Dokumaantii Qo’annoo Fooyya’insa jbah (Recalibrated) Adeemsa Hojii Ijoo Idileesaa Korniya


Barbaachisuumaa fi Daangaa Qoranicha



Yüklə 1 Mb.
səhifə3/48
tarix05.01.2022
ölçüsü1 Mb.
#67584
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   48
Barbaachisuumaa fi Daangaa Qoranicha

1.2.1. Barbaachisumaa Qoranichaa

Raakolee raawwii JBAH keessaattii mul’ataanii siresuudhaan hojii safisaa fi, qulqullinaa qabuu fiduuf akka nu gargaaruufidha.



1.2..2 Dangaa Qo’anichaa

Daangaan qo’anichaa adeemsaalee hojii gurmaa’insa mana hojichaa keessatti hammatamanii qo’anno JBAH irratti taasifame keessaa Adeemsa hojii Ijoo Idileessa Korniyaa sadarkaa Biiroo, Godinaalee, Magalaawwanii fi Aanaalee riformii keessa galan Kan hammatee dha



1.3. Xinxala Aangoo fi Gahee hojii BDDDO

1.3.1 Aangoo fi Gahee hojii BDDDO

Labsii Lakk. 163/2003: Labsii qaammota raawwachiistuu Mootummaa Naanno Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuuf aangoo fi Hojii isaanii murteessuuf bahe.

Keewwata 29


  1. Seerota dubartootaa ilaalchisee hojii irra jiran irratti qo’annoo ni gaggeessa, qaama aangoo qabutti yaada furmaataa ni dhiheessa; argannoon qo’annichaa hojii irra akka oolu ni taasisa.

  2. Mirgaa fi Dantaa dubartootaa fi daa’immanii kabajchiisuuf hubannoo ni uuma, akka uummamu ni taasisa.

  3. Ragaalee dhimma dubartootaa fi daa’immanii ilaallatan ni gurmeessa; qaama dhimmi ilaaluun akka beekaman ni taasisa;

  4. Manneen hojii mootummaa keessatti sirni sochii dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti hirmaannaa dubartoonni taasisan cimsuu diriiruu fi hojii irra oolchuu isaa ni mirkaneessa.

  5. Dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti hojjatan ni qindeessa, qindoominni hojii akka jiraatu haala ni mijeessa, ragaalee fi gabaasa qaamota kana irraa dhihaatan ni qindeessa, hojii irra akka oolu ni taasisa.

  6. Garaagarummaa fi loogiin saala irratti hundaa’ee raawwatamu akka maqfamu ciminaan ni hojjata.

  7. Dubartootni fedhii isaanitiin gurmaa’anii mirga isaanii akka kabajchiifatan dinagdee keessatti akka hirmaatan hubannoo ni uuma, deeggarsa ni taasisa.

  8. Barmaatilee dubartoota irratti miidhaa dhaqqabsiisan maqsuuf haala itti fufinsa qabuun hawaasa ni barsiisa.

  9. Leenjii, ramaddii, jijjiirraa fi guddina hojjettootaa raawwatamu keessatti hirmaannaan dubartootaa jiraachuu isaa ni hordofa, raawwii isaatiifis deeggarsa ni kenna.

  10. Mirga abbaa qabeenyummaa dubartootaa haala itti mirkanaa’u fi hojiiwwan misoomaa keessatti hirmaachuun tooftaa galii mataa isaanii ittiin maddisiisuu danda’an ni mijeessa, ni qindeessa, ni deeggara.

  11. Hojiin korniyaa idileessuu seektaroota mootummaa fi mit-mootummaa keessatti akka mirkanaa’u ni qindeessa, ni too’ata, akkasumas qorannoo ni gaggeessa, bakka hanqinni argametti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, hojii irra akka oolu ni taasisa.

  12. Dhimma falmii hariiroo hawaasaa fi yakka ilaalchisee akkaataa seeraatiin raawwatamuu fi faayidaa fi mirga dubartootaa fi daa’immanii kabajamuu isaa ni hordofa, haala raawwii isaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.

  13. Hubannoo dubartootni seera maatii, seera yakkaa fi seerota biro irratti qaban akka cimu qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni barsiisa.

  14. Mirga dubartootaa kabajchiisuuf Konveenshiniin Mootummoota gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa akkasumas waliigalteewwan biro Itiyoophiyaan raggaasifte akka hojii irra oolan ni taasisa


Yüklə 1 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   48




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin