Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə11/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12
karoora gabaa Bunaa 2016

Haala funaannii boodaa

Erga bunni funaaname ykn walitti qabame booda, haalli funaanni, kuufama, qabatamaa, naqama fi hojii bunaas qulqullina bunaa murteessuu ni danda’u. Sababiiwwan kanneen keessaa tokko tokko humna qoteebulaa fi daladaalaa tii ol ta’uu ni danda’u. Haata’u maalee sababiiwwan tokko tokko too’annaa qoteebulaa fi daldalaa ol kan tahanii miti. Rakkinnoota haala qilleensaatiin walqabataniin ala, rakkinnoonni biroo irratti tarkaanfii fudhachuudhaan miidhaa isaan qulqullina bunaarratti geessan hambisuun ykn hanqisuun ni danda’ama. Madaalli qulqullina bunaa keessatti, bunichi dheedhummaa isaatti qulqullu ta’uun, yammuu akaayame ammoo kan nama hawatu ta’uun, akaawwiin isaa urgaa gaarii qabaachuu fi siinii keessatti dhandhammii mi’awaa nama hawwatu qabaachuun madaalliwwan murteessoodha.

Haata’u malee, qorannoowwan garagaraa kan agarsiisan Itoophiyaa keessatti qulqullinni buna qoteebultoonni hoomishaa jiraan yerorraa yerotti hanqina qabaachaa dhufuu isaati. Sababaa kanarraa kan ka’e, hoomishtoonni galii buna irraa argachuu qaban dhabaa jiru.

Hojiin bunaa qulqullina bunaa eegurratti ga’ee guddaa qaba. Bunni haala lamaan hojjatama: gogiinsaan hojjachuu and jiidhinaan hojjachuu. Bunni jiidhinaan hojjatame, buna gogiinsaan hojjatame irra filatamaadha. Haata’u malee, yeroo ammaa hanqina bishaaniitirraa kan ka’e, Baha Itoophiyaatti bunni mala gogiinsaatiin hojjatama.

Hanqinnoonni bunaa, kan akka caccabaa ta’uu, daariqaayuu, halluu hintaane qabaachuu, qaama du’aa qabaachuu, hafuura ykn urgaa hin tanne qabaachuu kan dhufan yammuu buna gooysanii fi qoola irraa baasan. Gogiinsaan hojjachuun qoteebulaadhaa fi hojjataa bunaatiin waan raawwatamuuf, yammuu goggooysanii fi qola irra baasan eeggannoo guddaa gochuutu barbaachisa. Yammuu buna gooysan, qoteebultoonni siree lafarraa sirritti ol fagaattu irratti goggooysutu irraa eeggama.

Wantoota hamilee qoteebultoonni sassaabuu fi goggooysuu bunaatiif qaban cabsan keessa inni tokko, sirni gatii bunaa kan magaalarraa abdii kan nama kutachiisu waan ta’eefi. Sirni gatii bunaa magaalaa irraa jiru, hoomishtoonni akka buna qulqullaaya hoomishan kan jajjabeessu ta’uu qaba. Magaalaa irratti buna gaarii fi buna badaa ta’e halli addaan baasee gatii garagaraa kanfalu hamma hinjirretti, hoomishtoonni buna qulqullaayaa sadarkaa olaanaa qabu sassaabuu fi goggooysurratti eeggannoo guddaa gochuudhaaf kaka’umsa hinqabaatan. Rakkinnoonni qulqullina bunaa magaalaa jiddu-galaa fi magaalaa alatti erguurratti mul’atan rakkinna hoomishtootaa fi daldaltoonni sassaabuu fi goggooysuu irraa qabanirraayi.

Maddii rakkina kanaa, magaalaa irratti sirni gatii kan buna badaa fi buna gaarii sirritti addaan baasee mul’isu waan hinjirreefi. Kanaafu, sirna magaala kan buna qulqullaaya ta’eef gatii ol’aanaa kanfaluu sadarkaa naannootti uumuun dirqama. Qaamni itti gaafatamummaa qabu, haala iftooma qabuu fi sirrii ta’een sadarkaa magaalalee nannootti buna sadarkaa qulqullinaa garagaraa qabuuf sadarkaa gatii garagaraa basee hojii irra oolchuu qaba.

Turiinsaa fi haalli kuufama bunaa qulqullina bunaarratti dhiibbaa guddaa qaba. Turiinsaa fi eeggannoo kunuunsurratti godhamu ilaalchisee, hoomishtoonni ogeessota bunaa irraa gorsa argachuu qaban.




Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin