Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə22/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

38. Waliigaltee xumuruu


  1. Qaamni bittaa raawwatu waligaltee dhiyeesitota waliin mallatteeffamee fi dhimmoota walqabatan fala barbachisaa ta’e yeroodhaan argatanii waliigalteen xumuramuu isaa mirkanessuu qaba. Kanafis:-

  1. Dhiyeessaan bu'uura waligalteetiin hojii ijaarsaa, meeshaa, tajaajila gorsaa fi biroo barbachisaa ta’e dhiyeessuu isaa mirkanessu,

  2. Akkataa walgalteetiin wabii fi warantiin qabame hordofii barbachisaa ta’e taassifameefii yeroo barbachisa ta’etti murteen kan kenname ta’u isaa

  3. Bu’uura waligaltedhaan kaffaltii dhiyeessitotaaf kaffalamu qabu kan raawwate ta’u isaa fi kaffaltii kaffalame hundaaf bu'uura waligalteetiin tajajilli argamuu isaa

  4. Qaama sadaffa irra tajaajilonni argaman; jechunis, kubbaniyya inshuransii, hojii geejjibsiisan kan hojjatan Abba Tayitaa Gumurka, traanziiteroota, bankii fi tajaajila kennitoota biroo wajjin walqabatee faayida qaama bittaa raawwatuu kabajamuu isaanii fi dirqamni qaamolee bittaa raawwatanii kan rawwatame ta’u isaa

  1. Qamoleen bittaa rawwatan dhiyeessa fi qamolee sadaffaa waliin herregota hin xumuramne cufuudhaan akka barbachisummaa isaatti gamaaggama raawwii waliigaltee gochuu qaba.

Kutaa 9: Tummatilee Adda addaa biroo

39. Gaaffii bittaa idilee hin-tanee xiinxaluu


1.Maneen hojii mootumma sirnaa raawwii bittaa qajeelfama kana irratti tarreefamaan eeguu kan hin dandeenyee ykn bittaa idilee ala kan raawwachuu danda’an labsii keewwata 23 keewwata xiqaa 5 irratii bu’ura tumameen dhabbatichaaf gaafii isanii dhiyeefatanii yoo hayyamame qofaa dhaa.

2.Manneen hojii armaan ol’itti keewwata xiqaa 1 bu’uraa ibsameen gaaffi hayyama adda dhiyeefataniif filannoon fudhaatan baasii, qulqulina ,yeroo fi dhimmoota barbachisaa biro wajjin walqabatee faayidaa argamsisuu kan hammatee ibsaa sanada deggaruu barbaachiisaa ta’e wajjin dhabbatichaaf dhiyaachuu qaba.



40. Sanadaa Bittaa


1. Manneen hojii mootumma labii bittaa fi bulchiinsa fayyinansii keewwata 13 irraatii sanadaa bitta tareeffamani fi barbachisadha jedhee kan itti amnee kan biroo qabanii tursuu qabuu

2. Sanadnii bittaa haala labsii bulchinsaa faayinaansii keewwata 65 (1) fi (2)n irratti haala ibsameen danbii ykn qajeelfamaa bahuu irratti yeroo turmmata sanda faayinansii tiif kan ibsamuu qixee yeroo turmata ni qabbata


41. Dhiyeessa ta’anii galmaa’uuf haallawwan guutamuu qabaan


1. Galmeefamaa dhiyeesitoota

Bitta mootumma kammiyuu irratti hirmachuudhaaf galmee dhiyeessitoota irratti galmaa’uun dirqamaa



  1. Dhiyeessitoonii Bittaa mootumma irratii hirmaachu barbadan kutaa dhiyeessitoota galmeessuuf qophee keessaatti duraa off galmeessuu qabuu

  2. Olitti keewwata kana “a” irratti kan ibsamee akkuma jiruuti ta’ee “Real State “ irraatti Warii hin hirmmatiin mana kireesooni Faacatii dhiyeesitoota bahee irratti hirmachuu ni danda’u

2. Galmee dhiyeesitoota irrati galmaa’uuf haala duerrewwan gutamu qabaan:-

a. Dhiyeesitoonii hojii irratti boba’aan kan ibsuu eeyamaa daladalaa haromsifamee,

b. Dhiyeessan tajaajila gorsa keenuu irratti kan boba’e yoo ta’e ragaa mirkaneessa ga’umsa oogguma dame tajaajila irratti boba’e qamaa dhimmi ilaaluun keenamee

c. Dhiyeesaan hojii ijaarsaa irratti kan boba’e yoo ta’e hojii ijaarsaa hojjechudhaaf biiroo Hojjii fi Misoma Magalaa irra ragaa sadarkaa keenameef

d. dhiyeessan tajaajila suphaa konkoolata keenuu irraat kan boba’e yoo ta’e Ejansii Geejjibba Oromiyaa irra raga sadarkaa isa ibsuu.

e. Dhiyeessan qorichaa fi meeshaa tajaajila yaala dhiyeessuu irratti boba’ee Biroo Egumsaa Fayya irra raga kenameef,




Kutaa 10: Naamusa Bittaa Mootummaa

42. Naamusa Ogummaa Ogeessa Bittaa Irraa Eeggamu


Labsii keewwata 22 keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsamee akkuma eegametti ta’ee hojjettotni bittaa waliin qunnamti qaban kamiyyuu ykn itti gaafatamaan hojichaa haala naamusaa guutuu ta’een raawwachu qaba.Hojjettooni hojii bittaan walqabatee hojjettan hunda haala armaan gadiin raawwachuu qabu.

  1. Bittaa Motummaa irratti kallattiin ykn kallattiin ala hojjetaan ykn ittigafatamaan bobba'e kamiyyuu hojii hojjetuuf murtoon kennu haala kamiinuu mata isaa ykn maatii isaa fayyaduu akka danda’u yomuu hubatetti walitti bu’insi faayidaa hojii walin walqabatu jirachu isaa barreefaman ibsudhaan adeemsa hojii bittichaa keessaa of baasuu qaba.

  2. Hojjataan ykn ittigafaatamaan hojii bittaa mootummaa irratti bobba'e kamiyyuu hojii hojjetu waliin haala wal qabateen walitti bu'insa faayidaa akka jiru odeeffanoon madaa kam irraayyuu mana hojichaa yommuu ga’u,

  3. Hojjetaan ykn itti gaafatamaan walitti bu’insa faayidaa dhiyaate irratti barreeffamaan yaada isaa akka kennu tasifama.

  4. Armaan olitti keewata xiqaa kana lakk. 3 yaada barreeffaman kennamee fi kallattii sirriidha jedhee itti amaneen ragaa dabalataa sassabuudhaan hojjetaan ykn itti gafataman hojii bittaa qabate waliin walqabateen waltti bu’insa fayidaa akka qabu ykn akka hin qabne ni murteessa.

  5. Armaan olitti keewwata kana keewwata 4 irratti haala ibsameen qaamni bittaa raawwatu hojjetaan ykn ittigafatamaan hojii bittaa hojjetu waliin walqabatee walitti bu’iinsa faayidaa jiraachuu isaa yoo mirkaneesse,

    1. Hojjetaan ykn ittigaafatamaan adeemsichaa keessaa akka dhorkamu godha.

    2. Hojjetaan ykn ittigafatamaan adeemsichaa keessatti hirmachuudhaan dhimmotni murtoon itti kenname irra deebi’ame akka ilalamu ni taasisa.

    3. Hojjetaan ykn ittigafataman walitti bu’insa faayidaa ummame kana beeksisuu dhiise hubannoo dhabuu irraa kan ka’e jedhee yoo amane malee hojjetan ykn ittigafatmaa irratti tarkaanfiin bulchiinsa ni fudhata.



  1. Hojetaan ykn ittigaafatamaan mana hojii mootummaa hojii bittaa mootummaa irratti kallatiin ykn kallatiin ala hirmaatu dorgomtoonni kaadhimamoon ykn dhiyeessitoonni carraa walqixa dorgomuu fi waliigaltee raawwachuu akka hin arganne gocha taassisu kamiyyuu rawwachuu hin qabu. Kanafis:-

    1. Waamicha caalbasiin dorgomtotni kaadhimamo hundi raga gahaa ta’e argachuu isaanii mirkaneessu sanadni caalbaasii qophaa’u caalbaasii irratti hirmaachuu fi sanada caalbaasii filatama ta’e qophessudhaaf kan dandessisu, guutu kanta’ee fi ragaa ifa ta’e qabachuu isaa mirkanessuu.

    2. Ulaagaleen dorgommii sanada caabaasii keessaatti ibsame kamiyyu dorgomaa kaadhimama murta’e haala fayyaduu danda’uun qopha’uu dhisuu isaa mirkaneessuu

    3. Bu’aan caalbaasii dorgomtoota hundaaf yeroo walfakkaatu keessatti ibsamuu isaa mrkaneessuu qaba.

    4. Qophii sandaa waliigaltee keessatti itti gaafatamummaan dhiyessitotaaf kenname dirqama isaanii ta’e jedhamee salphisuuf ykn ulfessuf kan hin tannee fi hanga danda’ametti waligaltee walfakkaatu biroo dhiyessitoota mallattessaniif qabiyyee walfakkatu waligalteen qabate qopha’uu isaa mirkaneessuu.

    5. Yeroo raawwii waliigaltee kaffaltii, to’annoo, waljijira ragaa fi kan kana fakkatan walqixa dhiyesiitota hundaaf rawwatamu isaanii mirkanessu.

  2. Hojjettootni fi ittigafatamtotni hojii bittaa motummaa irratti kallatinis ta’ee kallattiin ala hirmannaa qaban, hojii bittaa irratti dhibbaa kan gessisu ykn gessisu kan danda’u kennaa kamiyyuu qaama sadaffaa irra fudhachuu hin qaban. Raawwii keewwata xiqqaa kaana hojjetoo tni ykn ittigaafatamtotn manneen hojii mootummaa of eegganno armaan gadii godhachuu qabu.

    1. Kennaa tilmaama gatii maallaqaa qabu keessattu dhiyessa kaadhimamaa mana hojii motummaa irra fudhachuu dhiisuu.

    2. Carraa hojii ofii isaa ykn matii isaaf fudhachu dhisuu,

    3. Hojjicha irratti dhibbaa fiduu kan danda’u aferra kamiyyuu fudhachuu dhiisuu.

    4. Armaan olitti keewwata kana qubee “a” irratti kan ka’ame jiratus hojjetaan ykn itti gaafatamaan mana hojii mootumaa dhiyessan ykn kadhimamaan hojii beeksisiaatiif kennaa qophaa'e bilisaan fudhachuu danda’a.

  3. Hojjetaan ykn itti gaafatamaan mannaa hojiichaa sababaa carraa hojjitiin gocha maalamaltuma uumamee ykn uumamuuf yaadamee argee qamaa dhimmi ilaaluuf ibsuu ykn beeksisuu kan qabu yoo ta’u raawwii keewwata kanaaf:

    1. Eeruun godhu ragaadhaan kan deeggaramu ta’u isaa mirkanessuu.

    2. Gocha malammaltummaa raawatamuuf yaadame deegaru kamiyyuu irraa of eeguu qaba.

  4. Hojjataan ykn ittigaafataman mana hojii mootummaa carraa hojii bittaatiin iccitii mana hojii ykn dhiyeessaa ykn dorgomaa kaadhimamaa beeke eeguu qaba.

    1. Dorgommii dangeessu kan danda’u ykn dorgomtotaaf faayidaa haqa qabessa hin taanee kan argamsisu ykn raga fayidaa qaama bittaa raawwatuu miidhuu danda’u haala addaatiin itti gaafatamtota mana hojiin yoo hayyamame malee qaama kamittuu kennu dhiisuu.

    2. Qaamni bittaa raawwatu yeroo raawwii waligaletee walitti dhufeenya dhiyessitota waliin godhuun murtoo mana hojii fi raga mana hojii eeguu.

    3. Ragaa dorgomtota kaadhimama fi bu’aa adeemsa gamaggama qaama bittaa raawwatuun ibsamuu isaa dura qaama kamiifuu beeksisuu dhiisuu.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin