Barreeffama Hoomishtootafi Hirmaattota Daldala Buna Baha Itiyoophiyaatif Qophaayee
Qopheesitoonni: Jamaa Hajjiifi Fiqaaduu Galaaw
Univarsitii Haramaayaa
Mudee, 2004
BUUFATA
BUUFATA 2
GABAYAA BUNAA ITIYOOPHIYAA BAHAA ILAALCHISEE BARREEFAMA UMMATAAF QOPHAAHE 3
1. Seensa 3
1.1. Hoomishaa fi Gurgurtaa Bunaa Adunyarratti 3
1.2. Hoomisha Bunaa fi Sirna Daldalaa Itoophiyaa Keessatti 4
1.2.1. Hoomishaafi faaydaa bunaa 4
1.2.2. Gabayaa buna Itiyoophiyaa 6
1.2.3. Amalli addaa buna Itoophiyaa maal faaa? 6
1.3. Buna Harar 7
2. Hoomishaa fi Gurgurata Bunaa Fooyyessuuf Wantoonni Godhamuun irra Jiru Maal Faa? 8
2.1. Gurgurataa fi Biyya Alaatti Ergamuu Bunaa 8
2.2. Wantoota Qulqullummaa Bunaa Huban 10
2.3. Gabayaa Bunaa Fooyyessuu 11
2.4. Qulqullina Bunaa Fooyyessuu 13
2.5.1. Wantoota qulqullina murtteeyssan 15
2.5.2. Wantoota qulqullina bunaa huban ykn miidhan 19
GABAYAA BUNAA ITIYOOPHIYAA BAHAA ILAALCHISEE BARREEFAMA UMMATAAF QOPHAAHE
1. Seensa
1.1. Hoomishaa fi Gurgurtaa Bunaa Adunyarratti
Bunnii hoomisha daldalaa isa guddaadha. Bunni dhugaatii beekkamaa bobaattii aanee sadarkaa olaanaadhaan daldalamuudha. Adunyarratti, guyyaa tokko keessatti siinii biliyoona 2.25 oltu dhugama. Biyyoota guddataa jiran 60 keessatti hojiin bunaa namoota miliyoona dhibbaaf carraa hojii baneera. Biyyoota kanniin keessatti bunni hoomishtootaaf madda galii guddaafi sharafa biyya alaa irraa argataniidha. Afrikaa keessatti biyyoonni galiin isaanii qabeenya bunaa irratti hundaaye 25 tu jira.
Adunyarratti waggaa tokko keessatti gurgurtaan bunaa doolara biliyoona 70 caalu akka raawwatamu beeytaa? Garuu biyyoonni buna kallattiidhaan hoomishan gurgurtaa guddaa kana keessaa buaa biliyoona 5 qofatti shallagamu akka argatan hoo beeytaa? Akkasumas, qoteebultoonni biyyoota buna hoomishanitti argaman gurgurata hoomisha isaanii irraa dhibeentaa 5 (5%) qofa argatan. Fakkeenyaaf, bunaa kiiloo 1 Ameerikaatti doolara 57.3 gurguramu keessaa buaan qoteebultoota Itoophiyaatiif gayu doolara 1. 85 (dhibeentaa 3.2) qofa. Dabalataan ammoo, qorannoo adda addaa irraa hubachuun akka dandaametti, hoomishtoonni bunaa Itoophiyaa gatii gurgura daldala alaa irraa dhibeentaa 30 fi 45 ( 30 fi 45 %) qofa kan argatan yommuu tau, hoomishtoonni biyyota Braaziil, Kolombiyaa, Keenya fi Hinditti argaman ammoo dhibeentaa 80 (80%) argatan.
Isin qoteebultootaa fi biyyis hangam takka faaydaa guddaa akka dhabaa jirtan hubattuu? Gatiin nuti amma buna keenya gurgurachurraa argachaa jirru gatii silaa haqatti argachuu qabnuun yoo wal biratti ilaalamu, baayisee gadi buaaa dha. Faaydaa silaa argachuu qabnu baayinaan dhabaa jirra.
Gaafiwwan gurguddoon gaafachuu qabnu: Maaliif faaydaa guddaa kana dhabaa jirra? Rakkina sirna magaala bunaa kana fooyyessuuf maaltu godhamuu qaba? isaan jedhuudha.
Biyyoonni sadan gurguddoon buna hoomishuun beekkaman Braaziil, Kolombiyaa fi Veetnaam dhibeentaa 50 (50%) baayina hoomisha buna adunyaa qabatau. Itoophiyaan adunyarrattii sadarkaa 8ffaa Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 1ffaa irratti argamti. Akkasumas buna adunyaa keessaa dhibeentaan 3 (3%) Itoophiyaa keessatti hoomishama. Hoomishtoonni Laatin Ameerikaa, keessaahuu Braazil fi Kolombiyaa, keessatti argaman dhibeentaa 43 (43%) ol hoomisha buna adunyaa qabatu. Hoomishtoonni ardii Afrikaa keessatti argaman ammoo hoomisha dhibeentaa 15 fi 18 jidduu jiru qofa kan qabatan yammuu tau hirmaannaan xiqqaan kunuu yerorraa yerotti gadii buaa dhufeera. Gatiin mallaqaa kan Afrikaan buna alatti ergatturraa argattu Birrii biliyoona 37 (ykn doolara Ameerika biliyoona 2.2) qofa yammuu tau, gatiin Afrikaan buna hoomishuudhaaf wantoota garagaraa biyya alaatirraa ol galfattu Birrii biliyoona 207.4 (ykn doolara Ameerikaa biliyoona 12.2) dha. Mee Afrikaan, keessahuu Itoophiyaan, rakkina kana keessaa baatee galii buna irraa argattu guddifachuudhaaf maal gochuu qabdi jettee yaadda?
Dostları ilə paylaş: |