Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Itti Gaafatamummaa fi Hojiiwwan Adeemsa Hojii Bittaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə3/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23

5. Itti Gaafatamummaa fi Hojiiwwan Adeemsa Hojii Bittaa


Itti gaafatamummaan labsiidhaan kennameef akkuma eeggametti ta’ee Adeemsa hojii bittaa hojiiwwan dabalataa fi itti gaafatamummaa armaan gaditti tarreeffaman ni qabaata.

1. Fedhii mana hojii walitti qabee qajeelfama kana keewwata 10(1) haala ibsameen karoora bittaa ni qopheessa. Akkasumas fedhii bittaa manneen hojii biroo wajjin bakka tokkotti akka raawwatamuuf Biiroodhaan murta'ee adda ni baasa,


2. Akkaataa qajeelfama kanaa keewwata 28 keewwata xiqqaa 5 fi 9’n kan hayyamame irraa kan hafe bittaan mootummaa kamiyyuu dhiyeessitoota seera qabeessa ta’anii fi ulaagaa ga’umsa dorgomtootaa labsii keewwata 18 irratti tumame guutan irraa kan raawwatame ta’uu isaa ni mirkaneessa.

3. Qaama bittaa gaafate waajjin waliin ta'uudhaan sanada caalbaasii qopheessee koree bittaa raggaasisuuf ni dhiyeessa.

4. Yaada koree raggaasistuu bittaatiin keennamuu bu’uureffachuun sanadoota caalbaasii ni sirreessa,

5.Labsii keewwata 25 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee mala raawwii bittaa caalbaasii ifaa adunyaa dabalatee baayyinni qarshii bittichaa akkuma keewwata xiqqaa kana irratti ibsamee fi bittaawwan kanaa ol ta’an beeksisni caalbaasii yeroodhuma walfakkaatu keessatti gaazexaa irratti bahee Weebsaayitii Biirichaa irratti uummataaf ifa godhama.

a. Hojii damee ijaarsaa tiif qarshii 10,000,000.00

b. Bittaa Meeshaa tiif qarshii 3,000,000.00

c. Tajaajila Gorsaaf qarshii 2,000,000.00

d. Tajaajila Biroof qarshii 1,000,000.00

6.Bittaawwan maallaqa armaan olitti ibsamee ol mo’ataan caalbaasii filatamee fi waliigalteen bittaa erga mallataa’ee booda guyyoota 5 keessatti formii qophaa'an irratti ragaawwan barbaachisu guutamee haala keewwata kana keewwata xiqqaa 5 odeeffannoon uummataaf ifa taasisama.

7.Sanada caalbaasii ni gurgura, gaaffii sanada caalbaasichaa irratti dhiyaatuuf ibsa ni kenna ykn akka ibsi kennamu ni godha.

8. Saanduqa sanada yaada dorggommii caalbaasii ittiin fuudhamu ni qopheessa, ni bulcha;

9. Caalbaasii ni bana, hanga danda'ametti qamnii bittaa gaafatee fi bakka bu'aan oditii keessa sirna banniinsa caalbaasii irratti akka argaman ni affeera.

10.Sanadni yaada dorgommii caalbaasii adeemsa hojii bittaatiin yeroo gamaaggamamu ragaaleen sirriitti galmaahuu isaanii, shallagni herreegaa sirriitti hojjatamuu isaa ykn loogiin dorgomaa tokko miidhuuf ykn fayyaduuf raawwatamuu dhabuu isaa mirkaneessa.

11.Qaboo yaa’ii gammaaggama yaada dorgommii sanada caalbaasii ilaalchisee koree raggaasistuu caalbaasiitiif ibsa ni kenna ykn ibsi akka kennamu ni godha.

12.Bu'uura bakka bu’iinsa itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojii mootummaatiin kenname irratti hunda'ee bittaa haala qajeelfama kana keewwata 27(2) qoratee ni raggaasisa.

13. Dorgomtoota mo’ataa fi mo’aatamaa ta’an firii caalbaasii ni beeksisa.

14.Wixinee waliigaltee irratti dhiyeessitoota waliin ni marii’ata, akkaataa aangoon bakka bu’iinsaan kennameefiin ni mallatteessa ykn itti gaafatamaa dhimmi ilaaluun akka mallattaahu ni godha.

15.Manni hojii mootummaa akkaataa waliigalteetiin dirqama isaa bahuu fi mirgi isaa kabajamuu ni mirkaneessa.

16.Sanadoota bittaa ni qaba, ni eega, qaama seera qabeessa dhimmi ilaalu irraa ibsa yoo gaafatame ni kenna.

17. Bittaa qaama sadaffaadhaan raawwatu ni hordofa, ni qindeessa.

18. Bittaa dhiyeessa gatii irratti dorgomtoota hirmaatan ni fila, dhiyeessa gatii ni sassaaba.

19.Sanada caalbaasii dhiyaatan fuuloota kooppii fi oriijiinalii irratti chaappan taasifamee mallattaa'u isaa ni mirkanaaneesa, Yeroo caalbaasiin banamu qaboon yaa'ii akka qabamu ni taasisa

20.Kabaachisaa caalbaasii ni fudhaa ykn ni egaa,ni deebisa ykn haala labsii bittaa keewwata 30(3)tiin kabaachisaa caalbaasii mootummaadhaf galii ni taasisa ,

21.Sanadoota caalbaasii gareedhan ta'un ni gamaggamaa ykn akka gamaaggamuu ni taasisa, hangi bittichaa haala qajeelfama kana keewwata 27(2) n irratti ibsameen olitti sababa ta'en firiin gamaaggamichaa koree raggaasistuu bittaatti dhiyaatee mirkanaa'uu kan qabu koreetti ni dhiyeessa.

22.Bittaawwan dhiyeessa gatiin raawwatan ilaalchisee gatiin dhiyeestoon dhiyeessaan gatii gabaa ta'u isaa ni mirkaneessa.

23.Bu'uura labsii bittaa keewwata 13(2) tumamen yoo ta'ee malee adeemeesa hojii bittaa mana hojiichaa ilaalchisee odeeffannoo akka kennamuuf qaamni gaaffii dhiyeessu ragaa gaafatamee saffinaan ni kenna. Oodeeffannoo kennuun mana hojiicha baasii dabalataaf kan saaxiiluu yoo ta’e qaamni oodeeffannoo barbaaduu akka uwwisu ta'u qaba.


6. Moggaafama Koree Raggaasistuu Bittaa


1. Itti-gaafatamaa ol'aanaa qaama bittaa raawwatuu Labsii sirna bittaa keewwata 7 (2) irratti aangoo kennameefiin koree raggaasistuu bittaa miseensa 3 hanga 5 qabu ni moggaasa.

2. Miseensota koree raggaasistuu ta’anii, filatamuu kan danda'an, hojjattoota naamusa gaarii qaban, bittaa raawwachuuuf hojjettoota beekumsa fi muxxannoo gaha qaban, akkasumas, waggoota lamaan asitti balleessaa kan hin raawwannee fi naamusaan kan hin himatamne ta'u qabu.

3. Miseensonni koree raggaasistuu bittaa mana hojii gaggeesitoota adeemsaa, ogeeyyii muxannoo fi beekumsa ol’aanaa qabani fi murtoo kennu danda’an keessaa moggafamu.

4. Wal-gahii koree raggaasistuu miseensonni walakkaa ol ta’an yoo argaman kooramiin ni guuta.

5. Murteen koreen raggaasistuu kennu sagalee caalmaatiin ta'a. Sagaleen wal-qixxee yeroo ta’utti walitti qabaan sagalee murteessaa ni qabaata.

6. Miseensooni koree raggaasistuu murtoo darbu irratti yaada garaagarumma yoo qabaatan, sababii isaa barreeffaman ibsanii qaboo yaa’ii irratti ni mallatteessu.

7. Haalli dirqisiisu yoo jiraate malee, barri tajaajila miseensota koree raggaasistu waggaa 3 ta'a. Irraa deebi'aanii filatamuu ni danda'u.

8. Manneen hojii sadarkaa naannoo, godina, aanaa fi bulchiinsa magaalaatti abbooti baajataa bittaa ol’aanaa puuliin gaggeessan keessaa koree raggaasistuu bittaa haala ulaagaa armaan olitiin mana hojii isaanii keessaa moggaafachuu qabu.




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin