College of education and behavorial study departement of educational planning and management assessing the practice of diversity management in



Yüklə 0,92 Mb.
Pdf görüntüsü
səhifə34/39
tarix09.07.2023
ölçüsü0,92 Mb.
#128498
1   ...   31   32   33   34   35   36   37   38   39
7. Moggaasa Maqaa WALDICHAA
Waldaan kuni " WALDAA JAARSOO " jedhamee mogaafameera
.
8. Barbaachisummaa Waldichaa
8.1 Kanaan dura Waldaa dinagdee fi hawaasummaadhan wal deeggaru wan hin qabaanneef 
barbaachisummaa isaatti waan amanneef jalqabuun barbaachisaa ta'e.
8.2 Akkasumaas gaddaa fi gammachuu walii irratti hirmaachuuf jecha; tasa buusii fi fedhii 
walgaafachuu irra dursanii ijaaramuun barbaachisaa waan ta'eef.


81 
8.3 Naannummaaf firumma irra karaa bilisa ta'een ijaaramuun rakkoo hawaasummaa hiikuu bira 
darbee dinadgeen wal-cimsuuf gahee guddaa waan qabuuf.
9. Kaayyoo Waldichaa
9.1
Rakkoo hawaas-diinagdee miseensonni dhunfaadhaan hiikkachuu hin dandeenye 
gamtaan hiikkachuuf. 
9.2
Ofitti amanamummaa cimsuuf 
9.3
Yeroo rakkoos ta'e gammachuu miseensa garee kana mudate kamiin iyyuu bira 
dhaabachuun irraa hirmaachuuf. 
9.4
Walitti dhufeenyaa fi jaalala miseensotaa cimsuun fakkenya gaarii akka ta'aniif gochuu. 
9.5
Walitti dhufeenyaa fi hariiroo miseensotaa cimsuuf jecha; yeroo addaa ta'e waliin 
dabarsuu fi waliin mari'achuuf haala mijeesu
9.6
Miseensonni qabeenya waliini godhachuun guddina fi misooma biyyaa keessatti qooda 
fudhachuu
9.7
Maallaqa walitti qabame irraa akkaataa dambii Waldichaatin miseensaf liqeessuu
9.8
Miseensa bira darbee hawaasa rakkateef liqii kennuun hojjetee akka of jijjiiru taasisuu 
10. Miseensummaa
10.1 Eenyu iyyu ulaagaalee miseensummaaf barbaachisu gutee miseensa Waldaa kana ta'uu nii 
danda'a.
10.2 Miseensa waldichaa kami iyyu seera ittiin bulmaataa kan keeyyata 15 jalatti ibsaman kan 
kabaju taanaan mirgi keeyyata 16 jalatti caqafame ni kabajamaaf.
11. Ulaagaalee Miseensummaa
11.1 Seera ittiin bulmaataa "WALDAA JAARSOO‘‘ kanatti amane.
11.2 Kaayyoo Waldichaatti kan amanee fi kaayyicha fi seera ittiin bulmaataa Waldichaaf 
bitamaa kan ta'e.
11.3 Buusii miseensummaa Ji'aan buusuu kan danda'uu fi kanaafis fedhii kan agarsiisu.


82 
11.4 Dirqama miseensummaa keeyyata 15 jalatti ibsaman bahuuf fedha kan qabu.
11.5 Araada adda addaa irraa bilisa kan ta`e. 
11.6 Hannarraa bilisa kan ta`e. 
11.7 Maalummaa nama kanaa miseensi sirritti beekuf qorachuu. 
11.8 Gaaffiin miseensummaa Waldaa kanaaf xalayyaadhan dhihatee koreen miseensotaaf 
dhi`esse erga murta`ee booda. kunis kan ta`u ji'a sadi(3) keessatti. sanaan booda qarshii Waldaan 
kun yeroo rakkoo walbira dhaabbachuuf buuse (qarshii 30 ) hanga gaafasitti buuse gatii galmee 
dabalatee marsaa sadiitti(3) Kaffalee yoo fixu,miseensa guutuu ta`a. Baasiin dinagdeef bu‘u 
qarshiin 300 yeroo miseensa ta‘e irraa eegalee buusii jalqaba. 
11.9 Liqii liqeeffachuu kan danda‘u buusii eegalee ji‘a ja‘a booda dabareen yoo ga‘e ta‘a 
11.10 Miseensi haaraan mirga faayidaa hawaasummaa (yeroo gaddaa fi gammachuu) kan argatu 
gaaffii miseensummaa dhiyeessee kaffaltii erga raawwatee booda. 

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   31   32   33   34   35   36   37   38   39




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin