Finfinnee Waxabajjii, 2003


Haala Waliigalaa Raawwii Hojii Waggoota Shanan Darbanii



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə14/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   156

Haala Waliigalaa Raawwii Hojii Waggoota Shanan Darbanii


Guddina ariifachiisaa fiduuf sochii godhamu keessatti shoorri daandni qabu isa olaanaa dha. Kanuma irraa kan ka’e mootummaanis ta’ee hawaasni bal’aan xiyyeeffatnoo addaa itti kennuudhaan baajetaa fi qabeenya qabuun (humna uummataa dabalatee) hirmaatnaa guddaa gochuudhaan misooma hawaas-dinagdee keessatti gahee sektarri kun qabu deeggaraa jira.

Akka Mootummaa Naannoo Oromiyaattis uummata baadiyyaa harka 87.6 ta’uufis ta’ee uummatni magaalaa gama adda addaatiin fayyadamaa sektara kanaa akka ta’uuf barreen darban keessa sochiileen gugurdaan ta’aa turaniiru. Haaluma kanaan, qabeenya maallaqaa fi qabeenya humna namaa qindeessuun magaalaan, Aanaalee fi Gandeen giddu galeessa misoomaa ta’an, Aanaa fi Aanaa akkasumas, Godinaa fi Godina adda addaa akka walqunnaman ta’ee jira. Uummata balaa beelaa fi ongeen hubaman bakka haalli mijawaan jirutti akka qubatan gochuu keessatti gama ijaarsa daandii bonaa fi daandii bonaa-gannaa ijaaruu irratti xiyyeeffatnoon kennamee itti adeemamaa tureera. Rakkoo battalaatti furuuf jecha daandilee bonaa gannaa hirmaatnaa uummataatiinis ta’ee baajeta wabii nyaataa fi baajeta mootummaatiin kan ijaaraman yoo ta’u, suphaa, sadarkaa fooyyessuu fi daandilee bonaa gara daandii bonaa-gannaatti olguddisuudhaan tajaajila wal irraa hin citne kennuuf sochiin adda addaa godhamaa tureera. Daandileen ijaaraman kun akka biyyaattis ta’ee akka naannootti sadarkaan dizaayinii isaanii (design standard) adda adda yoo ta’u: sadarkaa "DS1-DS5” Mootummaa Fedaraalaan, sadarkaa "DS6-DS8” Abbaa Taayitaa Daandiilee Naannootiin, Sadarkaa “DS9-DS11” immoo uummataan kan hojjatamanii dha. Haa ta’u malee akka naannoo Oromiyaatti barreen shanan darban kana keessa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaatiin hojjetamaa kan ture harki caalaan sadarkaan isaa DS6 yoo ta’u, kan uummataan hojjetamaa turan garuu sadarkaan kaa’ameefii utuu hin ta’in uummatni haala tajaajila isaaf miija’een hojjetaa tureera.

R


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin