80
Seerri kun Waldaa Jaarsoo kana qofa irratti raawwii argata.
5. Duudhaalee Waldaa Jaarsoo (Cooperative principles)
Duudhaa jechuun qajeelfama sochiiwwanii yookiin gochawwaan, ilaalcha, yaada,
amantaa fi
falaasama waldaaleen hojii gamtaa akka biyyaatti ittiin gaggeeffaman jechuu dha. Waldaan
Jaarsoo kaayyoo fi hojii isaa galmaan gahuuf duudhaalee armaan gadiitti tarreeffaman
fudhachuun dambii isaanii keessatti hammachiisuun hojii irra oolchuu qaba.
1.
Miseensummaan banaa fi fedhii irratti kan hundaa‘ee ta‘uu
2.
Miseensonni bifa dimokiraatawaa ta‘een ni gaggeessu, ni too‘atu
3.
Hirmaannaa
miseensaa diinagdee keessatti
4.
Ofiin of-bulchu fi of-danda‘uu
5.
Barumsa, leenjii
fi odeeffannoo kennuu
6.
Hawaasaaf dhimmamuu
KUTAA LAMAFFAA
HUNDEEFFAMA WALDICHAA
6. Hundeefama
Waldaan Jaarsoo kun seera ittiin bulmaataa armaan gadii kanaan hundaa'ee jira
.
Dostları ilə paylaş: