GULANTAA
TOKKOFFAA
səhifə 16/156 tarix 02.01.2022 ölçüsü 4,87 Mb. #33263
GULANTAA
IJAARSA-SMBKT
S
Sakattaa’iinsa
adarkaaTokkoffaa /Step One/ Sakatta’iinsa Mana Hojii /Environmental scanning /
Akkaataa labsii aangoo fi gahee hojii qaama raawwachiiftuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyessuuf ba’ee lakk.
163/2003 ibsameen aangoo fi gahee hojii AbbaaTaayitaa Dandiiwwanii Oromiyaa akka armaan gaditti tarreeffamee jira.
Aangoo fi Gahee hojii
Imaammata, tarsiimoo fi seerota dhimma daandii ilaallatan qopheessuudhaan akka hojiirra oolan ni hordofa, ni to'ata;
Hojiin tajaajila daandii bu'uura imaammata feederaalaa fi naannootiin qajeelfamuu isaa ni to'ata; deeggersa barbaachisaa ta'es ni kenna ;
Daandiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran abbummaan ni bulcha;
Imaammataa fi tarsiimoo daandiiwwan babal'isuuf gargaaran ni burqisiisa; ni qorata. Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif ni dhiyeessaa; yeroo mirkanaa'us hojiirra ni oolcha ;
Haala daandiiwwan naannicha keessattiitti babal'atu karoorsuudhaan hojiirra akka oolu ni taasisa;
Sadarkaa fi diizaaynii daandiiwwan itti ijaaramuu qaban ni murteessa; qophii isaatiif haala ni mijeessa ;
Daandiiwwan adda addaa koontraaktaraa fi uummataan akka ijaaraman, sadarkaan isaanii akka guddatu, akka suphamanii fi akkasumas akka kunuunfaman ni taasisa ;
Riqichootnii fi ijaarsa daandiiwwan waliin wal-qabatan akka qoratammanii fi ijaaraman ni taasisa;
Qorannoo fi dizaayiniin daandiiwwanii akka gaggeeffamu ni taasisa;
Ummannni sadarkaa adda addaatti gurmaa'ee humna isaa qindeessuudhaa , daandii akka ijaaru, suphuu fi kunuunsa akka taasisu deeggarsa ogummaa fi meeshaal ijaarsaa ni taasisa;
Qulqullina raawwii ijaarsaa fi suphaa daandiiwwanii ni too'ata; qaama biraatiinis akka to'atamu ni taasisa;
D
Sakattaa’iinsa
aandiin akka hin mancaanee fi tajaajilaala akka hin taane ni to'ata;
Waldaaleen daandii ijaaruu fi suphuuf gurmaa'anii fi kontraaktarootni xixiqqaan, dandeettii isaanii cimsanii haala fooyya'aa ta'een hojii isaanii akka raawwatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
Ijaarsi daandii naannoo jireenyaa irratti dhiibbaa akka hin geessisne eegumsi gahaa ta'e taasifamuu isaa ni hordofa ;
Qabeenya lafaa hojii daandiitiif oolu irratti argamaniif akka barbaachisummaa isaatti bu'uura seeraatiin qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uudhaan beenyaan akka kanfalamu ni taasisa;
Tamsaasni daandii naannicha haala madaalawaa ta'een akka diriiru ni taasisa;
Dostları ilə paylaş: