Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə10/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   23

18. 16 Kabachiisa Caalbaasii


1. Manneen hojii mootummaa bittaa tajaajila gorsaan ala bittaa kamiyyuu malawwan bittaa caalbaasii ifaa ykn caalbaasii murtaa'aa ykn bittaa gaaffii yaada dorgommii ykn caalbaasii sadarkaa lamaatiin yeroo raawwatan sanada caalbaasii keessatti wabummaa kabachiisa caalbaasii ifatti murteessanii ibsuu qabu.Ta’us, manni hojiichaa barbaachisumma isaa yoo itti ammane tajaajila gorsafis wabummaa kabachiisa caalbaasii akka qabsisaan gaaffachuu ni danda’a.

2. Bu’uura Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa keewwata 30(2) kabachiisni caalbaasiif qabamu gatii tilmamma bittaa waliigala bu’uura godhachuun % 0.5 gadii kan hin taanee fi % 2 kan hin caallee kabaachiisa caalbaasii hanga maallaqaa murteessuun wammicha caalbaasii fi sanada caalbaasii keessatti ibsuu qaba. Kabaachiisiini caalbaasii murteeffamuus qr.500, 000.00 ol ta’uu hin qabu.

3. Keewwata kana keewwta xiqqaa 2 irratti haala ibsameen manneen hojii mootummaa hanga kabaachiisa caalbaasii murteessuuf haalawwan armaan gadii yaada keessa galchuu qabu.

a.Meeshaan ykn tajaajilii bittamuu haalii gatii sadarkaa ol’aanaan geggeedaramaa ta’usaa,

b. Caalbaasii keessatti kan hirmataan dorgomtoonii ga’aan jirachuu,

c.Kabaachiisni caalbaasii dorgomtooni akka dhiyeessan gaafatamaan caalbaasii keessatti akka hin hirmanee gufuu ta’u hin qabu,

d.Dorgoman mo’ataa ta’ee filatamuu waliigalticha fedhiidhaan akka mallatteessu dhiibbaa kan taasisu,

e.Mo’ataa ta’ee dorgoman filatamuu waliigaltee mallatteessuuf fedhii yoo hin qabaane wabichii miidhaa mana hojiichaa irra ga’u bakka buusuuf kan walmadalu ta’u,

4. Kabaachiisnii caalbaasii bifa wabummaatiin dhiyaatu akkuma filannoo dorgomtichaatti maallaqa callaan, baankii irraa ajajja kaffaltii kan ittin kennamu cheekii mirkanaa'een, Leeter-of-kireediitiidhaan ykn wabummaa baankiitiin ta'uu ni danda'a.

5.Keewwata Kana keewwata xiqqaa 4 irratti kan ibsame akkumaa eegameetti ta’ee kontirakteeroon biyya keessa hojii ijaarsa irratti booba’an kabaachiisa caalbaasii haala irratti hunda’e wabumma inshuuransii yoo dhiyeessan fudhatama ni qaba.

6.Kabaachiisni caalbaasii dorgomtoota irraa dhiyaatu yeroo itti raggaa’ee turu guyyaa dhumma gatiin caalbaasii raggaa’ee turu booda yoo xiqqatee guyyoota dabalataa 28f raggaa’ee turu qaba.

7.Dorgomtooni biyya ala baankii biyya alaatti wabummaan kabaachiisa caalbaasii qabsisaan baankoota biyyaa keessan kan mirkanaa’ummaa argate fi haala irratti kan hin hundofinee ta’u qaba.

8.Dorgoman kamiyyuu sababa armaan gadiin wabumman qabsisee mana hojii mootummaan dhaalamuu ni danda’a.

a.Sanada caalbaasii irratti kan ibsame yeroon dhumma sanada dorgomii itti dhiyaatu ergaa darbe booda ykn bu’uura sanda caalbaasii irratti ibsameen yeroo gatiin sanda caalbaasii raggaa’ee itti turu keessatti dorgoman caalbaasii keessa yoo bahe,

b.Dorgoman caalbaasii mo’ataa ta’ee waliigaltee akka mallatteessu fi kabaachiisa waliigaltee akka qabsisuu gaafatamee waliigaltee mallatteessuu fi kabaachiisa waliigaltee gaafatame qabsisuu yoo dide’

9. Mo’ataa caalbaasii akkumaa beekameen bataluumatti dorgomtoota caalbaasiicha irraatti hirmaatanni mo'amaniif kabaachisni caalbaasii qabamee gadhifama.

10.Kabachiisni caalbaasii dorgomaa mo’ateef, kan deebi'uuf kabachiisa walii-galitee qaama bittaa raawwatuuf galii erga godhee booda ta'a.

18.17. Sanada yaada dorgommii Fuudhuu


        1. Manni hojii mootummaa sanduqa caalbaasii dorgomtootaa irraa sanada yaada dorgommii itti fuudhuu qopheessuu qaba. Sanduqni caalbaasicha bakka waamicha caalbaasii irratti ibsametti guyyaa wammichi taasifame irraa kaasee hanga dhumma sa’aatti cufamuutti bana ta’ee turu qaba.

        2. Nageenyi sanduqa caalbaasii eggamu kan qabu yoo ta’u hanga caalbaasichi banamutti furtun harkaa Abbaa Adeemsa hojii bittaatti qabamee turu qaba.

        3. Sanadni yaada dorgommi kamiyyuu sanduqa caalbaasiif qophaa’e keessatti galuu qaba. Haata’u malee sanadni yaada dorgomii sanduqa keessa galuu kan hin dandeenye yoo jiraate manni hojiicha guyyaa wammichi caalbaasii taasifamee kaassee hojjetta sanada yaada dorgomii fudhuu ramaduun sanada yaada dorgomii dorgomtootan dhiyaatu ni fuudha

        4. Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3n ibsameen manni hojii mootummaa sanada yaada dorgomii fudheef raga ni kenna. Bu’uura kanaan sanada dorgomii dhiyaatee nagheenyi isaa eegamuu isaa abbaan adeemsa hojii ni mirkaneessa.

        5. Guyyaa fi sa’aatti dhumma sanada yaada dorgomii itti dhiyaatu booda ture sanada yaada dorgomii ga’u osoo hin banamiin yerumasana dorgomtootaf deebi’u qaba.



18.18 Baniinsa Caalbaasii


1. Caalbaasiin kan banamu akka waamicha caalbaasichaatti ykn fooyya’insi taassifameera yoo ta’e akkaataa guyyaa, sa’aatiifi iddoo sanada fooyya’e irratti ibsametti ifaatti banamuu qaba.

Caalbaasichi yeroo banamus:



  1. Sanadni yaada dorgomii dorgomaa ykn bakka bu’aan bakka argamanitti banama. Ta’us dorgomaan ykn bakka bu’an baniinsa caalbaasichaa irratti osoo hin argamiin hafuun baniinsaa caalbaasii hin gufachiisu.

  2. Hanga adeemsa caalbaasii hin gufachisnee fi dhiphiinni iddoo hin jireetti bakka bu’aan sab-qunamtii fi namni kamiyyuu caalbaasiicha taajjabuuf fedhii qabuu argamu ni danda’a.

  3. Hanga danda’ametti yeroo banninsa caalbaasii odiitiin keessaa akka argamu ni-taasifama.

d. Baniinsa caalbaasii irratti Adeemsa hojii bittaa keessaa yoo xiqqaate hojjetootni 3 hirmachuu qabu.Ta’us,hanga danda’ametti adeemsa hojii bitta irra fayyadamtoota ta’an irra ogeeyyiin bakka bu’an sirna baniinsa caalbaasii irrati argamuu ni danda’u .

  1. Caalbaasiin poostaa tokkoon akka dhiyaatu kan gaaffatame yoo ta’e, manneen hojii sanada yaada dorgommii dorgomtootaan dhiyaate banuudhaan maqaa dorgommaa, gatii dhiyaate, hanga hir’ifama gatii fi haala isa, gosa kabaachisa caalbaasii hangaa fi dorgomtoota kaadhimamoo kamiyyuu sadarkaa isaanii beekuuf ni gargaara jedhamee yaadamu haalawwan biroo dubbisuudhaan dhageessisuu qabu.

  2. Caalbaasichi poostaa lamaan akka dhiyaatu kan gaafatame yoo ta’e:-

  1. Sirna baniinsa caalbaasichaa irratti poostaan dookimeentii tekiniikaa qabate akka banamu ta’ee enyuummaa dorgomtootaa dabalatee qabxxiiwwan yeroo sanatti ibsamuu qaban dubbifamuudhaan dhagahamuu qabu.

  2. Poostaan gatii, dorgomtoota hundaan dhiyaatee hojjettoota caalbaasii bananiin mallatta’ee osoo hin banamiin guyyaa baninsa marsaa lamaffaa eggata. Guyyaan banniinsaa poostaa gatii hanga gahutti poostichii Adeemsa hojii bittaa ykn qaama itti gaafatamummaan kennameefiin eggannoon dhaan qabame turu qaba.

  3. Gamaggamni tekiniikaa godhamee firiin argame qamaa angoon keenamefiin ergaa raga’e booda firiin argame dorgoomtoota caalbaasii irratti hirmataan hundaaf yeroo walfalkkatuu keessattii barreefamaan ibsamuu qaba.

  4. Dorgomtoota ulaagaa tekiniikaa darbanifiis ta’e kufaniif barreefamaan firiin xinxaala tekiniikaa ibsamuufi qaba.

  5. Dorgomtoota yaadni dorgommii tekiniikaa isaani fudhatama argateef xalayaan barreeffamu guyyaa, sa’aatii fi iddoo baniinsa kan ibsu ta’uu qaba.Xalayichis yeroo walfakkaatu keessatti akka gahu gochuu fi dorgomtoonni fedhii qaban hundi sirna baniinsa caalbaasii poostaa gatii irratti argamuu akka danda’an yeroo gahaan kennamuufii qaba. Ta’us iyyannoon kan dhiyaate yoo ta’e iyyatichi murtee hanga argatutti poostaan gatii banamuu hin qabu.

  6. Bu’uura waamicha taassifameen dorgomtoonni kaadhimamoon gamaaggama teekinikaa darban iddoo argamanitti enveloopiin gatii waldorgommii qabate ifatti akka banamu ta’a.

  7. Poostaa dorgomtoota dorgommii gatiif darban banuudhaan maqaa dorgomtootaa, gatii bittichaaf dhiyeesse, hir’ifama gatii yoo qabaate hagamii fi gatii wajjin walitti dhufeenya kallatii kan qaba dhimmoota walfakkaatan biroo dorgomtoonni akka beekan godhamuu qaba.

  8. Gamaaggamni teekinikaa akkuma beekameen dorgomtoonni dorgommii teekinikaa hin dabarre kabachiisni caalbaasii qabsiisanii fi akkasumas poostaan gatii dorgommii qabate osoo hin banamiin ni deebi’aaf. Haa ta’u malee firii gamaaggama teekinikaa irratti komiin kan dhiyaate yoo ta’e iyyaticharratti murteen dhumaa hanga beekamutti poostaan dorgommii gatii fi cabachiisni caalbaasii qabsiisan hin deebi’u.

4.Adeemsi bittaa mana hojii mootummaa bittaa raawwatu adeemsa baniinsa caalbaasii irratti qaboo yaa’ii qabuu qaba. Qaboon yaa'ii qophaa’u maqaa dorgomtoota, gatii dhiyeessanii fi qabxiilee barbaachisaa ta'an biroos kan qabaatu ta'a. Qaboon yaa'ii fi sanada caalbaasii fuula hunda irratti hojjetoota adeemsa bitta irraa baniinsa caalbaasii irratti argamaniin ni mallatteessu.

5.Yeroo caalbaasiin banamuu dorgomtootni ykn bakka bu’oon argaman maqaan isaani galmaa'u fi mallatessuu qabu.



  1. Sanadnii yadaa dorgomii sirnaa baaninsaa calbaasii irratii osso hin baanamiin fi hindubbifamiin hafee kamiyyuu waldorgomii itti anuuf dhiyaachuu ykn taajajiluu hin danada’u.

  2. Dorgomaan kamiyyuu yeroo adeemsa baniinsa caalbaasii irratti caalbaasii ala taasifamuu hin qabu.




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin