Badii funaanni bodaa hirisuu
Yeroodhaan hoomisha galchuu
Sirritti gooysuu
Bakka sirii taetti olkaayuufi haala gaarii taeen qabu,
Haalonni asiin olitti ibsamaniifi kan biroos hoomishtummaa fi qulqullina bunaa fooyyessuu aka dandeenu nu gargaaran.
Buna gatii guddaa ykn qaaliitti gurgurachuu
Buna gatii guddaa ykn qaaliitti gurgurachuuf,
Hoomisha qulqullaayaa tae hoomishuu
Akkaataa hojii bunaa fooyyessuu
Gurgurata irratti humna gatii bunaa murteessuu dhaa qabaachuu
Dandeetti gurgurataa dabaluu
Malleen kanneeniif kan biroo, buna keenyaaf gatii gaarii akka argannu nu gargaaru.
Qoteebultoonni keenya haala akkamiin gurgurata irratti humna gatii bunaa murteessuu qabaachuu dandau? Dura dursoo, odoo buna isaanii gurgurachuu dhaaf hinmurteessin haala magaalaa bunaa odeeffannoo adda addaa madda odeeffannoo garagaraa irraa walitti qabatanii hubannoo haala magaalaa dhaa sirritt cimsachuu qabu.
2.3. Gabayaa Bunaa Fooyyessuu
Qoteebulaan tokko buna isaa gatii fooyyaatti gurgurachuu yoo kan barbaadu tae, odoo buna isaa hin gurguratiniin dura, gaafiwwan armaan gadiitiif deebii gahaa argachuu qaba:
Yoom akka gurguru? Yammuu bunni gatii guddaa baasu.
Eessatti akka gurguru? Bakka magaalaa gatii fooyaa argachuun dandaamu
Haala akkamiin gurguru, buna gogaa moo buna jiidhaa
Eenyutti gurguru? Daldaltoota magaalarratti gatii gaarii kennan
Deebiwan kanneen sirritti deebisuun duratti qoteebulaan tokko madda garagaraa irraa odeeffannoo gahaa argachuu qaba: Raadiyoo, televisziyoona, jiddugala gurgura biyoolessaa fi ummata naannoo irraa odeeffannoo argachuun ni dandaama.
Odeeffannoota keessa, gatii bunaa haala amma, gatii bunaa kan amma duraa, sadarkaa waldorgommii daldaltoota jidduu jiru, haala hoomisha buna biyoota akka Braazil, Meeksiikoo fi Kolombiyaa argachuun faayda guddaa qaba. Biyyota bunaa hoomishuu dhaan beekkaman kanniin keessatti hoomishni buna yoo kan hirdhatu tae, adunyaa irratti gatiin bunaa ol kauun isaa beekkamaa dha. Bara 2003 keessatti gatiin bunaa haalaan akka ol kau wanna godhan keessaa biyyoota kanniin irraa hoomishni adunyaa dhaaf dhiyaatu hanqataa taee waan argamee fi. Haalli akkanaa kuni yammuu uumamu, qoteebulaan gatiin hanga ol kautti, buna isaa tursiis dhaan ammuu gatiin sirritti ol kae qofa gabayaaf dhiheessuu qaba.
Akkasumas, haala gatii gurgura bunaa jiddu-gala biyyaatti godhamu sirritti hordofuunis gaarii dha. Kanamalee, qoteebltoonni dhuunfaanis tae waldaa dhaan gatii bunaa isaanii dabalchiifachuu dhaaf dandeetti amansiisu qabaachuu qabu. Daldalaa buna isaanii sirritti haqaan madaaluu fi gatii wayyaawaa tae kennus filachuu qabu. Qoteebulaan dabalataan kan beekuu, qabu seerri amma baye qoteebulaan tokko dhuunfaa dhaan jiddu-gala gurgura bunaa kan biyyaatti dhihaatee, hoomisha isaa kallattiidhaan gurgurachuu kan dandau tauu isaati. Seerri gurguraa kan jiddu-galli gurgura biyyoolessa baase daldaltoonni qoteebultootarraa buna walittiqaban kana booda qoteebulaa irraa walitti akka hinqabne dhoowwa.
Dhaabbattoonni daldalaallee qoteebultoota gama adda addaatiin qarqaaruu qabu. Kunis odeeffannoo haaraa laachuu dhaan, sadarkaa qulqullinaa fi sirna madaallii baasuu dhaan, mallaqaa kennuu dhaan, wantoota hoomishaaf barbaachisan guutuu fi haala magaalaa mijeessuu dhaan, haala waldorgommii gaarii taemijjeessuu, gochoota daldalaa seera-qabeessa hintaane kan akka madaalli ykn mizaana bunaa gadii buusuu faarratti adabbii fudhachuu dhaan hamilee hoomishtoota eeguun ni dandaama.
Karaa mootummaan dhabbattoota isaatiin godhuun alatti, qoteebultoonnis waldaa isaanii cimsachuu dhaan magaalarratti hoomisha isaanii gatii wayyaawaa taetti gurgurachuu qabu.
Haala daldalaarratti siinaan hirmaachuu
Waldaa keessatti siinaan murtii kennuu irratti hirmaachuu;
Namoota seeraa ala deeman ufirraa ittisuu
Dostları ilə paylaş: |