Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Caalbaasii Gamaaggamuu fi Dorgomsiisuu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə11/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   23

18.19 Caalbaasii Gamaaggamuu fi Dorgomsiisuu


1. Gamaaggama Sadarkaa Duraa

1.Mannii hojii mootummaa caalbaasiin gutuudha jedhee gara tarreeffama adeemsa gamaaggama facaatii itti aanutti dabarsuu kan danda’u sanadiin ittiin dorgomii dorgomaadhaan dhiyaate sirna baaninsaa irratti kan banamee fi sanada caalbaasii irraatti haal durewwaan tarreeffarmaan fi qabxii barbaachisaan kan guutuu ta’ee yoo argame qofa.

2.Manni hojii mootummaa kamiyyuu dorgomtoota caalbaasii kanneen armaan gaditti tarreeffaman hin guunne gara gamaggama facaatiitti dabarsuu hin qabu.


  1. Dhiyeessan caalbaasii irratti dorgomee qulqullina sadarkaa gadi-aanaa fi ulaagaalee biroo bu’uura kan hin guunnee fi ga'uumsa kan hin qabne ta'ee, yoo argame,

  2. Sirreeffama dogoggora herregaa dhiyeessa hin fudhanne yoo ta’e,

  3. Dhiyeessan tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti kan hin galmeeffaminne yoo ta'e.

  4. Hayyama daldalaa haaromfamee fi gibiraa kaffaluusaa ragaa ibsu kan hin dhiyeeffanne, yoo ta'e.

  5. Dorgomaan kaabachiisa caalbaasii kan hin qabsisnee ykn kabaachiisa waliigaltee qabsisuuf fedhii kan hin qabnee yoo ta’e

3.Manni hojii mootummaa dogoggora herrega yeroo xiinxalaa argaman sirreessuu ni danda’a. Tarkaanfii serreeffama akkana manni hojii mootommaa hatatamaan dorgomaa dhimmi ilaaluuf barreeffamaan beeksisuu qaba. Dorgomaan sirreeffama herregaa kana kan hin fudhanne yoo ta’e, caalbaasii keessaa haqamuu qaba.

4.Amalawwan sanada caalbaasii tarreeffaman,haala waliigaltee fi qabxiiwwan barbaachisan biroo waliin jijjiirama bu’uura ta’e fi adduma kan hin qabne hanga hin ta’netti ykn firii caalbaasicha osoo hin jijjiiriin sirreeffamuu kan danda’u dogoggorii xixiqqaan ykn haqina yoo qabatees manni hojiicha caalbaasichi akka guuteetti fudhachuu ni danda’a. Haa ta’u malee hanga danda’ametti adduman kamiyyuu maallaqan ibsamee gamaggama caalbaasii fi yeroo dorgomii tilmamaa keessa akka galu taasifamuu qaba.


2. Gamaaggamaa Facaatii Taasisuu fi Mo’ataa Adda Baasuu

1. Manni hojii mootummaa mo’ataa caalbaasii filachuudhaaf sanadoota yaada dorgommii gamaaggama sadarkaa duraa irratti fudhatee fi ulaagaalee sanada caalbaasii irratti ibsamanitti fayyadamuudhaan gamaaggama facaatii gochuu qaba.Ulaagaalee sanada caalbaasii keessatti ibsamaniin ala gamaaggama gochuun hin hayyamamu. Manni hojichaa, bu’uura sanada caalbaasii irratti ibsameen mo’ataa caalbaasii filachuuf sirnoota gamaaggamaa armaan gadii keessaa tokkotti fayyadhamuu qaba.

a.Poostaa tokkon sanadaa caalbaasii dhiyaatee ulaagaalee tekiniikaa gutuu isaa mirkaneefachuu fi dorgoomaa gatii xiqaa dhihesse ykn;

b. Poostaa lamaan sanada caalbaasii dhiyaate ulaagalee teekiniikaa fi faayinansiif keenamee ida’ama gamaggaamaa waligalaatiin qabxii ol’aanaa argatetu filatama

2. Labsii sirna bittaa Lakk. 157/2002 keewwata 15 haala tumameen meeshaawwan biyya keessatti oomishamanii fi hojiiwwan ijaarsaa kubbaaniyyoota biyya keessaan raawwatamaniif ilaalch addaa ni godhama.

3. Manni hojii mootummaa yeroo mo’ataa caalbaasii filatu safartuudhaan adda bahee hanga beekametti safartuu meeshaa ykn tajaajila tokkoon tokkoon gatii baaqqeen kennamee ykn haalawwan waliigaltee fi jechoota biroo osoo hin jijjiiriin hamma baayyina meeshichaa ykn tajaajilichaa hanga %20 hir’isuu ykn dabaluu kan danda’u ta’uu isaa sanada caalbaasii irratti ibsuu qaba.



4. Daldaltoota “VAT” tiif galmaa’anii fi daldaltoota “VAT”tiif hin galmaa’in waliin kan dorgoman yammuu ta’u, madaalliif jecha gatii waliigalaa irraa gatii dabalataa “VAT”tiif dhiyaate hir’isuun meeshichi ykn tajaajilichi seera “TOT” kan kaffalchisuu yoo ta’e, bittaa meeshaaf %2 bittaa tajaajilaa fi immoo %10 irratti ida’uun dorgommiin akka gaggeeffamu ta’a.

5.Daldalaan “VAT”tiif galmaa’e kan mo’atu yoo ta’e, gatii duraan “VAT” waliin kennameen waliigaliteen kan raawwatamu ta’a.

6.Gamaaggamani facaatii yeroo taasifamu hir’ifamni gatii halduree irratti osoo hin hundaa’in kenname yaada keessa gala.

7.Akka barbaachisummaa isaatti sandni dorgomaan mo’ataa caalbaasii ta’e filatamee fi waligaltee mallattesse seera qabeessummaa ilaalchisee ragaan dhiyeessee, humna faayinaansii isaa fi ga’umsa teeknika isaa waliin wal qabatee caalmaan mirkaneffachuuf gamaggama caalbaasiin booda gaggeessuun ni danda’ama.

8. Bittaa addunyaa irratti haala addaattiin yoo gaafatame malee gatiin dhiyaatu gibira kan dabalate ta’u qaba.

9. Gamaggamaa caalbaasii irratti dorgomtonni lama fi lamaa ol qabxii wal qixa yoo argatan akkaataa Labsii lakk.157/2002 keewwata 15.1 tiin hoomisha ykn tajaajila biyya keessaaf dursi ni kennama.



10.Manni hojii mootummaa caalbaasicha baase yaadni dorgommii dorgomaa tokkon dhiyaate quubsaa fi gatichi gatii gabaa ta’uun isaa akkasumas sababni hirmaannaa dorgomtoota biroo daangessu sanada caalbaasii irra akka hin jire yoo mirkaneesse irra deebiin caalbaasii baasuu osoo hin barbaachisiin dorgomaa kophaa dhiyaate mo’ataa gochuu ni danda’a.
3. Irra Deebi’anii Caalbaasii Baasuu

  1. Caalbaasiin irra deebbiin kan bahuu, gatiin mo’ataa caalbaasiin dhiyaate gatii gabaatiin oli jedhamee yoo amanamuu fi garaagarummaan jirus bal’aa waan ta’eef irra deebbi’ani caalbaasii baasuun faayidaa qabeessa yoo ta’e.

  2. Kan dorgommiif dhiyaate dorgomaa tokko qofa yoo ta’e fi ulaagaa dorgomaan tokko qofti dhiyaate itti mo’atu haala laabsii fi qajeelfamaa yoo guttamuu dhisee Ykn Sanada caalbaasii irratti jijjirama gochuun dorgomtoota heddu argachuun ni danda’ama jedhame yoo amanamu.



18.20 Ilaalcha Addaa


  1. Bittaa proofoormaa fi dhiyeessaa tokko irraa raawwatamu irraa kan hafe bittaa kaminiyyuu irratti bu’ura labsicha keewwata 15 tiin ilaalchi adda oomisha dorgomtoota biyya keessaa fi dhaabbilee Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaaf ni taasifama.

  2. Ilaalchi addaa kun haala labsichaan tumameen oomisha Ithophiyaatti oomishameef yeroo dorgommiin gatii gaggeefamu ni taasifama.

Kunis;

  1. Qorichaa fi meeshaalee yaalaaf %25

  2. Meeshaalee biroof %15

  3. Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa irratti kubaaniyoota biyyaa keessaaf ilaalchi addaa % 7.5 ni taasifamaaf.

  4. Daawwaa ykn meeshaalee yaalaa ykn meeshicha hoomishuuf baasii waliigalaa keessaa % 35 ol biyya keessaa itti dabalamuun isaa ragaa odiitara beekkamaadhaan yoo mirkanaa'e,

  1. Haala keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (c) tiin bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa kamifiyyuu ilaalchi adda kan taasifamu;

          1. Kubaaniyichi seera Itoophiyaan kan hundaa’e fi waajjiri mummicha isaa Itophiiyaa keessa yoo ta’e.

          2. Aksiyoonniin kubaaniyichaa %50 ol Itophiyaanotaan yoo qabamee.

          3. Boordii daarektaroota kubbaniyichaa keessaa %50 ol Itophiyaanota yoo ta’an

          4. Hojjetoota murtessoo kubaaniyichaa keessaa %50 ol Itoophiyaanota yoo ta’an.

4.Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa gosa hojii Induustrii, Agroo-Bizinasii, Ijaarsa, fi tajaajila irratti bakka ijaaramanii jiranitti bittaa baajata mootummaa qarshii 500,000.00 gadii ta’ee kamiyyuu irratti dandeetti dhiyeessu qabaachuun isaanii yoo mirkakanaa’e dorgomaa dhunfaa waliin dorgomuun osoo hin barbaachisiin dursii Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa kennamuu qaba. Ta’us dhaabbiileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa gosa hojii walfakkaatun ijaaraman tokko ol yoo jiraatan dorgommiin bittaa gosota afran armaan olii Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa jiran gidduutti taasifama.

5.Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa hojii daldalaatiin gurmaa’aniif akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3’n maallaqa ibsamee ol ta’e dhiyeessittoota dhunfaa biyyaa keessaa waliin yeroo dorgomii taasisaan gatii irratti %3 ilaalchi addaa ni kennamaf,



6.Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa carraa bittaa mootummaa keessatti ilaalcha addaa isaani taasifamee qajeeltowwan bittaa mootummaa eganii fayyadamuu fi dirqama isaan irraa eggamu haala waligalteetiin raawwachuu qabu.

  1. Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa akkaataa keewwata kana xiqqaa 5n dirqama waligalteen kennameef ga’umsaan yoo hin dhiyeesine ta’ee fi qaamni bittaa raawwatu ragaa amansisaa qabaatu tarkaanfii hanga bittaa mootummaa dhorkuu fudhachuu ni danda’a.

  2. Dhaabbilee Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaaf kabachiisaa fi wabbummaa ilaalchisee xalayaan wabummaa qaama isaan ijaare irraa dhiyefatan fudhatamaa ni qabaata.

  3. Gatiin dhaabbileen IMX meeshaa ykn tajaajilatiin dhiyeessan gatii gabayaa naannoo sanatiin ol ta’u hin qabu.



Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin