Qophii Uulaagaalee Gamaaggama Caalbaasii
səhifə 8/23 tarix 06.09.2018 ölçüsü 0,57 Mb. #78731
18.8 Qophii Uulaagaalee Gamaaggama Caalbaasii
Manni hojii mootummaa uulaagaalee sanadni caalbaasii ittiin gamaggamamu kutaa ulaagaa ga’umsaa fi maddalli sanada caalbaasii idilee irratti ifatti agarsisuutu irra jiraata.
Uulaagaan gamaggama caalbaasii akaakuu bittaatiin adda addumaa qabaatus, toftaalee filannoo bu’uraa armaan gadii lamaan keessaa tokkoon raawwatamu qaba.
Bittichaaf ulaagaa tekiniikaa gadi aanaa fudhatama qabu murteesuudhan ulaagaa tekiniikaa gadi aanaa dorgomtoota guutanii dhihessan keessaa dorgoma gatii xiqqaa dhiyeesse filachuu ykn
Faayidaa bittichi argamsiisu ykn ulaagaalee dinagdummaa murteessu danda’u fi ulfaattini ulaagaan tokko tokkoon qabaatu ifatti sanada caalbaasii irratti ibsuun ulaagaalee kanneenin irratti hundaa’un xinxaalamee ida’ama waliigalaatiin dorgomaa qabxii ol’aanaa argate filachuu.
Keewwata kana keewwata xiqqaa 2.b jalatti haala tumameen ulaagaaleen gamaaggamaaf filataman haala qabatamaa irratti Kan hundaa’e, lakka’amuu Kan danda’u ta’ee, adeemsa xinxaalaatiin ulfaatina guddaan kan kennamuu fi hanga danda’ametti maallaqaan kan ibsamu danda’u ta’u qaba.
Manni hojii mootummaa sanada dorgomtonni dhiyeessan haala keewwata kana keewwata xiqqaa 2. b tiin erga gamaaggamameen booda dorgomaa mo’ataan ga’umsa maddaalli dorgommi boodaatiin dabalataan gamaggamamu qaba jedhee yoo amane kanuma sanada caalbaasii irratti agarsisuu fi gamaaggama dorgommi boodaatiin ulaagaalee hojiirra olan ibsuutu irra jiraata.
Keewwata kana keewwata xiqqaa 2. b bu’ura ibsameen dorgomaa mo’ataa ulaagaa filachuu gatii gadi aanaa taasisuuf manni hojii mootummaa haalawwa armaan gadii jiraachuu isaani mirkanefachuu qaba.
Bittaan dhiyaatu kan sadarkaan isaa beekkamu fi waltinaa’e yoo ta’u mana hojiif faayida qabeesa kan ta’e fi dorgomtoota giddutti garaagarumma umuu kan danda’u faayidaan dinagdee adda irratti dhiyaachu danda’u ykn danda’uu dhiisuu ykn
Manni hojii mootummaa ulaagaa gadi aanaa kaa’e irratti dabalataan kan dhiyaatu faayida dabalataa argamsiisuu ykn argamsiisuu dhabuu ykn faayidaa dabalataa mana hojichaaf kennu gadi aanaa ykn ol’aanaa ta’uusaa,
Keewwata kana keewwata xiqqaa 2.b jalatti haala tumameen ulaagaa gamaggamaa filachuuf.
Meeshaan bitamu sadarkaan kan hin baneef fi fayidaa dabalataa haala uumuutiin ispeekifikeeshinii isaa sadarkaa adda addaatiin meeshaaleen guutuu danda’an meeshaalee walfakkaatan jirachuu ykn jiraachuu dhabbu,
b.Meeshaan ykn tajaajilli bitamu yeroo dheeraaf kan tajaajilu fi sababiin maadii dhiyeessiin isaa adda addaa ta’en haala itti fayadama, eeguu fi qabachuu, akkasumas, haali dhabamsisuu baasii kan barbaadu ykn kan hin barbaane ta’u.
Keewwata kana keewwata xiqqaa 2. b jalatti haala tumameen ulaagaan manneen hojii meeshichi tajaajila kennu murtessan shoora kan taphatan ta’u isaanii mirkanessu fi bitticha murtessuuf shoora qabaniin ulfaatinni wal madaalu kennamuf qaba.
Bittaa tajaajila gorsaa keessatti haala keewwata kana keewwata xiqqaa 2.b jalatti haala tumameen ulaagaalee gamaaggamaaf ulfaatiini gatiif keennamu %50 hanqachuu hin qabu.
18.9 Yeroo Caalbaasiin Banaa Ta’e Qillensaa irra itti turu Murtessuu
Manni hojii mootummaa bittaa gaggeessuu yeroo sanada caalbaasii qopheessuu guyyaa dhumaa sanadni yaada dorgommii itti dhiyaatu dhimmota armaan gadii yaada keessa galchuun murtessuu qaba.
Qaamni bittaa raawwatu yeroo sanadni caalbaasii qophaa’u gosa bittaa fi hirmaanna uuwwisa bittichaa keessattuu bittaa walxaxaa ta’ee fi hin taane addaan baasuun bu’uura gabatee keewwata kana jalaatti ibsameen guyyaa dhumaa yaadni dorgommii caalbaasii itti dhiyaatu ni murteessa.
Bittaa meeshaa fi tajaajila walxaxaa hin ta’in kan jedhamu gosa bittaa unkaa 2 tarreefama qajeelfama kanaan walqabateedha.
Mala bittaa dhiyeessa tokkon bittaa raawwatumu, yeroon yaadani dorgomii itti dhiyaatu,gosni bittaa,ariifachisummaan isaa ,walxaxinsisaa, hirmaannaa uwwisa dhiyeessitootaa fi dhimmoota walfakaatan bu’uura godhachuun qaama bittaa raawwatuun ni murta’a.
4. Bittaan kan raawwatamu bu’uura mala bittaa sadarkaa lamaan yeroo ta’u ;
Sadarkaa 1ffaatti akka gosa bittichaatti qajeelfama kana keewwata 18.9 keewwata xiqqaa 1 irratti bu’uura ibsameen caalbaasiin ifaa aduunyaa ykn caalbaasii ifaa biyyooleessa bittaa walxaxaa raawwatamuuf yeroon turtii ka’umsa caalbaasiif hayyamameen kan raawwatamu ta’a.
Sadarkaa 2ffaatti dorgomiitti biyyaa keessaa YKN biyyaa alaa dorgomtonii akka hirmaatan qaama bittaa raawwatuun filatamanii caalbaasii murta’aa irratti hirmaataniif keewwata 18.9 keewwata xiqqaa 1 irratti caalbaasii murta’aaf yeroon gada’anaan( ka’uumsaa) hayyamame kan raawwatuu ta’a.
5. Qamooleen bittaa raawwatan kanaan olitti keewwata 18.9 keewwata 1 irratti kan ibsame yeroon gadi aanaan caalbaasii qopheessuu fi dhiyeessuu ta’uun hubaachuun akka gosa bittichaa fi haala gabayaan dorgomtoota kadhimamoof akka barbaachisuumaa isaatti yeroon walgitu dabalataan kennamuufiin ni danda’ama.
Lakk.
Gosa Bittaa
Walxaxummaa
(Complexity)
Uwwisa hirmaannaa bittichaa
Caalbasii ifaa
Adunyaa
Caalbaasii ifaa Biyyoolessaa
Caalbaasii Murtaahaa
Dorgomtoonni biyya alaa kan
irratti hirmaatan
Dorgomtoonni
Biyya keessaa kan
irratti hirmaatan
Guyyaa 45
Guyyaa 30
1
Hojii damee ijaarsaa
Walxaxaa
Guyyaa 45
Guyyaa 30
walxaxaa kan hin taane
Guyyaa 35
Guyyaa 21
Guyyaa 35
Guyyaa 21
2
Meeshaa
Walxaxaa
Guyyaa 45
Guyyaa 30
Guyyaa 45
Guyyaa 30
walxaxaa kan hin taane
Guyyaa 35
Guyyaa 15
Guyyaa 35
Guyyaa 15
3
Tajaajiloota biroo
Walxaxaa
Guyyaa 45
Guyyaa 30
Guyyaa 45
Guyyaa 30
walxaxaa kan hin taane
Guyyaa 35
Guyyaa 15
Guyyaa 35
Guyyaa 15
4
Tajaajila gorsaa
-Ibsa fedhii
Walxaxaa
Guyyaa 14
Guyyaa 10
-
-
walxaxaa kan hin taane
Guyyaa 10
Guyyaa 7
-
-
-Dhiyeessa yaada dorgomii
walxaxaa
Guyyaa 45
Guyyaa 30
Guyyaa 35
Guyyaa 30
walxaxaa kan hin taane
Guyyaa 35
Guyyaa 15
Guyyaa 21
Guyyaa 15
Gurgurtaa Sanada Caalbaasii
Gatiin gurgurtaa sanada caalbaasii bittaa kamiyyuu akkaataa labsii keewwata 28 tumameen dhimmoota armaan gadii yaada keessa galchee mana hojii bittaa raawwatun murtaa’a.
Gatiin gurgurta sanada caalbaasii dorgomtoota heddu akka hin arganne taasisuu hin qabu .
Gatiin gurgurta sanada caalbaasii murtaa’u bu’aa argachuu kan giddugalessa hin godhannee fi baasii sanadicha qopheessuuf bahee uwwisuu qofa kan kaayyeefate ta’u qaba.
Manneen hojii mootummaa dhimmoota armaan gadii tilmaama keessa galchuudhaan akka barbaachisummaa isaatti sanadni caalbaasii bilisaan akka kennamu ykn baasii qophii sanadichaatiif bahee gadiin akka gurguramu hayyamuu ni danda’u:-
Dorgomtoonni gahaan hin argamani jedhamee yoo yaadamu,ykn
Baasiin qophii sanadichaaf bahe baayyee gadi’aanaadha jedhamee yoo amaname,ykn
Tilmaamni baasiin qophii sanada caalbaasichaatiif bahe baayyee ol’aanaa ta’uu isaatiin baasii isaa guutumaan guutuutti dorgomtoonni akka uwwisan gochuun gatiin gurgurtaa caalbaasichaa baayyee ol’aanaa waan ta’uuf dorgomtoonni gahaan akka hin argamne godha jedhee yoo amanu,
Caalbaasichi irra deebiin akka bahu kan godhamee fi caalbaasii jalqabaa irratti dorgomuuf dorgomtoonni sanada bitan lammaffaa akka bitan gochuun sirrii ta’uu baachuun isaa mana hojichaatiin yoo itti amaname,
Manneen hojii mootummaa sanada caalbaasii guyyaa beeksisni caalbaasii bahee kaasee hanga guyyaa cufiinsaatti guyyaa hojii jiran hundatti iddoo fi haala beeksisa caalbaasii irratti ibsameen sa’aatii hojii mootummaatti dorgomtoota kaadhimamoof gurguruu qabu.
Dostları ilə paylaş: