Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Bittaa Addunyaa Kan Biroo



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə14/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   23

20. Bittaa Addunyaa Kan Biroo


1.Bu’uura Labsii keewwata 48 keewwata xiqqaa 4 fi qajeelfama kana irratti hundaa’ee dorgomtootni biyya alaa dorgommii irratti yoo hirmaatan malee dorgommiin bu’aa qabeessa ta’e hin jiraatu jedhamee yoo itti amaname akka barbaachisummaa isaatti hojmaatni caalbaasii biyya alaa fi biyya keessaa akkuma eegamanitti ta’ee qaamoleen bittaa raawwatan mala bittaa Caalbaasii sadarkaa lamaa,gaaffii yaada dorgommii, caalbaasii murtaa’aa, ittiin dhiyeessa gatii, fi mala bittaa dhiyeessaa tokkoon fayyadamuudhaan bittaa addunyaa raawwachuu ni danda’u.

2.Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti bu’uura ibsameen mala caalbaasii ifaa addunyaan alatti mala bittaa birootti fayyadamuudhaan bittaa addunyaa raawwachuun kan danda’amu maloota bittaatiif haalawwan ibsamanii ykn hanga daangaa maallaqaa hayyamame irratti hundaa’uudhaan kan raawwatamu ta’a.



21. Caalbaasii Sadarkaa Lamaan Bittaa Raawwatamu


  1. Labsii keewwata 46 fi 47 tiin kan tumame akkuma eegametti ta’ee caalbaasii sadarkaa lamaan bittaan raawwatamu qajeelfama kanaa keewwata 18 fi 19'n akka gosa bittaatti caalbaasii ifaa biyya keessaa ykn bittaa addunyaan sirna diriire hordofa.

  2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame jiraatus caalbaasii sadarkaa lamaan bittaan raawwatamu haalawwan addaa armaan gadii hordofuudhaan kan raawwatamu ta’a.

    1. Waamicha caalbaasiichaa irratti bittichi caalbaasii sadarkaa lamaa ta’uu isaa ibsuu qaba

    2. Caalbaasii marsaa duraatiin dorgomtootni kabachiisa caalbaasii akka dhiyeessan hin gaafataman

    3. Sanadni caalbaasii marsaa duraatiif qophaa’u fedhii waliigalaa qaama bittaa raawwatuu kan ibsu ta’ee kaayyoon isaa yaadota dorgomtoota irraa dhiyaatan irratti hundaa’uudhaan tarreeffama ibsa fedhii tekiniikaa qopheessuu waan ta’eef gaaffilee barbaachisaadha jedhaman fi ibsawwan hammachuu qaba.

    4. Caalbaasii marsaa duraa irratti dorgomtoonni argamuu osoo hin barbaachisiin sanada yaada dorgommii fedhii tekiniikaa dorgomtootaan dhiyaate haalawan waamicha caalbaasii keessatti ibsamaniin akka banamu ni godhama.

  3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 bu’uureffachuudhaan gamaaggamni taasifamu yaada dorgomtoota kaadhimamoo irraa dhiyaate qorachuudhaan ibsa fedhii caalbaasii marsaa lammaffaatiif kan fayyadu fi dorgomtoota caalbaasicha irratti hirmaachuu qaban addaan baasuu kan dandeessisu ta’uu qaba. Dabalataanis:

    1. Yeroo gamaaggamaa, akka barbaachisummaa isaatti dorgomtoota kaadhimamoo hunda ykn muraasa ykn dorgomaa kaadhimamaa tokko waliin qaamni bittaa raawwatu maree taasisuu ni danda’a.

    2. Armaan olitti qubee”a” irratti bu’uura ibsameen mareen taasifamu yaada dorgomtootni kaadhimamoo kennan caalmaatti ifa gochuu fi karaa fooyya’een yaada burqisiisuuf kan kaayyeffatee ta’uu qaba.

    3. Armaan olitti qubee”a” irratti akkataa ibsameen mareen taasifamu qaamni bittaa raawwatu dorgomtootni kaadhimamoo dorgommii marsaa lammaffaa irratti ulaagaa gad-aanaa hin guutne akka guutuuf gochuuf ta’uu hin qabu.

  1. Marsaa duraa irratti dorgomtootni kaadhimamoo fudhatama argatan dorgommii caalbaasii marsaa lamaaf waamicha kan godhamuuf yoo tau kabachiisa caalbaasiis akka dhiyeessan ni taassifama.

  2. Armaan olitti keewwata xiqqaa 4 irratti akka ibsametti waamichi dorgomtoota kaadhimamoof darbu dorgomtootni kaadhimamoo sanada caalbaasii marsaa lammaffaaf qophaa’e fudhachuu kan danda’an fi haalawwan guutanii argamuu qaban ifatti agarsiisuu qaba.

22. Caalbaasii Mirkaneessa Ga’umsa Duraa


  1. Manni hojii mootummaa amala addaa bittichi qabaatuun duraan dursee ga’umsa dorgomtootaa bu’uureffachudhaan gamaaggama gochuun qaba jedhee yoo amane akkaataa gosa bittatti caalbaasi mirkaneessa gahumsa duraa biyyaa keessaa ykn kan addunyaa baasuu ni danda’a.

  2. Bittaawwan caalbaasii mirkaneesa ga’umsa duraan raawwataman yoo xiqqaate haalawwan armaan gadii keessaa tokko guutamuu qaba.

  1. Bittaa gatii ool'aanaa ykn amala walxaxaa qabu kan akka hojii diizaayinii, hojii oomishuu, fi dhaabuu, hojii ijaarsaa , dhaaba tokkoon xumuramuu qabu, maashineerii oomishaa ykn information teekinooloogii yoo ta'u ykn,

  2. Meeshaan ykn maashinariin dhiyaatu qabu faayidaan isaa baay’ee barbaachisaa fi qulqullina olaanaa kan qabu ta’ee hojii dhaabuu kan haammatu yommu ta’u ykn,

C. Sanada dorgommii qopheessuudhaaf bittaa baasii olaanaa gaafatu ta’uu isaatiin dorgomtoota ga’umsi isaanii madaallii ga’umsa duraatiin mirkanaa’u qofti dorgommii irratti akka hirmaatan yoo itti amaname.

  1. Waamichi caalbaasii qophaa’u dorgomtoota ga’umsa qaban filachuudhaaf waamicha mirkaneessa ga’umsa duraa ta’uun isaa ibsamuu qaba.

  2. Gamaaggama ga’umsa duraa gochuudhaaf sanadini caalbaasii qophaa’u sanada caalbaasii idilee ga’umsa duraa mirkaneessuf Biirichaan qophaa’een fayyadamuun ta’a. Uulaagaan filannoo ga’umsa duraa akkaataa amala fi gosa bittichaan addaa addummaa qabaachuu kan danda’u ta’us, dorgomtootni kaadhimamoon ragaa akka dhiyeessan gaafataman kanneen armaan gadii dabalachuu ni danda’a.

  1. Hojii walfakkatu ykn meeshaa walfakkaatu oomishuu irratti muxannoo dhaabbatichi qabu.

  2. Dhaabbatichi hojjicha raawwachuuf ykn meeshicha oomishuuf kan dandeessisu humna namaa gahaa fi baayina meeshaa omishaaf ooluu fi bu’uuraalee misoomaa kan qabu ta’uu isaa,

  3. Dhaabbatichi hojii ijaarsaa yeroo ammaa hojjechaa jiru ykn baayina fi hanga meeshaan oomishamaa jiru.

  4. Dhaabbatichi dirqama waliigaltee isaa raawwachuuf humna mallaqaa gahaa fi hojicha irratti maqaa gaarii kan qabu ta’uu isaa.

  1. Gamaaggamni dorgomtootaa raawwatamu ulaagaa mirkaneessa ga’umsa duraa qaama bittaa raawwatuun qophaa’ee bu’uura godhachuun ta’a.

  2. Dorgommii ga’umsa duraaf dorgomtoota iyyatan hundi hanga ulaagaa gamaggamaa guutanii argamanitti daangaan baay’ina dorgomtootaa kamiyyuu osoo hin godhamiin dorgommii itti aanuu irratti akka hirmaatan godhamuu qaba.

  3. Qaamni Bittaa raawwatu dhaabbilee dorgommii mirkaneessaa ga’umsaa duraa irratti hirmaatan michoomaan ykn waliin dorgomuu akka danda’an heyyamuu ni danda’a. Haata’u malee, dorgommii mirkaneessa ga’umsa duraa dhunfaadhaan dorgomtoota darban keessaa adeemsa bittaa keessatti dorgommii jiraatu akka dhiphisu qaama bittaa raawwatuun yoo itti amane qindoomanii ykn michoomaan sanada caalbaasii akka dhiyeffatan heyyamu hin qabu.

  4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee qindoomanii ykn michoomaan dorgomtootni mirkaneessa ga’umsa duraaf dorgommii darbanii filataman marsaa itti aanu irrattii addaan bahanii dorgomuu hin danda’an.



  1. Firiin gamaaggama mirkaneessa ga’umsa duraa akka beekameen qaama bittaa raawwatuun fudhatama akkuma argateen dorgomtoota caalbaasicha itti aanu irratti akka hirmaatan filatamanii fi hin filatamaneef firiin isaa haala walqixa ta’een ibsamuufii qaba.

  2. Dorgomaan tokko gamaaggama caalbaasiidhaan mo’atee yoo argames ragaan mirkaneessa ga’umsa duraaf kenne dogoggora ta’e yoo argame ykn yeroo dorgommii ga’umsa duraa dandeettiin ture yoo dhabame waliigalticha haala irraa eegamuun bahuu dadhabuun isaa haala gahaa ta’een yoo mirkanaa’e qaamni bittaa raawwatu waliigalticha akka hin mallatteessine hayyamuu dhiisuu ni danda’a.

  3. Dorgomtoota dorgommii mirkaneessaa ga’umsa duraa irratti fudhatama argatan qajeelfama kanaan caalbaasii ifaa biyya keessaa ykn addunyaa irratti sirna ibsamee hordofuudhaan sanadni caalbaasii qophaa’ee teessoo isaaniin ergamuu ykn qaama bittaa raawwatu irraa dhiyaachuudhaan akka fudhatan taasifamee sirni raawwiin bittaa hafan hojmaata qajeelfama kana hordofee raawwatama.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin