwan Midhaan Nyaataa Gurguddoo

  • Xaafii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 16.29 irra jiru gara kunt. 28.72 tti ol guudisuun oomisha waliigalaa kuntaala mil. 23.25 irra jiru kuntaala mil. 46.3 irraan gahuu.

  • Boqqoolloo: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kunt. 34.91 irra jiru gara kunt. 60 tti ol guddisuun oomisha waliigalaa kuntaala mil.39.44 irra turee kunt. mil. 66.94 irraan gahuu.

  • Mishingaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kunt. 25.22 irra jiru gara kunt. 37 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 18.14 irra ture kuntaala mil. 25.37 irraan gahuu.

  • Garbuu Nyaataa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kunt. 23 irra jiru gara kuntaala 37 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 8.7 irraa turee kuntaala mil. 13.32 irraan gahuu.

  • Ruuzii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 27.74 irra jiru gara kuntaala 38 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 112.35 irraa ture kuntaala kuma 209 irraan gahuu.

  • Daagujjaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 19.77 irra jiru gara kuntaala 29 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 1.8 irraa ture kuntaala mil. 2.4 irraan gahuu.

  • Baaqelaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 21.26 irra jiru gara kuntaala 30 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 4.04 irraa ture kuntaala mil. 6.0 irraan gahuu.

  • Atara: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 16.81 irra jiru gara kuntaala 25 tti ol guudisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 1.48 irraa gara kuntaala mil. 2.46 irraan gahuu.

  • Misira: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 15.75 irra jiru gara kuntaala 25 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 526 irra ture kuntaala kuma 849 irraan gahuu.

  • Maniiwwan Midhaan Industirii

  • Garbuu Biqilaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntalaa 20.2 irra jiru gara kuntala 28 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 1.56 irraa ture kuntaala mil. 2.81 irraan gahuu.

  • Qamadii Daabboo:Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 28.45 irra jiru gara kuntaala 43tti ol guddisuun omisha waliigala kuntalaa mil. 23.53 irraa ture kuntaala mil. 36.3 irraan gahuu.

  • Qamadii Duuram: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 24.15 irra jiru gara kuntalaa 34tti ol guddisuun omisha waliigala kuntaala mil.1.17 irraa ture kuntaala mil. 2.8 irraan gahuu.

  • Akuurii Ataarii (Soya bean): Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 21.18 irra jiru gara kuntalaa 30tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 362 irraa ture kuntaala mil. 1.43 irraan gahuu.

  • Nuugii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 8.94 irra jiru gara kuntaala 13 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntala mil. 1.43 irraa turee kuntalaa mil. 2.13 irraan gahuu.

  • Suufii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 12.23 irra jiru gara kuntaala 17 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma. 6.97 irraa ture kuntaala kuma 12.3 irraan gahuu.

  • Ocholoonii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 15.33 irra jiru gara kuntaala 25 tti ol guddisuun oomisha waliigalaa kuntaala kuma 630 irra ture kuntaala mil. 1.2 irraan gahuu.

  • Ija Raafuu: Oomishtummaan isaa heekitaaraatti kuntalaa 18.58 irra jiru gara kuntalaa 25 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 194.4 irra ture kuntaala kuma 376 irraan gahuu.
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin