Rakkinnoota uumamaan walqabatan
Muuxannoon magaalaa bunaa akka mulisutti, haalli sanyii uumama fi hundeen dhufaatii bunaa wantoota qulqullina murteessan keessaa isa guddaadha. Hundeen dhufaatii bunaa fi eessummaan buna guddina, roga, halluu, qabiyyee keemikaala bunichaa fi dhandhama bunichaa kan murteessan tau. Haaluma kanaan, qorattoonni bunaa sanyii bunaa fooyyessuu yammuu barbaadan madaalliwwan garagaraa qulqullinaa bunaa murteessan xiinxalina keessa galchuu qabu.
Wanni guddaan, hoomishaan bunaa barbaadu, gurgura bunaa irraa galii guddaa argachuu waan taeef, qulqullina bunaa yeroo dheedhummaa isaa tii fi yeroo siinitti qicamuu xiinxala keessa galchuu dhaan, sanyii bunaa gaarii fi fayya-qabeessa tae filatee dhaabuu qaba.
Qulqulini bunaa kan hubamuu dandau funaansaratti, funaansa bodaa fi akkaata qabiinsaa irratti rakkinni waan jiruufi. Qulqullini buna dhibeentaan 40 (40%) kan murtaayu eeggannoo bakka ooyruutti godhamuun, dhibeentaan 40 (40%) ammoo eeggannoo yammuu hojii sadarkaa duraa godhamuufi dhibeentaan 20 (20%) ammoo eeggannoo yammuu hojii sadarkaa lammaffaa godhamuun tahuu isaa beeytaa?Kanaafu hirmaattonni hunduu qulqullina bunaa eegu irratti gahe guddaa qabu.
Dostları ilə paylaş: |