Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə7/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12
karoora gabaa Bunaa 2016

2.4. Qulqullina Bunaa Fooyyessuu

Filmaani biro qulqullina buna keenyaa eeguudha. Fakkeenyaaf, waggaa tokko keessatti, kunis Adoolessa 1, 2002 hanga Waxabajjii 30, 2003, gatii buna adunyaa sadarkaa qulqullina isaatiin garagarummaa gatii armaan gaditti mul’atu agarsiisee ture.


Sadarkaa1ffaa Kuntaalli tokko Qarshii 6393.30
Sadarkaa 2ffa Kuntaalli tokko Qarshii 5450.30
Sadarkaa 3ffa Kuntaalli tokko Qarshii 4957.90l
Sadarkaa 4ffaa Kuntaalli tokko Qarshii 4639.50
Sadarkaa 5ffaa Kuntaalli tokko Qarshii 4066.30

Akkataa sadarkaa qulqullinaa kanatti, qulqullina bunaa tokko sadarka 5ffaa irraa gara sadarkaa 4ffaa guddisuun qofti caalmaa Qarshii 974 namaaf argamsiisa. Sadarkaa buna keenyaa sadarkaa 5ffaa irraa gara sadarkaa 3ffaa ol fooyyessuun, caalmaa Qarshii 1500 kuntaala tokkorraa akka argannu nu dandeessisa. Haaluma kanaan sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaa tti ol guddisuun, gatiin bunichi baasus haaluma kanaan dabalaa deema.

Qulqullina bunaa dabaluun faaydaa guddaa kennuun isaa osoo bekkamu hanga ammaatti bunni Baha Itoophiyaa irraa kallattii Dirree Dhawaatiin gara alaa bahu sadarkaan isaa 5ffaa qofa ta’uudhaan osoo hin fooyya’in hafee jira. Kunis kan nutti mul’isu sadarkaan buna Harar gadi anaa ta’uu isaati.

Qulqullina hoomisha buna Baha Itoophiyaa irraa gara alaa bahu eeguudhaan sharafa argachuu dandeennu yoo sirritti kan yaadnu ta’e, bu’aan argannu haalaan guddaa ta’uu isaa hubanna. Fakkeenyaaf, Adoolessa 1 bara 2002 irraa hanga Waxabajjii 30 bara 2003 keessatti qulqullina hoomisha buna keenyaa sadarkaa 5ffaa irraa gara sadarkaa 3ffaatti osoo kan fooyyessinu ta’ee, galii waliigala hanga Qarshii Milliyoona 240 (240, 000, 000) ol guddifachuu ni dandeenya ture. Qulqullina bunaa eeguu dhabuu hoomishtootaa fi daldaltoota Itoophiyaa irraa kan ka’e, galii guddaa argachuun nurra jiru osoo hin argatin hafuu keenya hubachuun nama hin dhibu.

Buna magaalaa adunyaatiif dhiyaate jidduu garaagarummaan bal’aan akkasii maaliif akka jiraatu beektani? Sababni inni guddaan yammuu bunni magaalaa adunyaa irratti gurguramu gatiin isaa kan murtaa’u qulqullina bunichaa irratti hundaayuudhaani. Bunni biyya biroo irratti waan gurguramuuf, warri biyya alaa waa hundarra qulqullinaaf kabajaa fi dursa kennu. Akkuma hoomisha isaan biroo, bunni biyyoota adunyaa garagaraa irraa magaalaaf dhiyaatuuf gatii garagaraatu kennama.

Haaluma kanaan, Ministeerri Qonnaa (MQ) kan biyya keenyaas, qulqullinaa fi sadarkaa bunaa madaalli adunyarratti waliigalamerratti hundaayuudhaan murteessa. Qulqullini buna tokkoo maammiltoota biratti kan madaalamu gammachiisaa fi kaayyoo isaan dhuganiif yoo kan sirritti guutu ta’e qofa. Maammiltoonni bunaa mi’aa gaarii, urgaa gaarii, bu’aa bunni qaama fi sammuu namaatiif buusuuf sadarkaa olaanaa kennu.

Itoophiyaa keessatti, qulqullinaaf sadarkaan bunaa qaamota beekkamoo lamaan murtaaya:


  • Jiddu-gala gurgurata Hoomisha Itoophiyaa (GHI) ykn Ethiopian Commodity Exchange (ECX) and

  • Wirtuu Mirkanaa’inaa fi Too’annaa Qulqullina Bunaa (WMTQB) ykn Coffee Quality Assurance and Inspection Centers

Akkuma hoomisha biroo, qulqullini wantoota gatii bunaa murteessan keessaa isa guddaa fi murteessaadha. Murteessummaan qulqullinaa kan irra beekkamu biyya keessatti osoo hin tahin biyya alaa keessatti. Yeroo ammaa kana, maammiltoonni biyya keessaas ta’an kan biyya adunyaa waa hundarra qulqullinaf sadarkaa ol aana ykn dursa kennaa jiru. Fuulduratti, qulqullinaan hoomishuun faaydaa guddaa akka namaaf argamsiisu beekkamaadha.

Ammas, akkaatuma sirni gurgurataa fooyya’aa deemuu, gatiin itti gurgurataa hoomisha qulqullina qabuu fi hoomisha qulqullina hinqabne jiddutti garaagarummaa guddaa uumaa dhufa.
Qulqullinni bunaa gatii bunni itti gurguramu wanna murteessu ta’e, akkamitti qulqullina buna keenyaa dabaluu dandeenya?

Gaafii kana deebisuudhaaf, wantoota qulqullinaa murteessan sirritti beekuu qabna. Kanaafuu,qulqullina buna keenyaa sirritti eeguudhaaf, dursi wantoota murteessan kan bunni akka 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa jedhamee sadarkkeeffamu goosisan sirritti adda baasanii hubachuudha. Wantoota sadarkaa fi madaalli bunaa garagara baasan yoo sirritti kan beeynu ta’e, qulqullina buna keenyaa fooyyessuu ni dandeenya.




Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin