Dokumaantii Qo’annoo Fooyya’insa jbah (Recalibrated) Adeemsa Hojii Ijoo Idileesaa Korniya



Yüklə 1 Mb.
səhifə10/48
tarix10.01.2022
ölçüsü1 Mb.
#98839
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   48
2. Kutaa Lammaffaa

    1. Sakatta’insa xinxalaa fi Yaada furmataa Haala Adeemsa hojii amma jiru

2.1.1. Ibsa Adeemsa hojii ijoo Idileessa Korniyaa

Ibsa Adeemsa hojii ijoo koorniyaa idileessuu kennuun dura hiika waliigalaa yaada-rimee koorniyaa idileessuu kennuun barbaachisaadha.Hiikni koorniyaa idileessuu (Gender mainstreaming) hayyootaa fi dhaabbilee adda addaatiin kenname baay’een jiraatanillee, hojii qorannoo kanaaf hiika “UNDP”n kenne fudhatameera.



Gender mainstreaming is defined as the process of taking account of and addressing the social, cultural, economic, legal, legislative and political inequality between women and men in all policy, programming, administrative, human resources and financial activities, and in all organizational procedures. (United Nations development program (UNDP)

Hiika; Koorniyaa idileessuu jechuun addemsa garaagarummaa dubartootaa fi dhiroota jidduuti gama hawaasummaa aadaa, dinagdee, seeraa fi siyaasatiin jiru maqsuuf sadarkaa imaammataa, sagantaa, bulchiinsa qabeenya naman sochii faayinaansiitiifi gurmaa’insa dhaabbilee keessatti dhimmi koorniyaa xiyyeeffannoo akka argatu taasisuudha.

Yaad-rime Idileessa korniyyaa fi qajeeltoowwan mirga dubartootaa mirkaneessan waliin walqabsiisuun maalummaan adeemsa haaraa filatame akka armaan gadiitti ibsameera. “Adeemsa Hojii ijoo Idileessa korniyaa hojii dubartootaa jechuun seektaroota mootummaa fi mit-mootummaa akkasumas dhaabbilee ummataa fi waldaalee hawaasaa keessatti sadarkaa hundatii dhimmi korniyaa ammatamee akka rawwatamu qindeesuu, deeggaruu, hordofuu fi to’achuu jechuudha.”

Sababbiin hojii adeemsa hojii ijoo kun adda duree ta’e filatameef dubartootin baay’inaan walakkaa hawwasichaa ta’ani irratti hacuucaan, dhiibbaa fi loogiin sirnoota darbaan keessatii olantumaa dhiiraa fudhachuudhaan hundee gadi fageeffatee kan jiru waan ta’eef, ilaalchii gadi aantumaa haawasichi dubartoota irratti qabuu fi seektaroota keessatis loogin dubartoota irratti waan rawwatamuuf.

Sirna dimokiraatawaa yeroo ammaa gaggeefamaa jiru keessatis fooya’insi hanga ta’e haamul’atu malee hawaasichi, qaamoleen seeraatii fi seektarootni mootummaa, dhaabileen mit-mootummaa dhaabileen uumataa (Community based organization (CBOs) fi waldaaleen hawaasaa hanga, barbaadame jijjiirama amalaa fiduu waan hin dandenyeef hojiilee dubartootaa fi daa’immanii idileessuu fi walqixxummaa korniyaa mirkanaa’u gochuu irratti ciminaan hojjachuun barbaachisaadha.

Kaayyoo Adeemsa hojii kanaa galmaan gahuudhaafis Galteewwan itti fayyadamnu heeroota, qajeelfamoota, Imaammatoota mootummaan walqixxummaa korniyaa mirkaneessuf baase hunda yeemuu ta’an, bu’aan adeemsa hojii kanaas dubartoota haadha qabeenyaa, murtii kennitootaa fi bakka hundatti qixa dorgomtootaa fi fayyadamtoota ta’anii akka argaman dandeessisuu fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa seektarota mootummaa, Dhaabbilee miti mootummaa, waldaalee hawaasaa fi dhuunfaa keessatti akka mirkanaa’uuf hojjechuudha.


Yüklə 1 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   48




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin