Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə8/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12
karoora gabaa Bunaa 2016

2.5.1. Wantoota qulqullina murtteeyssan

Sadarkaan buna tokko gaarii, badaa yookin jiddu-gala ta’uu isaa kan murteessu dhaabbata seeraqabeessa fi itti gaafatamummaa qabuu ta’uu qaba. Bunni tokko osoo gara biyya alaa gurguraaf hin ergamin dura, qulqullinaa fi sadarkaan isaa wantoota murteessan hangam akka qabu sirritti madaaluudhaani.

Wantoonni sadarkaa qulqullina bunaa addaan baasan bakka lamatti hiramuu:



Qulqullina buna dheedhii

Qulqullini buna dheedhii jechuun gudina, roga fi ulfaatina firii bunaa jechuudha.


Wantoonni qulqullina buna dheedhii hir’isan kanneen fa’a:

  • Firii bunaa guddinni isaa sirrii hin taane – haalaan ala guddachuu ykn haalaan ala xiqaachuu

  • Roga sirrii hin taane (rog-malee)

  • Walitti gadi hacuucamuu

  • Haalaan ala addaachuu

  • Halluu hintaane qabaachuu (fakkenyaaf, bifa biyyee godhachuu, bulachuu, haalaan ala addaachuu fi guraachahuu)

  • Kan hinbilchaatin (kan bilchoo hin taane) ta’uu

  • Kan sirritti hin gogin ykn haalaan ala kan goge ta’uu

  • Kan daariqaaye ykn roobbaye ta’uu

  • Wantoota hin taane kan akka cirrachaa, muka caccabaa fi kkf of keessaa qabaachuu

  • Raammoodhaan kan miidhame ta’uu

  • Burkutaayaa ta’uu

  • Hafuura badaa ykn ajaawaa qabaachuu

  • Dulloomuu

  • Midhama guddinaa qaamaa qabaachuu

  • Xuriifi biyyee qabaachuu

  • Caccabaa ta’uu

  • Hala sirrii hintaaneen saphlachuu ykn laaffachuu

  • Haalaan ala gadi xiqqaachuu

  • Buna dhugaa fakkaachuu dhabuu

  • Dhangaggaawaa ta’uu

  • Kkf


Fakkii 2. Qulqullina firii dheedhii

Hanqinnoonni armaan olitti dhihaataniif ilaalcha adda addaatu kennamaaf. Kunis kan murtaayu sadarkaa hanqinnoonni kuni qulqullina bunaa miidhan xiyyeeffannaa keessa galchuudhaani.


Qulqullini bunaa kanmurtaayu buna giraama 300 hammaaruudhaan bunni sun wantoota hanqina agarsiisan hangam akka ofkeessaa qabu madaalanii qabxii laachuudhaani. Qabxiiwwan hanqinoota argamaniif kennaman walitti dabalamanii bunichi walumaagalatti hanqina hangam akka qabu murteessan.

Fakkeenyaaf, firiin bunaa bilchoo hintaane 5 hammaarrii keessatti yoo kan argaman ta’e, akka hanqina 1 tti qabamu. Akkasuma, firiin guraachi yoo kan argamu ta’e, akka hanqina tokkootti galmaaya. Fiiriin bunaa cabaa ta’e 5 hammaarrii keessatti yoo kan argamu ta’e, akka hanqina tokkootti fudhatama. Haaluma kanaan, hanqinnoota birootiifis qabxiin hanqina agarsiisu erga kennamee booda, qabxiiwwan hanqinnaa hundi walitti eda’amani hanqina waligala bunichi qabu agarsiisan jechuudha.

Fakkeenyaaf, firiin bunaa 30 kan bilchoo hin taane ta’uu fi kan halluu bulee qaban ta’uudhaan hammaarrii keessatti kan mul’atan ta’e, tokko tokoo isaaniitiif qabxii hanqinaa tokko laachuu dhaan walumaagalatti qabxii hanqina mul’isan 6 qabaachuu isaa argamsiisuun ni danda’ama.
Wantoonni hanqina qulqullina bunaa agarsiisann baay’inaan hammaarrii keessatti argaman jechuun, bunni suni buna sadarkaan isaa gadii aanaati jechuudha. Yammuu qabxiin hanqina qulqullinaa kennamu, firii bunaa shaniif qabxii hanqinaa qulqullinaa 1tu kennama. Ammas, firii shaniif qabxii hanqina qulqullinaa 1tu laatama. Firii bunaa 30tiif qabxii hanqina qulqullinaa 6 tu kennama jechuudha. Kunis kan ta’u, qabxiiwwan tokko tookoo yammuu jaha kennaman walitti eda’uudhaani. Kunis 1+1+1+1+1+1= 6 ta’a.

Akkaatuma kanaan, firii bunaa gurraachaafis qabxiin hanqina qulqullinaa mul’isu tokkotu kennamaaf. Hammaarrii keessaa firiin bunaa gurraachi 8 yoo kan argamu ta’e, qabxii hanqina qulqullinaa mul’isu 8 tu laatamaaf jechuudha. Qabxiin hanqina qulqullina hammaarriidhaaf hin laatama yammuu jennu, qabxiin qulqullinaa irraa murama jechuu keenna akka ta’e beekkamuu qaba.

Firiin bunaa rakkinna qabu erga lakkaawame booda qabxiin hanqina qulqullinaa mul’isan laatamaaf jechuudha.

Fakkii 3.Buna hanqina dheedhii adda addaa qabu


Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin