Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Qajeelfama Raawwii Bittaa Mootummaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə2/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23

Qajeelfama Raawwii Bittaa Mootummaa

Naannoo Oromiyaa Lakk 02/2004

Biiroon Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa, bu’uura Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 157/2002 keewwata 65(2) tiin aangoo kennameef irratti hundaa'uudhaan qajeelfama kana baasee jira.


Kutaa 1: Waliigala

1. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni Kun “Qajeelfama Raawwii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyaa’ee bahe Lakk. 02/2004”jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Hiika


Akkaataan jechaa hiikaa biraa kan kennisiisuuf yoo ta'e malee, qajeelfama kana keessatti jechootni Labsii sirna bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya mootummaa keessatti hiikaa kennameef ni qabaatu. Dabalataanis, qajeelfama kana keessatti:-
1. Ibsa fedhii tekiniikaa” jechuun meeshichi, tajaajilichi, hojiin ijaarsichaa ykn tajaajilli gorsichaa qulqullina guutuu qabu, gosaa fi sadarkaa sanada ibsu dha.

2. “Labsii” jechuun Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 dha.

3. “Caalbaasii” jechuun beeksifni caalbaasii erga ifa ta’ee ykn affeerraan yeroo taassifamee jalqabee moo’ataan caalbaasichaa adda bahee waliigaltee hanga mallatteessutti adeemsa raawwii jiru ibsu dha.

4. “Sanada caalbaasii idilee” jechuun manneen hojii mootummaa qabiyyee waliigalaa sanada caalbaasii waaltina’e ykn walfakkaatu haala salphaadhaan qopheessuu akka danda’an kan garggaru sanada Biirichaan qophaa’udha.

5. “Adeemsa hojii bittaa” jechuun manneen hojii mootummaa akka amala hojii isaaniitti, gurmaa’insi qaban akkuma eeggametti ta’ee bittaa raawwachuuf itti gaafatamummaan qama kennameefidha.

6. “Konkoolataa”jechuun mooteeran kan socha’uu fi abbaa goommaa 2, 3 fi 4 kan qabu ta’ee, maashineerrii ijaarsaa fi konkoolataa gurguuddaa ijaarsaaf oolan hin dabalatu.



3. Daangaa Raawwatiinsa Qajeelfamichaa


Qajeelfamni kun bittaa mootummaa naannichaa labsiichi irratti raawwatu kamiyyuu irratti kan raawwatamu ta'a.

Kutaa 2: Itti gaafatamummaa fi Hojii Qaamolee Adda Addaa

  1. Itti Gaafatamummaa Fi Hojiiwwan Itti Gaafatamtoota Ol’aanaa Manneen Hojii Mootummaa


Hojiiwwan labsiidhaan kennamaan akkuma eegametti ta’ee itti gaafatamaan ol’aanaa mana hojii moootummaa dabalataan hojii fi itti gaafatamummaa armaan gaditti tarreeffaman ni qabaata.

1. Hojjattoota hojii bittaa raawwachuuf ramadamanii fi itti gaafatamtoonni ogummichaan barumsaa fi muuxannoo hojii gahaa kan qaban ta’uu isaanii mirkaneessuu.

2. Hojjattoonni hojii bittaa raawwachuuf ramadamanii fi itti gaafatamtoonni naamusaa gaarii kan qaban ta’uu isaanii mirkaneessuu,

3. Hojii bittaa raawwachuuf kutaan gurmaa’u hojicha gareedhaan raawwachuuf kan isa dandeessisu aangoon gahaa fi sirni hojmaata ifa ta'e kan diriireef ta’uu isaa mirkaneessuu,

4. Koreen raggaasistuu bittaa miseensota 3 gadi hin taanee fi 5 hin caalle kan qabu bittaawwan gurguddaa mana hojiichaa qoratee kan raggaasisu ulaagaalee armaan gadii yaada keessa galchuun dhaabuu,

a. Mana hojichaa keessatti itti gaafatamummaa ol’aanaa irratti hojjachaa kan jiran,

b. Hanga danda'ametti ogummaa adda addaa irraa kan filatamanii fi beekkumsaa fi muuxannoo hojii fooyya’aa kan qaban;

5. Miseensonni koree raggaasistuu bittaa bara tajaajilaa waggaa 3 hincaalle qabaatee barbaachisaa ta'ee yoo argame bara tajaajilaa yeroo tokkoof dheeressuu ni danda’a

6. Hojjattoonni bittaa raggasisuudhaaf ramadaman yeroon hojichaaf oolchan qaama hojii idilee isaanii ta’ee sagantaa hojii isaanii fi madaallii bu’aa irratti galmaahuu isaa mirkaneessuu;

7. Hojjatoota hojii bittaa, koree raggaasisa bittaa irratti ramadamanii fi ittigaafatamtoota hojichaa tiif labsii fi qajeelfama bittaa, sanadoota bittaa idilee fi sanadoota barbaachisan biroo akka isaan gahuu fi sirna bittaa mootummaa sirriitti beekuu kan dandeessisu leenjiin akka argatan gochuu,


8. Hojii bittaatiif xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuudhaan kutaan hojichaa fi koreen raggaasisu hojii isaanii seeraan raawwachuu isaanii hordoffii gochuu, akkuma barbaachisummaa isaatti tarkaanfii sirreessaa fudhachuu;

9. Bittaawwan walxaxaa ta’anii fi gamaaggama tarreeffama tekiniikaa barbaadaniif koree yeroodhaaf gamaaggamu dhaabuu;

a. Miseensonni korichaa bittaa raawwatamu wajjin kan walqabate muuxannoo fi beekumsa ol’aanaa kan qaban.

b. Koreen yeroodhaaf gamaggamaaf dhaabbate keessatti akkumaa barbaachisummaa isaatti adeemsa hojii bittaa fi adeemsa hojii fedhii bittaa dhiyeeffate irraa akka miseensaatti akka hirmaatan gochuu ni danda’a.

c. Mana hojichaa keessaa ogeessi gamaaggamicha gochuu danda’u yoo dhabame mana hojii mootummaa biroo irraa ergisaan ykn gorsitoota kontraataan qaxaruudhaan akka irratti hirmaatan gochuun ni danda’ama.

10. Haala armaan gadii bu’uura gochuudhaan karoora bittaa waajjirichaa qoratee raggaasisa.

a. Karoori bittaa sagantaa hojii mana hojiichaa wajjin kan deemu ta’uu isaa,

b. Bittaan bakka tokkotti raawwatamuu danda’u walitti qabamuu isaa,

c. Haala Biiroon murteessuun bittaa manneen hojii biroo wajjin qindaa’ee waliigaltee yeroo dheeraatiin raawwatamuu danda’an addaan baahanii dhiyaachuu isaanii

d. Karoorichi fedhii bittaa manneen hojii hunda kan qabate ta’uu isaa fi koree raggaassistuuf dhiyaatee irratti waliigaluu isaanii,

11.Manneen hojii biroo wajjin walitti qabamee bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiin raawwatamanii ragaaleen barbaachisan guutamanii Ejansii bittichaa akka raawwatu aangoon kennameef yeroodhaan akka ergamu taasisuu,

12.Qajeelfma kana keewwata 27 keewwata xiqqaa 1 irratti hundaa'ee koree raggaasistuu bittaatiin ragga’uu kan hin barbaachisne bittaawwan maallaqaa xiqqaadhaan raawwataman ilaalchisee:-

a. Sadarkaa adeemsa hojii bittaatti akka ragga’an bakka bu’insi kennamuu ni

danda’a, b. Itti gaafatamaa ol’aanaa hojjicha wajjin walitti dhufeenya kallattii qabuun akka

ragga’u bakka bu’iinsa keennuu ni danda’a,
c. Bakka bu’insi itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojichaa kennuu baayyina maallaqaatiin daangeffamee itti gaafatamtoota hojii adda addaa tiif kennamuu ni danda’a.
13.Qajeelfama kana keewwata 18.14 sirreeffama gatii adeemsa raawwii bittaatti godhamu siirruummaa isaa mirkaneessuu

14.Qajeelfama kana keewwata 44 irratti hundaa’ee iyyannoowwan dhiyaatan loogii malee qoratee daangaa yeroo labsiin kenname keessatti murtoo ni kenna,

15.Sanada waliigaltee ni mallateessa, ykn akka barbaachisummaa isaatti bakka bu’insa mallatteessuu waliigaltee kennuu ni danda’a; haala waliigalteetiin bittichi raawwatamuu isaas ni hordofa.

16.Akkaataa Labsichaa keewwata 7 keewwata xiqqaa 6 tiin walxaxinsa bittichaa ykn dandeettii bittaa manni hojichaa qabuu ol ta’uu isaatiin bittaan mana hojichaa haala armaan gadii irratti hundaahee qaama 3ffaatiin akka raawwatamu gochuu ni danda’a.

a.Tajaajilli bittaa qaama 3ffaa irraa argatu labsii fi qajeelfama kana hordofee akka raawwatu ni godha.

b.Qaama 3ffaa bittaa mana hojichaa raawwatuu fi mana hojichaa gidduu gaheen hojii ifa ta’ee akka jiraatu ni taassisa.

c.Akkaataa keewwata xiqqaa kanaan bittaawwan qaama 3ffaadhaan raawwatamaniif murtiiwwan kennaman hundi duraan dursee Biiroodhaf dhiyaatanii kan hayyamaman ta’uu isaa ni mirkaneessa.

17.Bittaawwan manni hojichaa raawwate gabaasa raawwii bittaa unkaalee Biirichaan qopha'aanitti fayyadamuudhaan bu’uura murtaa’uun yeroo itti ergamu qabu eegee akka ergamu ni godha,

18.Kan armaan gaddii dabalee raawwiin bittaa mana hojichaa ilaalchsee Biiroon hojii qorannoo ykn oditii taasisuuf haala ni mijeesa,

a.Sanadoonni hojii odiitiif barbaachisaan yeroo barbaadamanitti akka dhiyaatan gochuu,

b. Iddoon hojii odiitaroota ramadamaniif tajaajilu akka mijahaa’u gochuu,

c. Itti gaafatamaan ykn hojjataan adeemsa bittaawwan raawwatamanii ibsuu danda’u akka ramadamu gochuu.

19.Arganoo odiitii bittaa irratti yaada Biirichaan kenname bu'uureffachuun sirreeffama barbaachisaa ta’e gochuu fi sirreeffama taasifamee Biirichaa beeksisuu,


Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin