Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Kutaa 8: Bulchiinsa Waliigaltee



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə21/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

Kutaa 8: Bulchiinsa Waliigaltee

36. Waliigalteen Akka Raawwatamu Gochuu





  1. Qamoleen bittaa raawwatan haalli adda yoo qunnameen alatti dhiyeessitota waliin waligaltee tasifaman hatattamaan akka raawwatamu gochuu qabu.

  2. Armaan olitti keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ka’ame hojii irra oolchudhaaf haal-duree waliigalticha keessatti teessisuun akkuuma eeggametti ta’ee qamoleen bittaa raawwatan kanneen armaan gadii raawwachu qabu.

  1. Waliigaltichaan kaffaltiin duraa kan raawwatamu yoo ta’e qajeelfama kana keessatti haala taa’een wabummaa kaffaltii duraa dhiyeessan akka qabsiisuu gochuudhaan kaffaltii duraa yeroodhaan kaffaluu,

  2. Bittaawwan ‘Letter of creditiin banamuufii qabu foormaaliitiin barbaachisaa ta’e guutamuu isaa mirkanessudhaan letter of crediticha hatattamaan banuu,

  3. Armaan olitti qubee ‘a’ fi ‘b’ irratti kan taa’aniin dabaltaan qaamni bittaa raawwatu waliigaltichi akka raawwatamuuf kan gargaaran hojiiwwan hojjetaman bu’uura waliigalteetiin raawwachuu.

  1. Manneen hojii mootummaa waliigalticha rawwachudhaaf dhimmoota dhiyeessadhaan rawwatamu qaban yerodhaan raawwatamu isaa addaan baafachuudhaan dhiyeessaan bu’uura waliigalteetiin raawwachuu isaa hordofuun mirkaneessuu qabu.

  2. Manneen hojii mootummaa haldureen waligaltee guutamee waliigaltichi guyyaa rawwatamu irraa eegalee galmeessanii qabachuu fi akka barbachisuummaa isaatti dhiyessaan akka beeku gochuu qabu.

  3. Manneen hojii mootummaa bittaa waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatu Ejansiif

kooppii waliigaltee yeroo dheeraa faayyadamudhaan dhiyeessa waliigalticha irratti ibsaman raawwachudhaaf kan dandeessisu ajaja bittaa dhiyeessaa waliigaltee yeroo dheeraaf ni dabarsa. Manni hojichaa barbaachisaa ta’ee yoo argame bittaa waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatu Ejansdii dhaabbate waliin mari’achuun dhiyeessaa waliin waliigaltee dabalataa biraa mallatteessu ni danda’a.

  1. Ajajni bittaa ykn waliigalteen dabalataa biraa adda addaatti gatiin bu’uuraa ta’an fi haalawwan waliigaltee jiraachuu baatus manni hojii mootummaa dhimmoota armaan gadii fi dhimmoota walfakkataa biroo irratti dhiyeessaa waliigaltee yeroo dheeraa waliin waliigaluu ni danda’a.

a. Yeroo meeshaan galii taasifamuu fi kaffaltiin raawwatamu dheeressuudhaaf.

b. Ajaja bittaa tokkoo irratti taasifamuf baayina meeshaa dhiyaatu murteessudhaaf.

c. Bakka meeshichi itti dhiyaatu beksisudhaaf ykn jijjiruudhaaf,

7.Manni hojiichaa armaan olitti keewwata xiqqaa 5 bu’uureffachuun waliigaltee waliigalaa yeroo dheeraa haalawwan jijjiraman Ejansiif beeksisuu qaba.

8.Yeroo raawwii waliigaltee yeroo dheeraa manneen hojii mootummaa ofeeggannoo barbaachisa taasisuu qabu.

9.Yeroo waliigaltee dheeraa keessatti bittaan fedhii manneen hojii mootummaa qofa fayyadamu dhaan raawwachuu qaba.



  1. Waligaltee yeroo dheeraa keessatti dirqamoota ibsaman.

  2. Manni Hojii Motummaa kaffalti bittaa damee ijaarsa kan raawwatu sadarkaa raawwii ijaarsa bu’ura gochuuni fi kanneen armaan gaddii hordofuun ta’a.

  1. Hojii damee ijaarsatiif kaffaltiin kan raawwatamu sadarkaa hojichaa hordofuun waraqaa ragaa kaffalti gorsaa mahandiisa irraa kennamuu ka’umsa gochudhaan qofa ta’a.

  2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 9 (a) kan ibsameen dabalataan hojiiwwan damee ijaarsaa kamiifiyyuu waraqaa ragaa kaffaltii bu’ura godhuun kan rawwataman kaffaltiwaan tokkoon tokkoon irraa qulqulina hojii ijaarsichaa tiif kan ta’u 5% (dhibbentaa shan) haala wabumaadhan hir’ifame ni qabama.

  3. Hojiin ijaarsichaa yeroo dhumuu fi wal-harka fudhinsi yeroodhaaf yammu taasifamu keewwata kana qubee (b) bu’ura gochuun qarshii qabamee irraa %50 (dhibbentaa shantamni) dhaabbata ijaarsicha hojjateef ni gadhiifamaaf. Dhibbentaan shantamni hafe yeroo suphaa waggaa tokkof qabamee ni tura. Ta’us dhabanni ijaarsicha hojjate ji’oota kudha lamaaf (12) kan turu wabummaa haala irratti hin hundoofne yoo dhiyesse kaffaltiin qabame gadi dhifamuufi ni danda’a.

  4. Mandisni gorsaa waraqaan ragaa kaffaltii akka kennamuuf dhaabbata ijaarsichaa irra kan qopha’e dhiyaate guyyaa hojii 7 keessatti hojii xinxala qoratee xumuruun irra jiraata.

  5. Mannii hojjicha waraqqan ragaa kaffaltii gorsaa mahandisaan mirkana’ee ergaa dhiyaatee guyyaa 14 keessatti kaffaltiin barbachisaan kontraktarichaaf raawwachuu qaba

  6. Gorsaan, mandisichaa waraqaan ragaa kaffaaltti qopha’ee erga dhiyaateefii booda sababa gahaa malee kaffaltii yoo turse akkata keewata kana qubee “d” irrati ibsameen dhabatni ijaarsichaa mana hojiicha irraa kaffaltii dabalaata gaafatu kamifiyyuu gorsaa mandisichattu itti gaafatama. Ta’us itti gaafatamummaan mahandisa gorsaa kaffaltii tajaajilichaaf kaffalamuuf caalu hin danda’u.

  7. Manni hojiichaa, sababa gahaa malee keewwatta kana qubee (e) irratti yeroo caqafame kessatti mirkaneessa gorsaa, mandissicha irratti dhiyaateef bu’ura godhachuun kaffalti yoo rawwachu baate dhabatni ijaarsichaa bu’urama waligaalteetiin kaffaltiin dabalata itti gafatamumman dhiheessuufiitu irra jira.

37. Raawwii Waliigaltee Hordofuu


  1. Manneen Hojii mootummaa qaama raawwii waliigaltee hordofuu addaan baasuu ykn raawwiin waliigaltee qaamolee adda addatti qindaa’e kan rawwatamu yammuu ta’uutti qamoleen hojiiwwan isaani ifaan akka beekan gochuun irra jiraata.

  2. Qaamni mana hojii motummaatti raawwii waligaltiichaa hordofu dhiyeessaan bu’ura waaligalteen hojiiwwan ijoo raawwachuuf bu’ura haalaa fi yeroo waligaltee keessatti ibsameen raawwatamaa jiraachuu isaanii hordofuun irra jiraata.

  3. Mannii hojii mootummaa bu’ura waligalteetiin akka barbaachisummaa isaatti hojii bulchiinsa waligaltee armaan gaditii ibsaman raawwachutuu irraa eegama.

a. Kaffaltiiwwan tartiibaan yerodhaan raawwachuu,

b.Dhiyeessan dirqama waligaltee isaa raawwachaa jirachuu isa ragaawwan ibsaan yeroodhaan kennufii,



c.Dhiyeessan dirqamaa waligaltee isaa bahuu akka danda’u deggarsaa seera qabeesa gochuun raawwan waligaltee kan milka’e akka ta’u gochuu qaba,

  1. Yeroo raawwi waliigaltee akkuma haala isaatti fooyyessu waliigalttee gochuun kan danda’amu yammu ta’u fooyyessi godhamu faayida mana hojii motumma kan midhuu fi dorgoomtoota kaadhimamoo caal-basicha irratti dorgoman kan biroo waliin yammuu ilaalamu dhiyeessaa mo’ateef faayida adda kan kennu ta’u hin qabu.

  2. Yeroo hordoffi raawwii waliigaltee manneen hojii motummaa kessatuu kanneen arman gaddii rawwachuun irra jira.

  1. “Letter of credit “ hallawwan waliigaltee eguun yeroon banuu:-

  2. Gaaffiwwan fooyyeessa leter of credit fudhatama qaban fudhachuun saffisaan deebii kennu

  3. Tajaajilli barbaachisaan argamuu idaan dura kabaachiisi waligaltee leter of credit waraantii yeroon fayyaadama isaanii akka hin darbine ofegannoo fi hordofii gochuu

  4. Hojiwwan ijaarsa daangaa yeroo qabameef keessati ijaaramuu isaanii dhihessimeeshaa fi tajajioloonni yeroowanii galtee kessati rawwatamuu isaaniif hordofii godhamu isaari gaaabaasni dhihaachuu isaa

  5. Raawwi waligaltee waliin wal-qabate dhiyeessitoota irraa gaffiin abbumaa kamiyyuu akkaa hin uummamme ofegannoo cimaa gochuu.




  1. Mannii hojii mootummaa bittaa raawwatan yeroo raawwii waliigaltee qaama saadaffaa irraa tajaajilota argaman adda baasuu fi tajajilootni qaama sadaffaa raawwii waliigaltichaa bifa gargaruun kennamu isaa mirkanessuu qabu.



Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin