Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3


Hoomisha Bunaa fi Sirna Daldalaa Itoophiyaa Keessatti



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə2/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12
karoora gabaa Bunaa 2016

1.2. Hoomisha Bunaa fi Sirna Daldalaa Itoophiyaa Keessatti

Haala adunyaa keessa jiruun yoo kan walitti madaallu ta’e, haalli hoomishaa fi daldala bunaa Itoophiyaa keessatti maal fakkaata?



1.2.1. Hoomishaafi faaydaa bunaa

Itoophiyaan Afrikaa keessatti hundee buna Arabikaa jedhamee waamamuuti. Itoophiyaa keessatti guddinni dachii bunaan uffifamtee heektaara 600,000dha. Hoomishni bunaa waggaatti kuntaala miliyoona 3 fi miliyoona 3.5 jiddutti argama. Kuni kan mul’isu dachii heektaara tokko irraa buna kuntaala 6 qofatu hoomishama jechuudha.

Itoophiyaadhaaf, bunni meeshaa biyyattiin sharafa alaa irraa argattu isa dursaadha. Bunni diinagdee Itoophiyaa keessatti sadakaa guddaa qaba. Kanaaf sababaa heddutu jira. Itoophiyaa keessatti namoonni miliyoona 15 ta’an jiruun isaanii hojii bunaa irratti kan rarra’e ta’uu beeytaa? Biyya Itoophiyaa keessatti wantoota hoomishaman keessaa bunni dhibeentaa 5 (5%) qabata. Hoomisha qonnaa walii galaa keessaa ammoo bunni dhibeentaa 10 (10%) qabata. Kanaa malee hoomisha biyyattiin magaalaa adunyaatiif ergitu keessaa bunni dhibeentaa 60 (60%) qabata. Maddi galii mootummaa dhibeentaan 20 (20%) akkasuma bunarraa argama.

Bunni daggala ta’uudhaan haala qileensaa kunuunsa. Akkasumas, biyyeen akka galaanaan hin dhiqamne ittisa. Akkuma beeytan, hoomishtootaa isaatiif bunni waa hunda. Jireenyaaf murteessaadha, madda mallaqaa fi wabii qabeenya dachiiti. Bunni qabeenya yammuu rakkinni ariifachiisaan nama qabate, gurguratanii rakkina keessa ittini bahanidha.

Itoophiyaan hoomisha bunaatiin adunyaa keessaa sadarkaa 8ffaa, Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 1ffaa irra haajiraattuu malee, magaalaa adunyaatiif erguudhaan ammoo sadarkaa 10ffaa irratti argamti. Kana jechuun, baay’inni bunni biyyattiin gurguraaf adunyaaf dhiheessitu guddina buna isiin hoomishtuun wal hin madaalu. Kana malee, Itoophiyaan haala qilleensaa mijaahoo qabaattus, bunni biyyattii adunyarrattii heddu filatamaa ta’us, hoomishaa fi qulqullinni buna isii yerorraa yerotti gadi bu’aa dhufee jira. Kuni kan ta’uu danda’eef sirni ykn haalli hoomisha fi hojiin bunaa rakkina waan qabuufi, biyya keessatti baay’inaan waan dhugamuuf ta’uu danda’a. Buna Itoophiyaan hoomishtu keessa walakkaan isaa dhugaatii biyya keessaatiif oola. Biyya keessatti itti fayyadamuun kuni ammoo Afrikaa keessaa Itoophiyaan sadarkaa 1ffaa irratti akka argamtu taasisa. Sababiin biroo kan hanqina hoomishaa fidu ammoo bu’aa gurgurtaa irraa argame keessa bu’an xiqqaan qofti hoomishtoota bira waan gahuuf tahuu mala. Gara biraatin ammoo hoomishni biyya alaatti ergamu kan biroo (jimaan) waan bakka bu’aa jiruuf ta’uu ni danda’a. Fakkeenyaaf, Harargee keessatti qoteebultoonni dhibeentaa 70 (70%) ol ta’an buna buqqisanii jimaa dhaabaa jiru ykn bunaa fi jimaa walkeessa dhaabanii jiru.

Kuni gaafii guddaa tokko kaasa. Kunis: Osoo biyyattiin sharafa biyya alaa baay’ee barbaaddufi hiyyeetti taatee jirtu, biyya keessatti itti fayydamni bunaa maaliif guddaa ta’e?




Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin