Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Maniiwwan Midhaanota Gabaa Alaaf Omishamaan /Export crop/



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə9/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   19

Maniiwwan Midhaanota Gabaa Alaaf Omishamaan /Export crop/


  • Saliixa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 7.35 irra jiru gara kuntaala 14tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 603 irraa ture kuntaala mil. 1.86 irraan gahuu;

  • Boloqqee Adii: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntllaa 16 irra jiru gara kuntaala 27 tti ol guddisuun omisha waliigalaa bara calqabaa kuntaala mil.1.23 irra ture kuntaala mil.2.9 gahuu;

  • Boloqqee Diimaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 18.18 irra jiru gara kuntaala 28tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil.1.36 irra ture kuntaala mil. 2.44 irraan gahuu;

  • Shumburaa: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 20.87 irra jiru gara kuntaala 30 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil. 2.14 irra ture kuntaala mil. 3.56 irraan gahuu;

  • Maashoo: Oomishtummaan isaa heektaaraatti kuntaala 4.94irra jiru gara kuntaala 8.18 tti ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala 11.2 irra ture kuntaala kuma 34.77 irraan gahuu.



Galma 2. Misooma Qonna ArfaasaaMidhaanota Gurguddoo


  • Maniiwwan

  • Midhaan Agadaa:-Oomishtummaan midhaan Agadaa heektaaratti kuntaala 12.57 kan ture gara kuntaala 18.95 guudisuun omishaa waliigalaa kuntaala mil.2.6 irraa ture bara xumura karoorichaatti kuntaala mil.5.36 irraan gahuu.

  • Midhaan Biilaa:- Oomishtummaanmidhaan Biilaa heekitaaratti kuntalaa 9.74 kan ture gara kuntaala 13.2 guddisuun omishaa waliigalaa kuntaala mil.3.05 irraa ture bara xumura karoorichaatti kuntaala mil.6.36 irraan gahuu.

  • Midhaan Dheedhii:- Oomishtummaan midhaan dheedhii heektaaraatti kuntaala 7.11 kan ture11.09 guddisuun omishaa waliigalaa kuntaala mil.1.4irraa ture bara xumura karoorichaatti kuntaala mil.1.33irraan gahuu.

  • Midhaan Dibataa:-Oomishtummaan midhaan Dibbataa heektaaraatti kuntaala 10.42 ture gara 9.67 ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala kuma 102.83 irra ture bara xumura karoorichaatti kuntaalakuma 254.68irraan gahuuf karoorfame jira.

  • Waliigala:- Oomishtummaan midhaan gurguddoo heektaaraatti kuntaalaa 10.35 ture

gara14.61 ol guddisuun omisha waliigalaa kuntaala mil.6.35 irra jiru bara xumura karoorichaatti kuntaalamil.13.30 irraan gahuuf karoorfameera.
Bara oomisha 2006/07 tti misooma qonna arfaasaa fi gannaa irratti qonnaan bultootni mil.6.32 misooma midhaanii irratti kan hirmaatan yoo ta’u bara 2011/12tti hirmaannaa isaanii gara mil.8.72tti ol-guddisuuf karoorfamee jira. Bara 2006/07 dubartoota A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalateedubartootni mil.2.49 kan hirmaatanii turanhirmaannaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan dhibbantaa 11.3 dabaluun bara xumura KGT II tti gara mil.4.27 irraan gahuuf karoorfameera. Hirmaannaa walii-galaa keessaa hirmaannaa dubartootaa dhibbantaa 39.48 irra jiru gara dhibbantaa 48.95 irraan ni gahama. Akkasumas dargaggoota ilaalchisee misooma midhaanii irratti bara oomisha 2006/07tti hirmaannaan isaanii %6.5 ykn kuma 412.3 irra jiru hirmaannaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan dhibbantaa %19.6 guddisuun bara xumura KGT II tti gara %11.56 ykn. Dargaggoota mil.1.0 hojii misooma midhaanii irratti hirmaachisuun fayyadamtoota gochuuf karoorfameera.

Galma 3. Misooma Midhaan Hiddaa, Kuduraa fi Mi’esituu Rooba Gannaa


  • Maniiwwan

  • Midhaan Hiddaa:- Caallummaa midhaanii hidda heekitaaraatti kuntalaa 296.57 kan turee kara kunt. 331.8 guuddisuun omishaa waligalaa kuntalaa mil. 26.38 irraa ture bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 47.54 irraan gahuu.

  • Kudura:- Caallummaa midhaanii kudura heekitaaraatti kuntalaa 88.34 kan turee kunt.113.5 irraan ga’un omishaa waligalaa kuntalaa mil. 1.76 irraa turee bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 4.16 irraan gahuu.

  • Mudura:- Caallummaa midhaanii mudura heekitaaraatti kuntalaa 68.46 kan turee kunt. 85.5 ttii guudisuun omishaa waligalaa kuntalaa mil. 1.827 irraa turee bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 3.67 irraan gahuu.

  • Mi’esituu:- Caallummaa midhaanii mi’esituu heekitaaraatti kuntalaa 25.22 kan turee kunt. 31.8 ttii oli guudisuun omishaa waligalaa kuntalaa mil. 1.60 irraa turee bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 3.73 irraan gahuu.

  • Midhaan Biroo:- Caallummaa midhaanii kan akka Shankoora, Caatii Geeshoo fi Warqee/qocoo heekitaaraatti kuntalaa 26.19 kan turee kunt.31.7ttii oli guudisuun omishaa waligalaa kuntalaa mil. 6.754 irraa turee bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 7.853 irraan gahuu.

Karoora gosa midhannota kana tokko tokkoon yeroo ilaalamuu, gosoota kuduraamurasiini sababaa dhukubaa fi nyaataa addaa addaa irraa kan ka’ee ta’uu danda’a qonna gannatiin omishini fi omishitummaan isaanii raga CSA irratis baayee babal’acha kan hin jiree ta’u agarsiisaa. Kunis sababiin kan ta’u danda’u misooma jallisiin waan raawatamaa jiruuf jedhamee yaadama.

  • Shunkurtaa/Qulubi diima: Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 73.67 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 82.4 geesisuun Omisha waligalaa bara calqabaa kunt, mil. 0.78 irraa kara kunt, mil. 1.41 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Raafuu Maraa: Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 61.25 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 72.5 geesisuun Omisha waligalaa bara calqabaa kunt, kuma 190 irraa gara kunt, kuma 348 irran ga’uuf karoorfamee jira.

  • Raafuu: Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 103 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 132 geesisuun n Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 1.19 irraa kara kunt, mil. 2.78 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Qulubii adii:- Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 96.93 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 108.5 geesisuun Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 0.313 irraa kara kunt, mil. 0.5653 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Mosee:-Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 122.17 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 136.7 geesisuun Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 4.673 irraa kara kunt, mil. 8.4223 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Muzii:-Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 70.5 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 88 geesisuun Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 0.9455 irraa kara kunt, mil. 1.90 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Mangoo:-Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 67.81 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 84.7 geesisuun Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 0.38 irraa kara kunt, mil. 0.7698 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Barbarree: Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 17.42 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 27.5 geesisuun Omisha waligalaa bara jalqabaa kunt, mil. 0.67 irraa kara kunt, mil. 2.47 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

  • Jijinbila:- Bara ka’umsa omishitummaa kunt. 153.18 kan turee bara dhuma karoora irratti kunt. 177.3 geesisuun Omisha waligalaa bara caliqabaa kunt, mil. 0.68 irraa kara kunt, mil. 0.83 ittiin ga’uuf karoorfamee jira.

Galma 4. Kuduraa fi Muduraa Rooba Arfaasaan Misoomu

  • Maniiwwan

  • Kuduraa:-Oomishtummaan kuduraalee adda addaa G/Galeessaan heektaaratti kuntaala 65.26 kan turee gara kuntaalaa 90.86 guudisuun omishaa waligalaa kuntalaa kuma 715.9 irra ture bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa kuma 1,046 irraan gahuu.

  • Midhaan Hiddaa:-Oomishtummaan midhaan hiddaa adda addaa G/Galeessaan heekitaaratti kuntalaa 23.1 irra jiru gara kuntaalaa 33.16 guddisuun omishaa walii-galaa kuntalaa mil. 1.29irra ture bara xumuraa karoorichaatti kuntalaa mil. 1.95irraan gahuu.

  • Walii-gala:-Oomishtummaanmidhaan kuduraa fi muduraa G/Galeessaan heekitaaratti kuntalaa 30irra jiru gara kuntaalaa 42.59 guddisuun omishaa walii-galaa kuntalaa mil. 2.01irra ture bara xumuraa karoorichaatti kuntaala mil. 3.0irraan gahuuf karoorfameera.


Bara oomisha 2006/07 tti misooma kuduraa, muduraa, mi’eessituu fi midhaan hiddaatiin qonnaan bultootni mil.2.85 kan hirmaatan yoo ta’u bara 2011/12tti hirmaannaa isaanii gara mil.6.8tti ol-guddisuuf karoorfamee jira. Bara 2006/07 dubartoota A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee dubartootni kuma 787.9 kan hirmaatanii turan hirmaannaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan dhibbantaa 33 dabaluun bara xumura KGT II tti gara mil.3.3 irraan gahuuf karoorfameera. Haaluma kanaan, hirmaannaa fi fayyadamummaa walii-galaa keessaa hirmaannaa dubartootaa %27 irra jiru %48.63 irraan ni gahama.

Gama biraan, dargaggoota ilaalchisee misooma kuduraa, muduraa, mi’eessituu fi midhaan hiddaa irratti bara oomisha 2006/07tti hirmaannaan isaanii %5 ykn kuma 142.28 irra jiru waggaatti %40 guddisuun bara xumura KGT II tti gara %11.45 ykn. dargaggoota kuma 779.16 hirmaachisuun fayyadamtoota gochuuf karoorfameera.

Galma 5. Akkaataa poteenshaala jiruun godinaalee fi aanaalee kilaasteraan qooduun ekisteenshinii misooma midhaanii geggeessuu fi paarkii Agro-Industirii akka hundaa’uuf haala mijeessuu;

Bu’aa qonnaa irraa argamuu guddisuun fayyadamummaa qonaan bulaa dabaluuf akkataa poteenshaala lafa qonnaaf ooluun oomishaa qonna gabaan dursameen ciimsuun barbaachisaa ta’a. Hojiichaa kana galimaan ga’uuf jechaa misooma midhaanii kalastaraan gageesuun galiteewaan oomishaaf oolu irratti hojechuu, omishitummaa midhaanota kilastara kanaa guddisuu, dudhagabaa (value chain) dabaluu fi kkf irrattii kallaattii qabatanii hojechuun barbachisaa ta’a.



  • Gama walifakatuun Omishaa qonnaa cimisuun ‘Rural Transformation Centers (RTC) uumamee bu’ura paarkii induustira (Integrated Agro-Industrial Parks-IAIP) dhaabbatuuf akka gumaachuutti hojjechuun guddina itti-fufiinsaa qabuu galmeessuun fayyadamumma q/bulaa mirkaneessuudha.

  • Haaluma kanaan,

  • Kilaastera Bunaa keessatti kan qabame gosa midhaanii bunaa fi Boqqolloo yoo ta’u godinaaleen kilaastera kana keessa jiran godina Jimmaa aanaa 13 fi godina I/A/Booraa aanaa 5 ta’u.

  • Kilaastera Boqqolloo keessatti kan qabame gosa midhaanii Boqqolloo yoo ta’u godinaaleen kilaastera kana keessa jiran godina Wallagga bahaa aanaalee 10, godina Sh/Lixaa aanaalee 2, godina H/G/Wallaggaa aanaa 4, fi godina IAB aanaa 1 ta’u.

  • Kilaastera Garbuu biiraa keessatti gosa midhaanii qabame Garbuu Biiraa, Qamadii Daabboo, Qamadii Makaroonii fi Mosee yoo ta’u godinaaleen kilaastera kana keessa jiran godina Arsii aanaalee 8, godina Arsii Lixaa aanaalee 9 ta’u.

  • Kilaastera Qamadii Makaroonii keessatti gosa midhaanii qabame Qamadii Daabboo fi Qamadii Makaroonii yoo ta’u godinni kilaastera kana keessa jiru godina Baalee aanaa 8 ta’a.

  • Kilaastera Xaafii keessatti gosa midhaanii qabame Xaafii fi Shumburaa yoo ta’u godinaaleen kilaastera kana keessa jiran godina Sh/Bahaa aanaa 5, godina Sh/K/Lixaa aanaa 8, godina Sh/Lixaa aanaa 2 fi GAONF aanaa 2 ta’u.

Akkaataa poteenshaala jiruun qonnaan bulaan oomisha isaa irraa caalmaatti fayyadamaa ta’uu akka danda’utti lafa Agro-Industriidhaaf ooluu danda’u adda baasuun qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan hojjechuun ‘Agro-Industrial Park’ akka hundaa’u ni taasifama. Paarkii hundeeffamu kana keessatti qoonnaan bulaan oomishaa dheedhii erguu irraa achumatti ‘Value add’ gochuudhaan oomisha belladaa, midhaan nyaataaf oolu paastaa, makaroonii fi kkf fi akkasumas buna irratti xiyyeeffachuun hojjechuun ce’umsa gara Industiriitiif taasifamuuf gumaacha olaanaa akka xabatu ni taasifama.


  1. Gabbina Biyyee (Galma Tarsiima’aa )

  • Maniiwwan

  • Aanaleef kaartaa hojjechuu bara 2007 aanaa 124 kan turee hanga bara 2009/10 aanaalee hundumaaf hojeetame xumuruuf karoorfamee hojetamaa jira.

  • Xaa’oo lubbuu qabeeyyii fayyadamu bal’ina lafa midhaan dheedhiitti fayyadamu bara 2007 heek. 5,500 kan turee bara xumuraa bara karooratti heek 8,858 irraan ga’u.

  • Qophii fi Itti fayyadamaa Kompostii:- bara xumuraa karoora GTP-1ffaa kan qophaa’ee hojii irra olee m3 mil.41.5 yoo ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaa qophii fi itt-fayyadamni isaa kunt. mil. 66.8 irraan ga’uudhaaf karoorfameera.

  • Lafa biyyee kootichaatiin misoomuu marsaa 1ffaa ( Ay-baar BBM) bara 2006/7 heek. Kuma 228.22 kan ture bara xumuraa irratti heek. kuma 459 irraan ga’uudhaan Omishaa bara jalqabaa kunt. Mil. 5.05 turee bara 2011/12 kunt. Mil. 8.14 irraan ga’uu;

  • Lafa biyyee kootichaatiin misoomuu marsaa 2ffaa bara 2006/7 heek. Kuma 35.76 kan turee bara xumuraa irratti heek. Kuma 57.59 irraan ga’udhaan Omishaa bara jaliqabaa kunt. Kuma 536 turee bara 2011/12 kunt.kuma 863 irraan ga’u.

  • Omishaa waligalaa misoomaa biyyoo kootichaa bara caliqabaa kunt. Mil. 5.59 kan turee bara 2011/12 kunt. Mil. 9.006 irraan ga’uf karoorfamee jira.

  • Ay-bar BBM wagaa waggaatti kuma 10.5 ta’u qonnaan bulaan akka itti fayyadamu taasisuu;

  • Bara oomisha 2006/07 nooraa kuntaala kuma 14 fayyadamuun lafa hek.400 asiidumma isaa fooyyessuun kan danda’ame yoo ta’u bara xumura KGT marsaa lammaffaa 2011/12tti nooraa kunt.kuma 27.67 fayyadamuun lafa hek. 1,110 asiidummaa isaa fooyyessuuf karoorfamee jira.


  1. Itti-fayyadama Calla-guddistuu (Galma Tarsiima’aa ).

Galma 1. Itti-fayyadama Calla-guddistuu

Maniiwwaan


  • Daappii:-Bara 2006/07 xaa’oo daappiin fayeedaa irra olee kunt. Mil.1,63 ta’ee bara 2008titti kunt. 275,412 kan karoorfame ta’ee barootaa karoora hafan garuu xaa’oo DAP xaa’oo gosa biraatti waan bakka bu’eef hin karoorfamne.

  • Yuuriyaa:-Gosa xaa’oo kana bara Oomisha 2006/07 kuma 944.13 kan hojii irra olee yammuu ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaatti fayyadama isaa dhibbantaa 21.4 guddisuun kunt. Mil.2..49 fayyadamuuf karoorfamee jira.

  • NPS:- Xa’oo kana bara Oomisha 2006/07 kan hojii irra olee kunt. Kuma 334.9 yoo ta’u bara xumura karoora GTP-2ffaa ittii fayyadamni isaa dhibbantaa 30.2 guddisuun kunt. Mil.1.25fayyadamuuf karoorfamee jira.

  • Blended:-Bara ka’umsa GTP 2ffaa bara omisha 2007/08tti xaa’oo blended kuma 300.0 hojii irra oolchuuf kan karoorfame yoo ta’u bara xumura karoorichaatti waggaatti dhibbantaa 46 ol guddisuun gara kunt.mil.1.35fayyadamuuf karoorfamee jira.

Walii-gala itti-fayyadama xaa’oo keenyaa kunt. mil. 2.91 irra jiru bara xumura KGT 2ffaatti waggaatti G/Galeessaan dhibantaa 12 guddisuun xaa’oo Kunt. Mil.5.09 irraan gahuu fi waggaa shanan dhufu keessatti xaa’oo mil.21.9 qonna gannaa, arfaasaa fi misooma jallisiitiif fayyadamuuf karoorfamee jira.

  • Sanyii filatamaa (C1):- Bara xumuraa karoora GTP-1ffaakan dhiyaatee hojii irra olee kunt. 171,150 yammuu ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaa ittii fayyadamni isaa kunt.344,244 ga’uuf karoorfamee jira.

  • Sanyii Qonaan bulaan walijijjiru (C2):-Bara xumuraa karoora GTP-1ffaa kan dhiyaatee hojii irra olee kunt. 489,260 yenna ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaa ittii fayyadamni isaa kunt. 984,077 ga’uf karoorfamee jira.

W/Gala itti fayyadama S/Filatamaa keenya kunt. Kuma 660 irra ture bara xumura KGT 2ffaatti waggaatti G/Galeessaan dhibantaa 15 guddisuun c2 dabalatee gara kunt.mil.1.33tti guddisuuf kan karoorfame yoo ta’u walumatti waggaa shaman dhufu kanatti sanyii filatamaa kun.mil.5.02 fayyadamuuf karoorfamee jira.

  • Itti fayyadamaa farra aramaa:-bara xumuraa karoora GTP-1ffaa kan dhiyaatee hojii irra olee lit/kg mil.1.22 yenna ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaa ittii fayyadamni isaa kunt. Mil.2.18 irraan ga’udhaaf karoorii qabamee jira.

  • Itti fayyadamaa farra dhibee:-bara xumuraa karoora GTP-1ffaa kan dhiyaatee hojii irra olee lit/kg kuma 76.5 yenna ta’u bara xumuraa karoora GTP-2ffaa ittii fayyadamni isaa kunt.kuma 135.92 irraan ga’udhaaf karoorii qabamee jira.

Bara oomisha 2006/07 tti fayyadamtoota Calla-guddistuu mil.2.46 kan hirmaatan yoo ta’u bara 2011/12tti fayyadamtoota gara mil.7.29tti ol-guddisuuf karoorfamee jira. Bara 2006/07 dubartoota A/Warraa qabanii fi dargaggoota dabalatee dubartootni kuma 357.8kan fayyadamanii turan hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan %55guddisuun bara xumura KGT II tti gara mil.3.18 irraan gahuuf karoorfameera. Haaluma kanaan, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa %14 irra jiru gara %44 irraan gahuuf karoorfameera.

Dargaggoota ilaalchisee bara oomisha 2006/07tti dargaggoonni kuma 243.9 fayyadamtoota C/Guddistuu adda addaa kan turan yoo ta’u fayyadamummaa isaanii waggaatti giddu-galeessaan %21.8 guddisuun bara xumura KGT II tti dargaggoota kuma 654.87 fayyadamtoota gochuuf karoorfameera.

  1. Yüklə 0,92 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin