Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə5/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23

12. Mala Bittaa Filachuu


  1. Manneen hojii mootummaa yeroo bittaa karoorsan labsiichaa fi qajeelfama kanaan gosa bittaa tokko tokkootiif mala bittaa hayyamaman keessaa kan walsimu filachuudhaan karoora bittaa irratti agarsiisuutu irra jiraata.

  2. Manneen hojii mootummaa yeroo karaoora bittaa qopheessan fedhiin bittaa beekaman hundi karoora bittaa keessatti haammatamuu isaanii fi bittaa tokko tokkoof malli bittaa mijaahaa ta’e filatamuu isaa mirkaneessuu qabu.

13. Yeroo Bittaan Itti Raawwatamu Murteessuu


1.Manneen hojii mootummaa qophii karoora bittaatiif unkaa Biirichaatiin qophaa'utti fayyadamuudhaan yeroo hojiin bittaa gurguddaan itti raawwatu murteessuu qabu. Kanaafis kanneen armaan gadii fi akkaataa gosa bittaa raawwatamuutiin dhimmoota fudhatama qaban biroo ilaalcha keessa galchuu qabu.

  1. Yeroon bittichi itti raawwatu sagantaa hojii mana hojichaa wajjin kan walsimu ta’uu isaa,

  2. Yeroo dhiyeessi bal’aan gabaarratti argamu yaada keessaa kan galche ta’uu isaa,

  3. Qajeelfama bittaa keewwata 18.4 irratti akkuma ibsametti yeroo turtii caalbaasii gadi aanaa kan eegee fi hanga danda’ametti dorgommii bal’aan akka jiraatu kan dandeessisu yeroon qophii sanada yaada dorgommii kan kenname ta’uu isaa,

  4. Bittaawwan addatti walxaxaa fi maallaqa ol'aanaa gaaffatan yeroo gahaa sanada itti qopheessan, gamaaggamanii fi yeroo itti mirkaneessan kan kenname ta’uu isaa mirkaneessuu qabu,

  1. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee gosoota bittaatiif yeroon ramadamu hojiiwwan raawwii bittaa ijoo ta’an raawwachuuf yeroo barbaachisuu ol kan dheerate akka hin taane ofeeggannoo barbaachisaan godhamuu qaba.

  2. Manneen hojii Mootummaa karoora bitaa meeshaa bara baajata hanga kurmaana 3ffaa qofatti karoorfachuu qabu.

  3. Manni hojii mootummaa bittaa meeshaa raawwatu kamiyyuu adeemsa bittaa irra yoo jiraatee malee Kurmaana 4ffaa keessatti bittaa raawwachuu hin danda’u.

  4. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 4 irratti ibsame jraatuullee sababni bittaan Kurmanaa 4ffaa duratt hin raawwataminiif hanqinna qaama bittaa raawwatauu ta’uun dhabuun isaa yoo mirkanaa’ee fi bitichii murteessaa ta’uun isaa yoo itti amaname Biiroon Kurmaana 4ffaa keessatti akka bitamu haayyamuu ni- danda’a.



14. Qabiyyee Karoora Bittaa


1. Manneen hojii mootummaa qajeelfama kana kutaa 3 irratti hundaahuudhaan unkaa biirichi hojii kanaaf miiltoo 1irratti qopheesse fayyadamuudhaan karoora bittaa isaanii qopheessuu qabu.Karoorii haala kanaan qophaa’u, kanneen armaan gadii hammachuutu irra jiraata.

a. Ramaddii bittaa, lakkoofsaa ,

b. Ibsa Bittaa

c. Baayyina Bittaa

d. Facaatii raawwii hojimaatni bittichaa hordofu,

e. Bitticha xumuruuf hojiiwwan ijoon yeroo itti raawwataman,

f. Baajata bittaadhaaf barbaachisu, baayyinaa fi madda isaa,

g. Gosa waliigaltee bittaadhaaf mijaa’aa ta’e

h. Haala qooda fudhannaa qaamota murteessoo adeemsa raawwii bittaa irratti hirmaatanii

i. Akkaataa amala mana hojichaatti dhimmoota biroo xiyyeeffannoo barbaadan,



2. Manni hojii mootummaa madda ragaalee ijoo qophii karoora bittaatiif itti fayyadame fi ragaalee biroo karoora bittichaa fayyadamtootaaf caalmaatti ifa godhu jedhee yaadame karoora bittaa wajjin unkaa akka miiltootti walitti qabsisuutu irra jira.

15. Haala Karoorri Bittaan Itti Ragga’u fi Fooyya’u


  1. Adeemsi hojii bittaa karoora bittaa waggaa qopheessuun koree bittaa raggaassisuuf dhiyeessuudhaan erga yaada fudhatanii booda karooricha ittigaafatama ol’aanaa mana hojichaattiif dhiyeessanii ragaassisuu qabu.

  2. Ittigaafatamaa ol’aanaan mana hojii mootummaa adeemsi raawwii bittaa mana hojichaa karoora bittaa ragga’e irratti hundaa’ee hojjatamuu isaa mirkaneessuuf kan dandeessisu hojimaata diriirsuudhaan raawwii isaa hordofuu qaba.

  3. Karoorri bittaa waggaa ittigaafatamaa ol’aanaan ragga’e kooppiin isaa haala labsicha keewwata 12.2 irratti tumameen raawwii isaatiif adeemsa hojii dhimmi ilaalu mana hojichaa keessatti argamanii fi Biririchaaf ergamuu qaba.

  4. Karoorri bittaa waggaa mana hojii mootummaatiin qophaa'e ittigaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatiin fudhatama erga argatee fi kooppiin karoorichaa erga Biiroodhaaf ergamee booda manneen hojii mootummaa raawwii bittichaa qoqqooduudhaan ykn hojimaataa karoora irratti ibsameen ala raawwachuu hin danda’u.

  5. Armaan olitti keewwata xiqqaa 4 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee manneen hojii mootummaa, barbaachisaa ta’ee yoo argame fi itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatiin yoo itti amaname yeroo kamiyyuu karoora bittaa isaanii fooyyessuu ni danda’u.

  6. Armaan olitti keewwata xiqqaa 5 irratti akka ibsametti karoora bittaa fooyya’ee qamolee bittaan raawatamuuf fi biiroodhaaf ergamuu qaba.

16. Karoora BittaaWaggaa Ifa Gochuu


Biirichi qajeelfama kana keewwata 15 keewwata xiqqaa 3 irratti hundaa'ee karoora waggaa manneen hojii irraa ergameef walitti qabuudhaan karoora bittaa maallaqni isaa qajeelfama kana keewwata 5 keewata xiqqaa 5 irratti ibsamee ol ta'e akkuma barbaachisummaa isaatti akaakuu bittaa tiin adda baasuudhaan ifa godha. Yookiin manneen hojii ragaa ibsame kana weebsaayitii Biirichaa irratti haala itti baasan ni mijeessa.

Kutaa 4: Malawwan Bittaa fi Raawwii Isaanii

17. Malawwan Bittaa Hayyamaman


  1. Bu'uura Labsii Sirna Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa lakk 157/2002 keewwata 23 tiin malawwan bittaa armaan gaditti tarreeffaman hayyamamaniiru,

      1. Caalbaasii Ifaa,

      2. Caalbaasii Murtaa'aa,

      3. Dhiyeesaa Tokko irraa bittaa Raawwatamu,

      4. Bittaa Gaaffii Yaada Dorgommiitiin Raawwatamu

      5. Bittaa dhiyeessa gatiin Raawwatamu.

      6. Bittaa Sadarkaa Lamaan Raawwatamu,

  1. Haalawwan labsii fi qajeelfamaan hayyamameen yoo ta’e malee manneen hojii mootummaa bittaa gaggeessan kamiyyuu mala caalbaasii ifaatiin raawwachuu qabu.

  2. Manneen hojii mootummaa mala caalbaasii ifaan ala, malawwan birootiin bittaa raawwachuu kan danda’an bu'uura labsii keewwata 23 (3) tumameen ta'a.

  3. Manni hojii mootummaa bittaa raawwatu kamiyuu bittaa caalbasii ifaatiin ala mala biroon bitta raawachuuf yoo murteessuu sababa maaloota kanatti faayadamuuf filatee fi haala isaa kan ibsuu sanadaa qabachuu qaba.




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin