2.5.1. Wantoota qulqullina murtteeyssan
Sadarkaan buna tokko gaarii, badaa yookin jiddu-gala tauu isaa kan murteessu dhaabbata seeraqabeessa fi itti gaafatamummaa qabuu tauu qaba. Bunni tokko osoo gara biyya alaa gurguraaf hin ergamin dura, qulqullinaa fi sadarkaan isaa wantoota murteessan hangam akka qabu sirritti madaaluudhaani.
Wantoonni sadarkaa qulqullina bunaa addaan baasan bakka lamatti hiramuu:
Qulqullina buna dheedhii fi
Qulqullina bunaa siiniiti
Qulqullina buna dheedhii
Qulqullini buna dheedhii jechuun gudina, roga fi ulfaatina firii bunaa jechuudha.
Wantoonni qulqullina buna dheedhii hirisan kanneen faa:
Firii bunaa guddinni isaa sirrii hin taane haalaan ala guddachuu ykn haalaan ala xiqaachuu
Roga sirrii hin taane (rog-malee)
Walitti gadi hacuucamuu
Haalaan ala addaachuu
Halluu hintaane qabaachuu (fakkenyaaf, bifa biyyee godhachuu, bulachuu, haalaan ala addaachuu fi guraachahuu)
Kan hinbilchaatin (kan bilchoo hin taane) tauu
Kan sirritti hin gogin ykn haalaan ala kan goge tauu
Kan daariqaaye ykn roobbaye tauu
Wantoota hin taane kan akka cirrachaa, muka caccabaa fi kkf of keessaa qabaachuu
Raammoodhaan kan miidhame tauu
Burkutaayaa tauu
Hafuura badaa ykn ajaawaa qabaachuu
Dulloomuu
Midhama guddinaa qaamaa qabaachuu
Xuriifi biyyee qabaachuu
Caccabaa tauu
Hala sirrii hintaaneen saphlachuu ykn laaffachuu
Haalaan ala gadi xiqqaachuu
Buna dhugaa fakkaachuu dhabuu
Dhangaggaawaa tauu
Kkf
Fakkii 2. Qulqullina firii dheedhii
Hanqinnoonni armaan olitti dhihaataniif ilaalcha adda addaatu kennamaaf. Kunis kan murtaayu sadarkaa hanqinnoonni kuni qulqullina bunaa miidhan xiyyeeffannaa keessa galchuudhaani.
Qulqullini bunaa kanmurtaayu buna giraama 300 hammaaruudhaan bunni sun wantoota hanqina agarsiisan hangam akka ofkeessaa qabu madaalanii qabxii laachuudhaani. Qabxiiwwan hanqinoota argamaniif kennaman walitti dabalamanii bunichi walumaagalatti hanqina hangam akka qabu murteessan.
Fakkeenyaaf, firiin bunaa bilchoo hintaane 5 hammaarrii keessatti yoo kan argaman tae, akka hanqina 1 tti qabamu. Akkasuma, firiin guraachi yoo kan argamu tae, akka hanqina tokkootti galmaaya. Fiiriin bunaa cabaa tae 5 hammaarrii keessatti yoo kan argamu tae, akka hanqina tokkootti fudhatama. Haaluma kanaan, hanqinnoota birootiifis qabxiin hanqina agarsiisu erga kennamee booda, qabxiiwwan hanqinnaa hundi walitti edaamani hanqina waligala bunichi qabu agarsiisan jechuudha.
Fakkeenyaaf, firiin bunaa 30 kan bilchoo hin taane tauu fi kan halluu bulee qaban tauudhaan hammaarrii keessatti kan mulatan tae, tokko tokoo isaaniitiif qabxii hanqinaa tokko laachuu dhaan walumaagalatti qabxii hanqina mulisan 6 qabaachuu isaa argamsiisuun ni dandaama.
Wantoonni hanqina qulqullina bunaa agarsiisann baayinaan hammaarrii keessatti argaman jechuun, bunni suni buna sadarkaan isaa gadii aanaati jechuudha. Yammuu qabxiin hanqina qulqullinaa kennamu, firii bunaa shaniif qabxii hanqinaa qulqullinaa 1tu kennama. Ammas, firii shaniif qabxii hanqina qulqullinaa 1tu laatama. Firii bunaa 30tiif qabxii hanqina qulqullinaa 6 tu kennama jechuudha. Kunis kan tau, qabxiiwwan tokko tookoo yammuu jaha kennaman walitti edauudhaani. Kunis 1+1+1+1+1+1= 6 taa.
Akkaatuma kanaan, firii bunaa gurraachaafis qabxiin hanqina qulqullinaa mulisu tokkotu kennamaaf. Hammaarrii keessaa firiin bunaa gurraachi 8 yoo kan argamu tae, qabxii hanqina qulqullinaa mulisu 8 tu laatamaaf jechuudha. Qabxiin hanqina qulqullina hammaarriidhaaf hin laatama yammuu jennu, qabxiin qulqullinaa irraa murama jechuu keenna akka tae beekkamuu qaba.
Firiin bunaa rakkinna qabu erga lakkaawame booda qabxiin hanqina qulqullinaa mulisan laatamaaf jechuudha.
Fakkii 3.Buna hanqina dheedhii adda addaa qabu
Dostları ilə paylaş: |