Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə9/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   23

18.11. Sammuda Bittaaf Dhiyaatu


  1. Yeroo ibsa feedhii tekiniikaa qopheessuun hin danda’amnetti ykn ibsa fedhii tekiniikaa dabalataan bitticha caalmaan bu’a qabeessa taasisuu kan danda’amu sammuda ilaaluudhan ta’un yoo itti amaname mana hojii mootummaa dabalataan sammuda dhiyeessuu ykn akka dhiyaatu gochuu ni danda’a.

  2. Sammuda mana hojii mootummaa ofii dhiyeessee dorgomtoonni sammuda dhiyaatee ilaaluun akka dhiyeessan yeroo barbaadamu,

      1. Sammudni mana hojii mootummaan dhiyaatu omisheessaa ykn mallattoo daldala tokkon meeshaa omishaameen danga’uu hin qabu. Hanga danda’ametti sammudni fudhatama qabu ilaalchaaf akka dhiyaatu taasifamee kan wal fakkaatu biroof carraa kennu qaba.

      2. Dorgomtonni kaadhimamoon sammudicha bakka ifatti argamu kaa’u fi hanga barbaachisaa ta’etti ogeessa waa’ee sammudichaa ibsuu ramadamu qabu.

      3. Manni hojiicha dorgomtota kaadhimamoof sammuda akka ilaalaniif dhiyeesse irratti dabalataan ibsa fedhii tekiniikaa kan qopheessuu yoo ta’e ibsii qophaa’u hanga danda’ametti sammuda dhiyaate kan ibsuu fi sammuda ilaalchaaf dhiyaate wajjin ammala tekiniikaa walfakkatuu qabaachuu qaba.

  1. Haala ibsa feedhii tekiniikaa kennameefiin dorgomtonni sammuda akka dhiyeessan yeroo gaafatamu;

    1. Gosaa fi baayyina sammuda dhiyaatuu, yeroo fi haala itti dhiyaatu dorgomtonni ifaan akka beekan taasifamu qaba.

    2. Sammudooni caalbaasiin osoo hin banamiin dura dhiyaachuu kan qabu ta’ullee dorgomaan sammudicha yeroon ergee sababa humana oliitiin osoo hin ga’iin yoo hafe fi manni hojii mootummaa raawwii biticha hin midhu jedhe yoo amane yeroo dabalataa samudni itti dhiyaatu kennuufii ni danda’a.

  1. Dorgomtonni sammuda gaafatame qaamaan dhiyeessuuf yeroo hin dandenyetti fi sababa hin dandenyeef manni hojii mootummaa yoo fudhate waa’ee sammudicha ragaa qaban bifa suraattin ykn kaatalogiin akka dhiyefatan hayyamamu ni danda’a. Ta’us dhimmi kun kan hojiira ooluu dorgomtoota gidduutti garagarumma kan hin umnee ta’unsa yoo mirkanaa’e qofa.

  2. Manni hojii mootummaa sammuda dhiyaate sirnaan qabu fi sakata’uuf itti gaafatamummaa qaba. Haata’u malee sammuda yeroo sakata’aa manca’uuf itti gaafatamummaa hin qabu. Sammuda yeroo sakata’aa hin mancaanee ykn hin badne dorgomaani bu’aan caalbaasii ibsamee ji’a jaha keessatti fudhachuu qaba. Sammuda ji’a 6 keessatti dorgomaan yoo hin fudhane dhaalamee mootummaaf galii ta’a.

  3. Sammudni dorgomaa mo’ataa caalbaasii haala addatiin yoo murtaa’e malee qabamee kan turu ta’e sammudichi yeroo walharkaa fudhinsa meeshaa bittame akka safartutti walbira qabuuf akka tajaajilu taasifamuu qaba.

18.12 Ibsaa ykn Fooyya’insa Sanada Caalbaasii irratti Taasifamu


  1. Akkataa Labsii Keewwata 29 tumameen manneen hojii mootummaa gaaffii ibsaa ykn foyya’insa sanada caalbaasii dorgomtoota kaadhimamoo kamiyyuu irraa dhiyaatuuf fudhate deebii kennu qabu.

  2. Haalli keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuus dhimmota armaan gadii osoo hin guutiin ibsii ykn foyya’insa gaafatameef manni hojii deebii akka kennuu hin dirqamu.




    1. Bittaa walxaxaa biyya keessaa guyyaa 30 banaa ta’ee turuuf caalbaasiin cufamuuf guyyaa 10 gadii yoo isa hafu gaaffii dhiyaa’u.

    2. Bittaa addunyaaf caalbaasiin cufamuf guyyaa 21 gadii yoo isa hafuu kan dhiyaatu

    3. Caalbaasii walxaxaa hin taane fi guyyaa 15 banaa ta’e turuuf guyyaa 5 gadii yoo hafuu gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabau.

  1. Deebiin gaaffii foyya’insa sanada caalbaasii irratti kennamu barreefamaan ta’e maqaan qaama gaafatee osoo hin ibsamiin dorgomtoota sanada bitan hundaaf yeroo walfakkaatuu keessatti ergamuu qaba.

  2. Manni hojichaa sanada fooyya’insaa hayyamee dorgomtoonni qopheessuuf yeroon hafe hin ga’u jedhee yoo amaname guyyaa caalbaasiin itti banamu dheeressuu ni danda’a

  3. Manni hojii mootummaa barbaachisaadha jedhee yoo itti amanuu ibsaa ykn foyya’insa gaafatame irratti dorgomtoota kaadhimamoo sanada bitatan waliin marii gaggeessuu ni danda’a. Mariin haala kanaan taasifamuuf qaboon yaa’ii qabamu qaba. Qaboon yaa’ii qabame kuniis fooyya’insa haammachuu akka danda’uuf koppiin isaa dorgomtoota kaadhimamoof kennamu qaba.

18.13 Afaan Caalbaasii


      1. Afaan caalbaasii haala labsii keewwata 17 jalatti tumameen kan hojjatamu ta’a.

      2. Haalli keewwata kan keewwata xiqqaa (1) tiin tumame akkuma eggameetti ta’e dorgomtoonni kaadhimamoon sanadoota fi ragaaleen dhiyeessan afaan birootiin kan qophaa’an yoo ta’u fi adeemsa caalbaasiicha irratti jijjiirama kan fidan yoo ta’an qaama seerummaa qabuun hikamanii dhiyaachuu qabu.

      3. Manni hojii mootummaa haala keewwata kana keewwata xiqqaa (2) tiin ibsameen sanadichi dursee afaan ittiin qophaa’ee fi afaan caalbaasiin itiin qophaa’e gidduu garaagarummaan hiikaa jiraachuun isaa qabiyee caalbaasichaa irratti jijjiirama bu’uuraa hin fidu jedhee yoo amane malee sanadichi akka kufu gochuu qaba.



18.14 Gatii Caalbaasii fi Sirreeffama Gatii


  1. Gatiin ittiin dorgommiif kenname ragga’aa ta’uu

Manni hojii mootummaa gatiin dorgomtootaan dhiyaatu gatii dorgomtoota biroo irratti kan hin hundofnee fi yeroo caalbaasii fi raawwii waliigaltee keessatti kan hin jijjiiramne gatii ragga’an ta’u isaanii mirkaneeffachuu qaba.


  1. Haalawwaan Sirreeffamni Gatii itti taassifamu

Kan keewwata xiqqaa (1) jalatti tumame akkuma eggametti ta’ee manneen hojii mootummaa bittaa hojii damee ijaarsaa waligalteen hojii itti seenamee ji’oota 12 booda fi bittaa waliigaltee yeroo dheeraa waggaa tokko fi isaa ol fudhatuuf erga waligalteen hojii irra oluu eegalee ji’oota 3 booda bittaa raawwatuuf jijjiramni gatii yoo jiraatu sirreeffama gatii taasisuun akka danda’amu sanada caalbaasii irratti ibsamuu qaba.

  1. Bu’uura waliigalteen hojii ijaarsaa xumuruudhaaf ji’a 12 akkasumas yeroo waliigaltee yeroo dheeraa keessatti dirqama waliigaltee xumuruuf ji’a 6 ol kan fudhatu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e.

  2. Bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiin raawwatamuf ka’umsa fooyya’insa gatii gochuuf kan dandeessisu fi jijjiirama gatii gabaa Ejeensiin bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Feedaraala ykn Ejeensii Istaastiksii Giddugaleessaa irraa ragaan kan kennamu yoo ta’e,

  3. Tuuta meeshaa sirreeffamni gatii akka irratti taassifamu filatame Ejeensiin Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Feedaraala ykn Ejeensii Istaastiksii Giddugaleessaa indeeksii gatii ykn ragaa gatii agarsiisu kennuu danda’uun isaa yoo mirkanaa’e,

  4. Tuuta meeshaa Ejeensiin Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Feedaraala ykn Ejeensii Istaastiksii Giddugaleessaa raga irratti kennuu hin dandeenye ilaalchisee manni hojii mootummaa sirreeffamni gatii taassifamuu qaba jedhee yoo amane tuuta meeshaa jijjiiramni gatii irratti godhamu odeeffannoo gatii dhaabbata omisheessaa beekamaa biyya keessaa ykn biyya alaa irraa argachuun yoo danda’ame.




  1. Sirreeffama Gatii Hojii Ijaarsaatiif Taassifamu

Keewwata xiqqaa 18.14 (2) irratti kan ibsame akkuma eeggametti ta’ee sirreeffamni gatii hojii ijarsaa wajjin wal qabatu kamiyyuu hojimaata armaan gadii hordofee sanada caalbaasii idilee irratti haala ibsameetti fayyadamee shallagamuu qaba.

    1. Meeshaaleen ittigala hojii ijaarsaaf barbaachisan fi meeshaalee ittigala ijoo ta’an jalatti galuu danda’an adda baasuu,

    2. Meeshaalee ittigala ijoo ta’an meeshaalee adda addaa offjalatti qabatan hojii ijaarsichaa waliigalaa keessaa gahee qabaatan shallaguun sirreeffamni gatii kan taassifamuu fi kan hin taasifamne murteessuu,

    3. Caalbaasichi osoo hin cufamiin dura indeeksiin gatii hojiirra jiru kan agarsiisu bu’uura foormulaa sirreeffama gatii shallaguuf ka’umsa ta’ee fudhatama.

    4. Garaagarummaan sirreeffama gatii hojii ijarsaa kan shallagamu indeeksii gatii gabaa hojii irra jiruu fayyadamuudhaan ta’a.


        1. .Sirreeffama Gatii Bittaa Waliigaltee Yeroo Dheeraatiin Raawwatamu

Manneen hojii mootummaa .bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiin raawwatamuuf sirreeffama gatii gochuu kan danda’an haala armaan gadiitiin ta’a

  1. Bittaawwan sirreeffamni gatii taasifamuuf Biirichi ykn Ejeensiin Istaatistiiksii Giddugaleessaa raga odeeffannoo gatii gabaa kan irratti kennu qofa ta’uu qaba.

  2. Bu’uura waligaltee yeroo dheeraatiin bittaa raawwatamuuf gaaffiin sirreeffama gatii kan dhiyaatu waligaltichi erga hojii irra oolee ji’oota sadi booda ta’u qaba.

  3. Meeshaan sirreeffamni gatii taasifamuuf ykn tajaajila ilaalchisee guyyaa caalbaasiin banamee gatii Biiroon ykn Ejansiin Istaatistiiksii Giddugaleessaa baasuu fi yeroo waliigalteen yeroo dheeraa ragga’ee itti turu keessatti sirreeffamni gatii yeroo itti taassifamu waliigaltee keessatti ibsamuu qaba.

  4. Manni hojii mootummaa waliigaltee irratti kan ibsamee fi gatii guyyaa baninsa caalbaasii fi gatii amma jiru ilaalchisee Biirichaan ykn Ejansii Istaatistiiksii Giddugaleessaa tiin gatii kenname gidduu garagarummaa gatii jiru herreguudhaan garaagarummaa argame gatii dhiyeessaa iratti akka dabalamu ykn hir’ifamu gochuun hanga sirreeffamni gatii itti aanu gahutti gatiin sirreeffame hojiirraa oolchuu qaba.

  5. Dhiyeessaan bu’uura waliigalteetiin dhiyeessuu osoo qabuu yeroodhaan kan hin dhiyeesinee fi dhiyeessa turanii dhiyaataniif sirreeffama gatii gochuun kan danda’amu dhiyeessi yerroo itti dhiyaachuu qaban gatii jiruun ta’a.


5. Sirreeffama Gatii Bittaa Tajaajila Gorsaa

a. Bittaa tajaajila gorsatiif waliigalteen yeroo raawwatamu sababa dogogora gorsichaa hin taaneen yeroo waliigalteen itti raawwatamu yoo dheeratee gorsaf sirreeffama gatii gochuu barbaachisummaa isaa manni hojiicha yoo itti ammane sirreeffamaa gatii gochuu ni danda’a.

b. Sirreeffamnii gatii haala keewwata 18.11 keewwata xiqqaa (1) ibsame jiratus sirreeffamni gorsitoota gatii waliigalaa waliigaltee keessa %15 caaluu hin qabu.
6. Haalawwan Sirreeffama Sanada Caalbaasii Irratti Ibsamuu Qaban

Manni hojiichaa meeshaalee ykn dhiyeessa sirreeffama gatii irratti taasisuu walqabatee sanada caalbaasii qopheessu irratti kan itti anuu dabalaatee kan biroo barbaachisaadha kan jedhu ifatti ibsuu qaba.



    1. Sirreeffama gatii hojii irra oolchuuf dorgomtonni kaadhimamoon sanadoota caalbaasii isaanii waliin gosa odeeffannoo dhiyeessuu qaban,

    2. Haala gaaffiin sirreeffammaa gatii itti dhiyaatu ,mala itti dhiyaatu fi gaaffii sirreeffamaa gatii waliin walqabaatani gosa fi hanga ragaa dhiyaatan

    3. Ragaa biroo raawwii sirreeffama gatiif ni fayyadu jedhamanii itti ammaname fi hojimaata dorgomtooni hordofuu qaban


7. Sirreeffama Gatii

Manni hojii mootummaa yeroo caalbaasiin xinxalamu dorgomtoonni kaayyoo haal-dureewwan sirreeffamaa gatiif kaa’aman fudhachuu isaanii fi ragaawwan dhiyeessan fudhatama kan qaban ta’u isaanii mirkaneefachuu qabu.


8. Sirreeffamni Gatii Waliigaltee keessatti Hamataman

Manni hojii mootummaa fi dorgomaan caalbaasiin mo’ataa ta’e waliigaltee raawwatan keessatti kan hordofanii fi haalawwan biroo sirriidha jedhame itti ammaname ifatti akka qabaatu ta’u qaba.



  1. Omishaa meeshaalee itti galli sirreeffamnii gatii taasifamuuf fayyadamuudhaan ykn tarreeffama dhiyeessa fi raawwii sirreeffamichaa.

  2. Madaa fi gosa sanada raawwii sirreeffama gatiif manni hojii mootummaa fi dhiyeessan irratti waliigalan

  3. Ragaan sirreeffamaa gatii dhiyaatu bu’uura waliigaltee irratti ibsameen ta’u akka qabu fi odeeffannoo madaa biraa irraa dhufu fudhatama akka hin qabane,

  4. Dhiyeessan haala waliigalteen yeroodhaan dhiyeessuu ykn hojii isaa raawwachuu yoo hin dandeenye gatiin ummamuu yoo jirate sirreeffamni kan hin taasifamne ta’u,

  1. Garaagarummaa Gatii Irratti Uumamu Beeksisuu

Sirreeffamaa gatii hojii irraa oolchuu irratti sababa sirreeffaman garagarumaan ummamee gatiin waliigaltee waliigalaa hojii ijaarsaa %25 yeroo caallutti jijjiirrama gatii fudhatee bittaan itti fufuun bu’aa dinagduumaa kan argamsisuu ta’u hubbatee murtee sirrii ta’e murteessuu akka danda’u itti gaaffatamaan ol’aanaa mana hojii mootummaa akka beekuu ta’u qaba.
10. Kaffaltii Sirreeffama Gatii Ittigala Meeshaa

Manni hojii mootumma bittaa sirreeffamnii gatii hayyamameef kamiyyuu dhiyeessa irraa gaaffiin sirreeffamaa gatii yoo dhiyaachuu baates gaaffiin kaffaltii yeroo dhiyaatuuf ittigala meeshaa sirreeffamni gatii akka taasifamuuf waliigaltee irratti hayyamamee , hir’ifamni gatii jirachuu ykn jirachuu dhiisuu qorachuu fi hir’ifamni gatii yoo jiratees shallagee gaaffii kaffaltii dhiyaate irraa ergaa hir’isee booda kaffaluu qaba.



18.15 Yeroo Sanadni Yaada Dorgommii Itti Ragga’ee Turu

  1. Manni hojii mootummaa bittaa gaggeessuu yeroo sanadni yaada dorgommii itti ragga’ee turu ofeeggannoon murteessuudhaan sanada caalbaasii keessatti ibsu qaba. Yeroon sanadni yaada dorgommii itti ragga’ee turu akkaataa gosa bittaattiin adda addummaa qabaatuus manni hojiicha dhimmoota armaan gadii yaada keessa galchuu qaba.

    1. Bittaa walxaxaa fi adeemsi raawwii caalbaasii yeroo fudhatuu

    2. Baayi’ina dorgomtoota caalbaasicha irratti qoda fudhachuu danda’ani

    3. Manni hojii mootummaa bittaawwan walfakkaatan xinxaaluu keessatti muxanno qabu.

    4. Haala jijjirama gatii bittichi gabaa keessatti qabu.

  2. Keewwata kana keewwata 18.15 keewwata xiqqaa 1tiin yeroon gatiin caalbaasii murtaa’e ragga’ee itti turu manni hojii mootummaa bitticha xinxaaluuf, koreen raggasistuu bitticha raggaassuu fi komiin yoo ka’ee keessuummesuu fi dhaabbata mo’ataa waliin waliigaltee hanga mallateessamuutti yeroo fudhatu yaada keessa galchuu qaba.

  3. Manni hojii sababa addaatiin yeroo caalbaasiin itti ragga’ee turu yoo murteesse malee yeroon sanadni caalbaasii itti ragga’e turu guyyaa caalbaasiin baname kaasee hanga guyyootaa 60 caaluu hin qabu.

  4. Manneen hojii mootummaa adeemsa bittaa yeroon sanadni yaada dorgommii itti ragga’e turu keessatti xumuruu fi dhaabbata mo’atee waliin waliigaltee mallatteessuu qabu. Ta’us, sababa humnaan ol ta’een adeemsii bitticha osoo hin xumuraamiin yeroo gatiin bittichaf dhiyaate raggaa’ee itti turu xumuraama jirachuu isaa manni hojiicha yoo hubbatee dorgomtooni yeroo gatiichi ragga’ee itti turu guyyota dabalataaf akka dheeratuuf gaaffachuu qabu. Hanga yommitti dheeratee akka turu barreeffaman ibsamuu qaba.

  5. Haala keewwata kana keewwata xiqqaa 4 irratti ibsame akkuma jirutti ta’e dorgomtooni gaaffi haala kanaan dhiyaateef yoo fudhachuu didanii fi yeroo gatiin itti ragga’e turu yoo dheeressuu baatan kabachiisni caalbaasii isaani osoo hin dhaalamiin dorgomii caalbaasiichaa keessa akka bahan ni taasifamu.

  6. Dorgomaan gaaffii foyya’insa yeroo gatiin itti ragga’e turu dhiyaateef yoo deebbi hin kennine gaaffiicha akka hin fudhanneetti ilaalame dorgomiin ala taasifama.




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin