Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə4/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12
karoora gabaa Bunaa 2016

1.3. Buna Harar

Asitti gaafiileen nuti kaasu qabnu: Buna Harar wanti adda isa godhu maali? Haallan qulqullina buna Harariif mallattoo ta’an maal fa’a? Qulqullina buna Harar kana eegnee akkamitti magaalaa adunyaa irraatti galii guddaa argachuu dandeenya?


“Buna Harar” jechuun buna sanyii Arabikaa ta’e baddaa Baya Itoophiyaatti biqilu jechuudha. Akkuma armaan olitti tuqametti, bunni Harar gosa bunaa wagoota dheeraadhaaf hanga ammaatti hoomishamaa ture, kan dhangala’a fi urgaa isaatiin beekkamaa ta’e dha. Bunni Harar, qaama jiddu-galaa fi halluu bulatee ufkeessa keellatu qaba. Asiidummaan isaas jiddu-gala kan ta’ee fi akkasumas shurufkaa fi dhandhama mataa isaa ta’e qabaachuu isaatiin beekkama.

Buna qulqullu itti fufiinsaan hoomishuuf, hoomishtootaa fi hojjattoonni bunaa wantoota qulqullina huban ykn miidhan beekuu qabu. Guddina hoomisha bunaa fi rakkina gatii itti gurguramu akkasumas wal dorgommii gurguraa kan yerorraa yerotti cimaa dhufe yoo ilaallu, hoomishtummaa fi qulqullina hoomisha keenyaa daabaluun biqiltoota bunaa itti fufiinsaan akka turan godha.


2. Hoomishaa fi Gurgurata Bunaa Fooyyessuuf Wantoonni Godhamuun irra Jiru Maal Fa’a?



2.1. Gurgurataa fi Biyya Alaatti Ergamuu Bunaa

Akkuma hundi keenyaa beeynu, bunni hoomishtoota sharafa alaa irraa argannuu keeysa dursaadha. Meshaalee garagara kan nuti biyya kana keessatti itti fayyadamnu kan akka uffataa, DVD, teephii, televiziyoona, dawaa, mobaayilaa fi kan kanafakkaatan hundinuu biyya birootti hoomishaman. Wantoonni hoomisha guddisuuf itti fayadamnu kan akka xaa’oo, dawaa, meeshaalee ijaarsaa, mootara bishaanii fi kan kana fakkaatanis kan bitaman biyya birootirraahi. Isaan kuni hundi biyya biraatti hoomishamanii yokaan qopheeffamani gara biyya keenyaatti sharafa alaatiin galfamu jechuudha.

Akkaata meeshaaleen kunniin biyya biroo irraa gara biyya keenyaatti seenan takkaa qalbifannaadhaan yaaddanii beeytuu laata?

Akkuma isin hoomisha keessan gurgurattanii wantoota adda addaa isin barbaachisan bitattanitti, daldaltoonni biyya keenyaatis hoomisha isin hoomishtan biyya alaatti gurguranii meeshaalee garagaraa biyya birootirraa bitanii gara biyya keenyaatti fidu. Daldaltoonni Itoophiyaa buna, loon, dibata adda addaa fi kan kana fakkaatan biyya alaa geessanii gurguruudhaan mallaquma argatan kanaan ammoo hoomisha garagaraa biyya alaatii gara biyya keenyatti galchanii deebisani isinitti immoo gurguru.

Akkuma humni keessan kan waa bituu danda’uudhaa hanga mallaqa isin waa gurgurattanii kuufattaniin murta’u, humni biyyaa keenyaa kan hoomisha alaa gama biyyaa galchuudha kan murtaa’u guddina ykn baay’ina mallaqaa biyyattiin gurgurata biyya alaatirraa argatteeni. Biyyiti teenya hoomisha heddu biyya alaatti ergitee yoo kan gurgurattu ta’e, haaluma saniin meeshaalee guddina biyyaatiif barbaachisa hedduminaan bittee ol galfachuu dandeetti jechuudha.

Kanaafuu, biyyattiin gurgurata bunaa fi hoomisha biroo irraa doolara guddaa argatti jechuun, gama birootiin humna guddaa hoomishoota adda addaa biyyaaf faaydaa qaban hedduminaan galchuu dandeetti jechaadha. Haaluma kanaan, isinis hoomisha qonnaa qulqullu ta’e yoo hoomishtan galii guddaa argachuu dandeettu. Gabaabaamatti, akkaatuma galiin biyyattiin sharafa biyya alaatirraa argattu fooyya’aa dhufuun, jireenyi ummataa Itoophiyaa fooyya’aa dhufa jechuudha.

Yoo kan biyyattiin baay’inaa fi qulqullina hoomisha buna isii fooyyessite, baay’inni doolara biyyaattiitiif homshtoota bunaa dabalaa dhufuu danda’a. Nuti akka biyyaatti, akkaataa kamiin buna gurgurannee baay’ina doolaraa biyyatti galu heddummeessuu dandeenya?

Deebiin isaa salphaadha. Akkuma isiin galii keessan guddisuudhaaf yaalii gootan, biyyiti teenyallee galii doolara isii karaa lamaan guddifachuu dandeetti:



    • Buna baay’inaan biyyoota alaatti gurgurachuu dhaan fi

    • Buna hamma ta’e tokko gatii ol’aanaa ykn qaalii ta’etti gurgurachuu dhaani.


Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin