Wantoonni qulqullina bunaa murteessan maal faa? Maalif bunni tokko tokko qulqullina gaarii qaba, bunni biroo ammoo qulqullina hinqabne? Wantoonni qulqullina bunaa huban ykn miidhan sadarkaalee armaan gadiitti hiramuu ni dandaamu:
Haala naannoo, qilleensaa fi biyyee
Haala qonna bunichaa
Haala funnaanni boodaa
Rakkina uumamaan walqabatan (sanyii ykn gosa bunaa)
Rakkinoota haala naannoo, qileensaa fi biyyee
Haalli naannoo qulqullina bunaa irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Ol kaumsi lafaa, jijjiiramni hooina, baayinaa fi tamsainni roobaa, haalli qaamaa fi keemikaalummaan biyyee murteessoodha. Haalli qilleensaa, ol kaumsi lafaa fi gaaddisni oina, argama ifaa fi bishaaniirratti dhiibbaa mataa isaanii waan qabaniif, yammuu bunni bilchaatu wantoota barbaachisan. Kanaafu, haalli waligala qilleensi bunni itti guddatu qulqullina isaarratti dhiibbaa guddaa qaba. Haala gaarii bunaaf uumuu, buna qulqullina qabu hoomishoof nama dandeessisa. Ogeeyyonni qunnaa haala gaarii bunni keessatti hoomishamu uumuu dhaaf gayee guddaa taphachuu ni dandau.
Haala qonna bunichaa- Funaannii duraafi booda
Maammilloonni biyya alaa buna Itoophiyaatti fayyadaman bunni biyya keenyaa buna uumamaa tauu hubachaa jiru. Magaalaa addunyaa irratti, bunni uumama buna uumamaa hin tain irra gatii caalmaa ykn ol aanaa baasa. Faayda kana argachuudhaaf, wantoota uumamaa hin tain kan akka xaaoo, farra raammoo fi kkf osoo itti hin dabalin buna keenya guddisuutu nurraa eeggama. Hoomishtoonni bunaa seera buna uumamaa hoomishuu jedhu sirritti kabajuu qabu. Akkuma daldalaa amanamaa tokko, qoteebulaan buna hoomishu tokko buna uumama hoomishuu dhaan maammiltoota isaatiif amanamaa tautu irraa eeggama.
Hoomishtoonni bunaa rakkinna fayyaa fi qilleensarratti hoomishni bunaa uumama hin taanee akka fidu haa beekaniiyyu malee, sababiin guddaan isaan buna uumamaa filachuu qabaniif buaa kanarraa argatan jiddu-gala godhachuu dhaani. Dhaabbattoonni sirna daldala bunaa keessatti hirmaatan seeraa, tartiiba fi mala tooannoo bunni uumamaafi bunni uumamaa hin taane itti addaan baafamu mijjeessuutu irraa eeggama. Sirni tooannoo sadarkaa adda addaatirratti qulqulini uumamaa kuni sirritti eegamuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Sirni daldalaas, qoteebultoota amantummaa dhaan buna uumamaa hoomishan badhaasutu irraa eeggama.
Bunni naaytiroojinii itti heddummeessuudhaan hoomishamu qulqullina bunaa qofa kan miidhu osoo hin tahin barbaadamiinsafi filatama bunni Itoophiyaa adunyarratti qabus haalaan huba ykn miidha. Xaaoo uumamaa fayyadamanii buna hoomishuun buna qulqullina qabu akka argannu nu dandeessisa.
Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti, garmalee baayachuun ykn garmalee hanqachuun wantoota akka naaytiroojinii, zinkii, maagniiziyamii fi kkf qulqullina buna irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Hoomishtoonni biyyee bunni irratti biqulu keessa miniraalota hanqina qaban hubachuudhaan hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaban. Hojii kana keessatti, Ministeerri Qonnaa irraa gayee guddaatu eeggama. Walumaagalatti, buna fayya-qabeessaaf qulqulluu tae hoomishuudhaaf haalli barbaachisaa taan hundi sirritti guutamuu qaba.
Dhukkubaa fi ilbiisonni adda addaallee qulqullina bunaa ni miidhu. Itoophiyaa keessatti, dhukkubni baala bunaa (DBB) beekkamaadha. Rakkinna kana hambisuudhaaf, hoomishtoonni keenyas farra dhukkuba baala bunaa (DBB) kan qorattoonni qorannoodhaan argatanitti fayyadamuu qabu.
Rakkina akkaataa hoomishaatiin walqabatu malee, halli biroo kan qulqullina bunaa miidhu dandau rakkina akkaataa sassaabamaa tin waqabate. Buna jiidhaa qulqulluu tae sassaabuuf harkaan suuta funaanuun mala sassaabbii birootirra qulqullina bunaa kan eeguu fi miidhama irraa kan ittisu tauun beekkamaa dha.
Yerooddhaan funaanufi fi filatanii ykn adda baasanii funaanuun buna fayyaa taeefi qulqullina qabu argachuu nama dandeessisa. Qoteeboltoonni heddu buna bilchaate, bilchina bira dabree fi sirritti hin bilchaatin walitti makanii guuru. Rakkinnoonni qulqullina dhabuu agarsiisan kan akka garraachomuu, bilchaatuu dhabuu, daariqaayuu, walitti butamuu fi kkf yeroo guuramu ofeeggannoon godhamuu dhabuu irraa kan kaeedha.
Dostları ilə paylaş: |