Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Ibsa Fedhii Tekiniikaa (Specification)



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə7/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   23

18.5 Ibsa Fedhii Tekiniikaa (Specification)


  1. Manneen hojii mootummaa bittaawwan uumamaan walxaxaa fi baasii ol’aanaa gaafataniif tarreefama fedhii tekiniikaa qopheesuu qabu.

  2. Manneen hojii mootummaa bittaa bitaniif uumama inni qabuun, bu'aa argamsiisuun, ga’umsa tekiniikaa isaatiin, amala hojimaata isaatiin ykn hojii karoorfame raawwachuudhaaf sadarkaa ga’umsa qabanin tarreeffamni feedhii qophaa'uu qaba.

  3. Tarreefamni fedhii dhiyaatu yeroo hundumaa qaama waligaltee ta’udhaan dhiyessi bittaa qulqullina ykn dirqamni galame sirnaan raawwatamu isaa mirkanessuuf tajaajilu qaba.

  4. Tarreefamni fedhii bittaa qaama bittaa gaafateen ykn ogeyyii mana hojii bittaa gaggeessuutiin kan qophaa’u qabu yoo ta’u, bittaawwan walxaxaa fi gatii ol’aanaa qabaniif ogeyyii mana hojiitiin alaa deggersa gaafachuu ykn gorsaa qaxaruudhaan qopheesisuu ykn hojjechisuu ni danda’u.

  5. Tarreefamni fedhii bittaa yommuu qophaa’u dhiyeessaa ykn mallattoo daldalaa ykn tajaajila kennaa muraasa agarsisuu hin qabu. Haa ta’u malee meeshaalee jijjiraa ykn meeshaa dhaabbata ykn mallattoo daldalaa tokkon qofa omishamu bituun yoo barbaachisuu jecha” kan walfakkaatu” jedhuu itti dabaluun bittaa gaggeesuun barbaachisaadha.

  6. Manni hojii mootummaa tarreefamni fedhi bittaa qophaa’u bu’aa dinagdee manni hojichaa ammas ta’ee gara fula-duratii bittaa irraa argachuu qabuu kan qabatee fi dhimmoota bu’aa dinagdee manni hojiichaa hin-barbaadne kan hin qabanne ta’u isaa mirkanefachuu qaba.

  7. Manni hojii mootummaa yeroo ibsa fedhii tekiinkaa qopheessuu sadarkaa qulqullina Abbaan Taayitaa Qulqullinaa fi Sadarkaa biyyattin ykn akka gosa bittichaatti qaama biroo dhimmi ilaaluun sadarkaalee qulqullinaaf baasan qaama sanada caalbaasii taasisee baasuu ni danda’a.

  8. Ibsi fedhii tekiniikaa dhiyeessitootni caal-baasicha irratti hirmaachuu barbaadaniif sanada dorgommii sirrii fi guutuu ta'e, haala qopheessuu dandeessisuun tarreeffamani facaatii qophaa’ee kutaa sanada caalbaasiichaa keessaa tokko ta’u qaba.

  9. Tarreeffama meeshaa fi tajaajilaa qopheessuun yeroo hin dandaa'amnetti qaamni bittaa raawwatu sammuda meeshichaa akka dhiyeessu ykn akka dhiyaatu gochuu qaba. Kun yeroo ta’utti, haalawwan armaan gadii eegamuu qabu.

  1. Sammuda dhiyaatu oomisheessaa tokkoon ykn mallattoo daldalaa tokkoon meeshaa hojjetameen ykn kan murtaa'e ta'uu hin qabu. Sammudicha waliin kan wal-fakkaatu meeshaa biraa dhiyeessuu akka danda'aan dorgomtootni caalbaasii akka beekan gochuun barbaachisaadha.

  2. Sammudota caalbaasichi utuu hin banamiin dura dhiyaachuu qaba.

  3. Dorgomtootni caalbaasii sammudichi qaamaan dhiyeessuu kan hin dandeenye yoo ta'e, sammudicha ilaalchisee odeeffannoo qaban dhiyeessuu ni danda'u. Kuniis sammudicha suura guutuu ykn gar-tokkee dhiyeessuu ni dabalata.

  4. Dorgomtootni sammudni dhiyeessan yammuu xiinxalamutti uumamasaan yoo bade beenyaan hin kaffalamuuf. Sammudota xiinxala dura ykn booda hin dhabamne ykn hin badne dorgomtootaaf ni deebi'u. Dorgomtootni sammudota dhiyeessan guyyaa bu'aan caalbaasii ibsame irraa kaasee ji'oota jahaa (6) keessatti yoo hin fudhatiin, dhaalamee mootummaaf galii ni taasifama.

  1. Qaamni bittaa raawwatu tarreeffama fedhii bittaa waaltinnaa’e ilaalchisee myanneen hojii mootummaa dhimmi ilaaluun qoratamee isaanii darbuu fi qoranno gabaa yeroo yeroon gaggeefamu irratti hundaa’udhaan tarreeffamaa fedhii bittaa barbaadamu kan qopheessan ta’a. Kunis:-

  1. Tarreeffama fedhii bittaa meeshaa qopheessuu ilaalchisee Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa ,

  2. Tarreeffama fedhii bittaa meeshaalee Eelektroniksii fi ICT qopheessuu ilaalchisee Ejansii Misoma Tekinooloojii fi Quunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa ,

  3. Bittaa dhimma Konkolaataa mootummaa ilaalchisee Ejensii Geejjibaa Oromiyaa

  4. Bittaa dhimma tajaajila gorsaa ilaalchisee Biiroo Siiviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa,

  5. Bittaa dhimma ijaarsaa Daandii ilaalchisee Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa,

  6. Bittaa dhimma ijaarsa manneeni fi Gamoowwan adda addaa ilaalchisee Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa,

  7. Bittaa dhimma ijaarsa bishaanii fi jal’isii ilaalchisee Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjii oromiyaa,

  8. Bittaa dhimma barrnootaa ilaalchisee Biiroo Barnootaa Oromiyaa,

  9. Bittaa dhimma uffataa seeraa ilaalchisee Biiroon Sivil- Sarvisii fi Bulchiinsa gaarii Oromiyaatiin kan qophaa’u ta’a.



18.6 .Uunkaa Caalbaasii fi Gabatee Dhiyeessa Gatii


  1. Manneen hojii mootummaa dorgomtootaan kan guutamu unkaa yaada dorgommii fi gabatee gatii akkasumas unkaalee guutamu qaban jedhamee itti amaname biroo sanada caalbaasii keessatti akka dabalamu gochuu qabu.

  2. Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti ibsameen gabateen dhiyessa gatii qophaa’u akkaataa barbaachisummaa isaatti gatii, taaksii fi dhimmota biroo adda baasee haala ifa ta’een kan agarsisuu fi xinxaala caalbaasii kan safisiisuu ta’u qaba.

  3. Uunkii qophaa’u hanga danda’ametti dorgomtooni yaada dorgommii ifa ta’e akka dhiyessan kan dandeesisuu, adeemsa caalbaasichaa kan hubachisuu fi gochi caalbaasicha gufachisuu akka hin raawwanne kan dhoorkuu fi yaada dorgommi dhiyessaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan kan dandesisu ta’u qaba.



18.7 Haalawwan Waliigalitee Waligalaa fi Waliigalitee Addaa


  1. Qaamni bittaa raawwatu kamiyyuu sanada caalbaasii idilee keessatti kutaa tokko ta'ee kan qophaa’u haalawwan waliigaltee waliigalaa fi unkaalee waliigaltee addaa kutaa sanada caalbaasii bittaaf qophaa’ee gochuudhaan dorgomtootaaf kennuu qaba.

  2. Sanada caalbaasii idilee irratti haalawwan waliigalte waliigalaa irraatti fooyya’insaa taasisuun hin danda’amu.Waligaltee addaa irratti garuu akkaata gosa fi amala bittaa raawwatuun haalawwan waliigalte waliigalaa irratti keewwatoota tuquudhaan fooyyessuun ni danda’ama.

  3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 kan tumame akkuma egametti ta’e, haalli waligaltee adda manneen hojii mootummaa bittaa raawwataniin qophaa’u akaaku bittaatiin adda addummaa qabaatuus dhimmoota armaan gadii qabachuu qaba.

    1. Dirqama dorgomaa fi mana hojii mootummaa ifatti kan agarsisuu fi dirqamoonni mana hojii mootummaa irratti gataman seeraan kan fudhatama qabanii fi raawwatamuu kan danda’an ta’u isaanii mirkaneessuu,

    2. Akka barbaachisummaa isaatti dhimmoota ijoo raawwanaan waligaltee barbaadu, kan akka yeroo fi iddoo walharkaa fudhinsaa, haala saamsama, itti gaafatamummaa geejjibsisuu, sirreefama gatii, haala kaffaltii sakata’aa fi fudhiinsa wabummaa fi kan kana fakkaatan haala itti raawwataman ibsuu qaba.

  1. Qaamni bittaa raawwatu kamiyyuu haala walii-galitee walii-galaa fi caalbaasichi addaa irratti dhiyeessaa waliin mallatteessuu qaba.

  2. Qaama bittaa raawwatuu fi dhiyeessaa gidduutti yoo caalbaasichin mallatteeffame malee moo’ataa caalbaasii ibsuun qofa waliigalteen akka raawwatametti fudhachuun hin danda’aamu.

  3. Dhiyeessaa fi qaama bittaa raawwatuu gidduutti caalbaasichi taasifameen dhiyeessaan yeroo waliigaltee keessatti meeshicha, tajaajilicha ykn hojii ijaarsa xumure osoo hin raawwatiin ykn dabarsiin yoo hafe,

  1. Gatii bittaa wal-harkaa fudhiinsi hin godhamiin irratti guyyaa guyyaan %0.1 ykn 1/1000 adaba akka kaffalu.

  2. Adabbiin haala kanaan murtaa’u gatii caalbaasichi keessaa %10 yeroo caalu qaamni bittaa raawwatu walii galtee kana haquuf mirga kan qabu ta’u isaa.

  3. Raawwannaan waliigaltee turuu isaatiin sochii hojii irratti rakkoon kan uummu yoo ta’e qaamni bittaa raawwatu adabbii %10 hanga guutuutti eguu osoo hin dirqamiin akeekkachiisa kennee caalbaasichi haquuf mirga qaba.

  1. Bittaa meeshaa mala caalbaasii murtaa’an raawwatamuu, haalli addaa yoo jiraatee malee ajajini bittaa kennamuu akka waliigalteetti ilaalama.

8.Waliigalteen bittaa dhiyeessaa tajaajila nyaataa manneen hojii bittaa nyaata raawwatan fi dhiyeessitoota gidduutti maallatteefamuu baayina faayyadamtoota yero waliigalteen mallattaa’u faayidaa tajaajila nyaataa argataa jiran irratti hundaa’ee ta’uu qaba.

9.Baayinni lakkoofsa faayyadamtoota yeroodha yerootti jijjiiramuu kan dandaa’uu waan ta’eef, qophiin nyaataaf taasifamu fi kaffaltiin ragaa faayyadamtoota guyyaa guyyaadhaan faayyadaman irraatti hundaa’ee ta’a.



10.Qaamni bittaa nyaataa raawwatu waliigaltee keessatti yeroo nyaatni itti dhiyaatu bu'uura qajeelfama kana keewwata 18.4.x ibsameen raawwachuu qaba.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin