Baayinaan gurgurachuu haatau malee akkamitti?
Baayinaan gurgurachuuf baayinaan hoomishuu qabna. Baayina bunaa guddisuudhaaf hoomishaa fi hoomishtummaa bunaa guddisuun dirqama. Hoomishaan mataa mataadhaan buna baayina qabu yoo kan hoomishu tae, biyyattiin buna biyya alaatti ergitee gurgurattu baayinaan argachuu dandeetti. Hoomisha bunaatiif dachii balaa kennuudhaan baayina hoomisha bunaa guddisuun ni dandaama kan jedhu yaada tookkodha. Haatau malee, haala amma keessa jiru kanatti, dhiphina dachii irraa kan kae, dachiin biraa eessaa dhufuu dandaa?
Kanaafu, yaadni dachii babalisuu jedhu yaada deemsisuu miti? Hoomishtummaa guddisuun ykn baayina hoomisha bunaa dachii qabnurraa dabaluun hoo? Yaadni kuni yaada gaariidha. Qotee bultoonni haala kamitti fayyadamanii hoomishtummaa bunaa fooyyessuu dandau?
2.2. Wantoota Qulqullummaa Bunaa Huban
Sanyii filatamaatti fayyadamuudhaan
Sanyii filatamaa bunaa kan hoomisha guddaa kennuu fi kan dhukkubaaf hin saaxilamne fayyadamuu.
Kuniinsaa fi hojii qonnaa fooyyessuu
Akkaata hojii hoomisha bunaa irratti muuxannoo dheeraa fi balaa haa qabaataniiyyu malee, hoomishtoonni bunaa wantoota asiin gaditti mulatan kanneen ilaalchisee beekkumsa saayinsaayaa tae argachuu dhaaf ogeeyyii qonnaa haasofsiisuun irraa eeggama. Wannoonni kunniinis:
Akkata qopheessuu dachii fi tartiiba dhaaba bunaa;
Sanyii filachuu, kunuunsa fi bakkarraa bakkatti dabarsuu biqiltuu bunaa
Filmaata sanyii fi biqiltuu ilaalchise- biqiltuu guddaa fi diimaa kan tae filadhu. Biqiltuu bakkarraa bakkatti yammuu dabarsan ammoo kan fayyaa qabuu fi jajjaba tae filachuu
Yammuu dhaaban walitti baayisanii dhaabuu
Kunuunsa biyyee fi albuudota buna gabbisan fayyadamuu
Aramaa sirritti keeysaa qushinuu;
Dhukkuba tooachuu;
Bishaan obaasuu
Gabbina biyyee kompoostii adda addatti fayyadamuudhaan fooyyessuu
Hojii hundaa yeroo dhaaniif haala sirrii taeen raawwachuu
Dostları ilə paylaş: |