Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə9/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12
karoora gabaa Bunaa 2016

Qulqullina bunaa siinii
Qulqullina siinii jechuun qulqullina dhugaatii ykn dhangala’a bunaa jechuu dha. Qulqullinni siinii madaalli qulqullina bunaa keessatti isa guddaa fi kan gatii bunaa murteessuudhaaf shoora guddaa taphatudha.

Qulqullinni siinii kan madaalamu buna akaayamee fi danfifame dhandhamachuudhaani. Namoonni qulqullina bunaa dhandhamuudhaan beekan, buna danfifame hadheeffachuudhaan sadarka ykn hanga qulqullina bunichaa himu. Dhandhamaan bunaa tokkoo qulqullina bunichaa murteessuudhaaf haallan aramaan gadiitiif xiinxalina kenna: qulqullina bunaa siinii keessatti, sadarkaa hadhooma bunichaa fi mi’aa ykn toliinsa dhangala’aa bunaati.

Dabalataan ammoo, qaamni firii bunaas sirritti guutuu, guutuu jalatti kan dhiyaatu, jiddu-galaa fi saphlaa jedhamee madaalumu danda’a.

Erga sadarkaan qulqullina bunichaa dheedhumma isaa fi siinii keessatti madaalame booda, qulqullinni isaa kan waliigalaa ni murteeffama. Erga qulqullinni bunichi waliigalatti qabu murteeffame booda, qabxiin inni waliigalatti argate ilaalamuudhaan sadarkaan bahaaf. Fakkeenyaaf, qabxiin bunichaa kan waliigalaa 81 fi 100 jidduu yoo ta’e, buna akkasii saniif sadarkaa 1ffa tu kennamaaf. Qabxiin waliigalatti bunichi argate 63 fi 80 jidduu yoo ta’e ammoo, sadarkaa 2ffa tu kennamaaf. Akkaatuma qabxiin waliigalaa gadi bu’aa dhufuun, sadarkaan bunichi argatus gadi bu’aa deema jechuudha.

Hanga ammaa bunaaf sadarkaan akkamitti akka kennamu ilaallee jirra. Garuu maaltu qulqullina bunaa balleessa ykn miidha? Wantoota qulqullina bunaa huban beekuun qulqullina hoomishaa fi hojii bunaa sirritti eeynee argata ykn galii buna gurgurachurraa argannu fooyyeessu akka dandeenyu nu taasisa. Qulqulini bunaa kan hubamuu ykn miidhamuu danda’u sadarkaa adda addaa keessatti yammuu tahu, kunis sirna hoomisharraa irraa jalqabee sirna hojii fi sirna gurgurtaa keessatti eeggannowwan godhamuu qaban eegufii fi eeguu dhabuu isaaniitu murteessa.


Fakkii 4. Qulqullina buna siinii dhandhammiidhaan yoo murtaahu


Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin