Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa


Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə7/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   19

Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo


Lafti misooma hundaaf murteesaa akka ta’e imaamataa fi tarsiimoo keenya keesatti ifatti taa’ee jira. Baay’ini umataa dabalaa kan deemu yoo ta’u bal’ini lafaa garu dabalu hin danda’u. Kanaafuu, dhalooni har’aa lafaa fi qabeenya lafaa haalaan kunuunsee itti fayyadamuudhaan dhaloota dufutti dabarsuun dirqama lammii hundaati.

Bu’uuruma kanaan karoori ittifayyadama lafaa sululoota gurgudoo bu’ura godhate gaggeefamaa jiraachuun isaa ni beekama. Qorannoo sululoota gurguddoo (sub-basins) irratti hundaa’ee gaggeefamaa jiru jalqaba bara tarsiimoo %35 irra ture yeroo ammaa bal’ina lafa naannoo Oromiyaa keesaa %46 uwwisuun danda’amee jira.

Qorannaan karoora ittifayyadama lafaa sadarkaa kanarra gahuu isaa akka ciminaatti fudhachuun sirri ta’a. Sasabiin isaas misoomni lafa irratti gaggeefamuu kamiyyu karoora ittifayyadama lafaatiin hogganamu waan qabuuf sochiin gama kanaan taasifame gaaridha jechuun ni danda’ama.

Haata’u malee bu’aan qoranichaa haala barbaadameen hojiirra oolaa jira jechuun hindanda’amu. Lafaa fi qabeenya lafaa keenya beekumsa irratti hundoofnee bulchuu fi ittifayyadamu irratti hanqini guddaa jiraachuu isaa beekuun barbaachisaadha. Bulchiinsa lafaa keenya hamayyeesuu fi hojirra oolmaa karoora ittifayyadama lafaa irratti dhimmoota hudhaa ta’an adda baasuun furmaata kennun murteesaadha.
Rakkoolee Bulchiinsa gaarii fi kiraa sasaabdumaa lafa wajjin walqabatan kan akka saamicha lafa walinii, lafa investmentii fi lafa albuudaa irratti gaggeefamu, kennaa, dhaalmaa fi kiraa lafaa irratti gaggeefamu, akkasumas qabannaa fi qubanaan lafa seeraan alaa rakkoo gudda hawaasa biratti komii kaasaa jiru akka ta’e hubatame jira.

    1. Qorannoo Karoora Itti Fayyadama Lafaa


Hojiin misoomaa lafa irratti gaggeeffamu kamiiyyuu karoora itti fayyadama lafaa sayiinsaawa ta’e kan hordofu ta’uu qaba. Misoomni gaggeeffamu itti fufiinsa akka qabaatu fi qabeenya lafaa qusannoo fi haala bu’a qabeessa ta’een itti fayyadamuuf karoorri itti fayyadama lafaa akka naannootti (regional master landuse plan) qophaa’ee karoorri gadi fageenyaa maaster pilaanii itti fayyadama lafaa bu’uura godhachuudhaan kan qophaa’u ta’a. Karoora itti fayyadama lafaa keessatti qophiin lafa tajaajila adda addaatiif oolu kan keessatti raawwatamu yoo ta’u, kunis keessattuu babal’ina misooma investimantii saffisiisuuf kan gargaaru fi lafti haala karoora qophaa’een qusannoon hojii irra akka oolu taasisa.

Karoora itti fayyadama lafaa guddina itti fufiinsa qabu oogganu yammuu jedhamu misoomni hawaas-diinagdee lafa irratti gaggeeffamu kamiiyyuu karoora itti fayyadama lafaa saayinsaawaan ta’e irratti kan hundaa’e fi oogganamu ta’uu qaba jechuu dha. Karoorri itti fayyadama lafaa qophaa’u misooma sululaa gurgurdaa bu’ura kan godhate fi karoorri itti fayyadama lafaa gadi fageenyaan gaggeeffamu immo karoora “master plan” qophaa’u irraa ta’a. Karoora qophaa’u keessatti ragaan hawas-diinagdee fi qabeenya naannoo (“biophysical”) funaannamee hojii irra kan oolu ta’ee, hirmaannaan hawaasa fi qooda fudhattootaa jalqaba raga funaanuu irraa kaasee karoora qopheessanii hanga hojii irra oolmaa karoorichaatti kan mirkanaa’u ta’a.

Qorannoon sululoota gurguddoo(sub-basin) irratti hundaa’ee gaggeeffamaa jiru jalqaba bara tarsiimoo %35 irra ture, yeroo ammaa bal’ina lafa naannoo Oromiyaa irraa %46 kan uwwise yoo ta’u, yeroo karooraa hafe keessatti %50 irraan ni gahama. kanaan dura godinaalee qorannoon kun xumurame keessatti bu’aa hojii oolchuun jalqabamee jira. Godinalee Harargee Bahaa fi Lixaa, Booranaa fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee keessatti qorannoo xumuramee hojii irra oolchuun bu’aa qorannoo irratti sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandatti hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kan raawwatame yoo, sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga aanatti koreen hojii irra oolmaa qoranichaa hordofuu fi deegarsa kennu hundeeffamee hojii keessa galee jira. Karoorri qindaawaa sekteroota fi qajeelfamni hojii irra oolmaa karoora itti fayyadamaa lafaa qophaa’ee hojitti galamee jira.

Gama kanaan, sulula gurguddaa lama ”upper Awash sub-basin” fi ”dhedhesa-Dabus sub-basin” godinaalee Arsii , Shawaa afran, Wallagga afran, Jimmaa fi I/A/B guutuu fi gamisaan kan hammatuu xumuramee jira.

Akka waliigalatti waggoota shanan bara tarsiimoo keessatti qorannoo karoora itti fayyadama lafaa bal’ina naannichaa irraa uwwisa %50 gahuuf kan karoorfame yoo ta’u hanga ammatti bal’ina lafa naannoo Oromiyaa irra %50 qorannoo kanaan uwwifamee jira.

Gama biraatiin karoora ittifayyadama lafaa sulula xixiqqaa (community watershed) irratti hundaa’uun ummataan qophaa’u ilaalchisee waggoota shanan bara karooraa keessatti sululoota 14261 irratti karoora qopheesssu fi akka hojii irra oolu taasiisuuf karoorfame ta’u, sululoota 22869 addaan baasuudhaan karoorri misooma sululaa qophaa’ee hojii irra akka oolu taasifamee jira. Hojiin karoora misooma sululaa kun bal’inaan sosochii ummataa fi xiyyeeffannoo mootummaan bara darbee kaasee misooma qabeenya uumamaatiif kenne bifa qindaa’ee fi duulaan hojjatamaa jiruun aanaalee fi gandoota hunda keessatti raawwatamaa jira. Manni hojii keenyaas sekatara Qonnaa waliin qindoominaan karoorri sulula xixiqqaa qophaa’ee hojiin misoomaa sulula keessatti gaggeeffamu karoora itti fayyadama lafaa irratti akka hundaa’u gochuun hojjatamaa jira. Hojii kanaafis xiyyeeffannoo kennuudhaan caasaan mana hojichaa sadarkaa godina fi aanaa jiran deegarsa fi hooggansa quubsaa akka kennuu danda’an dandeettiin raawwachiisummaa isaanii akka cimu godhamaa jira. GPS fi GIS irratti ogeessota sadarkaa biiroo godina fi aanaa jiran 1903 ta’aniif leenjiin kennemee jira.


    1. Lafa Baadiyaa Tajaajila adda addaatiif Qopheessuu


Lafa investimantii dursanii qopheesudhaan bu’aan argamaa jiru abbootiin qabeenyaa yeroo gabaabaa keessatti lafa argachuun hojiitti akka galan kan taasisu waan ta’eef carraan investimentii akka babal’atu gochuu fi hojii dhabdummaa salphisaa deemuu keessatti fayidaa guddaa qaba. Gama kanaan lafa investimantii ilaalchisee hektaara 654484 qopheessuuf karoorfamee lafti investimantii hektaara 451947 (%69.4) ta’u qophaa’ee jira. Gama kanaan qophii lafa investimantii hanga bara 2002 hektaara 1450940 ture gara hektaara 1,902,887 guddisuun danda’ameera. Lafti qophaa’es bal’inaan naannoo gammoojjii qonna babal’a oolu yoo ta’u, haaluma gaaffiin dhihaatuun murtii boordii investimantii irratti hundaa’uudhaan abbootiin qabeenyaatiif kennamaa kan jiruu dha. Gama biraan lafa babal’a iddoo tokkotti hektaara 5000 ol ta’e gama mootummaa federaatiin kan raawwatamu waan ta’eef poteenshaalii lafaa qoratamee darbee jira. Raawwiin hojii karoora qophii lafa investimantii sababni gadi bu’eef aanaalee fi godinaalee irratti qophii lafaa ilaalchisee hanqinni ogeessota fi meeshaalee kan jiru waan ta’eef. Gama biraatiin naannoon lafti investimantii itti argamu naannoo gammoojjii fageenya qabu fi rakkoo geejjibaa jiru waliin walqabatee raawwii hojii kanaa gadi bu’uu danda’eera. Gama biraattin lafti bal’ina isaa walitti aansee hek 5000 fi sanii ol ta’e sadarkaa federaalaan kan qophaa’uu dha. Lafti investimantii dursee qophaa’uu isaatiin abbootii qabeenyaa misoomawaa bu’aa ba’ii malee lafa misoomaaf barbaadan ulaagaa barbaachisu guutanii akka argatan godhamee jira. Gama kanaan lafti dursee qophaa’uun abbootiin qabeenyaa yeroodhaan hojitti galanii carraa hojii bal’aa akka uuman fi gudina diinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii akka bahan haalaa mijaahaa uumee jira.
Gama biraatiin lafa IMXf oolu qopheessuu ilaalchisee shanan bara karoora tarsiimoo kana keessa baadiyaa keessatti lafa hektaara 185,870 qopheessuuf karoorfamee hekataarri 216397 (%116) ta’u qophaa’ee jira. Lafti Imxf qophaa’e karoora yaadameen ol kan ta’eef dargaggoonni baadiyaa maaykiroon gurmaa’anii iddoo hojii gaafan dabalaa waan dhufan fi mootummaanis hoji dhabdummaa salphisuuf baadiyaa keessatti dargaggootaa gurmaa’anii hojitti akka galan yoomiiyyuu caalaa xiyyeeffannoo itti kennee haala mijeessaa waa jiruuf ta’a. Kana males lafa tajaajila hawaasummaa adda addaatiif oolu baadiyaa keessatti hektaara 50,000 waggoota shanan keessatti qopheessuuf karoorfamee hekataarri 21611 qophaa’ee jira. Raawwiin hojii qophii lafa tajaajila adda addaatiif oolu qopheessuu kan gadi bu’eef qophiin lafaa gaaffii tajaajila hawaasummaa dhihaatu iirratti kan hundaa’u ta’ee gaaffiiwwan lafa dhihaatan hunduu deebii argatanii jiru

Karoorri itti fayyadama lafaa qophaa’uun qabeenya lafaa jiru haala saayinsaawaa fi itti fufiinsa qabuun itti fayyadamuu fi misoomni lafaa irratti gaggeeffamu itti fufiinsa akka qabaatu gargaara. Godinaalee qorannoon karoora itti fayyadama keessatti xumurame hubannoo bal’ina uumameen ilaalchi hawaasa fi qaamolee adda adda itti fayyadama lafaa irratti fooyya’aa dhufeera. Gama biraatiin qorannoo gaggeeffame qabeenya lafaa(land resources) kan akkaa biyyee, biqiltuu bishaanii fi teessuma lafaa haala amala isaaniitiin addaan bahanii beekkamanii jru. Qabeenya lafaa irratti hundaa’uudhaan tokkoo tokkoon parselii tajaajila maaliif ooluu akka danda’u fi kunuunsi akkamii godhamuu akka ifatti kaayee jira. Haala qorannoon kanaatiin hojii qonnaa gaggeessuun oomishtummaa lafaa fi oomishni qonnaa akka dabalu taasisa. Gama biraatiin bu’aa qoranichaa keessatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa bal’inaan akka gaggeeffamu kan kaaye waan itti fayyadama fi kunuunsi qabeenya uumamaaf taasifamu xiyyeefannoo agrgatee bal’inaan akka gaggeeffamu taasisee jira. Akka waliigalatti qorannon karoora itti fayyadama akka naannoo keenyaatti gaggeeffame fi gaggeeffamaa jiru itti fayyadama lafa baadiyaa irratti hubannoo ummataa fi qooda fudhattoota akka uumamu kan taasise dandeettii raawwachiisummaa qaama qorannoo kan gaggeesse fi hordofuu akka dabalu taasisee jira. Akka galma hojii kanatti itti fayyadamni lafa baadiyaa naannoo keenyaa qorannoo saayinasaawaa irratti akka hundaa’uu fi itti fayyadamni qabeenya lafaa guddinni diinagdee naannoo keenyaa itti fufiinsa akka qabaatu bu’uura gaarii ta’ee jira jechuun ni danda’ama.


    1. Lafa baadiyaa Haala Aadaatiin Safaruu fi Galmeessuu


Lafa baadiyaa haala aadaatiin safaruu ilaalchisee waggoota shanan bara karooraa keessatti safarrii lafa baadiyaa naannoo qotee bulaa (aanaalee fi gandoota horsiisee bulaa osoo hindabalatin) hektaara 5,698,356 ta’u safaruuf karoorfamee lafti hektaara 5,777,771 ta’u safaramee jira. Safarriin lafaa naannoo qotee haala aadaatiin gaggeeffamu xumuramee jira. Gama biraatiin lafa haala aadaatiin safarame irratti waaraqaa ragaa sadarkaa tokkoffaa kennuu ilaalchisee waraqaa ragaa sadarkaa tokkoffaa abbootii qabiiyyee 1,582,055 ta’aniif kennuuf karoorfamee abbootii qabiiyyee 1,609,588 ta’aniif kennamee jira. Akka waliigalatti safarrii fi kenni waraqaa ragaa mirga abbaa qabiiyyummaa lafaa naannoo qotee bulaa xumuramee jira jechuun ni danda’ama. Mirga itti fayyadama fi abbaa qabiiyyummaa lafa baadiyaa seeran mirkanaa’aa dhufeen ummanni lafa isaa kunuunsa akka itti fayyadamu kan taasise yoo oomisha fi oomishtummaan lafaa akka dabalu qooda isaa taphatee jira. Gama biraatiin waldiddaan daangaa lafaa irratti qotee bulaa jidduutti uumamu akka xiqqaatu waan taasisuuf ummanni yeroo isaa guutuu misooma irratti akka dabarsu fi tasgabbiin hawaasi-diinagdee baadiyaa keessatti akka jiraatu taasisuu keessatti gahee sirna bulchiinsa lafaa baadiyaa guddaa dha jedchuun ni danda’ama.
    1. Lafa Baadiyaa Haala Hammayyaatiin Safaruu fi Galmeessuu


Lafa baadiyaa haala hammayyaatiin safaruu fi galmeessuu ilaachisee waggoota shanan darban keessa lafa baadiyaa hektaara 1,666,572 abbaa warraa 1,159,996 ta’aniif safaruuf karoorfamee lafa hektaara 842185 (%51) abbaa warraa 614393 (%53) ta’uuf safaramee jira. Raawwiin hojii haala ammayyaatiin safaruu gadi aanaa kan ta’eef sababa hanqina meeshaalee ammayyaa lafti ittiin safaramu fi hanqinna ogummaa keessattuu sadarkaa aanaalee qabaniin irraan kan ka’ee dha. Gama biraatiin hojiin kun baajata guddaa fi teknooljii ammayyaa kan barbaadu fi surveeyiroonni hojii kana hojjachaa turan sababa garaagarummaa mindaattin bay’inaan gara sekteroota daandii baadiyaa, jallisii fi manajimantii lafa magaalaa waan deemaniif hanqinni ogeessota kanaa bal’ina mul’atee jira. Gama biraatiin hanqina leecalloo hojiin kun ittiin raawwatamu irraa kan ka’e safarrii fi galmeen lafa baadiyaa haala hamayyaatiin karoorfame bifa barbaadamuun raawwatamuu hindandeenye. Barbaachisummaa safarri haala hammayyattiin hojjatamu sirna bulchiinsa lafa baadiyaa keessatti qabu ilaalcha keessa galchuun dokumantiin kallattii karooraa (Strategic Roadmap) qophaa’ee mootummaaf dhihaatee jira. Hojiin kadastarii lafa baadiyaa sirna bulchiinsa lafa baadiyaa ammayyeessuu keessatti gahee ol’aanaa waan qabuuf tekinoolojii filatametti (Ortho photo) fayyadamuun bara karoora tarsiimoo itti aanu keessatti bal’inaan gaggeessuuf qaamolee adda addaa waliin ta’uudhaan qophii gahaan taasifamaa jira.
Gama biraatiin waraqaa ragaa abbaa qabiiyyee lafaa haaromsuu ilaalchisee waggoota shanan keessa abbaa warraa 165,273 ta’aniif haaromsuuf karoorfamee abbootii warraa ta’aniif waraqaan ragaan abbaa qabiiyyummaa lafaa 70,270 haaromsamee jira. Hojiin haaromsa waraqaa ragaa sababa dabarsa mirga itti fayyadama lafaa dhaalmaan, kennaan, jijjiirraan fi kkkf raawwatamuuf tajaajila kennamuu dha. Raawwii hojii kanaa baay’ina gaaffii mirga dabarsa lafaa dhihaatu irratti kan hundaa’u yoo gaaffiiwwan dhihaatan hunduu haala seerri hayyamuun deebii argatanii jiru
    1. To’annoo fi Hordoffii Eegumsa Naannoo


Faalama naannoo madda adda addaa irraa kan ka’e dhiibbaalee qaama bishaanii, biyyee, qilleensaa irra gahuudhaan sirna madaallii naannoo, dinagdee biyyaa fi fayyaa ilmaan namoota miidhamu salphisuuf ykn xiqqeessuuf maddoota faalama naannoo geessisan irratti hojii to’annoo fi hordoffii gaggeessuun dhimma filannoo hin qabneedha. Kana malee, dhiibbaalee sababa pirojeektoota misoomaa adda addaatiin jeequmsi ykn manca’iinsi qabeenya uumamaa irra gahu guddaadha. Hubannoon eegumsa naannoo sadarkaa adda addaa irratti kennamuu qabuuf dhimma xiyyeeffannoo olaanaa barbaadu.

Haaluma kanaan, waggoota shanan darban keessatti warshaalee adda addaa irratti to’annoo fi hordoffii caasaa biiroo keenya sadarkaa adda addaa irra jiraniin kan gaggeeffamee yoo ta’u, warshaalee gogaa 17, warshaalee keemikaalaa 50, warshaalee nyaataa 96, warshaalee dhugaatii 51, warshaalee simintoo15 fi warshaalee buna miiccaa 667 irraatti to’annoo fi hordoffiin gaggeessuuf karoorfamee warshaalee gogaa 17(%100), warshaalee keemikaalaa 50(%100), warshaalee nyaataa 96 (%100), warshaalee dhugaatii 51(%100), warshaalee simintoo15 (%100) fi warshaalee buna miiccaa 606 (%91) irraatti to’annoo fi hordoffiin gaggeeffamee jira.


Gama biraatiin pirojektoota misoomaa gaggeeffaman naannoo irratti miidhaa akka hingeessifne yookin dhiibbaan naannoo irraan gahan akka salphatu gochuuf hojii to’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo ni raawwatama. Haaluma kanaan pirojektoota misoomaa adda addaa dhiibbaan isaan naannoo irraan gahuu danda’an to’achuuf waggoota shanan bara karooraa keessatti pirojektoota misooma jallisii 848, pirojektii daandii baadiyaa 1122, pirojektoota misooma albudaa 2236, iokoo-turizimii 317 fi pirojektoota misooma abaaboo 75 irratti to’annoo fi hordoffiin eegumsa naannoo gaggeeffamuuf karoorfamee pirojektoota misooma jallisii 848 (%100), pirojektii daandii baadiyaa 1100 (%98), pirojektoota misooma albudaa 2236 (%100), iokoo-turizimii 217 (%100) fi pirojektoota misooma abaaboo 75(%100) irratti to’annoo fi hordoffiin eegumsa naannoo gaggeeffamee jira.

Hojii to’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo haala amansiisaa ta’een gaggeessuu fi tarkaanfii qaama naannoo irratti miidhaa geessu seera akka hundaa’u gochuuf haala qabatama naannoo keenyaa irratti hundaa’uudhaan labsiiwwan lama (Labsii to’annoo faalama naannoo fi sakatta’a dhiibbaa naannoo) qophaa’ee Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ragga’ee jira. Labsiiwwan akka naannoo keenyatti ragga’an sochii to’annoo eegumsa naannoo taasifamuuf deegarsa fi humna gahaa akka uuman kan amanamu ta’ee, qaama seeraa tarkaanfii gama kanaan fudhatuuf haala mijaa’aa uumanii jiru. Gama biraatiin labsiiwwan kanniin haala guutuu ta’een hojii irra oolchuuf dambiiwwan to’annoo faalama naannoo fi sakkata’a dhiibbaa naannoo qophaa’ee mootummaaf dhihaatee jira. Gama biraatiin gataawwan dhangala’aa fi goggogaa warshaalee adda adda irra maddu istaandaardii sadarkaa faalama naannoo bahe ol ta’uu akka hinqabne bifa saayinsaawa ta’een to’achuuf jiddu galeessi laaboraatoorii eegumsa naannoo tokko magaalaa Burraayyuu keessatti ijaaramee jira. Ijaarsi jiddu galeessi laaboraatorii kun faalama to’achuu fi rakkoo gama kanaan uumaman irratti tarkaanffiin seeraa akka fudhatamu gochuuf bu’uura gaarii akka uumu ni amanama.

Hojii to’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo waggoota shanan darban keessa gaggeeffameen warshaaleen tokko tokko kanaan dura ”treatment plant” hinqabne marii abbootii qabeenyaa waliin taasifameen ”treatment plant” akka dhaabbatan gataa dhangala’aa fi goggogaa naannootti osoo gadi hindhiisin naannoo irratti miidhaa kan hindhaqqabsiifne ta’uu mirkaneessaa akka hojjataman taasifamee jira. Warshaalee tokko tokko haala to’annoo fi hordoffii taasifameen dhiibbaa naannoo irratti geessisan akka sirreessan hindandeenye tarkaanfiin akeekachisaa hanga cufutti kan fudhatame yoo ta’u, haala naannoo irratti miidhaa hingeessifneen hojjachuu isaanii fi qabiinsa gataa warshaalee keessa bahuu haala naannoo irratti miidhaa hingeenyeen sirreessuu isaanii erga mirkaa’een booda hojii isaanii akka itti fufan godhamee jira.

Gama biraatiin warshaalee heddu irratti akeekkachiifni kennamee yaalii gataa dhangala’aa fi goggogaa haala naannoo hinfaalleen akka qaban taasifamee jira. Warshaan gogaa tokko (Warshaa gogaa Horaa magaalaa Bishooftuu jiru) guutumaan guututti akka cufamu taasifamee jira.



Marii yeroo adda addaa abbootii qabeenya waliin taasifame fi seerota eegumsa naannoo akka addunyaa, biyyaa fi naannoo bahan irratti hubannoo abbootii pirojektoota uumameen warshaalee keessatti faalama naannoo salphisuuf tattaaffiin godhamaa jiru fooyya’aa dhufeera. Gama biraatiin hubannoo ummata biratti uumameen faalama naannoo fi manca’ina qabeenya uumamaa salphisuuf hirmaannaan ummataa dabalaa dhufeera. Yeroo ammaa hawaasni rakkoo faalama naannoo gahaa jiru callisee ilaaluu osoo hintaane tarkaanffiin akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf dhiheessuu jalqabee jira.
    1. Xiinxala Dokumantii Sakatta’a Dhiibbaa Naannoo


Hojiin misoomaa gaggeeffamu naannoo irratti dhiibbaa akka hin geessisnee fi misoomni gaggeeffamu misooma itti fufinsa qabu akka ta’uu danda’uuf, hojiilee misoomaa haala amala isaaniitiin naannoo faalu danda’an jedhamanii yaadaman kamiiyyuu irratti qorannoo sakatta’a dhiibbaa naannoo gaggeessun barbaachisaadha. Pirojektootni misoomaa karoorafaman hojiitti osoo hin galin dura dhiibbaa naannoo irratti gessisaan haala itti ittisaan ykn xiqqeessaan irratti qorannoo sakatta’a dhiibbaa naannoo akka gaggeessan seerri akka biyyattis akka naannoo keenyatti bahe ni dirqisiisa. Qorannoo sakatta’a dhiibbaa gaggeeffame erga xiinaxalameen booda dokumantii ulaagaa guutaniif hayyamni hojii jalqabsiisu kennamaaf. Haaluma kanaan, waggoota shanan bara karoora kana keessa dokumentii 1028 qorannoo sakatta’aa dhiibbaa naannoo xiinxalluuf karoorfamee, dokumentii 1062 (%103) xinxalaamee hayyamni hojii eegalsiisu kennamee jira.

Gama biraatiin faalama naannoo xiqqeesuuf hojiin hubannoo Uumuu, to’annoo fi hordoffii gaggeesuu fi seeran akka deegaramu gochuuf sochiin taasifame jiraatus babal’ina investmentii wajjin walqabatee faalamni naannoo har’as yaaddoo guddaa ta’e itti fufee jira. Rakkoo kana furuuf hudhaalee qaama to’atu fi to’atamu akkasumas hawaasa bal’aa bira jiru hiikuun dirqama ta’a.
Hojiin Eegumsa Naannoo hojii walitii fufiinsaan qindoominaan seektara hunda keesatti akkasumas hawaasa keesatti kan raawwatamu akka ta’ee qaamni hundi akka beeku fi xiyyeefannaa kennee gahee isaa akka bahu gochuun barbaachisaadha.
Akkasumas qaamni to’annoo fi hordoffi gaggeesu karaa iftoominaa fi ittigaafatamumaa qabuun seera irratti hundaa’ee ilaalchca misoomawaatiin hojiin to’aannoo fi hordoffiin akka gaggeefamu gochuun barbaachisaa akka ta’e ilaalame jira.
Akka waligalaalatti dandeetti raawwachisumaa qaama to’atu fi qaama to’atamu akkasumas hawaasa bal’aa cimsuun barbaachissaa akka ta’e ilaaluun ni danda’ama.


  1. Cimina, hanqinaalee fi rakkoolee turan

    1. Cimina

  • Bara KGT Iffaa keessatti hojiiwwan akka sektera Qonnaatti karoorfaman keessaa harki caalu kan milkaa’an ta’uu isaanii xiinxala geggeeffame irraa hubachuun ni danda’ama. Milkaa’ina kanaaf dhimmootni akka ciminaatti ilaalaman jiru.

  • Hojiiwwan hunda raayyaa misoomaa cimaa ta’e ijaaruun hojiiwwan baadiyyaatti raawwatan hunda uummatni bifa ijaarameen akka socho’uu gochuun sosochii uummataa bal’aa ta’e uumuun danda’amee jira.

  • Keessumaa qonnan bulaan keenya karoora dhuunfaa isaa qopheeffachuu haala danda’uun leenjiwwan kennamaa turaniin jijjiiramni gama kanaan jiru salphaa miti. Karoora qopheessuu keessatti hojiiwwan hojjetaman boqonnaa boqonnaan qooduun haaluma kanaan hordoffii fi gamaaggama geggeessuu keesatti haalli ture raawwii keenyaaf iddoo olaanaa kana qabu dha.

  • Haaluma kanaan, hojii misooma sululaa bara 2004 irraa kaasee sosochii uummataatiin akka geggeeffamu waan ta’eef raawwiin gama hojii qabeenya uumamaatiin jiru olaanaa fi karoora ol dacha meeqaan akka raawwatu gochuu akka ciminaatti ilaalama.

  • Gama biraatiin oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti tarsiimoo muuxannoo gaggaarii babal’isuu hordofuudhaan hojii hojjetameen gama misooma midhaanii, misooma bunaa, qabeenya uumamaa fi wiirtuu leenjii qonnaan bulaa ilaalchisee muuxannoowwan gaggaarii mul’atan waggaa waggaatti akka qindaa’u taasisuun babal’isuuf sochii godhameen bu’aa olaanaan galmaa’ee jira.

    1. Hanqinaalee

Tajaajila ekisteenshinii guutuu ta’e kennuu keessatti wiirtuulee leenjii qonnan bulaa cimsuun tajaajila irraa eegamu bahuu akka danda’an gochuuf yaaliin taaasifame kan bara 2002 dura ture waliin yammuu ilaalamu gaarii ta’us ammas sadarkaa barbaadamu irraan gahuu keessatti hanqinaaleen adda addaa kan jiran ta’uu isaati.

  • Waggaa shanan kanatti WLQB ganda hundaa waliin gahuuf kan karoorfamee ture godinaaleen tokko tokko biratti guutummaatti ijaaranii waliin gahuun akan danda’ame ta’us godinaalee baayyee keessatti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo barbaachisu kennuu dhabuu fi sababa hanqina bajataa irraa kan ka’e akkaataa karoorfameen kan hin raawwatamni ta’uu isaati.

  • Akkasumas bakka WLQB ijaarame jiruttis meeshaalee barbaachisaa ta’an guutuun hojii keessa galchuu irrattis hanqinni ni mul’ata. Gama biraatiin WLQB keessatti qonnaan bulaaf leenjii kennuu fi hojiin agarsiisa adda addaa geggeessuun qonnan bulaan akka irraa baratu gochuuf hojiin hojjetame bakka baayyeetti gaarii ta’us ammas xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu isaa namatti mul’isa.

  • Itti fayyadama calla-guddistuu ilaalchisee raawwiin jiru kan bara 2002 fi isa dure ture waliin yammuu ilaalamu sadarkaa gaarii irra kan jiru ta’us karoora qabame waliin yammuu madaalamu hanqina kan agarsiisu ta’uu isaati.

  • Raayyaan siviil sarvisii cimee deemuu dhabuun akka hanqinaatti kan ilaalamu ta’uu

  • Walii-gala raayyaa misoomaa yeroo bonaa haala gaariin sochoosuun danda’ame yeroo qonna gannaatti haala yeroo bonaa sanaan hojii keessa galchuu dhabuun ni mul’ata.




    1. Rakkoolee turan

  • Kenna tajaajila ekisteenshinii keenya bifa guutuu ta’een geggeessuun kan danda’amu WLQB/WLHB ganda hunda waliin gahuun dhimma murteessaa dha. Haa ta’u male sababa hanqinaa irraa kan ka’e waggoottan shanan darban keessatti ijaarsa isaa xumuruuf kan karoorfamee ture ta’u raawwii keessatti rakkoo ta’ee kan jiru ta’uun isaa akkaataa barbaadameen qonnaan/horsiisee bulaaf teekinooloojii haaraa ba’an babal’isuu keessattu hudhaa ta’ee kan jiru ta’uu isaati.

  • Rakkoo loojistikii sadarkaa adda addaa keessatti rakkoon konkolaataa bal’aa ta’e jiraachuu;

  • Ijaarsaa fi hordoffiin naannoo projektootaa ammas xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu

  • Hanqina bajataa jiraachuu

  • Qindoomina sekteroota gidduu fi qooda fudhattoota giduu jiru akkaataa barbaadameen cimuu dhabuu

  • Sirnii kenninsa tajaajila mala namaan loonii diqalomsuu diriire jiruu sadarkaa waajjira Ejensii aanatti ogeessa diqalomsuu danda’u lammaa qofa ramaduu dhan tajaajilaa kana yeeroo gabaabaa kessaatii qonaan bulla ballaa birra gahuu waan hin dandenyeef foyya’insii sanyii beeyladaa irratii dhibaa tasiisaa jirachuu.

  • Kenninsa tajajila "AI" tiif dhiyeessiin guutamu dhabuu irra kan ka’e tajaajilli mala-namaan diqalomsuu Sadarkaa barbaddamutti babal’achuu dhabuu

  • Daraan dabalamuu fedhii dhiyeessii callaa guddistuu fi hiri’ina madda callaa guddistuu beeyladaa jirachuu.

  • Omishaa fi omishtumaa beeyladaa guddisuu kessattii gaheen nyaatii beeyladaa qabuu salphaa akka hin tanee ni bekamaa hata’u malee misoomaa nyaataa beeyladaa gagefamuu kessattii hudhaan gudda ta’ee jiruu qamaa sanyii bu’uraa (basic seed) agiroikolojii adda addaatif ta’u bayiisee dhiyesuu dhabamuu

  • Projektoota ijaarsa adda addaa gaageessuu keesaattii Dizaayenii fi ispesifikeeshenii qamaa dhimmii ilaaluu birraa yeeroon qophesuu dadhabuu irraa kan ka’ee hojii ijaarsa projektoota akkata karooraan demuu dhabuu fi hojii barbaadamaaniif yeroon qaqabuu dhabuu.

  • Qorannoo karoora itti fayyadama lafaa hojii irra oolchuu ilaalchisee qaamoleen hojii misoomaa lafa irratti gaggeessan haala barbaadameen hojii irra oolchuu dhabuu fi qindoomina fi hordoffiin gama kanaan jiru laafaa ta’uu

  • Sirni bulchiinsa lafa baadiyaa ammayyaa’uu dhabuu fi kanaan irraan kan ka’e waldiddaan qabiiyyee lafaa jidduu jiru bal’achuu

  • Qubannnaa fi qabannaan lafa lafaa seeran alaa bal’achuu fi qisaasama lafaa fi gochaa kiraa sassaabdummaa lafaan walqabate

  • Rakkoon falamaa naannnoo fi manca’ina qabeenya uumamaa gahaa jiru salphisuuf qinndoomini jiru fi tarkaanfiin fudhatamu gahaa ta’uu dhabuu

  • Hanqinna hubannoo gama eegumsa naannootiin qaamolee adda addaa biratti mul’atu fi kutannoon gama kanaan jiru ammas hanga barbaadame ta’uu dhabuu

  • Aanaaleen 189 ragaa duraan akeekkachisaa sssaabuuf baajata UNICEF waggaa waggaan ramaduun deegaramaa kan jiran ta’u illee, aanaaleen 70 baajata kaanaan hin hammatamin haala guutuu ta’een ragaa duraan akeekkachisaa sassaabuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Fandii of eegganoo guddisuu fi itti fufiinsa akka qabaatuuf sadarkaa adda addaatti xiyyeeffannaan jiru quubsaa ta’uu dhabuu

  1. Dhimmoota xiyyeefanoo barbaadan/strategic issues /

Dhimmoota karoora kana keessattii xiyeefanoo barbaadan rakkoo gurguddoo yoo hikaatan galmoota karoorichaa dhugoomsuu keessattii hudhaalee ta`an hundaa hiikuu danda`anf carraa gaarii ta`an yoo ittifayadamnee bu`aaleen isaan heeduu ta`u danda`an haala armaan gaddii kanaan adda bahaan raawwii karoora kana keessattii xiyyeefannoon akka hordofamandha.

    1. Gurmaa’insa raayya misooma baadiyyaa fi raayyaa Siviil sarvisii ijaaramee jiruu cimsuun hojii misooma hunda keessatti hojiimaata eegatee akka raawwatuu gochuu.

    2. Qindoominii seektaroota fi qooda fudhattootaa sadarkaa barbadamuun akka jiratuu gochuu

    3. Sirna keena tajaajila eksateenshini bu`a qabeessa ta`e diriiree akka lafa qabatu gochuu

  • Ijaarsaafi suphaan wirtulee leenjii qonnan bulaa/horsisee bulaa/ akka ta`a sirnaanta`een hojii irraa yoo olee

  • Hudhaalee nannoo hojjatoota misooma hunda bira jiruu haala tarsima`a ta`een hikuu.

  • Walttii hidhaamiinsa wirtuu qorannoo qonnaa fi wirtuu leenjii qonnan bulaa cimsuudhaan teekinoolojii haaraa yeroo yeroon maddan qonnan bulaa birattii akka babalatan gochuu.

  • Caaseefama wajira qonna gandaa haala barbaadamuun gurmeessuun hojii keessa akka galuu gochuu.

  • Keenni tajaajila ekisteenshinii keenya sirna nyaata hawaasaa keenya irratti xiyyeeffannoon akk hojjetu taasisuu;

    1. Kunuunsaa fieegumsa qabeenya uumaamaa sosochii uumaamatiin gaggeefama jiru hoo’insa isaa eegatee akka itti-fufu gochuu.

  • Qoranno karoora ittifayyadama lafaa hojii irra oolchuu

  • Sirna bulchiinsa lafa baadiyya hammayeesuu.

  • Suluuloota kanan duraa hojiin eegumsa biyyoof bishaan irrattii gaggeefama turee haala sirna ittifayadama laffattin misoomsuudhaan haawwasni akka irraa fayadamuu gochuu

  • Adeemsa sochii diinagdeef haawwasa keessattii fallamni nannoo baadiyaaf magaala akka hinuumamnee xiyyeefannoon irratti hojjachuu.

    1. Adeemsa misooma gaggeesinuu keessattii omishaa gabaa giddu-galeessa godhatee omishuudhan sirni gabaa biyyattii haala misooma ittifuffinsaan deegaruun hogganuu.

  • Omishinni oomiishamuu hanga qofaan utuu hin taanee qulqullinaan akka omishaamuuf fedhii gabaa biyya keessaaf alaa irratti akka xiyyeeffatu gochuu.

  • Sirna gabaa omisha qonna keessattii qonnan bulaan gatii omisha isaa falmachuu akka danda`uuf waldaalee bu`uuraa cimsuu fi babal`isuu.

    1. Sochii hojii misooma qonna keessattii meekanayizeeshiinii qonnaf xiyeefannoo keenuu.

  • Adeemsa raawwii hojii misooma qonna kanan dura gaggeefama tureen qonnan bultooni keenya kaapitaala horatan baayeedha. Kanaafuu misooma qonna gaggeefamuu haala meekaanayizid ta`een akka gaggeefamuu deegarsaa qonnan bultoota adda durootaf gochuudhan misooma qonna ceesisuu.

    1. Sirna Eegamsaa fi to`annoo cimaa ta`e diriirsuudhaan misooma gaggeeffamuu deggaruu.

    2. Qaawwaa fedhiif dhiyeesii calla guddistuu beeylada hiikuuf giddu-galeessawwan madda calla guddistuu ta`an babal`isuu fi haara hundeesuu

    3. Adeemsa raawwii hojii projeektoota ijaarsa keessattii xiyyeeffannoo gahaa kennuu.

    4. Saaxilamuummaa balaa hir’isuuf sektaroonni qaama hojii isaanii taasisanii akka hojjatan xiyyeffannoo gochuu.

  • Aanaaleen 189 ragaa duraan akeekkachisaa sssaabuuf baajata UNICEF waggaa waggaan ramaduun deegaramaa kan jiran ta’u illee, aanaaleen 70 baajata kaanaan hin hammatamin gama mootummaatiin itti yaadamuu qaba.

  • Fandii of eegganoo guddisuu fi itti fufiinsa akka qabaatuuf sadarkaa adda addaatti xiyyeeffannaan jiru quubsaa waan hin taanef qaamni hundi xiyyeeffannaa kennee akka hojjatu taasisuu.

    1. Rifoormiin waldaalee jalqabamee bulchiinsa gaarii dhaabbilee hawwaasaa keessatti akka mirkaneessuuf xiyyeeffannoon irratti hojjachuu.

    2. Bu`uura damee diinagdee qonnaa babal`isuun hoji-dhabeeyyii kan ta’an dargaggoo fi dubartootaaf carra hojii bal`aa ta’e uumuu.

    3. Sirna qabiinsa ragaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuu




  1. Karoora Waggaa shanii (2008-2012)

    1. Ka’umsa Karoorichaa

Qoonni ammas karoora guddinaa fi traansfoormeeshiinii 2ffaa keessatti dingdee Qonnaan durfamuu kan oogganuu ta’ee kan ittifufuu ta’uun isaa ni beekama. Haaluma kanaan qabiyyee karoora guddinaa fi Traansfoormeeshinii marsaa 2ffaa murteessuuf ka’umsa karoorichaa ifatti agarsiisuun barbaachisaa ta’a. Kana gochuun qabiyyee karoorichaa bifa ququllina qabuun kaa’uuf, qaama karooricha raawwatuu, yeroo raawwatus kan safaramuu danda’u fi bu’aa barbaachisuu bifa fiduu danda’uun raawwachuu isaa mirkaneeffachuuf nama dandeessisa. Haaluma kanaan, qabxiilee gurguddoo ka’umsa karoorichaa ta’an haala armaan gadiitti ibsamanii jiru.

      1. Tooraa fi Imaammatoota Dimokiraasii fi Misoomawaa keenya akka ka’umsaatti

Ijaarsi sirna demokiraasii fi misoomnii wantoota gargar bahuu hin dandeenye dha.Keessumattuu lamaanuu biyya keenyaaf hiika guddaa qabu.Kunis biyyaa jaarraa hedduuf sirna cunqursaa fi gadadoo hammaataa keessa turteef gaaffiin misoomaa fi dimkiraasii dhimma deebii ariifachiisaa barbaadu dha.Hiyyummaa bara dheeraaf hidda gadi fageeffatee ummata keenya irratti dagaagee turehundee irraa fonqolchuu fi gaaffii uummatni keenyaa nagaaf, dimokiraasii fi misoomaaf qabu karaa gahumsa qabuun deebisuu kan danda’u toora misoomaawaa fi dimokiraasii qofa jedhee amana.

Toorri noe-liberaalii fi diinagdee ajajaa (Comand economy) sirna dimokiraasii fi misooma ariifachiisaa fiduu akka hin dandeenye muuxannoo keenyaa fi biyyoota biroo guddina gadi-aanaa irra jiran irraa mirkaneeffachuun danda’ameera.

Waan kana ta’eefis qophiin KGT 2ffaa karaa guutuu ta’een raawwachuun kan danda’amu ilaalchotaa, gochoota faallaa toora kanaa ta’anii fi kiraa-sassabdummaa irratti bilchina olaanaadhaan qolachaa kallattiiwwan toorichi kaa’u naamusa cimaa fi aantummaa uummataa cimaadhaan deggeramuun qophii karoorichaa raawwachuuf tumsuu qabna.


      1. Mul’ata yeroo gabaabaa fi dheeraa akka biyyaatti jiru akka ka’umsaatti

Biyya keenyaa sirni dimokiraasii, bulchiinsi gaarii fi sirni haqaa hirmaannaa fi fedhii ummataatiin keessati diriire fi hiyyummaa keessaa baatee bara 2017tti biyyoota galii giddu-galeessa qabanitti makamuuf mul’ata qabattee duula farra hiyyummaa geggeessaa jirti. Mul’atuma kanaan waggoottan darbe sochii cimaa taasifameen akka biyyatti wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuun kan danda’ame ta’us galii uummata keenyaa fooyyessuun kan danda’amutti qonni Kenya hammayyaa’ee guddina industriif gahee guddaa akka qabaatu gochuun yoo danda’amedha.

Haaluma kanaan, KGTn marsaa 1ffaa keenya deemsa haaromsa keenyaaf bu’uura gaarii kan kaa’ee jechuun ni danda’ama. Kana irraa ka’uudhaan mul’ata keenya yeroo dheeraa kan ta’e haaromsa biyya keenyaa mirkaneessuun biyya badhaatee fi sirna ijaarsa dandamanna jijjiirama qilleensa fi diinagdee magaarisaa dhugoomsuu dandeessu ijaaruun akka danda’amutti Karoora Guddinaa fi Traansfoormeeshinii itti aanu qopheessuun dirqama ta’a. Kanaafuu, mul’atni keenya kan yeroo dheeraa KGT marsaa 2ffaa tiif akka ka’umsaatti fudhatama.



      1. Imaammataa fi Tarsiimoo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa akka ka’umsaatti

Himaammatni qonnaa fi misooma baadiyyaa hojii irra ooluu eega jalqabee kaasee dameen kun guddinaa ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu galmeessisuu danda’amee jira. Kun ta’uu kan danda’eef himaamatni fi tarsiimoon kun guutummaati bakka hojii irra hin ooletti ture. Kun kan namatti agarsiisu himaamataa fi tarsiimoon qonnaa fi misooma baadiyyaa ammas guutummaatti hojiitti jijjiiruun raawwachuun hanga danda’ametti guddina qonnaa galmaa’een olitti dachaan guddina agarsiisuun ‘Traansfoormeeshinii’ mirkaneessuun akka danda’amudha.

Imaammata qonnaa fi misooma baadiyaa biyya keenyaa keessatti dhimmoonni akka tarsiimotti kaa’aman akka armaan gaditti tarreeffamanii jiru



  • Guddina diinagdee ariifachiisaa dhugoomsuuf qonnaa fi misooma baadiyaa jiddu galeesa godhachuun murteessaa akka ta’e;

  • Fayyadamummaa ummataa gama hundaan mirkaneessuuf guddinni qonnaa fi misooma baadiyyaa giddu galeessa godhate dhimma ijoo akka ta’e;

  • Midhaan nyaataatiin walqabatee irkatummaa akka biyyatii jiru dhabamsiisuuf guddinni qonnaa fi misooma baadiyaa giddu galeessa godhate dhimma ijoo akka ta’ee fi

  • Diinagdee gabaa giddu galeessa godhate babal’isuuf guddinni gama qonnaa fi misooma baadiyaa murteessaa akka ta’e ifatti kaayamee jira.

Gama biraatin imaamaticha keessatti kallattiiwwan bu’uuraa qonnaa fi misooma baadiyaa biyyi keenya imaammaticha hojii irra oolchuuf hordofuu qabdu kaayamee jira.Akka biyyatti humna namaa bal’aa qabnu fi lafa misoomaaf oolu mijaa’aa jiru qindeessuun kappitaala muraasa jiru qusannoo fi haala bu’a qabeesa ta’een hojii misoomaaf oolchuun murteessa akka ta’e kaa’amee jira. Kallattiiwwan bu’uuraa imaammaticha keessatti taa’anis:-

  • Tootfaa humna namaatti bal’inaan fayyadamuu

  • Lafa qonnaa sirnaan itti fayyadamuu

Lafa qonnaa haala itti fufiinsa qabu fi qabeenya uumaamaa irratti miidhaa hingeessifneen itti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e imaammaticha keessatti tuqamee jira. Gama kanaan karoora itti fayyadama lafaa irratti hundaa’uun lafa kamtu caalmaan misooma kamiif ooluu akka qabu adda baasuudhaan haala oomisha fi oomishtummaan lafaa guddinni diinagdee qonnaa fi misooma baadiyaatiif sadarkaa ol’aanaan gumaachuu danda’uun hojii irra ooluu akka qabu sirritti kaayamee jira. Gama biraatiin mirgi abbummaa fi itti fayyadama lafaa wabii heera muutummaa kan argate akka ta’e imaammaticha keessatti ibsamee jira. Kun ta’uun isaa ammo qotee bulaa fi horsiisee bulaan lafa isaa irratti haala qabeenya uumamaa irratti miidhaa hingeessineen biqiltuu dhaabbataa fi midhaan yeroo gabaabaa misoomsee akka itti fayyadamuuf wabii ta’ee jira.

Dhimmi kunuunsa qabeenya uumamaa imaammata fi tarsiimoo qonnaa fi misooma baadiyaa biyya keenyaa keessatti kallattii hordofamuu qabu bal’inaan tuqamee jira. Gama kanaan, dhimmi dhiqama biyyee manca’ina bosonaa fi babal’inni gammoojummaa qormaata hojii misooma qonnaa akka ta’an fi guddina ariifata fi itti fufiinsa qabu gama qonnaa fi misooma baadiyaatiin fiduuf hudhaa akka ta’an fi tooftaalee rakkooleen gama kanaan mul’atan ittiin maqfaman ifatti taa’ee jira.

Sanada himaamataa fi tarsiimoon qonnaa fi misooma baadiyyaa irratti kallattiiwwan bu’uuraa kaa’aman raawwachuu ilaalchisee gamaaggama raawwii KGT marsaa 1ffaa irratti hubachuun akka danda’ametti kallattiiwwan ka’aman guutummaatti hojii irra ooluu dhabuu fi KGT marsaa 2ffaa keessatti karaa guutuu ta’een raawwachuuf haalli mijataa ta’e kan uumame waan ta’eef himaamataa fi tarsiimoon qonnaa fi misooma baadiyyaa KGT marsaa 2ffaa keenyaaf akka ka’umsaatti fudhatamee jira.


      1. Ka’umsaa fi Raawwii KGT Marsaa Jalqabaa akka ka’umsaatti

KGT marsaa jalqabaa bu’uurri ka’umsaa biffa hedduudhaan KGT marsaa 2ffaa tiif akka ka’umsaatti kan fayyadu ta’uu isaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa ta’a. Sababni isaas dame qonnaattiin carraawwan guddinaa kan namatti agarsiisu, sirna hudhaalee bu’uuraa ta’an kan adda baasee fi carraan guddinaa ammas kan jiruu fi kan itti hin bu’amne, hudhaaleen kunis guutummaatti kan hin hiikamne waan ta’aniif hojii fuula duraa kan gaafatu ta’a.

KGT I keessatti meeshaalee riifoormii hojii irraa turan irraa kan ka’e tajaajilli uummataaf kennamu fooyya’aa dhufeera. Haa ta’uu malee hojii meeshalee riiformii hojii irra oolchuu tokko tokko irratti akkaataa saganteeffameen deemuu irratti harcaatiin mul’ataa tureera.Raawwataan sadarkaa sadarkaan jirus meeshaalee jijjiiramaa kanatti fayyadamuun hojii guyyaa guyyaa isaa raawwachuu qubu sadarkaa barbaadamuun qaama isaa godhatee hojii irra oolchaa hin turre. Qaawwa hanqina kanaa cufuuf baroottan tarsiimmoo itti annu keessa riifoormiin haala fooyya’een hojii irra akka oolu ni taasifama.


Baroottan KGT 1 keessa raawwataa qopheessuu keessatti hojii hojjatameen fooyya’iinsi jijjirama ilaalchaa kan dhufe yoo ta’u, karaa guutuu ta’een jijjiiramni ilaachaa dhufeera jechuu kan nama dandeessisuu miti. Kanaafisbara tarsiimoo itti aanutti hanqina fi cimina hojii kana irratti jiru sakata’uun hojii kana xiyyeeffannaan hojjachuun jijjiramni ilaalchaa fooyya’aa akka deemu ni hojjatama.
Raawwii KGT 1 keessatti hojii hojjatamu hundaa raayyaa fi raayyaa qofaan hojjachuuf kallattiin kaa’amee ture sadarkaa barbaadamuunis ta’uu batu raawwiin hojii fooyya’aa dhufeera. Hanqina KGT 1 keessatti gama kannan mul’atu irratti hojjachuun KGT-2 itti aanuu keessa hojiin kun karaa fooyya’iinsa qabuu fi guutuu ta’een akka raawwatamu ni taasifama.
Bu’aan raawwii KGT marsaa jalqabaa, raawwii karooraa keessatti ciminaalee fi muuxannoowwan gaggaariin argaman akka ka’umsaatti fudhatamaniiru.Bu’aa argame irratti hundaa’uudhaan galma hiixataa kaa’uudhaaf, ciminoota mul’atan caalmaatti jabeessuudhaan KGT itti aanu keessatti bu’aa olaanaa bifa mirkaneessuu danda’uun muuxannoowwan argaman babal’isuun carraa guddinaa jiru duguuganii fayyadamuun akka danda’amutti KGT marsaa jalqabaa akka ka’umsaatti fudhatamee jira.

      1. Fedhiiwwan, komiiwwanii fi Gaaffiiwwan haaraa uummatni keenya qabu akka ka’umsaatti

Sochii waggoottan darbe keessa taasifameen bu’aan isaa haala siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee uummata keenyaa irratti jijjiirama fiduu eegaleen uummata bu’aa argatee fayyadama bu’aa kanaa oliitiif onnatee fi kaka’e uumeera. Kanaafuu, fayyadama uummata keenyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun kan danda’amu fedhiiwwanii fi gaaffiiwwan uummataa hubanoo keessa galchuun karoorsuun barbaachisaa ta’a.

      1. Carraa bal’aa (Potential) naannoo keenyaa qabu ka’umsa karoorichaa taasisuu

Naannoo keenya haala qilleensaabaddaa, badda daree fi gammoojjii waan qabduuf midhaan gosa adda addaa misoomsuuf haala mijataa qabdi. Lafa bal’aa fi misooma qonnaatiif mijataa ta’ee kan qabduu fi qilleensa giddu galeessa biyyaa waan taateef carraa guddina keessattu investimanti fi ijaarsa bu’uuraalee adda addaa qabdi. Kana males, humna namaa bal’aa, qabeenya uumamaa faayidaa guddina hawaas’diinagdeef ooluu danda’u hedduu qabdi. Gama biraatiin hambaalee uumamaa fi aadaa giddu galeessa ikoo-turizimii ta’anii ijaarsa diinagdee magaarisaa keessatti qooda guddaa bahuu danda’an hedduu qabdi. Kuni immo hojii kunuunsa qabeenya uumamaaa naannoo keenyaa hirmaannaa uummataa fi qaamolee adda addaatiin caalamatti sadarkaa olaanaan gahuuf akka carraa guddaatti fudhatamuu qabu.

Carraawwan misoomaa akka biyyaatti jiranii fi karoora akka biyyaatti qophaa’uuf ka’umsa ta’uu danda’u akka jirutti ta’ee carraa misoomaa naanoon keenya qabdu sirriitti adda baasuun KGT II qophaa’uuf ka’umsa godhanii fayyadamuun barbaachisaa ta’a.



      1. Ka’umsa barbaachisoo ta’an kanbiro

Galmoota misooma itti-fufiinsaa (Sustainable Dev’t Goals) dhaabbatni mootummaa gamtoomanii bara 2015 irraa eegalee hojii irra oolchuuf qophaa’e keessaa dhimmootni sektera qonnaa ilaallatan karoora kanaaf akka ka’umsaatti fudhatamaniiru. Beella hambisuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, nyaata madaalawaa ta’e uummatni akka argatu taasisuu, Galii uummataa guddisuu,

    1. Kaayyoolee Karoorichaa

Kaayyoon karoora sektera qonnaa sektericha keessatti guddina ariifataa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu yammuu ta’u

  • Guddina misooma qonnaa ariifataa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuun qonnaa keessatti akkasumas sadarkaa diinagdee walii-galaa keessatti ‘Traansfoormeeshinii’ akka fidu gochuu;

  • Sekterichatti dubartootaa fi dargaggoota akkasumas qaamota sektericha keessatti qooda fudhatan hunda bifa ijaarameen hirmaachisuun qixa gahee isaaniitiin akka fayyadaman taasisuu;

  • Sekterichi diinagdee olaanaa (Macro-economy) keessatti gahee murteessumaa guddaa qabu bifa mirkaneessuu danda’uun dandeettii oomishumaa akka cimsatu gochuu;

    1. Kallattiiwwan bu’uuraa hordofaman

Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa guddisuu fi itti-fufiinsa isaa mirkaneessuuf kallattiiwwan bu’uuraa armaan gadii hordofuun barbaachisaa ta’a.

        1. Hojiiwwan keenya hunda raayya ijaarameen raawwachuu

Sochii taasiisnu hunda keessatti faayidaa raayyaan hojjechuu sirritti hubachuu fi hubachiisuun akkasumaas kallatii bu’uura akka ta’e qaamni hundi hubatee raawwii karoora qabamee kana kallatii kanaan raawwachuu qaba.Haaluma kanaan qonnaan bulaan hojiimaata raayyichaa hordoofuun maasaa dhuunfaa irratti maatii isaa wajjin qindaa’ee yoo raawwate qofa galma kaa’ame bira gahuun akka danda’amu hubatamee akka kallattii tokkotti hojii irraa olchuu qabna.

Gama biraatiin waltajjiiwwan marii raayyaa haala hojmaata jiruutiin adeemsifaman keessatti hojii yeroo yeroon hojjetamu irratti xiyyeeffachuun marii itti fufiinsa qabu taasisuu fi muuxannoowwan jiran wal jijjiiruun qonnaan bultoonni raawwii walitti dhiyaatu akka galmeessisan taasisuun akka kallattii xiyyeeffannaa tokkootti kan raawwatamu ta’a.



        1. Ilaalchota dogoggoraa fi gufachiisoo ta’an hiikuudhaan ilaalcha misooma’awaa fi dimokraatawaa ta’een bakka buusuu

Hojiiwwan fi karoorawwan keenya hundi haala bu’aa qabeessa ta’een raawwatamu kan danda’u ilaalcha qaama raawwatu fi raawwachisuu jijjiruun yoo danda’ame qofa dha. Ilaalcha jijjiruu keessatti leenjii fi marii keessatti muuxannoowwan gaarii jiran ka’umsa godhachuun qabsoodhan sirreessuu fi raawwii qabatamaa keessatti dadhabsiisaa akka deemuun xiyyeeffannaan kan raawwatamu ta’a. Haaluma kanaan, sochiilee guyyaa guyyaa godhamuu keessatti ilaalchoota tarsimoo muuxannoo gaarii fi guddina omishaa fi oomishtummaa keenya guufachiisan sakata’uun dadhabsiisaa deemuun kallatii bu’uuraa isa ijooti.

Kana galmaan gahuuf waltajjiiwwan marii sadarkaan adeemsifaman keessatti ilaalchota dogoggoraa addaan bahan irratti qabsoo cimaa geggeessuun walii galteerra akka gahamu taasisuu fi hojiiwwan hojjetaman hunda irratti marii “video conference”ii akkasumaas miidiyaalee jiranitti gahumsaan fayyadamuu fi uwwisa miidiyaa gahaa kennuun muuxannoowwan gaariin iddoo tokko jiru iddoo biraatti akka babal’atu hojii kominikeeshinii bu’a qabeessa ta’e hojjachuun akka kallattii xiyyeeffannaa tokkootti qabameera. Waluma galatti hojiilee keenya hunda hudhaalee ilaalcha, dandeetti, dhiiheessii fi hordoffii fi deeggarsa keessatti sadarkaa sadarkaan mul’atan qabsoo ho’aan hiikuun kan raawwatamu ta’a.



        1. Qonni waggaa shanan dufu keessatti burqaa guddina diinagdee isa olaanaa ta’ee itti fufa;

Qonni waggaatti guddina ariifataa ta’e galmeessisuudhaan galma wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’u; ‘Agro-Prosesing’ dhaaf galtee gahaa ta’ee kan dhiyeessu; qaalaiinsa gatii karaa amansiisaa ta’een to’achuun gahee murteessaa ta’e akka bahuu fi hanqina sharafa biyya alaa hambisuuf gahee olaanaa isaa akka gumaachu ni taasifama;

        1. Qonni horsiisee/qonnaan bulaa keenyaan geggeeffamaa jiru ammas bu’uura guddina qonnaa isa olaanaa ta’ee itti fufa;

KGT marsaa 1ffaa keessatti muuxannoowwan argaman bu’uura godhachuudhaan qabiyyeen qonnaa xixiqqaan ammas bu’uura guddina qonnaa isa olaanaa ta’ee akka itti fufu ni taasifama. Lafa xiqqaa irraa human bal’aa fi teekinooloojii ammayyaa’aa ta’e fayyadamuun oomisha bal’aa kan oomishuu fi dabalataanis oomishaalee gatii guddaa qaban oomishuu irratti qonna hundaa’e kan hordofamu ta’a.

        1. Dameen abbootiin qabeenyaa dhuunfaa qonna keessatti gahee isaan qaban guddisuu

Naannoo gammoojjii bakka lafti babal’aan jiruu fi Qonnaaf mijataa ta’etti abbootii qabeenyaa deggeruu; naannoo baddaa fi badda dareetti misooma hortiikaalcherii cimsuudhaan akka hojjetamu ni taasifama. Akkasumas dargaggota baratan qonna ammayyaa’aa ta’eef bu’uura akka ta’an gochuuf akka kallattii bu’uuraatti qabameera.

        1. Qonni xixiqqaan qonnaan/horsiisee bulaa keenyaan geggeeffamaa jiru guddina ariifataa galmeesisuu akka danda’utti tarsiimoon babal’isuu bifa guutuu ta’een hojii irra oolchuu;

Teekinooloojii qonnan bultootni adda dureen fayyadaman gara qonnaan bultoota biraatti babal’isuun oomishtummaa gara sadarkaa warra qonnaan bultoota adda duree bira akka gahu gochuun xiyyeeffannoo kenname yoo ta’u teekinooloojiiwwan haaraan sakatta’amanii ariitiidhaan qonnaan/horsiisee bultoota bira akka gahu gochuu;

        1. Hojii misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaa cimsuudhaan sulula misoomu keessaatti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu ;

Kunuunsi qabeenya uumamaa inni guddaan dandeettii qonnaan bultootaa fi deggertoota caasaalee mootummaa fayyadamuu fi itti fufiinsaan ijaaruun kan raawwatamu ta’a. Waggoottan KGT darban keessatti qabeenya uumamaa keenya kunuunsuuf sosochii uummatni keenya taasise sadarkaa hoo’ina isaa eeguudhaan akka socha’u taasisuun hojii kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaa misooma jallisii babal’isuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf dhimma murteessaa godhamee fudhatameera;

        1. Hojiiwwan omishaa fi omishtummaa guddisuuf bu’uura ta’an irratti xiyyeefachun hojjechuu

Guddina qonnaa haala itti fufinsa qabuun galmeessisuun kan danda’amu teeknoloojiiwwan foyya’a ta’an fi hojiimaata isaani qonnaan bulaa hubachisuu, akka raawwatu gorsuu, bu’aa qabeessumaan isaa yeroo mirkana’u babal’suun yoo danda’amee dha. Adeemsa kana keessatti sirna teeknoloojiiwwan dhihaatani akka babal’atan gochuu fi dandeetti qonnaan bulaa cimsuu dandeessisu diriirsuun marteessa dha.

Haalauma kanaan, sirna ekisteenshinii keenya lafa qabsiisuuf wirtulee leenjii qonnaan bulaa haaraa ganda gandaan ijaaruu, kan ijaaraman meeshaa guutameef akka sochii jalqaban gochuu, hojiin agarsiisaa akka gaggeessan gochuu, qonnaan bulaa fi dargaggootaaf leenjii akka keennan gochuu, hojjetootni baadiyyaa qonnaan bulaa biratti olanii akka bulan gochuudhan dirqama lammumaa isaani akka bahan fi walumagaltti qonnaan bulaan midhaan agadaa fi biilaa dabalatee gosa midhaan adda addaa paakeejii guutuu ta’etti fayyadamuun oomishtummaa isaa akka dabalu ni taasifama. Kanuma wajjin walqabatee caasaa keenya cimsuun namoota “core” ta’an haala uumuu danda’amu irratti ni hojjetama.



        1. Qonnan bulaan oomishaalee gatii guddaa qaban oomishuutti akka ce’u taasisuu;

Qonnan bulaan oomishaalee gatii fooyya’aa qaban gara oomishuutti akka ce’u gochuun galiin isaa akka guddatu taasisuuf gatii xiqqaa kan qaban irraa gara warra gatii guddaatti akka ce’uuf sochiin taasifamu cimee akka itti fufu ta’a. Kunis Ispeeshalaayizeeshinii fi industrii xixiqqaa waliin wal-quunnamsiisuun haala gabaa mijataa ta’e akka jiratu gochuuf kan hojjetamu ta’a;

        1. Misooma qonnaa Agro-Ekoloojii hordofu geggeessuu

Haalli tessumaa fi qilleensi naannoo (Agro-Ecology) karoora fi kallattii raawwannaa hojii keenya irratti dhiibba qaba.Karoora hojii fi raawwii hojii naannoo rooba gahaa qabu fi naannoo hanqina rooba qabu tokko miti.Kanaafuu, godinaalee haala qilleensaa fi taa’umsa isaaniitiin, carraalee misoomaa fi rakkoolee jiraniin walfakkaatu. Akkasumas taa’umsaan wal-daangeessan haala kilaastariitiin bakka tokkotti karoorsuu fi akkaatuma kanaan hojiirra oolchuun barbaachisaa waan ta’eef naannoo keenya akaataa bakka sadiitti (Naannoo oomisha gahaa, Naannoo misooma bunaa fi naannoo hanqina roobaa) qoodamee jiruun ni raawwatama.

        1. Godina fi Aanaaleen poteenshala addaa qaban Kilaasteraan qooduun hojjechuu

Omisha fi omishtummaa guddisuuf qonnaan bulaan paakeejii guutuu fayyadamu qabu akkuma jiruutti ta’ee gosa midhaan omishamu tokko qophii maasaa irraa kaasee hanga omisha boodaa hojiiwwan qindoominaan raawwatamu qabanin yoo hojjetame poteenshala qabu hunda akka baasuu danda’uu fi ce’uumsa teeknoloojiif akka gargaaran godinaalee fi aanaalee potenshaala qaban keessatti xiyyeefannaa addaatin ni hojjetama. Akkaataa qoodiinsa kanaan teeknolojiiwwan dhiyaatani fi leenjiin keennamu hamma danda’amaa ta’etti haala qilleensa isaa wajjin akka walsimu kan taasifamu ta’a. Kanuma wajjin walqabatee sirna qonnaa aanaaleen qaban irratti hundaa’uun aanaaleen carraa gosa hojii qonnaa qabaniin (specialization) irratti caalmaatti xiyyeefachuun akka raawwatani fi sadarkaa q/bulaas kanarratti dabaluun gosa hojii qonnaa dabalataan hojjechuu carraa qabuu irratti akka hojjetuu ni taasiifama (Diversification).

        1. Hojiin TMGB adda dureen akka oogganamu gochuu

Adda duroonni hojii gannaa keessatti keessattuu callaa guddistuu fi teeknolojiiwwan qonnaa qixa barbaadameen fayyadamuu kan danda’anii, maatii isaanii qindeessanii hojii irratti kan bobbaasan fi muxannoowwan dhiyaatan fayyadamuu irratti fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’ani dha. Kanaafuu adda duroonni keenya callaa guddistuwwan yeroon bitachuun, lafa sirritti qopheessuun, akkaataa gorsa ogummaa kennamuun sanyii sararaan facaasuun, yeroon aramuu fi akka waligalatti hojimaatoota omishtummaa guddisan fakkeenya ta’ani raawwachuun gahee isaani akka ba’an ni ta’a.

        1. Garaagarummaa fayyadama teekinooloojii Qonnaan bultoota gidduu-jiru hambisuuf qonnaan bultoota keenya bakka sadiitti qooduun hordoffii fi deggersa wal-irraa hin cinne gochuu

Baadiyyaatti carraa guddina arifataa uumamaa jiru irraa dubartootaa fi dargaggootni keenya fayyadamoo akka ta’an mirkaneessuu;

        1. Aanaalee gogiinsi yeroo adda addaa itti deddeebi’u addaan baasuun karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa baasuun xiyyeeffannoon hojjechuu;

Gogiinsaa fi balaan adda addaa iddoo itti deddeebi’ee miidhu gargaarsa yeroo gabaabaa kennuun furuuf deemuu irra qophii gahaa taasisuudhaan tarsiimoo fi karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa hojii irra oolchuudhaan rakkoo kana bu’uura irraa hiikuuf ni hojjetama.

        1. Misooma qonnaa amansiisaa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuun akka danda’amutti karoorri keenya qabiyyee fi raawwii dhaan tarsiimoo misooma magariisaa wajjin kan wal-simu akka ta’u taasisuu;

        2. Karoora keenya karaa hirmaachisaa fi dimookraatawaa ta’een qofaan raawwachuu

Hojiiwwan KGT II keessa raawwachuuf karoorfaman hirmaannaa caasaa fi haawaasa sadarkaan jiru karaa dimookraatawaa qofaan ta’uu qaba.Karoora qophaa’ee irratti yeroo mari’atamuu galmoota ka’amani fi kallatii galma kaa’ame bira gahamu irratti yaadni adda addaa dhiiyaate karaa dimokraatawaa ta’een fi qabsoodhaan irratti wali galama. Qonnaan bulaan keenya teekinoolojiiwwan akka fayyadamu akkasumaas paakeejota dhiiyaatan guutuumaatti akka fayyadamu gochuuf dirqisisuun utuu hin ta’iin jalqaba ilaalchoota dogoggora ta’an isa bira jiran adda baasuun waltajii marii keessatti sirraa’uu danda’an sirreesuun kan hafan raawwii hojii qabatamaa keessatti dadhabsiisuun dhabamsisuuf kan hojjetamu ta’a.



        1. Qindoominnii seektaroota fi qooda fudhattootaa sadarkaa barbadamuun akka jiratuu gochuu;

        2. Sirni itti faayyadama lafa baadiyaa naannoo oromiyaa bu’aa qorannoo saayinsaawaa karoora itti fayyadama lafa baadiyaa irratti hundaa’ee misoomni lafa baadiyaa keessatti gaggeeffamu karoora itti fayyadama lafaatiin akka hoogganamu taasisu fi sirna bulchiinsa lafa baadiyaa ammayyeessuu

        3. To’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo cimsuudhaan aakkasumas hirmaannaa qaamoleeaddaaddaacimsuunqabiinsa fi gatiinsibalfaawwanaddaaddaahaalaistaandardiiakkabiyyaattibaheenakkawalsimugochuu fi sochiinhawaas-diinagdeenaannookeenyaasirnaijaarsadiinagdeemagaarisaaakkahoordofutaasisuu;




    1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Themes & Results)

      1. Yüklə 0,92 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin