Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə13/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   156

Haala Waliigalaa ATDO


Daandni yoo xinnaate misooma keessatti akka hidda dhiigaatti ilaalama. Geejjiba biyyaattii keessatti gaheen geejjiba daandii %95 kan ta’u dha. Kanaafuu gaheen geejjiba qileensaa, baburaa fi bishaanii %5 hin caalu jechuu dha. Kunis ta’ee uummatni %70 ta’u geejjiba aadaatti (traditional mode of transport) fayyadama - ba’aa mataa, dugdaa harree, farda, gaangee fi gaalaan gargaarama. Deemsi namaas millaa fi beelladarratti kan hunda’ee dha.

Geejjibni ammayyaa barreen kurnan lama keessatti %20 irraa gara %30 tti guddatus nama 10 keessaa namni 7 geejjiba aadaatti fayyadamaa jira. Haala kanaan, akka biyyattis ta’e akka naannoo keenyaatti guddina arifataa fi saffisaa fiduudhaan haalli jiruu fi jireenyaa uummata keenyaa jijjiruun yaaduun rakkisa ta’a. Haaluma kanarratti hundaa’uun mootummaan keenyaa fedhii daandii garmalee heddummataa jiru yeroo gabaabaa keessatti guutuu akka danda’amuuf fuulduraaf kallattiiwwan hordofamuu qaban keessaa tokko hanga danda’ameen Teeknooloojii Caalmaa Numna Namaatiin (TCHN) ijaarsaa fi suphaa irratti fayyadamuu yoo ta’u, gama biraatin immoo ummata keenya bal’inaan sochoosuun Sagntaa Waliin Gahiinsa Daandii Baadiyyaa irratti xiyyeeffanaa adda kennee socho’aa jira.


Seensa
Gara biraatiin uummatni keenya aadaa rakkoo ofii ofiin hiikkachuu akka gabbifatuu fi muuxxannoo sektaroota kan biroo keessatti mul’achaa turee fi yeroo ammaa kanas damee daandii keessatti agargmaa jiru akka babbal'atu gochuun faayidaa ol’aanaa qaba. Akkuma beekamu, qabeenyaa biyyattiin qabdu keessaa inni guddaan qabeenya humna namaa waan ta'eef, teeknoloojii humna kanatti fayyadamuu danda'u filachuun iddoowwaan teeknoloojii kanaan fayyadamuun ijaarsa daandii gaggeessuun danda'amu hundatti dursa kennanii socho’uun filannoo isa duraa ta'uu qaba. Biyyootii guddachaa jiranitti daandiin uummataa %50 hanga %80 yammaa ta’u Itoophiyaatti gad-aanaa (%5) ta’uusaa ragaan ni mul’isa. Kunis, bu’uurrri misomaa kan biroo fi hojiin daandii mootummaa qofaan gaggeeffamee galma gahuu waan hin dandeenyeef uummata sochoosuun daandii uummataa sadarkaa isaa eege babal’isuun fedhii daandii bal’inaan mul’achaa jiru salphisuun ni danda’ama.


    1. Yüklə 4,87 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin