Finfinnee Waxabajjii, 2003


Barbaachisummaa SMBKT (The Need for BSC)



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə12/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   156

Barbaachisummaa SMBKT (The Need for BSC)


Akka Biyyaattis ta`ee akka Naannoo keenyaatti Sirna dimokiraasii dagaagsuun tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu lammiif kennuun guddina hawaas-dinagdee keenya itti fufiinsaan mirkaneessuuf yeroo adda addaa rifoormoota dhimma kanaaf nu gargaaru jedhamaanii yaadamaan hojii irra olchuuf yaalii ol’aanaan godhamaa tureera.

Haata`uuyyuu maalee hojii irra olamaa isaanii keessatti sirni ittin karoorsiinee raawwii isaa maadaluun milka`iina keenyaa fi kufaatii keenya yeroo yeroon adda baasuun bu`aa argame jajjabeessuu fi kufaatii mul`ateef sireeffama barbaachisaa fudhachaa deemuu sirni dandeessisu hin turre . Sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo (BSC) fudhatamee akkataa qabatamaa biyya keenyaatti hojii irra yoo oole rakkoowwan sirna madaallii keenya keessa turaan ni hiika jedhamee yaadama. Sirni kun meeshaa ooggansaa ta`uu isaa irra kan ka`e faayidaaleen isaas kan armmaan gadii ta`u jedhamee itti amanama.



  • E
    Seensa
    rgama, mula’ata, duudhaalee mana hojii fi xiyyeeffannoo tarsiimoo’aa qorannoon adda baasanii beekuun kaayyoolee manneen hojii sababa fi bu’aan (cause and effect relationship) walitti ni qabsiisa,

  • Raawwii fi bu`aa hojiiwwan karoorfamaani kallatii madaallii gara garaatiin (Maamila, Faayinaansii, Adeemsa hojii keessaa fi Ijaarsa dandeetti ) madaaluu fi gamaaggamuu ni dandeessisa,

  • Kaayyolee Tarsimoo`aa mana hojii keenyaatiif tarkaanfiiwwan tarsimoo’aa ( Strategic initiative) raawwii karoora hojii mana hojichaaf barbaachiisan bifa sagantaa ykn projeektiitiin qopheessuun hojii irra oolchuuf ni gargaara,

  • Karooraa fi raawwii mana hojii, garee fi dhuunfaan walitti hidhiinsa isanii ilaaluuf ni gargaara,

  • Akkasumas bu’aalee yeroo yeroon dursanii argamuu danda’an (lead results) sababa isaaniitiin faayidaa boodarra argaman (lag results) waliin walqabsiisee argisisuun bu’aalee sadarkaa raawwii adda addaatti argaman raawwii tarsimoo’aaf galtee (inputs) ta’anii akka argaman mijeessee karoorsuuf ni dandeessisa.

    1. Yüklə 4,87 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin