Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Filannoo Baajata Murtaa’e Irratti Hundaa’uun Raawwatamu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə16/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   23

24.3. Filannoo Baajata Murtaa’e Irratti Hundaa’uun Raawwatamu


  1. Filannoon baajata murtaa’e irratti hundaa’uun taasifamu faayidaa irra kan ooluu danda’u tajaajilli gorsaa barbaadamu walxaxaa kan hin taane, sirritti ibsamu kan danda’u yoo ta’uu fi hojii kanaaf bajaatni heyyamame daangaa kan qabu yoo ta’edha.

  2. Qajeelfama kana keewwata 18.15(3) irratti hundaa’uun yaadnni tekiniikaa poostaa gabatee gatii isaani bakka dorgomtootni argamanitti akka banaman taasifama.

  3. Gamaaggamni tekiniikaa keewwata xiqqaa 24.1.1-4 sirna ibsame hordofee kan raawwatamu ta’a.

  4. Gamaaggama tekiniikaan ulaagaalee barbaadaman dorgomtootni guutanii argaman poostaan gabateen gatii dorgomtootni bakka argamanitti akka banamu ni taasifama. Tokko tokkoo dorgomaan gatii caalbaasii qophaa’e dhiyaate dorgomtootni sirna baniinsa caalbaasii irratti argaman akka beekan taasifamu qaba.

  5. Hanga maallaqaa caalbaasichaaf heyyamamee ol dorgomtotni dhiyeessan caalbaasii ala akka taasifaman ni ta’u.

  6. Dorgomaan gatii hamma caalbaasichaaf hayyamame hin caallee dhiyeessee fi bu’aa waliigalaatiin qabxii olaana argatee mo’ataa dorgommichaa ta’ee filatama. Akka barbaachisummaa isaatti mariin gatii hin daballe taassifamuu ni danda’a.

24.4. Filannoo gatii gad-aanaa irratti hundaa’e


  1. Filannoo gatii gad-aanaa irratti hundaa’e faayidaa irraa ooluu kan danda’u tajaajilli gorsaa bitamu, dandeetti addaa ogeessichaa kan hin gaafane, walxaxaa kan hin taanee fi sadarkaa kan qabu ykn hojmaata walfakkataa ta’een raawwatamu kan danda’u yoo ta’u dha.

  2. Qaamni bittaa raawwatu mala filannoo kanaan dorgomtoota gamaaggamu yoo barbaadu hamma qabxii gad-aanaa madaallii tekiniikaa murteessudhaan tarreeffama dhiyeessitootaa keessaa dorgomtoota filatamaniif sanada gaaffii yaada dorgommii irratti ifaan ibsu qaba.

  3. Poostaan yaada tekiniikaa qabate bakka dorgomtootni argamanitti akka banaman gochuudhaan gamaaggamni tekiniikaa raawwatamu qaba.

  4. Bu’aa gamaaggamaa uulaagaalee gad-aanaa ga’umsa tekiniikaaf kaa’ame dorgomtootni hin guutne caalbaasii ala akka taasifaman ta’a.

  5. Bu’aa gad-aanaa gamaaggama tekiniikaa dorgommii gatiif isaan geessisu dorgomtootni hin arganne poostaan gabatee gatii isaanii osoo hin banamiin akka deebi’u taasifamuu qaba.

  6. Bu’aa gamaaggama tekiniikaan dorgomtoota dorgommii gatiif darban poostaan gabatee gatii isaanii bakka dorgomtootni argamanitti akka banamu taasifama. Gatiin dorgomtootaan caalbaasiif dhiyaate dorgomtoota sirna baniinsa caalbaasii irratti argamanii akka beekamu taasifamu qaba.

  7. Gamaaggama tekiniikaa fi mirkaneessa ga’umsaaf safartuu gad-aanaa dhiyaate dorgomtoota guutuun keessa dorgomaan gatii gad-aanaa dhiyeesse mo’aataa caalbaasichaa ta’ee filatama.

24.5 Filannoo Ga’umsa Gorsitootaa Irratti Hundaa’e


  1. Filannoon dandeetti fi ga’umsa gorsitootaa irratti hundaa’e faayidaa irra kan ooluu danda’u hojii gorsaaf kennamu xiqqaa ta’uu irraa kan ka’e yaada dorgommii qopheessuu fi gamaaggamuuf yeroo fi baasiin barbaachisu hojicha waliin kan walhinsimne yoo ta’e dha.

  2. Malli kun faayidaa irra kan oolu baasiin tajaajla gorsaa qarshii 50,000 kan hin caalle yoo ta’u qofa dha.

  3. Barreefamni ka’umsaa dorgomtoota kaadhimamootaan qophaa’u muuxannoo hojii gorsaan qabuu fi sadarkaa ga’umsaa akka ibsan kan gaafatu ta’uu qaba.

  4. Tarreeffama dhiyeessitoota ykn ragaa qaamni bittaa raawwatu qabu fayyadamudhaan dorgommii irratti akka hirmaatan dorgomtoota kaadhimamoo irraa ragaa dhiyaate bu’uura godhachuun gamaaggama taasifamuun kan caalee ta’ee dorgomaa tekiniikaa fi yaada dhiyeesaa gatii bakka tokkootti akka dhiyeessu gochuudhaan marii dhaan waliigaltee irra gahamu bu’ureeffatee kan raawwatamu ta’a.

24.6. Gorsaan Tokko Haala Ittin Filatamuu


Qaamoleen bittaa raawwatu bittaa tajaajila gorsaa dhiyeessa tokko irraa raawwachuuf kan danda’an labsii keewwata 41 fi 42 akkasumas qajeelfama kana keewwata 28 irratti haalawwan ibsaman guutamuun isaanii yoo mirkanaa’e qofa dha.

25. Caalbaasii Gaaffii Ibsa Fedhii


Qaamni bittaa raawwatu tilmaamni gatii tajaajila gorsaa qarshii 300,000 yeroo caalutti caalbaasii gaaffii ibsa fedhii kana irratti dorgomtoota hirmaachudhaaf fedhii qaban kan afeeruu caalbaasii ifaa baasuu qaba.

  1. Ibsa fedhiitiif waamichi caalbaasii taasifamu akka barbaachisummaa isaatti qajeelfama kana keewwata 18.1 ykn 19.4(a) fi (b) irratti kan ibsame hordofee kan raawwatamu yoo ta’u dabalatanis wamichichi kan taasifame dorgomtoota fedhii qaban fedhii isaanii akka ibsan ta’uu isaa beeksisuu qaba.

  2. Waamichi caalbaasii gosa tajaajila gorsaa barbaadamu, bu’aa eegamu, yeroo isaa, dandeetti gorsaan qabaachuu qabu, muuxannoo hojii fi kkf kan qabateef tarreeffama ragaalee dorgomtootni kaadhimamoo dhiyeessu qaban fi bakka itti dhiyessani fi yeroo itti dhiyeessan kan ibsu ta’uu qaba.

  3. Ragaan dorgomtoota fedhii isaanii dhiyeessan gamaaggamamee tajaajila gorsaa barbaadame kennuudhaaf dandeetti olaanaa kan qaban akkaataa tartiibaa isaaniitiin dorgomtootni kaadhimamoo sadii gad hin taanee fi tarbaa hin calle ni afeeramu.

26. Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa’aa


  1. Labsii keewwata 39 bu’ureffachudhaan bittaan caalbaasii murtaa’aa raawwatamu waamicha isaa irraa kan hafee qajeelfama kana keewwata 18 fi19 caalbaasii biyyaa keessaa fi biyya alaa irratti sirna tarreeffamaan ibsame hordofee kan raawwatamu ta’a.

  2. Bittaan caalbaasii murtaa’aa haalaawwan armaan gadii irratti hundaa’udhaan kan raawwatamu yoo ta’u:

  1. Meeshichi, hojiin damee jaarsichaa ykn tajaajilichi dhiyeessitoota murtaa’a biraa qofa kan argamu yoo ta’e, xalayaan waamichaa dhiyeessitoota hundaaf teessoo isaaniin qophaa’ee ergamuu qaba.

  2. Dhiyeessitootni caalbaasicha irratti hirmaachuu danda’an hedduu ta’anis bittichi keewwata kana keewwata xiqqaa 4 irratti haala taa’een daangaa maallaqaa ibsame keessatti yoo ta’u, dhiyeessitoota facaatii dhiyeessitoota keessatti galmaa’an keessaa haala loogii irraa bilisa ta’een yoo xiqqaate dorgomtoota 5 filatchuudhaan bitamu qaba.

  3. Qaamni bittaa raawwatu sanada caalbaasii dhiyaate kaffaltii malee dorgomtoota kaadhimamoof kennamu qaba jedhee yoo amane xalayaa waamicha caalbaasii waliin sanada caalbaasii wal-qabsiisee erguu ni danda’a.

  4. Qaamni bittaa raawwatu dorgomtoota caalbaasii murtaa’aa irratti hirmaatan maalummaa isaanii dorgomtoota kaadhimamoo birootti beeksisuu hin qabu.

  5. Dorgomtootni caalbaasii murtaa’aa irratti afeeraman hundi yeroo caalbaasiin qilleensarra turu dursanii sanada dorgommii yoo dhiyeessan, caalbaasicha banuuf yeroo dhumaa kenname eeguun osoo hin barbaachisiin qaamni bittaa raawwatu caalbaasichi akka banamu murteessuu fi dorgomtoota hundaaf beeksisuudhaan akka banamu taasisuu ni danda’a.

  1. Qaamni bittaa raawwatu labsii keewwata 30 keewwata xiqqaa 1 irratti ibsame bu’uureffachuudhaan kabachiisa caalbaasii gaafachuun dorgomtoota baay’inni isaanii muraasa ta’an caalbaasii irratti akka hin hirmaane taasisuu danda’a jedhee yoo itti amane wabuummaa gaafachuun osoo hin barbaachisiin dorgomtonni kaadhimamoon qajeelfama kanaan unkaa waligaltee walqabate miiltoo 4 irratti haala ibsameen dirqama bittichaa fudhachuu isaanii akka mallatessan taasisuu ni danda’a.

4. Keewwata kana keewwata xiqqa 2 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee labsii keewwata 39(b) bu’ureffachuun mala bittaa caalbaasii murtaa’aa fayyadamuun kan danda’amu meeshaan, tajajilli gorsaa fi hojiin damee ijaarsaa bittame ykn gatiin waliigala bittaa daangaa maallaqaa kenneen armaan gadii kan hin caallee yoo ta’e qofa dha.

    1. Bittaa dame ijaarsaaf qarshii 2,000,000.00

    2. Bittaa meeshaaf qarshii 500,000.00

    3. Bittaa tajaajila gorsaatiif qarshii 300,000

    4. Bittaa tajaajila Birootiif qarshii 400,000.00

5.Labsii keewwata 39 (b) haala ibsameen bittaa caalbaasii murta’aan raawwachuuf haalawwan armaan gadii tartiibaan guutamuu isaanii mirkanessun barbaachisaadha.

a.Bittaa raawwachuuf beeksifni caalbaasii ifaa yoo xiqqaate yeroo lama bahee dorgomaan tokkollee kan hin hirmaanne ykn caalbaasii yeroo lammaffaf bahe irratti dorgomtootni dhiyaatan tarreefama fedhii tekiniikaa qaama bittaan dhiyaate kan hin guutne yoo ta’e.



b.Hanga danda’ametti dhiyeessitootni damee kana caalbaasii irratti hirmaachuudhaaf fedhii yoo dhaban maaliif akka dhaban qulqulleessudhaan sababa isaanii seera qabeessumaa fi faayidaa mana hojii sanaa miidhuuf akka hin taane ta’uu isaa mirkanessuu.

    1. Manni hojii mootummaa dhiyeessitoonni hojjicha irrati hirmaatan caalbaasii murtaa’aa irratti afferamanii hirmachuudhaaf fedhii akka qaban yoo itti amane.

    2. Raawwiin bittaa caalbaasii murtaa’aa keewwata kana irrati kan ibsamaan akkuma jiruuti ta’e sirna caalbaasii ifa hordofee kan raawwatuu ta’a ,

    3. Bittaan tajaajila gorsaa caalbaasii murtaa’aa gaaffii yaada dorgomiitiin raawwatamuu qajeelfama kana keewwata 23 irratti dabalataan hojjimaata ibsame hordofee raawwachuu qaba.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin