a. Caalbaasiin gaggeeffamu qajeelfama kana keewata 18 irratti haala ta’ee bu’ura gochuudhaan ta’uu qabaa
b. Yeroon turmataa waliigaltee mallata’uu waaggaa lamaa caaluu hin-qabuu.
c.Qajeelfama kana keewata 18.14 irratti kan ibsamee tummatilee sireefama gatii kan hordoofee sireefama gatii eeyyamuuf fi sirnaa raawwii eeyamameen raawwachuu ni danda’a
Kutaa 7: Bittaa Bakka Tokkoo Sadarkaa Puulii
31. Bittaa Sadarkaa Puulii
Qajeelfama kana keessatti kutaa kanaan bitta amala addaa bittaa giduugalessaa tokkoon raawwatamuu qaban bittaa puulii jedhamee wammamu qabachuu isaatiin ala bittaan meeshaa, tajaajila gorsaa fi ijaarsaa manneen hojii sadarkaa puulitti raawwatan bu’ura labsii fi qajeelfama kanaan ta’a.
Bittaan Puulii kan gaggeefamu bu’ura sirna bittaa mootummaa naannoo labsii fi qajeelfamaan tumamee egee maloota fi hojimaata bittaa seeraan heyyamameen ta’a.
Waajjiri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa bittaa meeshaalee manneen hojii adda addaa keessatti barbaadaman kan akka bittaa meeshaa dhaabbii Biiroo keessaa fi Elektrooniksii, meeshaalee barreessaa fi qulqulinaa, tajaajila suphaa konkolaataa fi meeshaalee jijjiraa konkoolaataa, bittaawwan sadarkaan qulqullina isaanii beekkamuu kan akka Simintoo, gommaa konkolaataa, boba’aafaa manneen hojii waliin ykn tokkon barbaadamanis bittaa ni raawwata.
Bittaawwan karoraan hin qabamne gatiin tokko isaani qarshii1500.00 ( kuma tokkof dhibba shanii ) gadii ta’ee fi kallattiin gabaarraa bittaaman kamiyyuu, Waajjiri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa kan raawwatamu ta’ee, akka bittaa karoraan gaggeessu hin dadhabsisne madaalee itti gaafatamaa MMDtiin hayyamamuu qaba.
Bittaan kallatti keewwata kana keewwata xiqqaa 3 hayyamamuu kanaan bittaan mana hojii tokkof bitamu gulantaa baasii hunda irratti mana hojii sadarkaa puulii tokkoof bara bajataa tokko keessatti qarshii 4000.00 (kuma afur ) caaluu hin qabu.
Dangaan keewwata kana keewwata xiqqaa 4 irratti tumame akkuma eggameetti ta’ee, sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti bu’uura qajeelfama kana keewwata 28 keewwata xiqqaa 9n kan raawwatuu ta’a.
Bittaawwan amala mana hojii tokko qofa qabaniif xinxallaa fi wal-dorgomsisnii caalbaasii isaanii ogummaa mana hojii bittaan raawwatamuuf barbaadu manneen hojii sadarkaa Godina, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa jiraniin ykn abbotii baajataan akka raawwatamu ta’u qaba. Bittaawwan akkataa kanaan gaggeefaman kan armaan gadii ni dabalatu;
Bittaa qoriicha namaa fi beeyiladaa, meeshaalee barnootaa ogummaa addaa barbaadan, meeshaalee piroojeektii bishaanii, bittaa tajaajila nyaataafaa mana hojiichatti qaama hojjichaaf beekumsaa fi hubannoo gahaa qabuu keessaa koree addaa mooggaafamuun bitama.
Bittaan meeshichaa ykn tajaajilichaa dhiyeesitoota idilee galmaa’an irraa kan hin argamne yoo ta’un isaa mirkanaa’uu fi qinxaaboodhaan gabaa irraa kan bittamu ta’u itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii bitticha gaafate koree addaa waa’ee bittichaa hubannaa qabu mana hojii isaa keessaa dhaabuudhaan deegarsa ogummaa hojmaata bittaa fi bulchiinsa faayinaansii irratti Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdee irraa argachaa bitticha raawwachuu qaba.