Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Raawwii Bittaa Puuliin Alaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə20/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

32. Raawwii Bittaa Puuliin Alaa


  1. Biiroon haala sochii bittaa isaanii, baay’ina hojii fi amala arifachisummaa yaada keessaa galchuun manneen hojii tokko tokkoof bittaa puuliin ala akka ofiin gaggeessan heyyama addaa kennuu ni danda’a.

  2. Ta’us tajaajilli bulchiinsa faayinaansii puuliidhaan wirtuu tokkotti waan kennamuuf caasaan haala keewwata xiqqaa 1tiin ykn bittaa mana hojii tokko koree addaa ofiitiin akka raawwatan hayyamameef kaffaltii dursaan baasii gochuun ykn erga meeshaan galii ta’een booda sanada bittaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdee sadarkaan jiruuf erguun adeemsa seera bittaa fi bulchiinsa faayinansii egee kaffaltiin ni raawwatama. Harshameenis Waajjira Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaati qabama.

  3. Manneen hojii bittaa kaffaltii dursaa fudhachuun ofiin gaggeessuu haala addaattiin itti gaafatamaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeetiin yoo hayyamameef malee herrega kaffaltii duraa fudhate osoo hin busiin kaffalti dabalee fudhachuu hin danda’u.

33. Kaaffaltii Dursaan Bittaa Raawwachuu


  1. Kaffaltiin dursaa Waajjirichaan kan hayyamamuu bu’uura seera faayinaansiini fi waliigaltee bittaa irratti ibsameen dhimmoonni qajeelfamaan tumaman yoo guttaman qofa dha.

  2. Kaffaltii dursaa gosota bittaawwan bakka tokkotti puuliidhaan Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeetiin bitaman jedhamanii armaan olitti keewwata xiqqaa 1 irraatti ibsaman ilaalchisee baasii kan gaafatuu fi raawwatamuu adeemsa hojii bittaa, bulchiinsa Faayinaansii fi Qabeenyaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdee ta’a. Haalumaa kanaan, manneen murtii sadarkaan jiraniin ala gosa bittaa meeshaalee fi tajaajilaa puuliidhaan bakka tokkotti Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeetiin bittamaniif manneen hojii Pitii Cashii baafachuun bittaa raawwachuu hin danda’amu.

  3. Unkii baasii kaffaaltii dursaa bittaa Puulii kan qophaa’u ogeessa bittaatiin ta’a. Kan bittaa mana hojii tokko qofa ilaalu ammoo hojjataa bittaa gaggeessuu fi itti gaafatamaa mana hojii abbaa baajataatiin unkii gaaffii guutamee itti gaafatamaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeetiif dhiyaatee yoo itti amanamee mirkanaa’e kaffaltiin dursaa ni raawwatama.

  4. Sanadni kaffaltii dursaa hojichi raawwatamee guyyaa torba keessatti dhiyaatee herregichi bu’u qaba. Haata’u malee sanadichi guyyaa soddoma keessatti yoo bu’u baatee gara herrega sassaabamatti jijjirama, modeela 42’ nis gara hojjataa leejara gooarootti galmeef ni darba.

  5. Biittaa mana hojii tokko ilaaluuf kaffaltii dursaan maallaqni fudhatamee bittaan gaggeefame osoo herregni isaa hin bu’in bittaa biroof kaffaltiin yeroo lamaffaa heyyamamuu kan danda’u haalli dirqisisaan herrega duraa cufuuf qunnamuun isaa Itti Gaafatamaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeef dhiyaatee itti amaname yoo ajaju qofa.

34. Bittaa Amala Dhunfummaa Qabu


Bittaa mootummaa keessatti bittaawwan amala dhunfummaa qaban qaama seeraan akka meeshichaan ykn tajaajilichaan fayyadamu seerra hayyamameefiin bitamanii tajaajila hojii mootummaaf akka oluu gochuun ni danda’u.




  1. Raawwanaan tumaatti keewwata kanaa bittaa tajaajila kaardii moobayiili irratti ni raawwatama. Itti gaafatamtoota hojii tajaajilli bilbila mobayiili hojiif hayyamameef daangaa maallaqaa seeraan murtaa’eef yeroo murtaa’ef keessatti kallattiidhaan maallaqa callaan fudhatanii akka bitatan tasisuun ni danda’ama.

  2. Bittaa uffata seeraa hojjatoota mootummaas haala seera Siviil Sarvisii mootummaa naannoo Oromiyaa murteesuu irraatti hunda’uun kan raawwatamu ta’a.


35. Raawwannaa Bittaa Konkolaataa


1. Bittaan konkolaataa kan raawwatamu fedhii konkolaataa manneen hojii mootummaa akka naannootti waggaa keessatti qaban walitti gurmeessuun ta'a.

2. Bittaa konkolaataa manneen hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa walitti gurmeessee kan bituu Ejansii Geejjibaa Oromiyaa ykn akka barbaachisummaa isaati qaama aangoon Birichaan kennamuuf ta’a.

3. Qaamooleen bittaa raawwatan fedhii bittaa konkolaataa isaanii kan waggaa Hagayaa 30 dura Ejansii GeejjibaaOromiyaatiif dhiyeessuu qabu.

4. Ejansii Geejjibaa Oromiyaa sanada caalbaasii bittaa fi tarreeffama konkolaataa ni qopheessa, dorgomtoota ni affeera, yaadawwan dorgommiif dhiyaatan ni gamaaggama, mo’ataa caalbaasichaa ni filata, bu'aa ykn firii caalbaasii dorgomaa mo’ataa caalbaasiif barreeffamaan ni ibsa. Akkaasumas, yeruma tokkoon dorgomtoota caalbaasichaan mo'aman hundaaf kan tajaajilu danda'u barreefama mo’ataaf ibsame boordii beeksisaa irratti akka maxxanfamu godha. Bu'aa dorgommii irratti yeroon dhiyeessa mormii erga raawwateen booda dhiyeessaa mo’ataa waliin qaamni bittaa raawwatu waliigaltee raawwachuu akka danda'uuf mo’ataa caalbaasiichaa, tarreeffamaa konkolaataa fi gatii ittin mo’atee ni beeksisa.Sanadoota bittichaan walqabatanis walqabsisuun manneen hojii bittaan raawwatameef ni erga.

5. Konkoolaataan bitamee yeroo dhiyaatu Ejansii Geejjibaa Oromiyaa haala tarreefama fedhiin guutee konkoolaataan dhiyyaachuu isaa mirkaneessu qaba.

6.Qaamni bittaa raawwatu Ejansii Geejjibaa Oromiyaa bu'uura mirkaneesseen sanada waliigaltee irratti waliigaluudhaan gatii konkolaatichaa kaffaluudhaan konkolaataa bitame ni fudhata.

7. Ejansii Geejjibaa Oromiyaa dangaan qajeefamaan taa’e akkuma egameen ta’ee, bittaa konkoolata bu’uura Labsii Sirna Bittaa lakk.157/2002 keewwata 50 irratti ibsamanniin raawwachuu qaba.

8. Ejansii Geejjibaa Oromiyaa bittaa konkolaataa raawwatuuf bu’uura Labsii sirna bittaa keewwata 7 irratti aangoo fi itti-gaafatamummaa qaamni bittaa raawwatuuf kenname ni qabaata.

9. Itti gaafatamaan ol'aanaa qaama bittaa raawwatuu sababa haalli ariifachiisaan isa mudateef bittaan konkolaatichaa turuun hojii mana hojichaa irratti rakkoo guddaa kan gessiisuu
ta'uun isaa yoo itti amanee fi Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdeetti dhiheessee yoo hayyamameef waa'ee tarreeffama raawwanaa isaa Ejansii Geejjibaa Oromiyaairraa deeggarsa ogummaa gaafachuudhaan bitticha ofiin raawwachuu ni danda'a.


Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin